Oduu Haaraya
geetaachoo memberee

Dhiiga ilmaan Oromoo jigsaa dachii Oromiyaatirra bilisaan bashannanuun gonkumaa hin hayyamamu.

‪#‎OromoProtests‬ AKEEKKACHIISA Poolisii
Oromiyaatifi Bulchiinsa
Godina Harargee
Bahaatiif
Poolisiin Getachew
Membere jedhamu intala Oromoo Sabriina
Abdallaa jedhamtu
magaalaa Calanqoo
keessatti kaleessa
galgala ajjeesuu isaan
ragaan ijaa hedduun mirkaneessanii jiru.
Maatiin Sabriinaatis
kanuma miidiyaatti
himanii jiran. Haa ta’uu
malee namni yakka
ajjeechaa suukkanneessa kana
raaw’ate ammas
bilisaan jiraachaa akka
jiru bira geenyee jirra.
Yakkamaa kan
hattattamaan too’annaa jala
oolchitanii seeraaf
dhiheessuu baannaan,
ummanni Oromoo
namni kun bakka
argametti tarkaanfii isaan malu fudhachuuf
mirga guutuu akka
qabu isin beeksisuu
barbaanna. Tarkaanfii
seeraa kana sa’aa 24 as
deeman keessatti kan hojiirraa hin oolchine
taanaan sochii bahaa
gala nama kanaa
hordofuun gara
marsaalee hawaasaatin
kan facaafnu ta’uu gamanumaa isin
beeksifna.
Dhiiga ilmaan Oromoo
jigsaa dachii
Oromiyaatirra bilisaan
bashannanuun gonkumaa hin
hayyamamu.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …