Oduu Haaraya

Dhibeen EBOLA Itiyoopiaa hin seenne ta’us of Eeggataa jirra jedhu angawoonni

Hanga ammaatti Itiyoopiyaa keessaa dhibee Ebolaan namni qabame hin jiru kan jedhan ministerichi eegumsa fayyaa qopheen duraa barbaachisu garuu raawwataa jira jedhan. Dr. Hussein Abdo Gadaa har’a ibsa kennaniin tarii yoo dhibeen kun akka tasaa mudate jechuu dhaan hospitaalli addaa qophaa’uu isaas dubbataniiru.

Dr. Hussein Abdo Gadaa har’a tuuta oduuf ibsa kennuun isaanii biyyootii dhiya Afriikaa keessatti dhibeen Ebola erga faca’ee as angawaa ol aanaa ibsa kennan isaan duraa ti. Ministeerichi ibsa isaanii kan jalqaban dhibeen kun hanga har’aatti Itiyoopiaa keessatti hin mul’anne jechuu dhaan ture.

Hanga har’aatti namni EBOLA dhaan dhukkubsate Itiyoopiyaa keessa hin jiru. Dhibeen kun akka gara biyya keessaa hin seenne hojiin adda addaa hojjetamaa jira.

Inni jalqabaa koreewwan lama hundeessinee jirra. Koreen inni tokko koree ol aanaa ta’ee dura taa’aan isaa ana ennaa ta’u waajjiraalee ministeerotaa fi dhaabolee adda addaa of jalaa qaba. Daandii balalii Itiyoopiyaa dabalatee, dhaabolii daandiiwwan balalii, immigrattion, ministeera geejjibaa, Kanneen biroo dhimmi kun isaan ilaalu waaltaalee eegumsa fayyaa mootummaa fi dhuunfaa, koree poolisii fi ittisa of keessaa qabuu dha.

Koreen kun jedhan Dr. Hussein Abdo sadarkaa biyyaatti Ebola ittisuuf qophee duraa godhamaa jiru gamaaggamaa jira.

Koreen inni lammataa koree teekinikaa ta’uu isaa kan ibsan ministrichi fayyummaa hawaasaa ilaalchisee qophee godhamu kan hoogganu jedhan. Koreen buufata xayyaara Booleetti hundeeffame jiraachuu isaas ibsanii jiran.

Koreen kun keessumaa namoota Nigeriaa irraa dhufaniif ho’i qaama isaanii ol kaa’aa ta’e hojii addaan qooduu hojjeta jedhan. Namoonni mallattoon irratti argames battala addaan qoodamanii wal’aansi kan kennamuuf ta’uus ibsaniiru. Haaluma kanaan torban kana keessa lammiiwwan china lama addaan qoodamanii wal’aansi godhameefii dhibeen isaanii busaa ta’uu akka fakkeenyaatti tuqaniiru.

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …