Oduu Haaraya

DhDUOn murtii xumuraa godhuuf sadarkaa ittidirqamu irra gahee jira  

 

“Yaa soogidda ofiif jedhii mi’aawii ykn dhagaa dha jedhanii achi si darbatuu”

 

Berhanu Hundee tiin

 

Mata duree “Rakkoolee Uummata Oromoo fi Qormaata DhDUO (OPDO)” jedhuun barreeffama gabaabaa dhiyoo kana dhiyeesse tokko keessatti, Haasa’a Obboo Lammaa Magarsaa akka dammaa mi’aawu duuba maaltu jira? jedhee gaafii dhiyeessuu fi haasa’a Sabboonummaa Oromoo calaqqisu kana duuba maal akka jiraachuu malu tilmaamaalee tokko tokko akka natti fakkaatanitti ibsuu yaaleen ture.

Tilmaamaaleen kun ammas dhugumatti maal akka ta’an beekuun rakkisaa ta’ullee; garuu akka yaada fi laalcha kiyyaatitti mi’aawuu jechootaatii ala wanti hojiidhaan mul’ate fi dhugumatti jaarmayichi kun ykn hoggansi isaa uummata keenyaaf uummata Oromootiif quuqamee, dararama fi ajjeechaa lammiilee Oromoorra gahaa jiru kana dhaabuuf murannoo fi kutannoodhaan waan ka’e natti hin fakkaatu.   

Daangaalee Oromiyaa fi Sumaalee irratti uummatni keenya guyyaadhaa gara guyyaatti akka baala mukaa harca’aa osoo jiranuu; keessumaayuu immoo dhiyoo kana Calanqootti seenaan durii sun deebi’ee mul’achaa osoo jiruu; miseensotni hoggansa jaarmayichaa bakka deeman hundatti jechoota gaarii dubbachuun ykn haasawuun qofaa hiikni isaa maali? Gooftaan keenya uummata keenya malee kan biraa ta’uu hin danda’u jechaa; ajjeechaa uummata kanarra gahaa jiru irraa ittisuu yoo hin dandeenye, jechootni mimiidhagoon baay’achuun isaanii maal godha?

Akka amma argamaa jirutti, jaarmayichi kun fedhii gara lamaaniituu (uummata Oromoo fi Wayyaanee) guutuu hin dandeenye bar !! Yookaan dhaamsa warra isaan ijaaree, ittifayyadamaa turee/jiruu fudhatanii sochii uummataa dhaabuu hin dandeenye; yookaanis immoo gara uummataatti goranii, qabsoo bilisummaa uummataatti makamanii, uummaticharraa duula diinaa dhoowwuu hin dandeenye. Maarree, humnoota lamaan kana jidduu taa’anii rakkachuun hiikni isaa maali? Hamma yoomiitti akkanatti ittifufas?

Ana akka natti fakkaatutti ykn mul’atutti, haaromsuu jaarmayichaa godhuuf kan murteeffatan yoo ta’ellee; fedhiin kun jaarmayicha keessatti guutuma guutuutti waan mul’atu natti hin fakkaatu. Tarii warri gara uummata Oromootti deebi’anii, qabsoo bilisummaa kanatti makamuu barbaadan muraasa ta’uu malu. Warri hafan ammallee kaayoodhuma jaarmayichi kun duraan ijaarameef sana qabatanii fedhii gooftolee isaan ijaaranii guutuuf waan hojjechaa jiran natti fakkaatu.

Kun ammas haaluma jirurraa ka’ee tilmaama ani qabuu dha. Maaliif yoo jedhame, har’a uummatni Oromoo bakkee hundatti ajjeefamaa, lafarraa buqa’aa, qabeenyi isaa saamamaa, unkuramaa yeroo jiru kanatti jaarmayaan kun callisuun isaa tilmaama kanatti nama geessa jechuu dha. Tarii akka nuti yaadnu osso hin taane, waan tokko godhuuf jaarmayichi kun humnas ta’ee aangoo akka hin qabaanne agarsiisa.

Gama tokkoon yoo laalamu, humni jaarmayicha kanaa dadhabaa ta’ullee; miseensa jaarmaya ADWUI/ABUT waan ta’eef, seerri fi heerri keessaa isaan hidhee qabaachuu malullee; gama biraatiin garuu osoo dhugumatti uummata ofiitiif hojjechuu fi qabsaa’uuf murteeffatan ta’ee, mirgoota aangoos ta’ee kan biraa, kan seera Federaalaa keessatti lafa kaawwamee jirutti fayyadamuudhaan nagaa naannichaa eeguu fi uummatichas ajjeechaarraa ittisuu ni danda’u turan. Erga kun hin taanetti immoo, jaarmayaa motummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun isaanii hiikni isaa maali?

Jaarmayaa mootummaa ijaaree bulchaan jira jedhu; jaarmayaa caasaalee bulchinsaa naanicha keessatti diriirsee jiru fi naanicha keessatti murtii hundaa dabarsuuf aangoo qabu dhiisii, Abbaan Warraa tokkoo maatii isaarraa diina ittisuun dirqama; ni danda’as, danda’uu qabas. Maarree, yeroo uummatni keenya guyyaa guyyatti bakkee hundatti ajjeefamaa jirutti jaarmayich naanichan bulchaa jira jedhu callisuun dhugumatti humna hin qabne moo haasa’a mi’aawaa dubbachuu ala dhugumatti uummataaf qabsaa’uuf fedhii fi kaayyoo hin qabne laata?

Yeroo ammaa, yeroo uummatni Oromoo jumlaadhaan ajjeefamaa jirutti, yeroo dhiigni lammiilee keenyaa bakkee hundatti dhangala’aa jirutti, karaa danda’amu hundaan uummaticha bira dhaabbatanii duula uummatarratti godhamaa jiru kana yoo dhaabuu hin dandeenye, haasa’a midhaawaa haasa’aa qalbii fi onnee uummata raasuu dhiisanii; akkuma dur barame sana gama tokkotti goranii; gooftaalee isaan ijaare tajaajiluu fi uummatni immoo hiree isaa ofumaaf akka murteeffatu taasisuuf karaarraa goruu qabu. Yoo kun ifa ta’e, uummatni keenyas kana booda eenyurraayuu homaa akka hin eegne ifa ta’a jechuu dha.

Dhugumatti gara uummatichaa goranii; qabsoo bilisummaa kanatti makamuu fi hogganuu kan barbaadani fi danda’an yoo ta’e, haal- duree takka malee lola ykn waraana uummata keenyarratti labsamee, sanyii saba keenyaa duguugaa jiru kana dhaabsisuu qabu. Inni kun rakkoolee jiran hundaa caalaa furmaata hatattamaa argachuu qaba. Kanaafuu, DhDUOn murtii xumuraa godhuuf sadarkaa ittidirqamu irra gahee jira. Yookaan meeshaa diinaa ta’anii ittifufuu yookaan immoo jaarmayaa uummataa ta’anii humna haaraadhaan as bahuu dha. Filannoo kan isaanii ti.   

Ulfaadhaa!!

 

DhDUO = Dhaabbata Dimookraasummaa Uummata Oromoo (OPDO)

ABUT= Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF)

ADWUI= Adda Warraaqsa Dimookraasummaa Uummata Itoophiyaa (EPRDF)

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

  – Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –   Berhanu Hundee    Kutaa Saddeettaffaa …

Yaada kanaaf deebisaa kenni