Oduu Haaraya

Dhaamsa Sooressa Jaarraa Abbaa Gadaa

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Dhaadannoon “Qabsaa’an ni kufa, qabsoon itti fufa” jedhamu kun, waanuma barameef akkanatti dubbatama moo qabiyyee fi dhaamsi inni qabu ni hubatama laata? Kun dhugaa waliigalaa ti; qabsaa’aan dhufaatuma dabra. Tokko yoo kufe kan biraatu bakka isaa bu’a; qabsoon garuu hanga galii isaa gahutti ittuma fufa jechuu dha. Akka seenaan isaanii agarsiisutti, Sooressi Jaarraa Abbaa Gadaa ijoolummaa isaaniirraa jalqabanii hanga lubbuun isaanii baatutti, waan tokkotti amananii, waan tokkoof qawwee kaasanii, jiruu gaarii otuu hin hawwin, umurii isaanii guutuu qabsoorratti fixuudhaan boodarra duuti Waaqarraa dhuftu waan hin oolleef, qabsoo kana lammiilee Oromootti dabrsuudhaan dhaamsa lafa kaayyatanii addunyaa kanarraa deeman. Gootichi keenya Jaarraan maalitti amanan, maaliif qabsaa’aa turan? Gaafii kanaaf deebii gabaabaa kennuudhaaf, wanti isaan itti amanani fi qabsaa’afiis turan kaayyoo guddaa tokko dha. Innis sabni Oromoo bilisummaa fi abbaabiyyummaa humnaa dhabe sana deebisee akka argatu taasisuu dha.

 

Kaayyoon qabsaa’otni Oromoo kan biroos itti wareegamani fi wareegamaa jiranis kanarraa waan adda ta’u natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, tooftaafis ta’ee tarsiimoof jedhamee; yookaanis ammoo ayidoolojii adda addaa qabaachuudhaanis haa ta’u, har’a mooraa QBO keessatti yaada bifa lamaatu adeemaa jira. Yaadni lamaan kunis Oromiyaa walaba taate ijaaruu fi Itoophiyaa diimookraatessuudhaan bilisummaa Oromoo argamsiisuu kan jedhani dha. Yaadni inni lammataa kunuu karaalee adda addaatiin ibsamaa waan jiru fakkaata. Kuun Itioophiyaa diimookraatessuu jedhu; kuun federaalessuu jedhu; kuun ammoo karaa biraatiin tokkummaa Itoophiyaa jiraachisuu jedhu. Ilaalcha fi ibsa adda addaa kana akkasumas kaayyoo isaan qabatanii ka’an hundaa warruma akkanatti yaadaniif dhiisuudhaan; wanti har’a du’a goota keenyaa kanarratti mul’achaa jiru waan tokko nama hubachiisa. Innis mooraa keenya keessatti gadda uumame kanaaf akkamitti gamaa gamanaa akka waliif mirmatanii dha.

 

Kun ammoo Oromoon wal malee akka hin qabne; ilmaan haadhaa fi abbaa tokkoo; ilmaan lafee, foon fi dhiiga tokkoo; ilmaan saba tokkoo, yeroo gaddaa walbira dhaabbachuu akka danda’an agarsiisa. Gaafii guddaan asirratti ka’u garuu, waliif quuqamuun, waliif rifachuun, waliif mirmachuun, waliin gadduun kun hunduu hanga gaddi kun qabanaayutti turee; sana booda waanuma dur barame sanatti deebina moo carraa gaddaa kanatti fayyadamnee; egeree saba keenyaa yaadna laata? kan jedhu ta’a. Akkuman barreeffama kiyya isa kana duraa “Gaddii du’a Gooticha Jaarraa Abbaa Gadaatiin uumame QBOtiif carraa gaariitti jijjiiramuu qaba” jedhu keessatti ibse, akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaatitti, ilmaan Oromoo akka waliigalaatti, qabsaa’otni Oromoo ammoo akka addaatti, karaa qaxxaamuraarra (cross road) akka jiran hubachuu qabu. Karaan tokko, tokkummaa dhugaa, tokkummaa Oromummaa kan humna cimaa fi abdachiisaa uumu ijaaranii; diina injifatanii; guutumaa guututti bilisummaa fi abbaabiyyummaa saba Oromoo mirakneessuu dha.

 

Karaan biraa ammoo, humna ofii abdachiisaa fi kan wabii ta’u otuu hin qabaatin ykn hin uumin; gara garatti hiramuudhaan ykn humna qaban gara garatti hiruudhaan; Itoophiyaa impaayara dulloomtuu diimookraatayuu hin dandeenye; projektii kanaan duras Oromootni meeqa itti galaafataman yaaluu; yoo kun ammas hin milkoofne seena badaa hojjetanii dabruu dha. Akkuman kanaa olitti ibse, Gootichi keenya Sooressi Jaarraa Abbaa Gadaa kaayyoo ifa ta’e tokko fi karaa qulqulluu ta’e qabatanii hanga lubbuun isaanii dabartutti qabsaa’anii boodarra dhaamsa lafa kaayanii deeman. Dhaamsi isaaniis “qabsoo narraa fuudhaa; kaayyoo ani fi qabsaa’otni itti wareegamaniif galiin gahaa…” kan jedhu dha. Egaa har’a karaa qaxxaamuraarra kan jirru yoo ta’e, dhaamsa isaanii kana fudhannee karaa kam deemuu akka qabnu murteessuu qabna jechuu dha. Gooticha keenyarraa wanti barachuu qabnu inni guddaan tokko akkamitti akka qabsaa’an qofaa otuu hin taane, kaayyoo tokkotti amanuu fi waan barbaadnu sana ni arganna jedhanii ofitti amanuu dha.

 

Murannoo ykn kutannoo fi ofitti amantaan yoo jiraate, haalli addunyaa kanaallee yoo jijjiramaa deeme; turrus bakkee barbaadnu sana gayuun keenya waan oolu hin ta’u jechuu dha. Kun amala goota fi qabsaa’aa dhugaa ti. Gootichi keenya Jaarraa Abbaa Gadaa otuu lubbuun isaanii hin bayin dura yoo dhaammatan, ijoolee kiyya adaraa hin jenne; dhaamsi isaanii dhaamsa Oromummaa ti; dhaamsa lammummaa ti. Qabsoo narraa fuudhaa yoo jedhan, maqaa kiyya yaamaa jiraadhaa jechuu isaanii tii miti. Kana seenaanuu bara baraan yaama. Yaamichi isaanii qabsoo ani jalqabe fi kaayyoo ani ka’eef galiin gayaa dha. Kan baay’ee nama dinqu dulluma keessattillee qawee qabatanii boson Oromiyaa keessatti wareegamuu barbaaduu isaanii ti. Kanaaf, qabsaa’otni hafan fi dhalootni har’aa qabsoo tana biyya keessatti deebisuu fi bakkee diinni keenya lammiilee keenya ajjeesaa jiru sanatti humnoota diinaa barbadeessanii bilisummaa fi abbaabiyyummaa saba Oromoo mirkaneessuu dha. Filannoon biraa hin jiru.

 

Kun akkamitti milkaayuu danda’a? Sadarkaan duraa kaayyoo ifa ta’e lafa kaayyachuu; isa kanas galii hawwamutti ni geessina jedhanii humna, qabeenya, beekumsa fi dandeettii qabanitti amnuu, ofitti amanu fi kutannoo qabaachuu dha. Kanaaf akka fakkeenyaattii gooticha keenya kana yaadachuu dha. Sadarkaan itti aanu tokkummaa dhugaa tokkummaa Oromummaa uumuu dha. Tokkummaa yoon jedhu ammoo tokkummaa waraqaarraa otuu hin taane tokkummaa humna jabaa uumuu danda’u; humni ammoo humna injifannoo argamsiisee jijjiirama tokko mul’isu ta’uu qaba. Yoo jijjiiramni tokko mul’ate uummatni bal’aan hamilee horatee nama duuba hiriira. Yoo uummatni bal’aan sossa’ee nama duuba hiriire ammoo, humni diinaa kamiiyyuu kana dura dhaabbachuu hin danda’u. Akkanatti walitti hidhamee deemuu qaba. Tokkummaa faarsuun qofaa bu’aa hin qabu. Tokkummaan hojiidhaan mul’achuu qaba. Hunda caalaa ammoo waayee tokkummaa ijaaruurratti yeroo dheeraan baduu hin qabu.

 

Dhimmi tokko hammuma lafarra harkifamaa deemu fi turu hamilee uummataa hir’isaa deema. Wanti dubbatamu, wanti yaadamu fi karoorfatamu dafee hojiirra ooluu qaba. Yeroo ammaa, ji’oota dabran kana keessa afuura gaariitu mooraa QBO keessatti hubatamaa jira. Wanti jalqabame fi gammachuudhaan simatame kun dafee hojiidhaan mul’achuu baannan; adeemsi tokkummaa kun yeroo gabaabaa keessatti xumuramuu baannan qilleensa badaatu mooraa keenya keessa galuu danda’a. Yeroo ammaa yeroo gootichi keenya addunyaa kanarraa boqotani fi dhaamsa lafa kaayanii deeman kana, yoomiyyuu caalaa kaayyoo qulqulluu qabaachuu fi isa kanas galiin gayuuf; humna mooraa ofii cimsuun dirqama Oromummaa akka ta’u hunduu hubachuu qabu. Ilmaan Oromoo keessumaayuu qabsaa’otni Oromoo kaayyoo tokko jalaatti ijaaramanii humna Oromoo jabaa uumuun yeroon isaa amma dha.

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

JUXTAPOSING DEMOCRACY WITH THE GADA SYSTEM OF THE OROMO PEOPLE Part VI

    By Odaa Hora   Where does Gada depart from Democracy? In the preceding …

Yaada kanaaf deebisaa kenni