Oduu Haaraya

Dhaamsa Boontuu Baqqalaa Garbaa Uummata Oromoof

****************************************
2016 kanaan Naa bari’a jedhee Yaadee Hin beeku akkuma durii Ofii koof Maatii koof Saba koof gaarii hawwaan guyyoota lakkaa’a ture,bor har’a irra ni wayya jedheen Abdadha.waggaan dhufu milkaa’ina ulfaa’ee jira jedheen hamilee Ofii Kennaa dhufe…Edaa Guyyaan milkaa’ina qofaa miti gidiraas Baatee Natti dhufaa ture…Abbaa Koo of biratti arguu koof utuun Rabbiin galateeffadhee Hin quufin Ammas Marsaa Lammaffaa Afaan bineensaa Na jalaa bu’e onneen Koo gaddaan waraaname gaddi xaxatee Maatii keenyatti gale.

Abbaa Koo Gaachana Koo Mana keenya keessaa dhabe Qe’een Natti golgolaa’e Ayyaana waggaa Haaraan teessumni Isaa qullaadha,Kolfaa fi qoosaan Isaa Hin jiru gorsaa fi dheekkamsisaa gorduuba keenya keessaa Hin dhagayamu…lafeen qaama kooti waan gargar baba’e Natti Fakkaate dhaqni Koo waan wal gadhiisen se’e ‘Boonii’ sagaleen jedhee mararsiifatee Na waamu sun har’a gurra Koo irraa fagoo dha Harki Abbummaa Isaa Inni ofitti Na qabu sun kaateenaan hidhamee jira… Eenyuukoo waammadhu…meerre Lammiin Koo Inni dur si wajjinin jira naan jedhu… Eessa jira Qomoon Koo Inni kaleessa Ani Gara keeti naan jedhe…Abdii kutannaan onnee Koo keessatti mana ijaarrachuuf yeroo Natti deemun fagootti arge…’Boontuuuuuuuuuu’ sammuu kootu Natti Iyye ‘balbala onnee kee cufadhu Hin keessummeessinii’ ajaja jedhu Natti kenne Sammuunkoo yaaduu dhaabuu dhiisuu isaan gamanumaan mirkaneeffadhe.’Eenyutti baatee Abdii muratta….???akka eenyuu Harka Laatta..???

Abbaa kee moo Haadha keetu diinaaf tole jedhee Bulee beeka???Moo Saba keetu roorroof gad jedhee jiraatee beeka?? Sammuunkoo sagalee jabaan dubbate Lafeenkoo Inni wal gadhiise walitti sissiqee kirkiruu Dhiise miillikoo Na baachuuf humna Argate garaan Koo Inni raafamaa oolee bule akka qarsaa bishaan keessaa jabaate ijikoo imimmaan dhimmisuu Dhaabe hadhaatu onnee Na seene,mataa koon ol qabadhe,Afaan koon banadhe…’Abbaa Ajjeesanii ilmoo Isaa bulchuuf yaaduun,ilmoo Ajjeesanii Maatii bituuf yaaluun ykn obboleessa hidhanii dararanii Obboleettiin naaf ciisti jedhanii yaaduun gowwummaa Dha.

Haati ilmoo ishee dhabde San lammaffaa Hin ciniinsifattu,Ilmoonis Abbaa Isaa jalaa du’een akka waan jiruutti ‘Abbaakoo’ jedhee Hin waamu,Obboleettiin haadhoo ishee dhabde bor bakka naaf bu’a Hin jettu…Hin geenyeen Hin geesse har’a diduun..yoo haqa dhabuu Hin didne,yoo mirga dhabuu Hin didne, yoo roorroo Hin didne,yoos namummaan maali? Kan itti fe’an hunda Kan Baatu Harreedha ilmoon namaa yoo harroome qofa Kan barabaraan ciqilee Ormaa Baatu ‘ jedheen lallabe qilleensatti haasa’e…baddaa fi Gammoojjiin biyya kiyyaa owwaattuu sagalee kootii Saba kiyya biraan naaf ga’i,Bosonnii fi lageen biyya kootii Lammii kootti naaf lallabi.Hunda naaf dhageessisi kun Sagalee Boontuu qofaa miti Sagalee gola Saba miliyoona 40 keessaa iyyuuti.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …