Oduu Haaraya

Dhaamsa Barreessitootaafi Dubbistoota Barruu Oromoo Maraaf!

 

H O R A H A R S A D I I T T I !!- B I SH O O F T U U K E ENY A!!

Dilbatuma dhufu guyyaa seenaa qabeettii
Tuutni ilmaan Oromoo achi gubbaatti wal eegdii

Kaan shubbisee ragaduun baafata madaa laphee
Kaanimmoo nigammada burraaqee waliin sirbee

Kaanis seenaa yaadata ta’iiwwan gocha hamaa
Gaddaa gammachuu darban ta’iiwwan waggaa lamaa

Qeerroofi qarreen wal arguun mariyatu waan maraa
Dhimma biyyaaf sabummaaf wal agarsiisu karaa

Tumsa guddaatu ta’a aadaaf afaan dagaagee
Iccitas waliif dhaama dhihoof fagoo walargee

Oromoon kaabaafi kibba kan lixaaf dhiha jiruu
Kan waliin miixuun turan beekumsa waliif hiruu

Kitaabonnis nidhufuu baay’inaan fe’amanii
Kitaabni qabsoof seenaa dhugaadhaan tumsamanii

Kanaafuu wal arginaa gahaa jira yeroonsaa
As nuuf haadhihaatuka dheebonneera guyyaasaa
*** ***** **** *****
Hub. Waggaa lamaan sadan darban kana keessatti muuxannoo qabnuun namoonni kitaaba yookaan barruu guyyaa ayyaana Irreechaatti geessan nisaamamu, nireebamu, nihidhamu turan. Biyya ofii keessatti ayyaana karaa nagaan kabajatanirratti barruu Afaan Ofii guddisu waliin dararfamuun salphina guddaadha. Dabalataan ammoo barruu Oromoo gurguruufi bituurratti uummanni Oromoos qaana’uu hinqabu ture! ‘’Sa’a abbaan gaafa cabse Ormi ija buruqsaa’ jednne mitiiree? Haaluma Kanaan kitaabota qabattanii deemtan seerawaa gochuudhaaf maal gochuu akka qabdan Obbo Tafarii Nugusee Teessoo armaan gadiin argattanii waraqaa deggarsaallee kan barbaachisu yoo ta’e akka karaa waldaa barreessitoota Oromoo akka barreessiifattan haata’u.
Email: tafenug@gmail.com

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …