Oduu Haaraya

DHAAMSA ARTIST FALMATAA ROORROO.

Maqaanisaa kan dhalootaa Mahammad Muussaa Roobaati, maqaan ittiin beekkamu ammoo Falmataa Roorroo’ti.
Falmataan, Baha oromiyaa, ona Ituu, aanaa Mi’eessoo, anannoo ganda sheek hassan bakka jadhamutti dhalate. Akkuma nama kamiitti fayyaa guutuun dhalatuus, balaa akka tasaa isa mudatteen waggaa 7’ti qaroo ija isaa dhabe. Agartuun isaa tan hamileefi gammachuun lafaa ka’een san hanga xumuraatti waliin imaltee, harmee oromiyaa daawwachiiftee, suga gammachuu kan fooddaa ijaatiin seenee surrii sooru san hanga dhumaatti akka ifiin hadhaadhiyyu tan hayyamtuuf hin taane.
Falmataa Roorroo bara 1982’ti gara oggummaa aartii seene. Albama isaa kan jalqabaa bara 1986 maxxansuun gurra ummata isaatiin gahe. Achirraa jalqabee osoo dadhabe, hifadhe hin ja’in aartii, afaaniifi seenaa saba isaa guddisuu qofa osoo hin taane qabsoo sabaatiif finiinsuuf kufee ka’aa as gahe. Addunyaa aartii keessattiis waan baayyee hojjatee, arraas hojjachaa jira.
Wellisaa Falmataa Roorroo dhugumatti akkuma maqaa isaa qabsaawaa biiblee aartiitiin roorroo alagaa falmatu akka tahe himana caalaa hojiin isaa dhawwaayxee dubbatti. Dandeettii rabbiin badhaase kanaaniis albamoota baayyee baasee, sirboota qabsoo finiinsan hedduu hojjate. Walaloo barreessee, yadaloon qindeessee artistoota lafaa dhufan baayyeefiis kenneeti jira. Dhiiga dhala oromoo tahee kan Falmataa hin beeyne ni jira ja’ee hin tilmaamu. Yoo jiraatees dhageyaa didaa qofa.
Kan nama fayyisu rabbumaa ilmi namaa ni sababsata. Yoo yaalamee fayyuun dadhabamellee jala muree sabree taa’a. Garuu amma akkamitti qalbiin isaa tasgabbooyti mee? Yaa oroomoo, lammii tiyya duraanuu numaatu waliif qoricha, numaatu waliifiis riqichaa mitiiree? Jibriin wal gargaartee arba hiiti, ja’an abboottiin keenya.  Xiqqaafi guddaan keenyaa dhiiraaf dhalaan akkuma hooda keenyaa ammaan duraatti wellisaa keenya jaalatamaa, sabboonaa, qabsaawaa #Falmataa_Roorroo cinaa haa dhaabbannuu. Isiniin qaba jachaa jiraa, siif jirra haa jannuun. Kun dirqama walitti laachuu osoo hin taane waamicha oromumaati!
Falmataa gargaaruuf:
Lakkoofsa akkawuntii (account number): Baankii Daldala Itoophiyaa (Commercial Bank of Ethiopia) acc. No: 1000140839907 kanaan gara akkawunt isaa erguu dandeessan.
Warri kallattiin gargaaruu barbaaddan ammo bilbilli isaanii: +251911835292
Artist Falmataa Roorroo,
Dirmannaa sabaatiin rabbiin haa banuuf qaroo!”
HUBACHIISA:
Warri biyya alaa jirtan kan website gofundme.com irratti account banuufi dandeessan akka bantaniifi dhaamsa Falmataa hojiirra oolchan abdiin qaba.
#Saphaloo_Kadiir/ Abdulbasit
Sadaasa, 2015.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …