Oduu Haaraya

DEEMEE MANA PIROFEESARII

Deemee mana pirofeesarii
Argadhee yaadota gaggaarii!!
Muxannoon baayyee gabbataa
Namas gorsuu ni jaallataa
Sabnis isa abdataa!!
    Kan seenaa hojjatee
    Qorannoo hedduu raawwatee
    Hedduun kan isa raajeffatee
    Kan hojii haaraa hojjatee!!
Kitaabota hedduu barreessee
Seenaa jallate sisirreessee
Abdachiisee sabas jajjabeessee!!
    Kitaabni isaa hedduu barbaadamaa
    Gabaa irrattuu waa argamaa!
    Maxxansaa nuuf tamsaasaa
    Saba nuuf dammaqsaa!!
    Hamilee itti horataa
    Sabni yoos injifataa!!!!!
Pirofeesara raajii
Kan jaalatu hojii
Inni abdate saba
Kan hin qabne daba!!
Kan waa sirreessaa
Waa heddu kallattii agarsiisaa
Jabatee kan si gorsaa
Kitaaba isaa nuu raabsaa!!!!!
Inni namoota fakkeenna fudhataa
Eennuu waa tuffataa
Gorsee sirreessuu jaalataa
Raajii PIROFEESAR JAALATAA!!!!
Rabbi isa faayee
Kanaaf gaarii tayee!!!

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …