Oduu Haaraya

Deebii gaafii :Oromoon jalqaba ISLAAMA moo WAAQEFATAA ture???

By: Abuu Uweys (Qorataa Seenaa Muslimoo Ityopjiya)Ergaan asiin gadii kun Waaqeffattoota Oromia Midia Network (OMN) irratti osoo seenaa dhugaa hin beekne wama isaanitti fakkaate odeessan bira akka naaf gahee dubbii dhugaa akka hubatan hawwii qaba.Amntiin Islaamaa kan yeroma dhalatan waliin dhalatan malee kan guyyaa keessa namni argatuu miti. Namni Islaama tahe tokko amantii isaa akkuma ittiin dhalateen waliin tura. Warroonni amantii biraa immoo gochoota gara garaatiin amantii Islaamaa irraa gara biraatitti jijjiirata. Fkf; kiristaanonni guuyyaa 40 ykn 80 bishaan ijoollee isaaniititti fachaasuun amantii Islaamaa irraa gara Kiristaanaa jijjiratan.Ummanni Oromoo amantii biraa keessa waan hin seeniniin amantiin isaa Islaamummaadha malee kan biraa wahiituu hin jiru. Waaqeffannaan sababa wallaalaatiin ummata Oromoo keessatti argamte malee amantii wahiitii miti. Sababa yeroo san keessatti Aalimtoonni seera shari’aa amantii Islaamaa isaan barsiisan waan hin jirreef wallaalli ummata yeroo sanii waan dhuunfateef WAAQEFFANNAA jedhanii Aadaama gara garaa amantii taasifatan. Mee waahee kana irratti dubbii Aalima guddaa Oromoo tahani Dr.Abdushakuur Muhammadamaan akka asiin gadii kanatti isiniif dhiheessa.Dr. Abdushakuur waahee akkaataa Waqeffannaan Oromoo keessatti akka itti facaate irratti akkana jedhan:”وأول المناطق تأثرا بالصحابة القسم الشمالي من الحبشة ابتداءا من ساحل البحر الأحمر الغربي (ارتريا وعفر وتغري) وهي التي فيها عاصمة الحبشة حينئذ وهي مدينة “أكسوم” التاريخية….ولكن لما كان هذا الدين دينا عالميا فإن الدعوة الإسلامية التي قام بها خير الدعاة (الصحابة رضي الله عنهم) لم يكن يقتصر على تلك المناطق بل انتشر بين شعوب المنطقة التي من بينه شعب أورومو الذي يوجد جنوبي المنطقة.وهناك دلائل على ذلك مثل:1. وجود مساجد قديمة في مختلف المناطق من أوروميا يقال إن بعضه للصحابة –رضي الله عنهم- مثل مسجد يعرف بإسم الصحابة في إقليم “شوا”.2. هناك في منطقة هرر جبل يعرف الآن بجبل الصحابة”أسبوت”3. وفي منطقة “بالي” مسجد مكتوب عليه تاريخ بنائه وهو سنة 460هـ اي قبل 972عاما.كما يحكى أن هنا آثار اسلامية قديمة تدل على أن الإسلام قد انتشر بين الأوروميين منذ فجر التاريخ الإسلامي.وان كان لموت أعداد كبيرة من العلماء في الحروب أثر كبير في انتشار الجهل واندراس العلم وفشو الوثنية بين شعوب كانت في يوم من الأيام مسلمة.وآثار الإسلام وبقايا تعاليمه بين الوثنيين الأوروميين كقبيلة بورنا وغبرا شاهد على ذلك رغم ما يدعيه البعض من أن الإسلام لم يدخل بين الأوروميينإلا في عصور متأخرة جدا }رسالة “هل تعرف شعب أورومو المسلم؟ د.عبد الشكور محمد أمان العروسي، ص:3 – 4

{Hiikkaan isaa: “Biyya Habashaa keessaa naannoon jalqaba sahaabonni hijraa itti bahuudhaan sahaabaadhaan wol simatte naannoo Kaabaati; naannoo qarqara galaana Diimaa gara dhihaarratti argamtu (Ertiraa, Affaar, Tigraay) dha.Haata’uu malee amantiin Islaamaa amantii addunyaa guutuu waan taheef da’awaan sahaabotaa naannoo san qofa irratti hin gabaabanne; gara ummata naannoo san jiraatanii hundatti dabree jira.Ummata naannoo sanii keessaa ummanni Oromoo kan yeroo san kibba biyyaatitti argaman isaan tokkoo dha.Ummanni Oromoo ummata yeroo san amantiin dhaqqabe tahuu irratti ragoota heddutu jira jedhan doktorri kun. Mee ragoota isaan dubbatan kana akka armaan gadii kanatti haalaaluu:

1. Masjidoonni bara dheeraa turan Oromiyaa keessatti naannoo adda addaa keessa jiraachuu, gariin isaa kan sahaabaati jedhamee yaamama. Fakkeenyaaf masjida naannooShawaa” keessatti argamu kan maqaa sahaabaatiin yaamamutu jira.

2. NaannooHarar” keessa gaarri maqaa sahaabaatiin yaamamu “Asaboot” jedhamee beekkamutu jira.

3. NaannooBaalee” keessatti masjidni barri ijaarsa isaa irratti barreeffamee jiru waggaa (460 Hijraa) kan argamu. Kana jechuun bara (972) dura ijaarame jechuu dha; masjidni kun “masjida Doobbii” jedhamee beekkama.Kana qofa osoo hin taane dabareen (hafteen) seenaa kan Islaamummaan akka jalqaba dhufteen ummata Orommo keessa faca’uu agarsiiftu heddutu jira.Haata’uu malee sababa beektonni Islaamaa hedduun lola keessatti dhumaniif wollaalli faca’ee beekkomsi awwaalamee waaqeffataa tahuun jidduu ummata Oromootitti babal’ate.Hafteen beekumsa Islaamaa jiduu Oromoo “Boranaa”tii fi gosa “gabraa” keessatti muldhatuun kanarratti ragaadha.Kun immoo yaada worroota Islaamummaan ummata Oromoo keessa yeroo gabaabaa seente jedhu ni faallessa”.Maddi isaa: Barruu “Hal ta’arifu sha’aba Oromoo Al-Muslim?

(Hawaasa Oromoo Muslima tahe beektaa?), Dr.Abdushakuur Muhammadamaan, p:3-4)Egaa haasawa Dr.Abdushakuur kana irraa waan baayyetu hubatama; mee akka armaan gadii kanatti wolumaan haalaallu:• Islaamummaan ummata Oromoo bara dheeraa keessa faca’uun (babaldhatuu) ragootni hedduun jiraachuu.• Ummanni Oromoo Waaqeffannaa kan jalqabe erga ulamaa’onni (beektonni) Islaama kanneen amantii ummata barsiisan lola adda addaatiin dhumanii wollaalli baay’atee beekkumsi waan dhabameef tahuu .• Namoonni Islaamummaan yeroo gabaabaa keessa Oromotti dhufe jedhan jechi isaanii akka sirrii hin taane ragoonni adda addaa akka isaan faallessu doktorri kun ibsanii jiran.Kanaafuu namoonni “Oromoon Waaqeffataa dha malee Islaama hin turre” jedhan ragaa mirkanaahe dhiheeffatuu isaan barbaachisa.Akka isaan Oromoon waaqeffataadha jedhanittis haata’uu jennee yoo deemnes, waaqeffataa jechuun namuma waaqa (Rabbii tokkicha) gabbaru jechuu dha.

Sababa seera (karaa)Rabbiin itti gabbaran wollaaluutiif wantoota amantii Islaamaatiin walfaallessu garii itti dabalan malee; akkataan isaan ittiin waaqeffatanis hedduun isaa kan amantii Islaamaatiin wolitti galuudha.Gadaa Melbaatis kitaabaOromiyaa” jedhamu keessatti waaqeffataa jechuu akka asiin gadii kanatti hiika itti kennee jira:”Waaqayyoo tokkichatti amanuu, waaqayyoo tokkicha nama hundaafuu isumatu jira, inni waan hundumaa uume, dur kanture, gara fuulduraatittiskan jiraatu, waan fedhe kan ijaaruu fi kan diiguudha. Inni qulqulluudha, seera hin dabsu, hamaa hojjachuu, cubbuu fi soba hin jaalatu . (Maddi isaa: kitaabaOROMIYAA”, Gadaa melbaatiin biyya Suudaanitti bara 1981 barraahe, p:24)Akkuma hiikkaa asiin olii kana irraa ifa tahutti Waaqeffataan namuma waaqa tokko gabbaru malee wontoota biraa Waaqatti dabalee kan yaamatuu miti. Dhagaa fi mukka gabbaruun aadaadha malee amantii Oromootii miti. Warroota aadaa akkanaa kana karaa godhanis sababa wallaalaatiif kan hojjataniidha.Raabbiin nama dhugaa beekee itti fayyadamu nuhaataasisu… warroota erga ifaan argamee dukkana wallaalaatitti deebi’uuf gangalatu nuntaasisin.

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …

One comment