Oduu Haaraya

Dargaggeessi Oromoo Biyya Ollaattti Boqote.


Hojiin gaariin xinnoo hin qabdu ;Goota dhaloota qubee ,dhabamuun lubbuu keetii hidda mar’imaan koo na gubee……

Fu’aad abbaa isaa Sulxaan Abbaa Maccaa fi harmee isaa Zakiiraa She shifaa irraa akka lakkoofsa A H bara 1986 Naannoo Oromiyaa godina Jimmaa aanaa Limmuu Saqqaa ,ganda Maroo ciisaatti dhalate.

Umriinsaa barumsaaf gahee,1994 A LH Mana barumsa Maroo Ciisaa seenee,kutaa tokkoo hanga kutaa ja’aa achumatti xumure.Kutaa ja’aa hanga kutaa saddeettii Mana barumsa Atinaagoo barate. Kutaa kudha tokkoo fi kudha lama (Barnoota qophaa’inaa) Mana barnoota qophaa’inaa Atinaagoo keessatti argamutti baratee xumure.
Maatiin Fu’aad Ijoollee saddeet kan qabanu yemmuu ta’u ,inni isaaniif Ilma sadaffaadha .Fu’aad Hawaasa naannoo fi hiryyoottan isaa biratti nama kabaja guddaa qabuu fi jaallatamudha.
Fu’aad Jechi “Jimmaan lafa malee namni hin jiru ” jedhamee dubbatamaa ture nyaachuu fi dhuguu isa dhorgee aarsaa barbaachisu hunduma kaffalee ,Mormii fincila diddaa gabrummaa guutuu Oromiyaatti taasifamaa ture irratti abbummaan gahee guddaa taphatee Dargaggoo qeerroo fi qarree beekaa fi wollaalaa akka godina Jimmaatti bakka garaa garaatti ijaaruudhaan dargaggoo qabsoo bilisummaa Oromoof seenaa hin dagatamene nuuf kaa’ee darbedha.

Gama social media tiinis Facebook dhoksaa Abdii Limmuu jedhu fayyadamuun kan Odeeffannoo woktawaa hawaasa biraan ga’aa turedha.

Egaa Hojiin Inni Hiriira guddicha guutuu Oromiyaa keessatti taasifamee ture,Akka Godina Jimmaattis Adda durummaan qindeessee Maqaa Jimmaa jiraachisuu fi Ofii waan fedhe ta’ee roorroo sabarraa kaasuuf hojjachaa tures…Waan garaa nama nyaatu dhaamsa akkas jedhu barruu feesbuukii isaa irratti barreessee ture ” Deessee koo jecha kee guyyaa sanaatu hirriba na dhorka .woca namootaa fi sagalee dhaadannoo biraa wonti dhagahamu tokkollee hin turre ,atis namoota gidduudhaan saaqqattee gama koo dhuftee ;”Fu’ee koo akka na dhukkubu ni beekta mitii ? Yoon du’e naaf hin boossuu ?” Naan jette. Gaafa sana wolitti marannee akka daa’imaatti boonyee namas boossifne .
Guyyaa sana irraa kaasee carraan si arguu koos dhiphataa dhufe.Anis nagaatti osoon siin hin jedhin sirraa fagaachuufan dirqame. Deessee koo jaalladheetii miti roorrotu jabaate ,yoo rabbi jedhe ammas wol agarra ,nagaan naaf jiraadhu sin jaalladha .” Jedhee ture. Hojiin Fu’aad Sodaa guddaa lukkeelee mootummaa keessatti uumee taa’uu fi ka’uu dhowwee akka bosonuutti adamsuu eegalani ….innis biyyaa ba’uurra jedhee akkuma bosonuu gurra kaasee Oromiyaa jiituu keessa riphee jiraachuu eegale.
Gara handhuura biyyasaa Finfinneettis imale.Haa ta’uutii garuu itti ulfaachuu jireenyaa irraan kan ka’e Finfinnees jiraachuu waan hin dandeenyeef tumsa hiryoottan isaa kan Kayiroo (egyt) fi Saudii Arabiyaa Makkaan jiraatan gudhaniin Bara 2008 ALH gara suudaan kaartuum imale.
Maarree fayyummaan biyya namaa jiraachuurra dhukkubsatanii biyya ofii jiraachuu woyya mitiiree …
Egaa innis bilisummaa dheebotaa otuu waanjoon gabrummaa saba isaa irraa hin bu’in Ulfa garaa isaa utuu nuuf hin dhalchin dhibee hin beekamneen guyyaa 22/6/2009 ALH biyya Suudaan Magaalaa Kaartuum keessatti godaansa lamuu deebiin hin jirre nu gatee godaane.

Fu’aad Sulxaan Abbaa Maccaa Hawaasa Oromoo Jimmaatiifis ta’ee guutuu saba isaatiif hojii gaarii hojjateen nama dagatamuu hin qabnedha.

Maarree silas uumaa hin komatanu ,,,rabbiin araarama siif ha godhu
Qabrii kee caffee Jennataa siif ha taasisu

#Dhugbaas #Bedruu

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …