Oduu Haaraya

Dallaan diinummaa Oromoo gidduutti deebi’ee ijaaramee?

 

Lammii Beenyaa

Baatii sadan har’aa Finfinneen gammachuu keessa turte. Seenaa Oromoo keessatti ta’ee kan hin beekne Oromoon miliyoon jahaa ol ta’u dirree Masqalaatti bahee hooggansa ABO simate. Simannaa kanaan Oromoon tokkummaan faajjii isaa ol kaasee abbaa biyyaa ta’uusaa mirkaneeffate. Qabsoon Oromoo waggaa afurtamii shaniif hidhannoo, siyaasaa fi dippiloomaasiin gaggeeffamaa ture gara qabsoo nagaa, dorgommii fi filannootti jijjiiramuuf bu’uurri kaa’ame. Dirree Masqalaatti HD ABO, Jaal Daawud Ibsaa fi bakka bu’aan mootummaa Injiinar Taakkalaa Uumaa wal hammatanii walgadhiisuu didan. Yeroo Jaal Daawud fi Injiinar Taakkalaan wal hammatan hayyoonni Oromoo kanneen akka Jawaar Mohaammd, Baqqalaa Garbaa, Ezqeel Gabbisaa fi qeerroon Oromoo hedduun ol ka’anii harka walitti rukutaniif. Dallaan diinummaa Oromoo gidduutti halagaan ijaarame akka lammata ol hin kaanetti diigamee burkutaa’e, kana booda eenyuyyuu Oromoo addaan hin qoodu, Oromoon tokkummaa isaa akka hin sochoonetti utubate jennee gammachuun lafa dhiphisne. Hedduun keenya qabsoo akka dhuunfaa fi garee akkasumas jaarmiyaan gaggeessaa turre daraaree wareegamni qabsaa’ota keenyaas firii godhachuu isaatti akka waan lammata dhalanneetti of ilaalle. Maal ta’a wareegamtoonni keenya osoo guyyaa kana ka’anii arganii waliin jenne. Ani jireenya koo keessatti kanan gammachuun of wallaale yoo jiraate guyyaa sanadha.

Garuu osoo baay’ee hin buliin haasawaan Dirree Masqalaa sun akka hurrii hurkee dhumuu eegale. Karaa walitti dhiphisuu, balbala walitti cufuu, afaan wal darbuu, jecha walii keessaa huuba funaanuu, quba walitti qabuu, sababa qabatamaa hin taaneen wal takaaluun eegalame. Waliigalteen Asmaraa kan miira obbolummaa fi jaalalaan xumurame sun qaraa fi qoraattiin itti babahee “lakkii kana malee kanarratti waliif hin galamne” jechuun eegalame. Sukkuummaa fi wal dhiibbaan baatii sadii kun lola labsuu fi duula hidhaa har’a argaa jirru kanarra gaheera. Oromoon seenaa isaa keessatti dallaa diinummaa of gidduudhaa cabsee halagaa lafa ilaalchise sana osoo hin turiin qawwee rasaasa nyaachifatee wal waraanuuf walitti ka’e. Egaan kana booda hayyoonni “Wal waraansa Oromoo fi Oromoo gidduu” jechuun seenaa fokkataa kana barreessuuf deemu! Hanga ammaatti halagaa Oromoo waraanu malee Oromoon Oromoo waraanuun seenaan hin barreeffamne.

Amma waraana amma labsame kanarraa eenyutu fayyadamaa? Oromoodhaa? Nafxanyaadhaa? Wayyaaneedhaa? Saboota cunqurfamoodhaa? Gaanfa Afiriikaa ti? Waraana kanarraa Oromoon tasumaa hin fayyadamu.

Waraana kanarraa qaamonni armaan gadii shakkii malee fayyadamu:

1. Humna Nafxanyaa. Habashoonni carraa kana waggaa dheeraaf eeggataa turan. Erga aangoon polotikaa harkaa baafamee biyyattiin gara Federaalizimiitti jijjiiramtee kaatee Habashoonni carraa kana fakkaatu hin arganne. Aangoon harkaa bahuun haamilee fi xiinsammuun isaanii miidhamee siyaasa barbaadan gaggeeffachuuf danqaa guddaa kan itti ta’e bu’uureffamuu Oromiyaa ti. Oromoon afaan, aadaa fi tokkummaa biyyaa isaan kijibaan lallaban harkaa gatee kallattii ofii barbaadurra deemuun waggoota darban kana Habashootatti qormaata guddaa ta’e. Humna TPLF aangoo isaan harkaa fudhate kuffisuu caalaa humna Oromoo isaan yaaddessu laaffisuu fi tokkummaa Oromootti danqaa ta’uurratti cichoomanii hojjetaa turan. Kanaaf ammo TPLF caalaa ABOtti duulan. ABOn mootummaa USA biratti galmee shororkeessummaarratti akka galmaa’uuf, miidiyaalee biyyoonni alaa sponsor godhan Afaan Oromoon akka hin dabarsineef mallattoo sassaabaa, qabsoo Oromoo qabsoo biyya diigu fakkeessuun humnoota alaa biraa deggersa akka hin arganneef humna qaban hundaan hojjetaa turan. Humni Oromoo biyya keessaa daran jabaatee wareegama Qeerroon milkiin argame eenyuyyuu caalaa Habashoota yaaddesse. Kana milkeeffachuuf waan lama dalagaa jiru: tokko, adeemsa siyaasaa isaanii jijjiiruun tokkummaa Itoophiyaa faarsaa turan sana hurgufanii dhiisuun sabboonnummaa Amaarummaarratti humna dantaa isaaniif dhaabbatu utubachuu; lammatni ammoo mootummaa Dr. Abiyyiin durfamu waan deggeran fakkaatanii caasaa ijoo bara wayyaanee harkaa bahe deebisanii argachuun akkaataa itti dantaan isaanii gara fuulduraatti eegamu irratti hojjechuu, keessuma keessaan ammoo mootummicha kallattii dogoggoraarra oofuun Oromoo waliin walitti buusanii ofii aangoof of qopheessuudha. Tooftaa kana lamaan wal faana deemsisaa jiru. Humna ilaalcha sabboonummaa isaanii oofu akka jaarmiyaatti bu’uureffatanii qabu. Mootummaa ammaa keessattis caasaa tikaa irra heddu dhuunfataniiru. Meeshaan waraanaa konkolaataatti fe’amee naannoo Amaaraatti guuramaa oola. Humna naannoo Amaaraa bulchuu fi jaarmiyaa sabboonummaa Amaaraa oofu gidduu wal hubannoo fi deggersa guddaatu jira. Diyaaspooraan Amaaraa hanga ammaatti karaa biyya kanaa hin baane. Biyya alaa taa’aanii maanifeestoo adda addaa qopheessuun humna kana dinagdee fi miidiyaan utubuuf yeroo kam caalaa hojjetaa jiru. Caasaa mootummaa Naannoo Oromiyaatti fayyadamuun qaawwaa humna Oromoo gidduutti uumamutti beenzina naqanii lolli hamaan Oromoo gidduutti akka deemuuf yoomiyyuu caalaa hojjetaa jiru. Lolli Oromoo gidduutti yoomiyyuu caalaa jara kanaaf carraa guddaa uuma.

2. Humna Wayyaanee: Wayyaaneen ni laaffatte malee duutee hin awwaalamne. Humna Oromoon gaafa laaffattu dantaa dinagdee ishee eegsifattee Maqaleetti ol haratte. Achi teessee walgurmeessuun (regrouping) gama tokkoon mootummaa EPRDF ofii ijaarte fi caasaa isaatti dhimma bahuun hirmaannaa bulchiinsaa taasisaa, gama biraan ammoo humnoota daangaa Oromoo maallaqaan bituun Oromiyaatti abidda hin dhaamne qabsiisaa nagaa fi tasgabbiin akka hin buune taasisuun ofii humna ta’anii as deebi’uuf biyyoo arraabanii ka’aa jiru. Mootummaan EPRDF ofiifuu humna amansiisaa hinqabne dantaa wayyaanee keessa akka hin seenneef balbala isaanii qawween cufatanii Maqaleetti waan barbaadan godhaa naannoo Tigiraayiin gara fottoqsuutti geessaa jiru. Humna Poolisii Federaalaa qabanii hidhaa, yakkamtoota Oromoorratti yakka suukanneessaa dalagaa turan of keessa dhoksanii ajaja mana murtii gatii dhabsiisaa, humnoota Tigiraay qawween qabsaa’aa turan akkuma jirutti humna poolisii isaaniitti dabalanii dantaa Tigiraay eegsisaa, dargaggoota isaanii kumoota heddu ta’an leenjii waraanaan qopheessaa, meeshaa fi maallaqa biyyattiirraa saamanitti dhimma bahuun seeraa ol ta’anii jiru. Humni wayyaanee kun haala amma deemaa jiruun gara fuulduraatti dantaa isaanii itti fufiinsaan eegsifachuuf waa lama dalagaa jiru: tokkoffaa ummata ollaa keenya jiran maallaqaan bitanii Oromootti duulchisuun nageenyi Oromiyaa keessatti akka hin uumamne gochuu yoo ta’u; kan lammataa ammoo humni Oromoo tokkoomee dantaa Oromoo akka hin eegsifne osooma taasisanii dhimma naannoo isaanii keessa eenyuyyuu akka hin seenne gochuun duubatti deebi’anii of ijaaruudha. Humni siyaasaa Oromoo bakka adda addaatti walqoodee wal rukutuu fi lola walirratti banuun ammoo isaaniif carraa guddaadha. Humni wayyaanee kun yeroo kam caalaa caasaa bulchiinsa EPRDF keessatti waggoota dheeraaf diriirfatan kanneen akka caasaa tikaa fi waraanaa akkasumas OPDOtti yeroon dhimma bahan amma.

3. Humnoota akka Somaalee fi kanneen biroo: Oromiyaan biyya saboota hedduun daangeffamtu waan taateef lolli daangaa babal’ifannaa waggaa dheeraaf Oromoorratti gaggeeffamaa ture. Humnoota kana keessaa Somaalee ishee tokko. Akeeka Somaaliyaa guddiitti ijaaruu jedhuun erga bara 1960-oota keessa Ziyaad Baarreen abjootee kaasee Somaaleen Itoophiyaa fi gamaa humna tokkoon Oromoo waraanaa turan. Akeekni Ziyaad Baarree haa gufatu malee Somaaleen abjuu lafa Oromoo dhuunfachuu abjoochuu hin dhaabne. Wayyaaneen kana waan hubatteef Liyyuu Poolisii ijaartee Oromootti gadhiiste. Somaalees ta’e humni biraan yoo Oromoon jabaate, qe’ee Oromoo yoo nagaan jiraate, Oromoon tokko ta’ee yoo aangoo siyaasaa fi dinagdee akkasumas waraanaa fi tikaa dhuunfate dantaa isaanii eegsifachuu waan hin dandeenyeef Oromoo laaffisuu fi diiguurratti hirriba malee hojjetu. Kanaaf, ammoo lolli Mooyaaleerratti waggaa dheeraaf gaggeeffamu fakkeenya gaariidha. Siyaasni keenya osoo hin tasgabbaayiin Oromoon deebi’ee wal loluu fi wal rukuchuu eegaluun jara kanneeniif lootoriidha. Lola hin waraaniin injifachuu waliin tokkuma.

Egaan dallaan diinummaa Oromoo gidduutti uumamee waraanaaf karra saaqaa jiru kun gama kamiinuu Oromoo hin fayyadu. Waraana kanaan Oromoon ni caba. Lolli kun hin dhaamu. Lola kana kan mo’uu fi mo’amu hin jiru. Lola kana kan mo’u humna Nafxanyaa yookaan wayyaanee ti. Dantaa Oromoo eegsisuufan waraana, olaantummaa seeraan eegsisa, misooman saffisiisa jedhanii sababa waraana eegalaniif tarreessuun gowwummaadha. Waraana kana eegaluun boolla qabsoo fi injifannoo Oromoo itti awwaalan gad fageessanii qotuudha.

Akka sabaatti dallaan diinummaa qabsoo keenyaan burkutaa’ee qabsoo Oromootti firii godhuuf daandiin saaqame deebi’ee akka cufamu hayyamuu hinqabnu. Dhiiga Oromoo dhangalaasuuf, nageenya Oromoo caalaatti booressuuf, humna Oromoo mataa ol qabataa jiru rukutuuf, haadha Oromoo boo’ichatti deebisuuf, abbaa Oromoo imimmaan gaabbii cobsiisuuf dibbee waraanaa rukutame kana hin deggeru. Waraana Oromoo cabsuuf deemu kana waraana Oromoo aangoomsuuf deemudha jedhee hin fudhadhu. Waraana salphina qe’ee Oromootti affeeruuf deemu kana kabajaa Oromoo ol kaasuuf eegalama jedhee sammuu koo hin amansiisu. Shakkii tokko malee waraanni qe’ee keenyarratti gaggeeffamu kun injifannoo Nafxanyaan akka goolabamu sammuun kiyya natti dubbata.

Waraanni WBO fi mootummaa gidduutti deemuuf jedhu dhaabbachuu qaba. Murtii dogoggoraa kana shaffisaan sirreessuun dirqama.

Lammii Beenyaa
Muddee 21, 2018

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

ONLY WHEN THE RIVERS FLOWS BACKWARD: THE LIBERATION OF THE GREAT OROMO NATION

  Part I   By Odaa Hora   “An empire itself has lived with a …

Yaada kanaaf deebisaa kenni