Oduu Haaraya

Daldaaltota dhiigaa

 

Tuesday, 03.26.2013, 04:39am (GMT)

daldaaltota dhiigaa
Bitamee gurguramee
Qarshitti gedderamee
Dhigatu daldalammaa
Bu\’aatu irraa argamaa
Bara dhigni qaala\’e
Gabaatu dhigaa ta\’e
Namni dhiga baatee naanna\’e
Gabaa marsee wal ga\’e
Daldalee buufatee
Mallaqa kuufatee
Heddun mana ijaaree
Kaanis cimee jaaree
Kaan ammo kasaaree
Baayye ofitti haaree
Daldaltootni dhiigaa
Warri abbaa mirgaa
Dhiiga waraabanii
Soqanii bitanii
Gabaatti gessanii
Qarshin gedderanii
Mallaqa horanii
Dureessa beekamaa ta\’u
Bakka fedhan ga\’u
Mallaqaan duureeyyii
Dhigan ammoo hiyyeeyyii
Nyaattota akka yeeyyii
Hamoo garjabeeyyii
Maraatoo bineeyyii
Dhiiga caalaa qarshitu isa marara
Mallaqa filatee dhiigasaa gurgura

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …