Oduu Haaraya

DAFFAQOO BOQQOOLLOO

 

Jiruun fiddee raajii

Taa’uun waa ta’aa hujii

Taatee argee jalloo

Daffaqoo boqqoolloo.

Jilbiiffadhee kunoo daffaqaa

Duubaa afotti jedhee qaaqaa

Yoom jiruu tana haqaa?

Kan daffaqu silaa dubartii

Jiruun maa akkana taatii

Kanuma fooyyeffachuu

An hin fedhu jiruu tuffachuu!!

Dadhabee kaanii kaan qaaqaa

Hin fedhu dubbii laaqaa

Yoom argadha haqaa? (2)

Yookaa itti aansoon marqaa

Isumallee nyaadhaa laaqaa!!

Jabanummaan garuu fiddee haaraa

Niitii fuudhee hujaa taraa?

Kaayyo qabeettii dirqama irra jiraa

Anis hi hujuu taraa!!

FUUDHEE FIDEE HOJJATTUU

Maalii isii beeknee

Fira isiis hin yaamnee

Fuudhee fidee hojjattuu

Woyta mana galtuu

Maaf ga’ee jijjiirtuu

Maaf itillee hin aftuu

Hojjattuu beekne qabee galee

Afsiifatee itillee anis maalalee, maalalee

Anis aaree bitaa natty galee

Obboleessa kankoo yoma ta’ellee

Hojii isii kaan dhiiftee

Haadha maatitiin dhaabattee

Arrabsitee walis loltee

Haadha ijoollees manaa ariite!!

Niitii bifa qabduu faayoo

Ta qabdullee kaayoo

Maaf haadha ilmaa ala baasaa

Maalif mankaraarsaa

Hojjattuu qabee gala

Jiruu of sakaalaa

Maatii bultii gaalaa?

Dhiira baasa baasu

Jaarsummaan eennu haa araarsu

Ijoollees maaf hin mankaraarsuu!!

Hojjattuun taatee haadha buddeenaa

Wanta akkanaa arginu maal jennaa

Gaafuu ijoolleen boottii buddeena naa kennaa!!

Waan kana ka ta’e obboleessaa

Waan akkanaa kana fagootti dheessaa.

Anis araarsa jedhee tirtiruu

Gowwaan qoncoraan maa geerraruu!

Obboleessaa garuu tiruu

Rakkoo kana furuu

Miti gowwaa fagotti irraa goruu!!

Gowwaa akkamitti aarsaa

Na kaffalchiisaa aarsaa!!

Gari gariin callisee dharaa

Waann akkanaa kana gidiraa!!(2)

 

A talk which is not associated with some kind of thought, knowledge, experience or truth is harmful.

Atwin Ace

 

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 4FFAA

Gamteessaa Sabaa

Mucaa Gamna:- Mucaan Gamni Wayii Daldalaa Wayiitin Wal Lolee

Yeroo wayii namichaa daldalataa woytuu ture. Innis kan qabeenna karaa dharaatiin guurratee of duroomsu ture. Innis mucaa beekaa wayii yeroo tokko qarshii inni meeshaan bitachuuf amaanaa bira kaayate natti hin kennine jedhee dhoorgate. Mucaanis aarus ima callisee itti dhiisee biraa deeme. Guyyaa biraas bakka biraa walgahii dhimma biraatiif taa’amerratti wal ga’an. Namichaan rakkisaa waan taheef bakka wal gahii haajaa biraa irratti akka mucaa sana irraa yaada fuune ganzaba koo hate bade jedheen. Jaarsi abbaan waltajjiis dhimmicha mucaan duraa waan itti himee tureef maal daldalataan afaan faallaa hujii faallaa! Ufii irraa fuudhee dhooggatee faallaa haasayaa; na jalaa hatte jedhaa! jedhee didee mucaa irraa yaada fuudhe.

Mucichis yoo duraa yaada biraa haasayuu ka barbaade namichaan wal qaban. Mucaa dubbii nama guddaa, beekaa keessa jirraa dhiisi ati jedheen daldaltichi! Ilma beeraa jedheen afaan taree.

Daldalataa:- Haatee gamnaa? jedheen

Mucaa:- Abbaa kee ni caalti! jedheen

Daldalataa:- Ati hoo gamnaa? jennaan

Mucaa:- Si ima caala! jedheen

Daldalataa:- Abbaan kee hoo jennaan

Mucaa:- Kan ambaa diina afaan qabachiise mitii; kan ambaa diina addaan galche mitii? Jedheen

Daldalataa:-Ati mucaa anaa sitti dubbate balleesse jedheen!

Mucaa:- Qacceen ofumaa garaftee ofumaa iyyiti; atuu beekte jedheen; guddaa jedhanii dubbii hin taane, argan irraa hin fudhatan dargaggeessa jedhaniis callisi hin jedhaniin. Guddas xiqqas kan jechisiisuu danda’u wanta nama sana keessa jiruu fi dubbii isaati jedheen!! Eega ofii keetii ka na dubbiftuu jedhee mucaan aaraa akka armaan gadii dubbate!

 Akkuma beekamu daldaltoonni dhiifama naaf godhaatii amma kan daldalaa hattuu kanaa dubbadhaa isin warri karaa sirriitiin daldaltanii duroomtan akkuma jirtan; warri hannaa fi humnaan duroome akka namichaa kanaa jiruu. Argaa si’a lama natty deebi’uu isaatii:-

1FFAA… Qarshii kook an ani meeshaa bituuf bira kaayadhe na dhoorgatuu fi na arrabsuu isaa.

2FFAA… Bakka walgahii kanattis an dhimma biraa walitti qabamneef yaada kennuuf carraa yoo gaafadhu naan mormuu isaa. Bakka hundatti dhiibbaa narraan gahuuf fedhuu isaa hubattan yaa daldaltoota karaa sirrii akkasumas warren biraa. Kana kan waa’ee qabeenna ofii malee kan biraatii hin yaadne; hiriyyoota isaas dabalatee hattoota ta’uu beektan nama meeqaas kallattii meeqaan akka miidhan!… yoo mucaan jedhu Namoonnis harka dhayan!! Ililchanis waan garee sana hin jaalanneef. Mucaan itti fufees akkas jedhe:- Beekaa calliseeti malee anis waan inni hojjate beeka! Maal akka hojjataa jirus beeka,waan inni na hin fedhiniifis beeka, beekaa callise malee! Callisan fixan jechaaf malee! Jedhe itti fufuunis…

“Ooftee ooftee hoolaa hatte tana abbatti fidda jedha mammaaksi” jedhan.  Warra garaa haadhatitti ilkee baasee! Yoo nuti gurshaa sadiin guyyaa dabarsinu isaan si’a sadii ol nyaata akkam akkamii nyaatu? Hojii humnaa nu hojjachiisanii kan nuuf hin kaffalle meeqa?Kan qabeennaa tuullatee hiyyeessa gama hundaan of jalatti galchee hacuucuu barbaadu kanaa fi hiriyyoota isaa. Uffanni isaanii meeqa guyyatti hagam jijjiiratu? Nuti uffanni dhumatu malee jijjiirannaa? Mana meeqa qabu? Waa meeqa qabu? Qabeenna kana akkamitti horatan yoo jenne kama isin beettanii fi anis himadhe; hannaan, humnaan ta’uun beekamaa!!Warra uummata qorqatee jiraataa jiru jira. “Galata  Rabbii garuu akka isaan nu tuffatanii mitii kallattii kamiinuu hojjannee jiraanna. Yaada illee bilchaatas qabna!!” jedheen. Mucichi namichaaa fi hiriyyoota isaa daldaltoota dharaa salphisee namoonnis gammadan!!

 

***

Gamni gamnatti dhufee akkana jedhe “Namni jabaan nama maal huje? Laafaan hoo?” jedheen. Gamnichis “Namni jabaan nama dogongora, rakkoo, laafina ofii irraa baree sanirrattillee of fooyyessee gara carraatitti jijjiire! Laafaan ammo faallaa kanaati.” jedheen

 

***               

“Abaarsa eessa dhaqxa?” jennaan “Gara abbaan na erge!”

Yoo dhabde hoo jennaan “Abbamaaf deebi’a!” jette abaarsi

 

***

“Guddaan/beekaan maaf nama kabaja?” jennaan “Guddinnuma/beekumsuma isaatif” jedhe “Wallaalaan/laafaan hoo maa nama xiqqeessa?” jennaan “Xiqqeennuma isaatif!” jedhe gamni gamnichi gaafannaan.

 

***

Waa wallaala dabalatte waan falli baafne:-

-Deegni wallaala dabalatte waan falli baafne

-Laafinni/dadhabinni wallaala dabalatte waan falli baafne

-Jallinni/makkaltummaa wallaala dabalatte waan falli baafne

-Rakkoon/gideen wallaala dabalatte waan falli baafne

-Gabrummaan wallaala dabalatte waan falli baafne

Itti fufaa…

TOKKO MILIYOONAA KA DALDALU(Walaloo Fooyyayu)

Tokko miliyoonaa ka daldalu

Tokko waan nyaatu dhabeetii qooqa kan bulu

Waan kana maaf hin furre namni dhimmi laalu!

Dhugaa kun waan hin jaalatamnee

Waan kana osoo fooyyessinee

Daldala sirriif osoo diriirsuu nuu dhufee

Hannaan duroomuunis osoo illee hafee

Daldallalle jennaan dureessi karaa cufee!

Raajii, raajii…………………………………………

Waa meeqa qabatee hiyyeessa gad dhayaa

Didee kunoo hundaa borcaa waliin dhayaa

Waa meeqas qabatee kaanii kaan haasayaa

Osoo gaarii hujee maaluma mee tayaa?

Raajii, raajii…………………………………………

Gariin hin arguu maal osoo hubatee

Beekaa ka jiraatus jira hiyyeessa cuffatee

Jiruu hiyyeessaa mee ilaalaa

Dhugaan itti kennaa falaa

Dureessi didee ofuma tajaajilaa

Dureessi ammallee ammalee bololaa

Akki dureessi ta’u hiyyeessaa maalalaa

An homaa hin sobnee isinuu ilaalaa!!

Raajii, raajii…………………………………………

Dureessi wal guuree walguuree

Hiyyeessallee itti cufe xurree

Hiyyeessis  kanumaaf dureessatti xuure!

Raajii, raajii…………………………………………

Dureessi nyaate banjii!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

CAACCUUN KALLACHAA BAR JABAA

Malkatoo malkata qabaa

Raajii waan ajabaa

Caaccuun kallachaa bar jabaa

Inni maalif gadi of qabaa?

Garuu garoo………………………

Si’a kana maali kan muguu

Inni of hin arguu?

Ormi kijibaan ka haguuguu

Waraabessi guuguu

Kan lafee duguuguu!!

Ajab ajab……………………………

Dharri kan beekus kijibaa

Booddeen kufa qabaa

Rafe teessorraa of dhabaa

Dhugaa ofitti qabaa!!

Argitan kaa

Dhageettan kaa………………….

Dharri kunoo raatayee

Dhugaa Rabbi faayee

Hunduu ragaa bayee!!

Bee bee…………………………….

Dhara jibbee martii

Dhugaan ni qallattii

Qallattii qallattii hin cittuu

Dhugaan bar takkatuu

Sobnis babbay’attuu

Dhugaa bakka buutuu

Jedhee duruu mammaakee

Warri sirrii nuuf akeekee!!

Dhageennee qalbeeffannee………..

Dhugaan tokkoo lamaa gayaa

Dharri iyyaa raatayaa

Dhara baay’esseetin iyyaa

Dhugaan hin qabduu ree hiriyyaa

Anaaf dhugaa naaf wayyaa!!(2)

 

(Gamteessaa Sabaatin)

 

YOO HAATIRIIKAA AGARSIISEE

Ormi kunoo ka deemu ispaaltimarraa

Gufuun kuffisullee waa jiraa irraa

Animmoo deemee jirbirraa!!

Raajii raajii………………………………….

Yoo haatiriikaa agarsiisee

Amma maalif barbaachise

Kan gariin gaafii natti kaase!!

Ofumaa yaalaa irra deemaa

Isiniif salphaa deemaa yaalimaa!!

Jaaladhee hin deemnee darbaa

Waan raajii waan ajabaa

An dhiise dhiise

Maaf na barbaachisee?…………………..

Dhiibbatu natti fidee wanta kanaa

Galataa dhiisee wayta ammaa tanaa

Edaa kana rakko’oo ka’ee jalaa godaanaa!!

Kan dhiisefis wanti sun heddu hamaa

Akkuma nama kamiituu karamarra deemaa

Dhiisee jirbii akka karaa irra deemuun hamaa

Waa an qofti rakkoo cimaa sana yaamaa

Dhiisee wanti sun ni cimaa

An qofti kufee cabaaf rakkoo yaamaa!!!

Deemsi sun bar jabaa

Abba filatee deemuu qabaa!!(2)

 

AMAZING OF LIFE

Life is chain of:-

Ups and Downs

Misfortune and Fortune

Failure and Renaissance

Of strength and Of weakness

Inferiority and Superiority

Love and Hatred

Light and dark

Good and Bad

Etc

I enjoyed; Thanks to Allah!!!

 

AMAZING OF LIFE!!!
When I finished one phase which is unexpected and amazing; it also led me to other phase which is unexpected and amazing; when I also finished that; it also led me to another which is unexpected and amazing; etc!!! Life is amazing!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!! Thanks!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

 

ISSAAPPAA LAMMATAA MAALTU DHAGEEFFATAA
Maa baayyee odeessuu
Maalif fafakkeessuu!
Kan dargii kuffise
Uummanni osoo odeessee
Isaa ka kuffise!!
Seenaa dubbattanuu fokkisaa
Isa kana odeessuu dhiisaa
Seenaa warra seenaattu barreessaa!!!
Piroppagaandaan wallaalaa jaanjessee
Seenaa Ihaadig jedhee o’odeesse!!
Piroppogaandaan hangasii bar dibee
Lallaafaan waan ofii haasayuu dadhabe
Gareen inni kittillayyoo dhaabee!!
Sabni baldhaan waa dagatuu
Hunduu kanuma yaadatuu
Jarri maa odeessaa raatuu (2)
Jarri maa dhaadheffataa
Cunqursaa ka kuffise uummataa!!
Maa kana hunda odeessaa
Maa ofis jaanjessaa!!
Uummanni beeka akeekkataa
Ihaadig maa na fudhaa worwaata? (2)
Marsee Dargii Keeniyaa
Marsee Dargii Somaaliyaa
Marsee Dargii Eritiriyaa
Marsellee Jibuutii fi suudanii biyyaa
Hunduu wal gahee humni aduniyaa!!
Kan keessaa caalaa maqaa dhayaa
Dargiin dhabee hiriyyaa
Akkasitti bu’ee hallayyaa
Mangistuunis ka’ee baye biyyaa
Woyyaaneen ana injifatee maa iyyaa!!!!(2)
Kaanii kaan kaasaa CD dhaan maxxansaa
Raadiyoo, gaazexaa,Tv dhan tamsaasaa
Garillee joonjessaa
Gariimmoo dhamaasaa!!!!(2)
Hundatu wal gahee
Hunda dargii dhayee!!
Kaasaa waa’ee saba bal’aa
Kaasaa waa’ee qotee bulaa
Kaasaa kan barataa
Kaasaa kan daldalataa
Hunda kaasuf yeroo gabaabbataa
Hundinuu hubataa!!(2)
Waa’ee paartilee kan akka:-
OLF, TPLF, EPLF, Ici’aat, Ihi’aappaa kkf heddumaa
Hundatuuyyi mormee abbaa irrummaa
Deebi’ee ta’ee bar Ihaadig Dargimaa
Dubbadhuu ka isaa waa dhumaa!!!!(2)
Ammaa achi dargii lammataa
Maaltu dhageeffata
Yaa uummata ofirraa iggitaa
Dimokiraasii yoos ijaan argitaa
Uumadhaatii gamtaa
Gamtaa injifataa
Hay gamtaa hay gamtaa
Tokkummaanis humnaa
Koottaa wal tumsinaa
Issaappaa lammataa maaltu dhageeffataa
Ofirraa buqqisaa darbadhaatii gataa!!(2)

DUR DURII
QOCAA FI ILLEESSA
Dur dur jedhan kocaa fi illeensatu biyya tokko keessa jiraataa ture. Gaafa tokko illeensi ganamaan bayee osoo deemuu qocatti dhufe. Innis deemsa qocaa ilaalaa ija tuffiitin akkana jedhe. “Hagamiin deemtaa?” “ Akkamiin deemtaa?” jedheen. “Qocaanis anaaf ga’aadhuma” jetteen. “Kunis deemsaa” jedhee illeensi bakkarra taree qocaa tuffatee; “anas hin geettu” jedheen. Qocaanis “akkamitti?” jedheen. “Yoo barbaadde kootta wal dorgomnaa” jedheen illeensi. Qocaanis tuffatamuu isaatif aaree “hayyee” jedheen.
Kanaan booda bineensota taajjabbiif yaamatan. Bineensonnis garee lamatti hiramanii gariin fiigicha eegalsiisuf gariin fiigicha xumursiisuuf bakka ka’umsaa fi ga’umsaatti sassaabamanii dhaabbatan. Kocaanis osoo fiigicha hin eegalin duratti akkana jedhee kadhate “Yaa Rabbi situu na uumee, illeensas situ uumee, illeensi kunoo na tuffatee raajii keetin na injifachiisi” jedhe. Fiigichis eegalame; isaanis fiigicha itti fufan. Illeensis jalqabarratti akka malee heddu fiige miillis dadhabe; walakkaa erga fixee booda dadhabee boqachuuf gadi taa’e; achumaanis rafe. Qocaan ammo ciminaa fi gootummaan fiigaa bira taree bakka ga’umsaa ga’e injifannos goonfate jedhama.
WALALOO QOCAA
“Illeensi akkasitti of tuulee
Qocaanis akkasitti guulee
Guulee, guulee, guulee
Injifannos ofirra tuulee!!”
EGAA egaa egaa……………………….
Isa kana argaa
Kuninuu naa raga
Aak jedhan waa tufan
Mammaakan waa himanii!!
Dandeettii qaba jedhee of tuulaa
Waan yeroon ykn carraa godhuu ilaalaa!!
Karaan injifannoo hin dhabuu gidiraa
Karaa dheeraa deemuttillee jirraa
Kanarra ammo gufuu heddu jiraa
Isa salphaa of jalallee ciraa
Kaan tarkaanfannaan irra taraa
Jabaa bitaa mirgatti irraa goraa
Hammaatus kan kallachaa gadi jennee taraa
Akkanuma akkanatti
Akkuma kanatti
Haaluma kanaan deemnaa
Bakka kaanef geennaa (2)
Obsaa inuma milkoofnaa(2)
Kuunii kuun wal guuree
Nutti cufee xurree
Dhugaan qallattii hin cittuu
Obsaa inuma argattuu!!
Obsaatuma deemnaa
Abdiis hin kutinaa
Galma abbaa keennaa (2)
Ima bira geennaa!!(2)

 

GOOTATU GEERRARAA/geerrarsa
Ani baayyellee aaree
Gaddes mankaraaree
Goota dhufee karaa
Gootatu geerraraa
Gootatu weeraraa.
Kaayyoon sabaa jabaa
Maaltu gadi na qabaa?
Sabnis mankaraaree
Anis akka koo aaree
Waanyotti agarsiisaa
Ka’ellee dhiichisaa
Ka’elle loliinsaa!!
Warri jala gale
Jalallee uttale
Kuni hoo ka jenne
Tana jiitee dhabne!!
Yaa obboleewwan tiruu
Gaaffiin saba keessa jiru
Kan atattamaa isinii hiruu.
Hiruu…………………………………..
Sabni hin ta’u jedhee roorroo
Gatuufii gabrummaa raroo!!
Gabrummaan hammeennaa
Silaa inuu beennaa
Maalif gadi teenna!!
Tokkoo lama mitii ka’e maroo
An hin fedhu jedhee roorroo!!(2)

 

TOKKUMMAAN BAR HUMNAA
Maaf walii tumsinee
Maaf walii birmannee
Maaf walii baabsinee.
Hay gamtaa hay gamtaa
Gamtaa injifataa!!(2)
Tokkummaan bar humnaa (2)
Koottaa wal tumsinaa(20
Maalif kophaa fiinnaa
Maalif gargar baanaa
Maalif faffacaanaa.
Gootni hundaa taree
Kunoo lubbullee gabbaree
Teettanii hin yaa’inaa carree!!(2)

ISIN YAA SABBOONTOTA SABAA
Qe’ee si ariitii yarattuu
Hojiin waa guddaa jijjiirtuu
Dhugas waa dubbattuu!!!
Huungeen miitee sabaa
Jarri taa’ee sobaa!!
“Abbaan durbaa nutti hafee kabbartee
Warri garaa raqaa nu hacuucuu jalqabdee
Lakkaa abbaa durbaa kana nurraa kaasaa
Afaan birri nutti banaa xaasaa!!!!”
Jedhee sabni durumaa
Ammallee jarri kun hamaa
Ammallee jarri bar sanumaa
Waan akaakayyuu nutti himaa!!
Jarri duraa sobaan injifatee
Hin dandeettanii kan isaanii mootee!!
Saba qabaa aangoo
Bakka nu bu’uu warri hoongoo!!
Jarri sobaan dhugaa karaa dabarsee
Kun saballee kunoo aarsee
Aarsas kunoo kaffalchiisee!!
Injifattee % injifannoo dhibbaa
Ummannis kanumaaf si jibbaa
Ka ati hujjetuu kijibaa!! (2)
Isin yaa sabboontota sabaa
Sabni sima qofa qabaa
Situ dhugaa qabaa
Situ bar jajjabaa
Maaltu gad si qabaa(2)
Yaa sabboonaa sabaa!! (2)

GAMNI INNI HAYYUU
Hin fedhu ka’e gataa gabrummaa
Si’a meeqaa meeqa hacuuccamaa?
Kuunii kuun jijjiiramaa
Hacuuccama baatee deema!!
Gabrummaa ka’aatii buqqisaa
Itti ka’anii kunoo afaan baniinsaa
Darbadhaa dhagaa afaan buusaa!!
Gabrummaa ofirraa buqqifna
Dadhabnu ilma itti guddifna!”
Itti ka’ee kunoo booyicha
Imimmaan coccobsa akka naachaa
Hojii badaa isaa dhuksuudhaf jechaa
Aaree keenna kunoo ijji diimaa
Kan qabuu kaayyoo cimaa
Kan hin qabnee waan hamaa!!
Kan jaalatuu biyya
Isaa abbaan Oromiyaa
Kuun sobuudhaaf iyyaa!!
Gamni inni hayyuu
Kan sabni jalaa dhagayuu
Isaa kan biyyalleef tayuu!!
Maasii qaba jettii jaamaa
Maasaa sobaaf yaamaa
Maasaan isiituu ka aramaa!!

NAMA YEROO RAKKOO SIRRITTI ARGITAA
Namni sila jiruu utubuu
Jirullee hin qabuu
Kan olii gadi deemee kijibu
Yeroo hamaaf ka gubu!!
Maaf hin hojjatu waanta faayda qabaa
Quba maa natti qabaa
Warqee yeroo isaa maalumalleef gubaa?
Oduun nama dhuunfaa maa itti mi’aaya
Kaanii kaan kaasee maa waliin dhayaa!!
Haasayuu barbaadu gaarii hin dubbatuu
Hamiidhaan hiyyeessa kan cuffatu!!
Nama hamiin deemu mormellee dadhabee
Falmellee sanallee ajabee
Hiriyyaa garillee taajjabee!!
Yeroma rakkoo waa argitaa
Namumaa sirritti hubattaa!!
Fira jechuun isa yeroo rakkoo
Hiriyyaa jechuun isa yeroo rakkoo
Lammii jechuun isa yeroo rakkoo
.
.
.

Nama jechuun isa yeroo rakkoo
Kan biraa hin qabuu homa tokkoo
Madaala hin ta’uu inni yeroo makkoo
Jiraannee nullee kunoo galataa
Nama yeroo rakkoo sirritti argitaa!!!!

 

HARKI KIYYA MIRGAA V QABATEE
Harki kiyya mirgaa V qabatee
‘Victry’ filatee!!
Harki kiyya bitaa V qabatee
‘Victry’ filatee!!
Gaarinis gaarii hojjatee
Abbaan kama ofiis filatee
Gaariin gaarii filatee!!
Harka kamiin hojjatta
Harka kamiin filattaa?
An lachiinuu hojjadhaa
Kanas quba qabaadhaa!!!
Kiyya lachuu gaarii hujaa
Isinis akka taane mujaa!
Filadhee garuu ka mirgaa
Abbatuu of ilaalee argaa!
V filate kaa Mandeellaa
Kun hundaafuu walii gala
V godhate Yaasir Arafaatu
Harkuma ol fuudhii hammaatu
Harki keennaa laalaa
Kun dubbiin nu laalaa
Miilli jaraa yaalaa
Qubni miilaa jaras tajaajilaa!!!!

 

A mouth that speaks of good is far better than the one which is silent; but a mouth which is silent is far better than the one which speaks ugly.
Amts Acce
A strong man is the one who becomes a slave and ruled by his own problems, mistakes & crises and at the same time that becomes a king and rule over his own problems, mistakes & crises; be at the same time slave & king; do not blame the others.
Asmi Acce

The WORST POVERTY is due to lack of knowledge/education.
The WORST SLAVERY is due to lack of knowledge/education.
The WORST INFERIORITY is due to lack of knowledge/education.
The WORST PROBLEM is due to lack of knowledge/education.
The WORST FAILURE, PERFORMANCE, ETC. is due to lack of knowledge/education.
KNOWLEDGE/EDUCATION IS GAINED BY: – 1.Religion or Academic 2.Formal or Informal 3. In school or In Life 4. By theory or By Practice 5. From yourself or Others

 

FRIENDS
Let us promise and unite to be stronger and be long walk fair friends to one another. For that let us be; kind, truth worthy, cooperative and positive thinker. Keep a hope alive; don’t surrender!!!!!!!!!!!!!!!!

 

22/2/2016
Friends I wish u good time!!!!

I hope that our future; right/best leaders shall enjoy and sit not only on rotating chair but also in rotating and moving office(of good technology) which brings experts, supervisors, peoples etc. closer to them for simplicity. I also hope that they also bring great/radical changes for the people they have promised. Especially, for very poor communities/peoples! I wish all the best for them!!!!!
Iptof Acce
I am also trying to return back to my previous job!! Garuu raajii!! akkas jedhan bakka hojichaatitti ‘qualify’ hin gootu jedhan. Kana ammoo wantoonni laafonuu anaa mirkaneessiti!! Dabbasaan kiyya osoo haadanii laakkayanii hima, kotteen tiyya osoo muranii laakkayanii himti. Caalaa ammo kiiloon kiyyas overweight ykn underweight miti!! Kilo 70 fi 175cm dha. Gariinuu jira mitii kan 90cm fi 100 kg kan tahe!! Dhagaa jechuudha!! Yoo akka paayleetiittis ilaalame, ‘mass to height ratio, body mass index, kg/m2’. Ka! Ka! Ka! ‘Certification Bsc plus Partial Mtch” dhiisaatii!!! Ka!Ka!…

AKKA KANA BADIIN
Ganzabni nama bitee
Namas injifatee!
Maaf taa’ee agibaa
Maalif sabaan sobaa
Maaf garaa nu gubaa!
Raajii akka kanaa
Wal lolchiisuu qar. kennaa
Akka kana badiin
Akkas huja gadiin
Kan nama mormituu arrabse
Kunoo ganzaba itti baasee!
Nyaapha kan arrabsee
2 qar. Argamsiisee
Kan arraba laaftuu
Kanaa kan argatuu!
Giddugaleesse qar. 3hatu
Kanaa kan fudhatu
Arraba moo cimaa
Qar. 4maa!!
Akkasi hojjatama
Akkasis jiraatama
Namnis agibamaa!! (2)
Dadhabaan namaa
Kana huju argamaa
Namni ijaarramee
Walittis dheekkamee!!
Gabrummaa ofirraa kaasaa eebbaa
Yaada koo ibsuuf waallee gaabbaa
Dimokraasii jaraa ta’ullee kijibaa
Callisuun gari garii ammoo ajabaa!!

BA’AA PIROFEESARICHAA
Mana pirofeesaraa gaafa tokko deemee
Kitaabota adda addaa naa baadhu jedhame
Ba’aa qofa seetuu;
Akka isaa barsiisu
Akka kallattii garsiisu
Gaafii natti kaasuu
Ani akkana jedhe
Yoma san birdhadhe
Yoosumas beekkadhe
Akka dubbiin qoosaa
Ni fedhee na gorsa!!
Akkanas jedhe!!
“Kana baattaa
Rakkorraan uttaaltaa”
Ba’aa baadhu jedhame
Anis gaa cinqame!!
Rakkoon taatee gufuu
Atumti itti fufuu!
Ati baattee waggaa diigdamaa
Kan biraa akkamitti dhabama
Ba’aan pirofeesarichaa
Edaa hagas duuchaa
Akkamitti baattee ba’aa
Ani sirraa fuudhuu waa danda’aa
Sadarkaan kee bar pirofeesarummaa
Kitaabni siyaasaa ulfaataa ba’aamaa
Kana dhiisee kophaa koo taa’aa
Bar an ofii kootittuu ba’aa!!
Digriin an qabullee tokkomaa
Hanga ammaa argannee pirofeesarummaa
Akkamitti kana baadhu jedhamaa
Maali raajiin bara ammaa!!!
Kitaabota adda addaa qucerra godhattee
Fe’aa u’ulfaataa ofitti fe’atte
Sadarkaa sadarkaan hanga addunyaawaa
Waan akkanaa kana waa itti kalaawaa!!
Kan hammanaa dandeettii waa qabaa
Ana quceen na cabaa
Barbaadaa; kan dandeettii waa qabaa!!

GEERRARSA/DIINATTI GEERRARA/
Diinattin geerrara (2)
Mee na jalaa goraa (2)
Diinarra gortanii akka nama yaraa
Diinni diinaa farraa
Buqqisee tan gataa
Cunqursi fokkataa (2)
Gootni abbaa biyyaa
Waa dhabee hiriyyaa
Anis deeggarumaaf iyyaa!!
Gabroomfataan fokkisaa
Nurra bayuuf taaffisaa
Caasallee diriirsaa
Caasaa darbadhaa fageessaa
Cabsaa kuffisaa waa taanee
Tan of malee yaanne
Tan garaa ofii malee beenne!!
Meeshaa qabannee lollaa barana
Bilisummaan waa kadhaan dhuftii jarana!!
Anillee jigii bayaa
Gola taa’un woy tayaa
Jarri sobu akkuma dhalatan
Ofumaa hujanii saba maqaa yakkan!!
Tana jara hattuu
Homa hujju, dubbattu saalfattuu!!

 

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …