Oduu Haaraya

DABARSAA BILBILAA HARKAA FI MIDHAA INNI QABU

Bilbilli harkaa(mobile) jireenya keenya guyyaa guyyaa kessatti heddu barbachisaa ta’uurra kan ka’e yeroo amma kana daqiiqaa tokkoof of bira dhabuun namoota hedduuf ulfaataa akka ta’e hundi keenyaa beekna. Kanaaf ka Mata duree barreeffama kana ilaalee qofa namni natti dheekkamu hin dhabamu; maali bilbilli harkaa(mobile) immoo rakkoo maal qaba jechuudhaan. Marree dhugaan isinitti himuuf ka’e kana; kaampaaniwwan(warshaawwan) moobayila oomishan akka dhageessan hin barbaadan. Kaayyoon barreeffama kana hojii teknoolojii busheesuuf ykn ammoo isin sadaachisuuf miti.

Galatni teeknoolojii hin badin anuu barrefama tana isiin biraan gahuuf moobayiliin fayyadame; isinis hedduun keessan moobayiliidhaan barreffama kana dubbisaa jirtutti. Marree faayidaan moobayilii ifatti akka mul’atu kana miidhaan isaa waan hin mul’aneef ;isinis moobayiliin miidhaa maal qaba jettanii mormuuf yoo katan isinitti hin murteesu. Ergaan barreeffama kana moobayilii gonkumaa hin fayyadaminaa jechuuf osoo hin taane rakkoowwan itti fayyadama moobayiliitin wal-qabatan isiin beeksisuu fi of-eeggannoo godhamuu qaban isinitti himuufi. Itti fayyadama moobayiliitiin wal-qabatee rakkoon fayyaa fi du’an nama gahu jira. Akka ragaan qorannoo mul’isutti moobayiliin suuta(osoo nuti hin beekiin) karaa baay’eedhan du’a akka nutti fiduudha. karaalee kanneen keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti:

1.Dhukkubbii mormaa fi dugdaa:
-saaynsiin akka jedhutti namni gadi jedhee moobayillii fayyadamu(wa dubbisuuf ykn barreessuuf) nama morma isa irratti meeshaa 12kg ulfaaltuu rarrafate/batuun wal-qixa. kun ammoo suuta suutan maashaa mormaa fi dugda osoo nutti hin beekkamne akka citan taasisa. Haala kanaan yeroo dheera booda dhukkubbi mormaa fi dugdaaf nu saaxila. Namoonni baay’een yeroo amma dhukkubbii dugdaan rakkachuurrati argamu. Kanaaf jechas yaalii hin barbaachisneef(operation) godhu.Dhukkubbii dugdaaf sababoonni baay’een jiraatanis kunis sababa akka ta’uu danda’u haa beeknu.
2.Jarmii dhukkuba fidaniif madda ta’uu danda’a
-Haala nama aja’ibuun qorannoon akka mul’isuutti moobayiliin namoota hedduu qulqullumaadha harka 18tiin mana fincaaniiti gadi. sababni isaas namni harka isaa yoo dhiqatuu, moobayilii dhiquu garuu hin danda’amu. Sila kana ta’eef yeroo garagaraati harka xuraawaan moobayilii tuttuquun keenya hin oolu.kun ammoo jarmiiwwan(baakteriyaan) deebisani dhukkuba nutti fidan akka irratti wal horan taasiisa.
Harkuma bilbila keenya tuttuqneen osoo hin dhiqatin nyaata sooranna.
3.Carraa kaansariin qabamuu keenya dabala
-Qorannoo godhameen guutumatti adda baasuun dadhabamus yeroo heddu moobayillii fayyadamuun kaansariiwwan sammuu,ijaa,dhiigaa,cidhaanii fi kaansarii xannacha hanchuufatiif akka nama saxilu qoratootni ni dubbatu.
4.Balaa Tiraafiikaa
-Kun wanta akka laayyootti ilaallamuu miti. Balaa tiraafiikaa qaqqabu 4 keessaa 1 konkolaachisaan yoguu bilbila tuttuqu/haasa’u akka ta’eedha ragaan kan mul’isu. Hanga har’aatti lubbuun meeqa sababa kanaan darbe laata?
5.Tamsaasni “WI-FI” sanyii dhiiraa midhuu danda’ – barreeffamni” journal fertility & sterility” jedhuun maxxanfame akka mul’isitti WI-FI yoguu fayyadamnu “electromagnetic radiation” kan jedhamuu tamsaasa kun ammoo sanyii dhiiraa lakkoofsan hir’isuun hanga carra dhala nama dhabsiisuu (maseenumma,infertility) geesisuu danda’a.

***Dabalataanis
>Dandeetii xiyyeeffannaa keenya ni hir’ata
>Hirriba dhabuuf sababa ta’a:-hirriba duraa yoo xiqaate sa’aatii lamaaf ilalaa yoo ture ta’e hirribni nu qabuu baachuu danda’a kun ammo sababa ifitti bilbilaa sammuu keenyarrati qabuun dhufa.
>Dhageettii gurraa hir’isa:-sagalee ol qabnee ‘head phone’ ykn ‘ear phone’ niidhan muuziqaa ni dhageeffana yoo ta’e.
>Ija midhuu (fuuldurati nu jaamsuu) danda’a:- yeroo dheeraadhaaf osoo adda hin kutin bilbila ilaaluun.
>Jireenya hawaasumaa midhuu:- nama waliin hariiroo hawaasumma akka hin qabanne nu taasisa.
>Araada nuti ta’uu
>Dhukkubbi harka :- yeroo baay’ee wa barressuu fi ‘scroll’gochurra kan ka’e.
MAAl WAYYAREE?
*Hanga danda’ameen yeroo bilila keenyarrati dabarsinu ya hir’isnu. Kana jechuunis dhimma barbadnu itti fayyadamnee lafa ka’uu fakkeenyaaf ‘facebook’ yoo fayyadamnu erga qabnu dabarsine; odeeffannoo barbaadnu ilaalee bahuun ni gaarii ta’a
.Bilbilaan yoo nama dubbisnus hasawa gaggababaa fi ergaa barbaachisu dabarsuurrati haa xiyyeeffannu.
*Bilbilaa yeroo dheeraaf hin ilaaliin:-daqiiqaa 20 yoo ilaaltee sekondii 20 ammoo waan birra fuldura kee jiru ilaali itti deebi’i. Kana yeroo yerootti gochuun gaariidha.
*Nama wajjiin jirta tanaan bilbila akka hiriyaati hin ilaaliin. Hariiroo hawaasummatiif si fayyadaa nama waliin hasa’i. Hiriyaa kee ‘facebook’ irratti itti haasoftu caalaa kan cinaa kee jirutti hasa’uutu bu’a qaba.
Keessatuu haati mana fi abbaan manaa yeroo waliif kennuu qabdu.
*Hirriba dura sa’atii dheeraadhaf(>2) bilbila hin ilaaliin, hirriba sin dhoowuu dandaati.
*Muuziqaa sagalee ol aanaadhan hin dhaggeefatin.
*Bilbila madda ibsa(chaarjii) irra gootanii gonkumaa nama hin dubbisinaa. Akkasuma ‘ear phone ykn headphone’ dhaan waa hin dhaggeeffatinaa. Akkas gochuun balaa hanga du’a namarran gaha. Namooni du’anis jiru.
*Yoo danda’ame bilbila kiisii keessa godhachuurra waan itti qabannu kan akka boorsaa keessa godhachuu osoo baranne.Akkas gochuun raadiyeeshinii bilbila irraa maddee qaama keenya miidhu xiqqeessa.
*Halkan yoo raftan bilbilli eegdan yoo hin qabaanne cufa ka’aa ykn ofirra fageesuun ka’a. Dammaqsituu(alarm) guutanii warri mataa dura ka’atan akkas gochurra of qusadhaa.
*Ijoollee daa’imaati gonkuma bilbila hin kennina. keessatuu umriin isaanii waggaa 3 gadi warra ta’anitti. Yeroon kun yeroo sammuun ijoollee itti guddatu waan ta’eef guddina sammuu isaanii dangessa. kanarra kan ka’e daa’imman rakkoo cimaadhaaf saxila’an ni jiru.
source:foodsandhealthylife.com
Galatooma!!!FAYYA TA’A

Dr.Yona.

Check Also

kuusa afaan oromoo

Jechoota Koompitaraa Afaan Oromootti kan hiikame..

Abduljabbaar MohammedFölj 11 november 2017 Jechoota Koompitaraa Afaan Oromootti kan hiikame– warrii koompitar qabdan ykn …