Oduu Haaraya

Daaroo Labuutti gargaarsi warra beela’eef kenname hatamee gurgramaa jira

OMN:Oduu Hagayya 23,2015 Godina Harargee Lixaa, aanaa Daaroo Labuutti, sababa hanqina roobaatiin ummata beelaaf saaxilameef gargaarsi muraasni dhaabbilee gargaarsaa mitmootummaatiin kennamu, ummata beelaan dararamu otoo hindhaqqabiin qaamolee bulchitoota mootummaa Itoophiyaatiin jumlaadhaan gurgurtaarratti akka argamuufi ummatichi daran beelaan lubbuun galaafatamaa akka jiru jiraattonni Oromiyaa Midiyaa Networkitti himan.
Hanqina roobaa mul’ateen ummata Oromoo balaa beelaatiin rakkachaa jiruuf gargaarsi mootummaa Itoophiyaatiin godhamu dhabamee wayita jiru yeroo kanatti, gargaarsa muraasa dhaabbileen mit-mootummaa, ummata beela’e afaan jiisuuf ergan qaamoleen mootummaa gurgurtaarra oolchanii dantaa dhuunfaatiif oolchaa akka jiran himame.
Godina Harargee Lixaatti jiraataan aanaa Daaroo Labuu tokko OMNitti akka himanitti, ummanni aanichaa beela’e waan nyaatu dhabee wayita du’aan galaafatamaa jiruufi qe’eesaarraa godaanuuf dirqamaa jiru kanatti, qaamoleen mootummaa Itoophiyaa midhaan gargaarsaa dhaabbilee mitmootummaarraa argame, qoonqoo namoota beelaaf saaxilamaniirraa fudhatanii gurgurachaa akka jiran dubbatanii, gara jabummaasaanii hadheeffatanii ibsan.
Midhaan nyaataa dhaabbileen gargaarsaa kan akka ‘Food program’ kennan kunniin, bulchitooonni aanaa Daaroo Labuu hojjattoota qonnaa waliin raabsuuf itti gaafatamummaa fudhataniillee, ummata jalaa gurgurachuuf waliigaluudhaan hojjataa waajjira qonnaa tokkoo kan Abdulhakiim jedhamutti dhimmi bahuudhaan jumlaan daldaltoota Magaalaa Machaaraatti gurgursiisaa akka turan kan himan namni kun, dhumarratti icciitiin jalaa bahuusaatiin fakkeessaaf hojjaticha yeroo muraasaaf to’annaa jala oolchanii murtii tokko malee akka gadhiisan saaxilan.
Dabballoonni mootummaa, bulchitoonni sadarkaa aanaafi gandaa jiran, akkasumas hojjattoonni kaabinee harka keessaa waan qabaniif dhimmichi xiyyeeffannaa akka hinarganneef yaalii gochaa akka turan namni kun dubbatanii, ummatichi afaanii baasee akka hindubbanneefi ragaa hinbaaneef sodaachisaafi hidhaa akka turanillee himaniiru.
Balaan beelaa, aanichatti daran hammaatee akka jiruufi guyyoota afur dura ganda tokko keessatti qofa guyyaa tokkotti haati ijoollee sadii waliin lubbuun galaafatamuusaanillee dubbataniiru.
Gargaarsa mootummaa dhabame ilaalchisee, mootummaan ummaticha quba akka hinqabaanne namni kun mul’isanii, bulchitoonni gandaafi aanaa rakkina ummataa mul’achaa jiruuf furmaata kennuuf daran akka hindhiphanneefi ummataaf hojjachaa akka hinjirre ifa godhaniiru.
Balaa beelaa yeroo kanatti ummanni ittiin dararamaa jiru ilaalchisee, ummanni Oromoo naannawa Harargee Bahaafi Dhiyaa, Arsiifi Baalee, akkasumas Karrayyuu beelaaf saaxilame waan nyaatu dhabee qe’eesaarraa godaanaa jiraachuusaa maddiittii, beelaydoonnisaa jalaa dhumusaaniifi lubbuudhaanillee galaafatamaa akka jiru gabaasawwan Oromiyaa Midiyaa Networki armaan duraatiin isiniif dhiheessuun keenya ni yaadatama.

Gabaasaan Tasfaayee Laggasaa ti.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …