Oduu Haaraya

Daangaa Oromiyaa: Heera fi hojmaata

Barreessan: Betru Dibaba
___________________________________

Oromiyaan yeroo Heerri Mootummaa Federaalaa Hagayya 15, 1987 hojii irra oole irraa jalqabee Naannoo fi miseensa Federaalawa Itoophiyaa ta’uun caaseffamtee jirti; keewwata 47(1(4)). Heeruma kanaan Oromiyaan aangoo Heera fi seerota Naannichaa tumuu fi raawwachiisu qaba; keewwata 52(2(b)).

Waxabajjii 14, 1987 Heerri Naannicha yeroo jalqabaaf erga ragga’ee, hanqina Heera kana keessatti mul’ate sirreesuuf Onkololeessa 17, 1994 Heerichi Labsii lakkoofsa 46/1994’n fooyya’ee jira. Heerri kunis keewwata 2 jalatti daangaa Oromiyaa murteessee jira. Innis akka kanaa gadiitti dubbifama;

Qubsuma lafaan wal qabatee, kan uummanni Oromoo fi uummattoonni Oromiyaa keessa jiraachuu filatan kan birootis irra qubatan ta’ee;

Kaabaan_ Naannoo Affaari fi Naannoo Amaaraatiin,
Kibbaan_ Naannoo uummattoota Kibbaa fi Keeniyaan,
Bahaan_ Naannoo Sumaaleetiini fi
Lixaan_ Naannoo Beenishaangul Gumuz, Naannoo Gaambeellaa fi Sudaaniin kan daangeffamu dha.

Akkaataa Heerichaatti, daangaan Oromiyaa Kaabaa hanga Kibbaatti; Bahaa hanga Lixaatti. Jecha biraan, Oromiyaan dachee guutuu, kan handhuura qabduu fi kan addaan hin ciccinne dha. Ibsi Heera Naannoo irratti hundaa’e kunii fi tumni Heera Federaalaa keewwattoota 2 fi 47(1) jalatti tumame kan waliin deemu dha.

Tumaalee armaan olii akka ulaagaatti fudhannee, hojmaata rakkoo tokkummaa fi birmadummaa daangaa Oromiyaa irratti geessisanii fi geessisaa jiran haa ilaallu.

1. Bu’uura Heera Federaalaa keewwata 2 fi 47(1)’n daangaan Mootummaa Itoophiyaa daangawwan Naannolee sagaliin kan ijaarame dha. Haa ta’u malee Mootummaan Federaalaa Finfinnee akka naannoleetti lakkaa’un Chaartara Labsii lakkoofsa 87/1997 fi kan fooyya’e 361/2003 baase daangaa Oromiyaa Heera Federaalaan fi Heera Naannichaan hundaa’e kan faallessu dha.

2. Dirree Dhawaa bulchiinsa fi ittigafatamummaa Motummaa Federaalaa jala galchuun immoo ifaan Oromiyaa addaan kukkutuuf kan yaadame dha. Chaartarri Labsii lakkoofsa 416/2004 sadarkaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatin qophaa’e Dirree Dhawaa Oromiyaa jalaa baase, sadarkaa Naannotti ol guddise hundee Heeraa kan hin qabnee fi tokkummaa fi birmadummaa dachee Oromiyaa ciruuf tarkaanfii fudhatame dha.

3. Labsiin adda addaa, fakkeenyaf Labsiin lakkoofsa 377/2003, keewwata 2(7), Finfinnee fi Dirree Dhawaan Naannolee salgan wajjin Naannolee jedhamanii caqafamaniiru. Labsiiwwan akka kanaa Oromiyaa qofa kan miidhu osoo hin taane ol’aantummaa Heerichaas ni cabsa; keewwata 9.

4. Maastar Pilaaniin Finfinneef qophaa’ee tures handhuura Oromiyaa, Finfinnee, Oromiyaa irraa yeroo dhumaaf adda baasun geettin ga’uu (emancipation) fi handhuura Oromiyaa qullaa taasisuu dha.

5. Heerri Federaalaa keewwanni 48(1) gaalen ‘Daangaa Naannolee ilaalchisee gaaffin kan ka’u yoo ta’e |የክልሎችን ወሰን በሚመላከት ጥያቄ የተነሳ እንደሆነ …’ jedhu tilmaama Naannoleen daangaa isaanii irratti wal dhabbii akka hin qabne ibsa. Gaaffiin kan ka’u yoo ta’e immoo walta’iinsa Naannolee dhimmichi ilaallatuun raawwatama. Naannoleen walta’iinsa irra ga’uu yammuu dadhaban Manni Maree Federeeshinaa haala qubannaa fi fedhii uummataa irratti hundaa’uun yeroo waggaa lamaa hin caalle keessatti akka murteessuu qabu keewwanni 48(1,2) ni tuma. Erga Naannoleen hundeeffamanii waggaan 25 oli darbu illee, hanga ammaatti rakkoon daangaa furmaata fi murtee osoo hin argatin turuun darbiinsa yeroo Heerichi kaa’e daangessa.

6. Rakkoon waldhabbii daangaa Oromiyaan Naannolee ollaa Gaambeellaa, Sumaalee, Amaaraa fi Saboota, Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa wajjin qabdu baruma hundeeffama Naannolee irraa kan jalqabe dha. Waldhabiinsa kana furuuf adeemsi ifa ta’e jirachuu baatu illee bu’aan rifaraandamii uummataa bara 1997 gaggeeffame akka jiru qaamoleen adda addaa ni addeessu. Naannoleen Heeran kan hundeeffaman bara 1987 ta’uun yaadatamaa, bu’aa rifaraandamii bara 1997 hojitti hiikuu dhabuun, waldhabiinsa Oromiyaa fi Naannolee ollaa gidduutti tureef walta’iisi Oromiyaa fi Naaannolee dhabamuun tilmaama fi akeeka keewwata 48 ni cabsa.

Guduunfaa fi furmaata:

1. Oromiyaan dachee guutuu; handhuurri Finfinnee, Kaabaa hanga Kibbaatti, Bahaa hanga Lixaatti kan diriirte ta’uun hundee Heera Federaalaa keewwata 2, 47(1) fi 48; fi Heera Oromiyaa Fooyya’e keewwata 2 qaba.

2. Rakkoon hojmaata qindaawaa Oromiyaa handhuura qullaa taasisuuf Finfinnee fi Dirree Dhawaa irraa jalqabee daangaa Godiinota Oromiyaa Naannolee ollaatin ga’aa jiruu Oromiyaa irratti maccoorraa taasifamaa jiru dha. Tokkummaa fi birmadummaa daangaa Oromiyaa eeguuf tilmaamni fi akeekni Heera Federaalaa fi Naannoon tumame hojmaata walirraa hin cinneen cabeera.

3. Hojmaanni, seerri fi murteen Mootummaa Federaalaa fi hojiin boodarra muxannoon argame tokkummaa fi birmadummaa daangaa Oromiyaa sarbeera; sarbaas jira.

4. Tokkummaa fi birmadummaan daangaa Oromiyaa Heera Federaalaa fi Heera Naannotiin harka mirgaan eegame, hojmaata armaan olitti ibsameen harka bitaan sarbamaa jira.

5. Uummanni Oromoo tokkummaa fi birmadummaa daangaa Oromiyaa eeguu fi eegsisuuf hirmaannaa kallattii gochuu qaba.

6. Bakka bu’oonni fi hooggantoonni uummata Oromoo fi Oromiyaa uummatichaa fi Naannichaaf gitummaa agarsiisun tarkaanfii daangaan Oromiyaa ittiin deebi’uu fi kabajamu fudhachuu qabu.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

34 truck loads of Oromos deported from Somali region by the military has just arrived in Chinakson.

Related

Yaada kanaaf deebisaa kenni