Oduu Haaraya

Contact bilisummaa.info or bilisummaa.com

You can also use: bilisumma@gmail.com to e-mail your suggestions, articles, and/or attachments.

Ergaa, dhaamsa, barruu fii yaanni kee jajjabina keenya, hamiilee fii murannon akka tajaajila xinnoo kana itti fufnu nu hamilchiisa waan ta’eef,  Ergaa, dhaamsa, barruu fii yaada kee asirraan dabarfachuu yoo barbaadde teessoo kanaan nu qunnamuu dandeessu…… bilisumma@gmail.com

 

 

Your feedback and contribution are important for the success of bilisummaa.com or bilisummaa.info. Please complete the following form, and click “SUBMIT” to send your comments, suggestions and/or articles. Your comment/suggestion/article will be considered immediately.

 

 

[contact-form-7 id=”1312″ title=”Contact form 1″]

26 comments

  1. ammantin hoo meee

    • Haawaasni oromooti fii islaamni biraa kan oromiyaa keessatti waggaa 140 ol gabrummaa hangana hin jedhamne jalatti dararamaa ykn rakkachaa turn

      amma hoo? Maal eegan?:-

      Carraa du’a mallasiin argame kana maalif hin saammanne?

      Hanga gabroonfataan haarowni harqootaa haarawa fidee mormatti nu fe’ee kooraa haarawallee fidee duydatti nu fe’ee egasii duyda keenna gubbaa taa’ee lafaan nu qotatu hoyfannee eegnaa?

      Yoo kana hin tahin maalif kaanee osoo diinni gaggabarraa hin bayfanne mataa isaa muquqquullee ukkamsinee mirga keenna maaf irraa hin fudhanne? eega inni bayfatee ijabanatee uf karoorse akka waraabeessa guyyaa fiiguu kaanee batat batat jechuu hennaa?

      Sun waan bu’aa qabuumitii mee maaltu mala amma?

      Malli akkna fakkaata:-

      1- Rabbii oltahe kan xaaguuta abbaa irree’ee kan nu ukkaamsee waggaa 21 guutuu wallaalan nu ukkaamsee xaxoo mormatti kaahee nu gabroonfataa bahe yeroo gabaabaa keessatti qabee nurraa mogolcheef galata guddaa faaruu baay’ee shukrii guddaa fii miidhagaa Isaaf galchuun nurra jia Rabbiin oltahe akkana jedhe (لئن شكرتم لأزيدنكم ولئن كفرتم إن عذابي لشديد) yoo waan ani isinii kennerratti shukrii naaf galchitan waan isarra caalu isiniif kenna yoo ammoo shukrii diduun qananii an isinii godhe sanitti kafartan azaaba irra jabaatu addunyaa fii Aakhiralletti isin eeggata jedhe kanaafuu abbaa irree kan islaama lafarraa duguuguf imaammatee karora cubbuu kaayate kana yeroo gabaabaa keessatti qabee nurraa mogolchuu kanarraa qananiin guddaan jiru waan hin jirreef akka jabatti shukrii irratti Rabbiif galchuun nama isalaamaa hundarratti dirqama irraa boodaati!!!.

      2- Shukriin maaliin tahaa beekuun dirqama waan shukriin tahuunirraa matadureen tokkoffaa: waan Rabbiin tumsa Isaa irratti nuuf fide sanirratti waan duraanii caalaa dacha meeqa jabaachuu. Lammaffaa: afaanii fii dalagalleen shukriin barbaachisaa haatahuu ammoo yoo waan Rabbiin irratti nuu tumse san dhiifne ykn irraa deebine bilaashuma dalaguu malee nurraa hin qeebalamtu kun gadi fageeffamee nubiratti beekamee jala muramuu qaba.

      3- Mallasii nama miliyoona sadii hawaasa oromoo kan islaamarraa waggaa shan keessatti afaan adda addaatiin garii ajjeesuun garii hidhuun garii biyyarra facaasuun dhabsiisuuf imaammatee jala mure nurraa yeroo gabaabaa keessatti Rabbiin oltahe ajjeesuun ni’maa ykn qananii irra guddaa Rabbiin ummata oromooti fii ummata islaamaa kan oromiyaa keessa qubatan hundarratti qanani’e tahuu beeynee irraa haasawuu bakka hundatti akka karaamaa diin islaamaa qabu namni hundi beekee kuunis sodaatee kuunilleen kabaju kana godhuu dhabuun ajaja Rabbii oltahee diduu tahuu beekuu qabna akkuma Rabbiin Qur’aan Isaa keessatti jedhe (وأما بنعمة ربك فحدث) hikkaan isaa( waan Rabbiin siin qananiiserraa hasawi) jedheen.

      4- Olola dagamtoonni gobantoota fii bitamtoonni olii dagi hafarsaniin dagamuu dhabuu kan akka namichi Rabbiin inni diin Islamitti kabajaa dhabnaan halaake kun isatu mirga oromoo fii islaamaa mirkaneesse jechuun olola dharaa hafarsuu faa akkasuma inni kun isatu misooma ithopia kaase jechuun kijiba dhuubuufaa akkasuma barnoota dagaaysee wallaala dhabamsiise jechuun kijiba buufuu faa kan kana fakkatu hundaan akka mataa nu jeequun nu hin burjaajessine ufirraa eeguu qabna.

      5- Yoo haqiiqaa fii dhugaa barbaanne oromoon waan amma isaan haasawan kanarra kan caalu qabsoo isaatiin mirkaneeffate:- bara 1991 qabsoo waggaa dheeraa godheen bilisummaa biyya oromiyaa guutuu kutaa tokko mlee gootonni oromoo gonfachise eega gabronfataa kanaa fii goobantoonni wal qarqaaruun irraa mulqe boodaan mootummaa naannoo oromiyaa jedhanii waan laamshuu tanaan oromoo sossobaa jiran akkasuma wanni isii jala jiru guutuun hanbaa bilisummaa sanirraa hafte malee wanni mallasii fii motummaan isaa saba oromooti fii sablammiilee sabboonummaa qaban tokkolleef goote hin jiru kanaafuu ololli yeroo ammaa humnaan hafarfamaa jiru kun carraa amma du’a abbaa irree kanaan argame kanarraa akka hin fayyadamne nu shaagalanii nu bira dabarsuuf malee waan biraatif akka hin tahin dagi fageessinee hubachuu qabna.

      6- Yaa ilamaan oromoo yaa ilmaan islaamaa mee uf gamaa gamana mil’adhaa nama nu malee jiru kan reeffa mallas kanaan shagalamaa jiru argaa jirtuu? yoo dhamaan gadi qabnee laalle sabni tokkolleen amma ithopia keessatti kan du’aa fii reeffa mallasiin shaagalamaa jiru oromoo malee hin jiru sabaa fii sablammiin biraa hundi bakka inni irraa du’e kana akkamitti qabanna yoo kophaa qabatuu dadhabnellee akkamitti qooda guddaa kabajamaa hirmaata kana keessaa arganna jedhanii kanarratti halkanii guyyaa walmarii fii waldamaysutti jiran amaarri tigreen sidaamni sumaaleen afar walaamoon kanbaataa fii shanqillalleen waa’ee mootummaa qabachuu kanaaf tattaaffii hangana hin jedhamne godhaa jiran oromoo qofatu waan sabni biraa walmari’atee itti gadi bahu eegaa jira kun fafa guddaa himamuun hin dandayamne yaa ilmaan oromoo osoo yaadannee carraa bara 1991 -1992 fii 1993 nu dabre goobanaa bitamaa fafa uffatee gadigalummaa koofiyyaa godhate kan yeroo san waa’een qabsoo oromooti fii oromiyaa gutuun harka isaa jirtu Lencoo Lataati fii bitamtoota isa wajjiin dhaaba ABO kan yeroo san deeggarsa bal’aan saba oromorraa muudamee keessa jiran santu nuhongessee nubira dabarse jennee isaan komachuunn uf sabbarsiisaa jirra yoo amma carraa ar’a waggaa 21 booda bara 2012 nurra Rabbiin fide kana raqa mallasiin garmaamnee gadoodu fii booyuun osoo nu yeroo gubnuu yoo nu dabre eenyu komachuun uf sabbarsiifna? eenyu ajiifanna? eenyu Aalanna?

      Waan yeroo ammaa hatattamaan godhamuu qabu:-

      1- Yaa ilmaan oromoo yaa ilmaan islaamaa waan waldhaba tahee akka dhunfatin isin jidduu jiru hunda dagachuu qabdan sabboonummaa keessan gootummaa fii gameeyyummaa keessan ar’a ummata oromooti fii sablammiilee oromoo wajjiin wagaa dhibbaa ol cunqurfama hangana hin jedhamne keessatti rakkataa bahan argisiisuu qabdan fafa fuularraa ufii fii saba keessanirraa dhiquu qabdan sosso’aa hanga gabroonfataa haarownii harka xiqqaa ykn guduu tigreeti fii amaararraa dhufee harqootaa haarawaan lafaan isin qotatu hin eeginaa akkasuma kooraa haarawa isinitti fe’atee isin yaabbatu hin eeginaa yaa ilmaan oromoo yeroo hawaasa oromoo kan milyoona jahaatamatti shallgamu tigreen miliyoona lama hin guunne ykn amaarri miliyoona torbarra hin jirre itti waldabree waggaa dhufaa dabraa gabroonfatu fafni kanaa olii eessa jira? kanaafuu ka’aa qabsoo keessan karaa mijjate hundaan finiinsaa gabrummaa fixiradhaa fafa ufirraa dhiqaa.

      2- Qabsoon yeroo hunda bifa tokko qofaan hin godhamu karaan qabsoon godhamuun hedduu, irra gabaabaan isaa kan daddaffiin bilisummatti nama fullaasu qabsoo hawaasni hiriira nagayatti irkatee godhu, akkuma laaltanii argaa jirtan hawaasni arabaa karaa hiriira nagayaatiin bilisummaa ufii gonfachaa jiraachuu yeroma ammaa kana keessa, akkasuma qabsoon karaa hiriira nagayaatiin godhamu kun wareegni isalleen irra xiqqaa, akkasuma Aalama keessallee deeggarsa baay’ee argata, akkasuma waan hawaasni qabsoo ufii ufumaaf hogganuuf jecha bitamtoota fii goobantoota qabsoo sabaa kardii raashinaa godhatanii ittiin daldaluun yeroo hunda bilisummaa sabaa gurguranii carraa dhufaa dabraa hawaasa bira hongoon dabarasan karaa itti mura, akka abbaan fafaa goobantichi gadigalaan Lencoo lataa jedhamuu fii bitamtoonni isa jala yaatu lammaffaa deebitee saba oromooti fii oromiyaa hin gurguranne, akka bara 1991 fii 1992 gurguratanii hongoon ummata oromoo gabrummaa keessatti hambisanitti.

      3- Warra abaarsi Rabbi kumaan itti bu’ee abaarsi malaa’ikaa sammurraa gadi qu’e jabaadhaa ufirra eegaa waan tigree fii amaara ufirraa eegdan caalaa, cubbuun hin shalagamne tan namoonni kun saba oromooti fii biyya oromiyarratti raawatan Rabbiin guyyuma qiyaamaa jahannamiin isaanif galata haagalchu malee wanni addunyaa tana keessatti isaanirraa kafalu hin jiru, ummnni falfalaan abaaramaan kun eenyu yoo jettan? Isaan namoota hedduudha:- amallee dhaaba hedduudha matootii isaanii dubbachuun kuun isiniif gala:- tokkoffaan Leencoo lataati hogganaa goobantootaa kan tahe hogganaa goobantootaa tahuu isaa namoota wallaalaa dubbiin hin galleef hundaaf bara 2008 kan ibse akkana jedhee:- ani takkaa bilisummaa oromotti hin amannee jedhee, lammaffaan: dallaala beekkamaa oromiyaa fii oromoo waggaa 22 ol goobantoota fii gabroonfataa jidduu fiigee gurguruu keessatti muuxannoo bal’aa horatee karoora dheeraa kaayate ifreem ishaaq kan jedhamu, akkasuma kan akka diimaa nagoo daawut ibsaa bayyan asoobaa hoggantoota ABO dame shanee guutuma akkasuma kumaa damaysaa maraaraa guddinnaati fii bulchaa dammaysaa ida’tee murni kun murna cubbuun isaan saba oromorra geessan Rabbin oltahe ufumaa murtii akka mallasitti kennee itti haa kennu malee waanni ilmi namaa itti murteessuu dandahu hin jirtu, garuu hawaasni oromoo yoo muratee Rabbii oltaheetti irkatee ka’e murna falfalaa kanaa fii gabroonfatallee haxaahee walitti haree balfaa taarikhatti ykn seenatti darbuu dandaha, kanaafuu namoota kana bakka gartan hundatti kosii harreetin darbadhaa daaralleen faana isaanii jala afuufaa abaarsallee gadi qabaa abaaraa akka deebi’anii lammaffaa oromiyaa ormoo fii islaama hin gurguranne.

      4- Yaa ilmaan oromoo yaa ilmaan islaamaa eeguma Rabbiin tumsa Isaa ifa baasee isin garsiisellee deebitanii mujrima gabroonfataa kana sodaattanii? Osoo ji’a 4 qofa ufduuba deebinee xiinxallee silaa waa hedduutu nuuf gala akka fakkitti mee yaadadhaa qabxiilee tana haa yaadannuu:-

      A:- guyyaa 17/4/2012 mallas zeenaaween uftuulaa boonaa dhodhommoqaa dhufee boonarraa miila tokko fuudhee kaanirraa kaahee akka korma gaalaa kan qooqni itti jirutti uftuulee barlamaana dura taa’ee islaamatti ufdhaadee kijibaa fii olola irratti oofee eegasii fixuu qabna keessattuu biyya Arsii fii baalee kana keessaa islaama duguuguu qabna jedhee uf dhaade san keessatti ammoo humna isaa tan waraanaa tan diinageeti fii sheeyxaanarratti irkate eegasii achii deeb’ee karoora waggaa shan keessatti islaama oromiyaa keessaa fixuu keessatuu kutaalee Arsii baalee Arsii dhihaati fii baharrtti akkaan xiyyeefate yeroo san gariin namaa muddamee dachiin itti dhiphattee islaamummaa keessaa bahuuf dhihaate kana hundi keennahuu niyaadanna.

      B:- guyyaa 18 rraa hanga guyyaa 19 tti olmaa’iin islaamaa waltajjii guddaa magaalaa shaashamanneetti geggeesserratti murtiilee jajjabaa Rabbii oltaherratti irkatee kaayate isaanis:-

      – kaafira roorro fii cubbuu nurratti oofaa jiru kana Rabbiin hatattamaan nurraa haamogolchu jedhanii Rabbii oltahe salaata hunda keessatti kadhachuu murteeffatan.

      – hiriira nagayaa bahanii roorro fii cubbuu kana karaa nagayaatiin balaaleffatuu murteeffatan.

      – hatattamaan booyanii du’aa’ii akkaan gadi qabanii itti fufuu eegalan masjida hunda keessatti.

      C:- guyyaa 23/4/2012 dhibeen jabaan mallasiin jalqabe.

      D;-guyyaa 18/5/ 2012 mallas arrabsamee xiqqeeffame ameerikaa keessatti waajjira oobamaa keessatti bakka itti guddifamuuf dhaqetti Rabbiin isa xiqqeesse.

      E:- guyyaa 14/5/2012 booda mallasaan hin mul’anne hanga reeffa isaa guyyaa 21/8/2012 biyyatti deebi’etti.

      Asirratti wanni akka gadi gadi qabnee xiinxaluu qabnu Rabbiin oltahee mallasaaf carraa lammaffaa hin kennineef marcumaa irra taa’ee islaamatti dhadate sanirra lammaffaa taa’uuf teessumti sun marcumaa sanirra tan irraa boodaati akkasuma barlamaana dura taa’ee uftuulaan haasawulleen santu tan irraa boodaati kun hundinuu dallansuu Rabbiin oltahe diin Isaa tuqamnaan mujrima Abbaa irree sanirratti buuserraa tahuu akkaan gadi fageessinee hubachuu qabna, eegasii diiniin islaamaa kun tika Rabbii oltahee jala jiraa rakkoon tokkolleen kan isarra gahee isa dhabamsiisuu dandahu hin jiru jechullee akkaan qalbii keenna keessatti mirkaneessu qabna.

      F: Ramadaana guyyaa 7 shifarraa kan jedhamu kan mallasiin bakka bu’uuf qopheeffame kan islaamaan loluu keessatti hammaate Konkolaataan seensa magaalaa Adaamaatti dhooftee caccabsite amma ameerikaa keessa ciisaa jira.

      G:- Ramadaana guyyaa 15 munaafiqticha guddaa Ahmad diin jedhamu hogganaa majlisul’a’alaa kan jamaa’atul ahbaash tahe kan cubbuu guddaa islaamarratti raawataa bahe maraatee hidhaa seenee achitti dhabame.

      I:- guyyaa 22/8/2012 qeeysichi waliigala ithiyopia kan mallasuu islaamaan lolurratti kakaasu du’aan halaakamee qiletti dabre.

      Kanaafuu amma mootummaan tigree dhamaasuu hangana hin jedhamne keessa jirti jaarmaya akka qabutu hin jirre malee silaa tan kararraa achi darbanii laaftumatti biyya qabtan garuu islaamni kan oromooti fii kan biralleen hirriibarra yeroo dheertuuf waan jiruuf humaa qabatuu hin dandeenne.

      Walumaa galatti wanni Rabbiin tumsa islaamaatiif yeroo ammaa kana keessatti nu argisiisaa jiru kun gara seenatti uf duuba nu deebisa akka fakkeennatti bara 1875 gabroomfataan Yohannis jedhamu Tigrerraa kan tahe seera islaama Biyya Habashaa kessaatti argamu guutuu drqiin kafarsiisu tumate waggaa 3 qofa keessatti kafaruu qabdan jedheenii dirqama itti kenne yoo san booda islaamummarratti haftan guutuu keessan qalee lafarraa isin fixa jedheen gaafa san ummanni islaamaa muddamee Rabbitti booye,Rabbiin oltahe xaaguuta san osoo waggaan sadeen sun hin dhumin Magaalaa Suudaan Ummu durmaan tan jedhamtutti rarraafamaan isa ajjeese .

      Bara 1969 haylasillaaseen Kongareesa Ameerikaa dura taa’ee biyya Ethiopia keessa islaamni hin jiru namoota hanga xinnaa tokko kan Diin Kiristaanarraa bahan malee jedhe ittuma aansee yeroo gabaabaa keessatti namoota san gara diin Abboota isaanii Kiristaanatti deebifna jedhee waadaa gale gaafuma san yeroo achirraa deebi’u sochiin fincila Hawaasaa itti eegale achirraa jalqabee osoo boqonnaa tokko hin argatin bara 1974 qabamee Barbaree nyaachifamee albaatiifi haqqeedhaan osoo iyyuu lubbuun isaa baate .

      Akkasuma bara1991 irraa hanga bara 1993tti dhaabdi ABO kan ol tahummaan Biyya Oromiyaa keessatti jiraate akkasuma deeggarsa bal’aa hangana hin jedhamne ummata oromootirraa kan argate diinii silaamaa kana Aadaa Arabaatii biyya Oromiyarraa dhabamsiisuu qabna jedhee waadaa gale Qur’aanallee Gaazexaa Arabaati jedhee cubbuun maqaa itti moggaase yeroo san keessatti Ummanni islaamaa hedduun Bilisuummaa waan jaalatuuf isa jalatti dagamee jiraatullee Olomaa’ii islaamaatiifi barattoonni Rabbii ufitti Yaa Rabbi Nama Diinii keennaaf hin taane nurraa dhabamsiisi jedhanii booyan, san booda yeroo gabaabduu keessatti dhaaba san Rabbiin barbadeessee Daaraa bubbeen fuute godhe.

      Ar’a Mallas akkuma dabretti waan Rabbiin isa godhe gartan kanaafuu kunilleen kanneen as dura dabran saniin wal fakkaata Diin islaamaa ol taha malee wanni tookkolleen isarratti hin injifatu kun jala muramee beekamuu qaba.

      Yaa obboleeyyan islaamaa eega kanaa boodallee karaamaan diin islaamaa kun qabu nuuf hin galuu??? namni ar’a karaamaan diin islaamaa qabu hin galiniif hanga du’ee qabrii galutti wanni isaaf galu hin jiru kanaafuu diinii Rabbiin akkanatti kabajee karaamaa kenneef kana jalatti gurmoofnee isa oltaasisuuf tattaafannee isuma san wajjiin yoo Rabbiin olnuqabe malee karaan biraa hundi fashala tahuu 100% beekuun waan hunda keennarra eeggamu yeroo amma kana, kanaafuu haajabaannuu hamilee keenna olhaafuunuu yoo dhugumaan Rabbii oltahetti cinnee Isa kadhanne Rabbinn nuuf tumsa jechuu akkaan qalbii keenna keessatti haamirkaneessinee dagagsinuu cubbuu fii walganurraa haafagaanuu fakkii bareedaa dhala nuboodalleef haa hambifnuu yoo murannee kana godhuuf kaane fafa kufaa fii gabrummaa kana keessaa Rabbiin yeroo gabaabatti akkanubaasuu beekaa jalamuraa.

      Faaruun hangana hin jedhamne Rabbii keennaaf haagayu eegsii

      Nagaa fii Rahmanni Nabiyyii keenna Muhammadirratti haabu’u.

      Gammachuun Rabbiin walitti nuhaadeebisu.

      Kan qopheesse BY Bosona Oromiyaa@gmail.com

  2. dennana amantin

  3. HAR’AAWUU DHALATTEE : HAR’AAWUU NA OOLCHITE

    Har’aawuu Oromoon Wal qabatee ol ka’ee kan Farraa fi Gufuun Keessa hin jirre waan dalaguufitti ka’e akkuma jedhe sanitti Galmaan gahee kunoo As nuuf Baase .

    Duraan Dursinee Faaruu honga hin qabne Rabbii keenna guddaaf galchina

    Waan itti kaani kana milkiin nu muudee galmaan nuuf gayee oromoo gammachiisee dinaa fii nyaapha oromoo naasisurratti.
    Eegasii Nabiyyii keennarratti Rahmataa fi Nagaya buufna.
    Eegasii gootota Oromoo kan haqaan oromoo bilisoomsuu fi Oromiyaa walaboomsuf qabsoo hadhaawaa godhanii eega Rabbiitii sadarkaa amma jirru tanaan nugayan hundaaf Rabbiin haa araaramu warra isaanirraa Rabbitti hin amaninillee seenaan hin dagatuu akka fakkitti garii isaanii maqaa kaasun nugammachiisa: kan akka: Leenjisoo diigaa, kan akka: Daadhii tarree, kan akka: she/ barruu, kan akka: bakara waaree, kan akka: harqaa buxee, kan akka: Imaam/ Muhammad Ali walloo, kan akka: Imbiraa xuur/ Iyaasuu Muhammad Ali , kan akka sulxaan Nuhoo Daadhii tarree, kan akka: Haaji/ Adam saaddoo, kan akka: Qaadi/ Ahmad dirree, kan akka: J/taddasaa birruu, kan akka: J/waaqoo guutuu, kan akka/ Huseen bunee, kan akka: konoreel Mahmuud Bunee, kan akka: Haaji/ Is’haaq Daadhii tarree, kan akka: konoreel / Ali cirri, kan akka: konoreel / Ali Umar Agaa, kan akka: konoreel/ Haaji/ Umar Qeebaloo, kan akka: Haaji/ Abdullaa Ganamoo, kan akka: Tilmoo Ali, kan akka: Maammee Harqaa, kan akka: Abdurrahmaan maammee, kan akka: kan akka: Jaarraa Abbaa gadaa, kan akka: Haaji/ Huseen suraa, kan akka gootichi hiriyaa hin qabne: Hasan juuree, kan akka: Siraaj Haaji Is’haaq kan akka Tafarii Bantii , , kan akka haaji/Hasan Ibraahiim (elemuu qilxuu) , fikkf kan hafanis eessa eessa maqaa dhahee keessaa bahuu dandeessaa , fakkeenyumaafi malee .
    akkasuma kan isaan fakkaatan hedduu warra balbala bilisummaa biraan oromoo gayee wareegaman hedduu dhabne Rabbiin Isaaniif haa araaramu jechaa , akkanuma yeroo Rabbi kadhannuu, garee biraa tan farra bilisummaati fi gufuu qabsoo oromootti nyaqarsa taatee jirtu Abaarasa irratti roobsuu dagachuu hin qabnu . isaan cubbuu kun akka fakkitti doofaa dabeesa gantuu gadi galtuu Biyya Oromiyaa gurgure goobanaa daacee jedhamee kan beekkamuu fi bitamtoota warra garaa wayya qoonqoo isa jala deemtuun jalqabee hanga Abbaa cubbuu dabeesticha bitamaa guddaa Abbaa hongoo fi fafaa kan waggaa 23 ol carraa oromoon tattaafattee as baaftu guutuu jala miliqsee hongoon bira dabarse kan bilisummaa oromoon dhiigan fiddee hogganaa dhugaa seehee itti keennate dabarsee bara 1991, 1992, 1993 walirraa qaanfii takkaan malee diinaf gurguree Oromoo fi oromiyaa gabrummatti uf duuba deebise akkasuma bara 2000- 2004- 2006 walirraa carraalee orommon argate jalaa balleese kan Ar’allee oromoo burjaajessee akka gabrummaa jalatti waggaa dhibbaatam kan biraa dhaalchisuuf ykn dararuuf olii gadi batachaa jiru maqaan isaa Leencoo Lataa jedhamee kan beekkamu Abaarsa guddaa irratti roobsuun dirqama yammuu tahuf fi kan yeroon wajjiin itti nu gaafattuudha .
    Gootichi gootota dhaale kan faana gameeyyotarra deemaa jiru kan qabsoo oromoo bakka isiin itti awwaalamte dhaqee qilxibsee baasee akka qabsoon kararraa baddee fi wanti takka akka lafa hin jirre adda baasee ummata keessa baheen gahe , oromoon yeroo isaati fi human isaa akkasuma qabeenna isaa bilaashumatti gubaa jiru oromoo hubachiisee gootummaa daangaa hin qabneen sodaa malee Oromotti gadi bahee sagalee olfuudhee lallabee: yaa oromoo qabsuun kee kararraa baduu qufa osoo hin tahin imaahuu maqaa isaatin mooraa isaa keessan gabrummaa irra hamaa simudataa jiraa beeki ka’ii , iyyii bakka jirtaniin hula dhadhahaa , qabsoo kee kararratti deeffadhu jedhee bal’innaa fi gootummaan beeksise, kan osoo isa Rabbiin nuuf godhee akka qabsoon teenna deemaa hin jirre hubachuu baannee wagga 100 ol teennee osoo eegnuu gabrummaan nyaatee nu fixu !!! akkasuma osoo inni akka qabsoon deemaa hin jirre nu hubachiisee namuu addeelluma jiruun tattaaffii mijjate gudhuu baannee miidiyuma Ar’a itti gammannu kanaahuu banachuu hin dandeenne, gooticha Oromoo Bergaader Jeneraal / kamala galchuu galatonfachuu fi du’aa’ii godhuuf qabna akka gaaritti.
    Eega kanaa wanni ilmaan oromoo hundaan jennu Gammannee Gammadaa baga Rabbiin ar’a tattaaffi ilmaan oromoo tan milkiin muudamtee galma geettu nuhundaan gahe akkasuma gaafa oromoon bilisummaa isaa gonfatee ayyaaneffatulleen nuhaa gayu .
    Eegasii wanni nu hundi beekuu qabnu oromoon doqnaa miti, dabeesaa miti, muyaa miti, sodaataa miti, gowwaa miti, maali ree maaf gabroomee gabrummaa jalaa bahuu dadhabe yoo jettan? Qabxiilee kanneen kaasuu nu freesias .
    1- Angoof bolola hin qabu kanaaf jiruu isaa laaftuu amanteeffatee taa’a.

    2- Walii galtee fi walmarii hin qabu, akkasum: waliif obsuu fi waliif irra taruu hin beeku, akkasuma diina ykn nyaapha isaa kan isa duguuguf deemu fi fira isaa kan isa jiraachisuuf carraaqu addaan baafatee hin beeku, rakkoon oromoo isa kana . Amma ammo miidiyaa kanatti fayyadamuun waan kana hundarraa ni muuxata kan jedhu abdii qabna.

    3- Miidiyaan kun miidiyaa duraa waan taheef Deegarsi ummata oromoo Biyya keessa fi Biyya alaa Jiran keessaafuu warroonni beekkumsa gahaa qabanii fi Qabeenya gahaa qaban dabalatee jaarmayoonni oromoo cuftuu deeggarsa karaa hundaan godhuufiin dirqama keenya kan yeroon ittiin nu gaafattuudha . Kanaafuu akka gaaritti carraa baniinsa isaa kanatti fayyadamuun akka Aalamarratti of beeksifnu dhaamsa kooti .

    4- Yeroo miidiyaan kun oromoof kan duraati jedhu nun ajaa’ibinaa, wanni kana nu jechisiise midiyoonni asdura oromoon banate hundi isaa Raadiyorraa jalqabee hanga tilvizoona gahutti rakkoon isaa dhoortoo kadhatamee yeroon isaa daqiiqaa 30 kan hin caallee fi sunummaanuu Torbaan keessatti marra takka ykn lama qofa oromoo bira gahuu . kana males karaa Miidiyaalee Adunyaan itti gargaaramtu akksuma akka miidiyaa walabaatti Adunyaa irratti beekkomsa argatee saba isaa fi adunyaa irratti dabarsaa jiruu miti . kan inni darbuunis karaa Intarneetaa fi waraabbi isa akka leenjiitti darbuudha . Isa kana qofa osoo hin taane ergaan inni oromotti dabarsuuf dhaabbate cufti ergaa oromoo dhamaasu malee kan oromoo kaasuu miti .

    5- Waa’ee Miidiyaa kanarraa waa dabatanii dhumuu miti . Haatahuu ti miidiyaan saba isaaf hojjatu guyyaa keessaa kan argamanis jiru . kan sabboontotaa dhugaa warraaqtota sabaaf dhaabbatan hamma dandahan qabeenya isaanii fi sabichaatiin waa hojjataa jiranis jiru . Haatahuutii isaan kunuu harka namaa jala qabatanii kan hojjataa jiranii fi miidiyaa namaa irratti irkatanii rakkoo sabaa isaa irra gahaa jiruuf hojjataa jiraniif dhaamsa gabaabduu ergaa of qeessaa qabdu mammaaka kanaan goolabaaf . ( Namni Okotee Namaatti NYaatuun Hudha Gahee Hin Arraabu ) jedhan manguddoonni teenya . kanarraa kaaneeti yaada kana kennuu dandenye .

    6- Waa’ee Miidiyaa kanarraa kan sabni kiyya beekee wallaluu hin qabnee Warra waggaa 30 ol qabsoo oromoo hoogganaa jirra jedhan kan akka Leencoo Lataa Umrii kiyya guutuu qabsoo oromoo keessatti fixe jechuun qaanyii takka malee odeessaa jiruu fi biyya keessaas tahee alaa fakkaattoonni akka isaa biyya keessaa fi biyya alaa jiran amaluma akka isa kanaa qaban hedduudha . Isaannan kunniin Miidiyaa walaba kana 1 Mitii Miidiyaa 60 ol banuu dandahan . baay’inna saba oromoo miliyoona 62 n wal qixxeesanii . Keessumattuu jaroonni kun wanti isaan saba oromoo irratti hin dalagin kan hafanis waa takkaa lamaa miti . Biyya maallaqatti Gurgurataa turanis ammas ittuma jirani . Osoo saba oromoof kan yaadan tahee Qabeenyuma biyya teenyaa saamaa turanii fi saamsisaa turaniin miidiyaa banuu dandahan . kana males Kanuma ummata oromoo irraa maqaa deeggarsa qabsoo bilisummaaf jecha sabboontonni dhugaadhaa godhaa turanii fi itti jiran saniin miidiyaa tokkoo mitii miidiyaa 50 ol kan adunyaa irratti dhageetti fi fudhatama qabu banana . kana qofaa deeggarsi warra dhihaa irraa argatan qofaan Tola banuu warra dandahanii . isaaniifuu dalaganii isaanuu tola banuu ykn gad furuu fii dandahan . Kan Waraana oromoo irratti dalaganii fi Mooraa qabsoo keessatti dalagaa turan kan qabsaa’otarratti hojjataa turan waan dubbatanii dhumuu miti . kan jara tanaa waan dhumaatii miti OSOMAA Arguu huuba wajjiin jette sareen . Isaan kun Guyya takka sabaaf osoo dhaabbatanii miidiyaa saba isaaniif banan turan . kana kan dhugoomsu Hujii jaraati .

    7 . Sabni oromoo akka hin bilisoomnee fi tokkummaa isaan dheerke Warra FUULA LAMEE ykn Arrab lamee Warra gaafa fedhe Amaaraa fi Tigree , Gaafa Fedhan immoo OROMOO Tahantuu nu awwaalee oromoon bilisummaa mitii diiggamsa jala turtu nu gochaa turantu har’as nu keessa jira . Isaan kun kaayyoo fi akeekni isaanii kan biraa qabatanii maqaa oromootiin daldalachaa nu keessatti Harcaatotaa fi gantoota akkanuma boodeessitoota anatu beekaa fi yaanni kiyya kana tahuu qaba kan jechaa turan harcaatota murna leencoon barsiifaman karaa nutty cufaa ture , ammas itti jira . kana hubannee jaraa fi fakkaattota akka isaanii irraa Gurra keenya cufatuun abaarsaa irratti darbataatuma deemuu qabna . kun kanaan osoo jiruu akkuma ammaan tanaa kanati namuu bakka jiruun ol kaanee harka wal qabannee wal dhageettii fi wal kabajaan wal jala yaa’uun hayyootaa fi gootowwan teennas jajjabeeffannee kan karaa irra maqes gorfataatuma kan dide deebii isaaf tahu kennuuf akka abbootaa fi akaakayyoota teenyaatti wareegamaaf uf qopheessuun nurra jira .

    Mee gara yaada miidiyaa isa jalqabneetti haa deebinu .Diiggamsaa malee tokkummaan akkanuma nama sabaaf Miidiyaa banu ykn hojjatu maaf dhabne ? kun hoo maaf tahe ?Miidiyaaleen jiran hoo akkamitti hubataa jirraa ? Miidiyaaleen maqaa sabaan hojjataa jiran akka silaa barbaachisutti maaf hin dalagne jenne irraa wal mari’achuuf ani akka kiyyatti Kan natti mul’atu waa lamaaf ~~~

    1.ffaa: isumaahuu diina gabroonfatatu ijaare taha kun wama gabroonfataa tajaajilu qofarratti waan hundaahee ergaa isaa oromotti buufuuf yooyyuu Alba’uuf qophaahe inni kun oromoo rakkisuu malee kaasuuf carraa hin qabu.

    2.ffaa: namoota oromootu sabbontota kan tahan rakkinnaa fi dadhabbinnarraa kan ka’e dhoortoo kadhatee takkaa gabroonfataa kalee kan ar’allee oromorratti deebi’uuf dhidhiitatu jalatti cinaa galee ijaare taha yoo kana tahe gabroonfataan kale kun yeroo daqiiqaa gabaabduu tana oromoof laatu ulaagalee hamtuu ulfaattu irratti bulfata ulaagaleen sun isitu ergaan haqaa akka miidiyaa kanarraan gama oromotti hin geenne dhoorga
    Kanaafuu midiyaa oromoon bilisummaa fi walabummaa taa’ee qabeenna isaati fi beektota isarratti irkatee, sagantaa umma isaati fi biyya isaa tajaajilurratti hundeessee, yeroo gayaa fudhatee banate isa kana qofa waan taheef akka gaaritti deeggarsa gayaa argachuu qaba.
    Kana Biraan galanni inni dacha Bergaader Jeneraal Kamaal Galchuu kan ummata oromoof karaa bane Adunyaa irratti akka waamaman kan godhee fi Mooraa kijibdootaa Biyya alaa jirtuus tahee Warra Biyya keessaa maqaa oromootiin daldalataa jiran keessa seenuun oliif gad hargufee akka isaan qullaa taa’an ummata oromoof ibsee . kana qofatti yoom dhaabe ummata oromoof akka wanti takka hin jirre saba oromoof himun mala akka dhawatan akkasuma yeroon osoo nurra hin kunne daddaffitti mariidhaaf karaa banuun teennee irraa haa mari’annu fala haa barbaadannu wanti karaa ummanni eegaa jiruun cufaa akka isaan kijiba duwwaa irra jiranii fi yeroo gara yerootti gabrummaa ummata oromoo dhaalchisuuf Rafaniituma akka waan hin garree fi hin dhageenyeetti ilaalanii erga hirriba quufanii ka’anii Mirgi saba oromoo sarbame jichuun taa’aniituma Ibsa fuula dhibbaa tamsaasuun kanumaan gurra ummataa duuchuun qofti gahaa miti jennaan warra kanarra jiraniin . kana malees karama miidiyaa isaaniituun Erga wanti darbe darbee akka waan boolla keessaa bahaniitti wacuuf bu’aa ummata keenyaaf kan fidaa hin jirre tahuu akka hubatuu qaban akkanuma Wareegama gootoowwan teenya kafalanii asiin nu gahan bilaash taasisuun dhaloota dhufanitti karaa itti golgoleessuun hafuu kan qabuudha .

    Walumaa galatti yaada koo gara goolabuutti deemaa jiruuf dhaamsaa fi wal hubannoo gabaabduu tanaan isiniif dabarsa . Wayyaaneen murna laafaatti, akka qoosaatti isa harka duwwaa itti dhaqeef Aangoo keennituu miti. Dhaaba nagaahaa fi seera beektu akka hin taanes gochaaleen gara jabinaa ilmaan Oromoorratti waggoottan 22n darbaniif hojjette raga guddaa dha. Fuunduuraafiis hanga rukutamtee Oromiyaa keessaa hin baanetti murna yakkoota adda addaa saba Oromoorratti hojjeechuurraa duubatti hin deebitu. Murna waggootan 100n dhufuufi uummata Oromoorratti karoora baafattee hojjeechaa jirtuu dha. Silaa jarri kun kana hubatanii, warra isaan dura “karaa nagahaatin qabsoofna” jedhanii harka wayyaaneetti kufanii boodarra hidhaatti tortoran, ajjeefamanii , Biyya irratti dhalaterraa ari’amanii fi bakka buuteen isaanii dhabamerraa barachuu qaban turan. Beekaan namarraa barata wallaalaan ammoo ofirraa barata akkuma jedhamu san jechuu dha. Dubbiin Akka gaafa Aangoo ufumaa itti darasanii amaanaadha hanga waggaa kanaa jedhan san jirti natti hin fakkaanne . yoo duraanumaa wajjiin hojjataa jiran tahe malee . kanaafuu Dhaamsii fi fedhiin Oromoo yeroo hunda tokkummaa dha. tokkummaa diina keenya nurraa Jilbiiffachiisuudha . . Tokkummaa mooraa qabsoo Oromoo daandii injifannoo qabsiisu ta’uu qaba.

    Eega faaruu Rabbii keennaati !!! Rahmata Nageenyi Rasuula keennaaf !!!
    Kanarraa ka’uun Galanna dargaggoo fi shamarran oromoof hundaaf haagahu

    Kan akka: johar Muhammad
    Kan akka: Sa’id Muhammad
    Kan akka: Muhammad Adeemoo
    Tan akkan: toltuu tufaa
    Tan akka: Faaxumaa Ali fi kkf cufaaf

    Iznii Rabbiitin oromiyaan ni bilisoomti !!!!!!!!!!!!!!!!

    BY Bosona Oromiyaa @gmail.com

  4. Yaadannoo bara tokkoffaa du’a Sooreysa Jeeneraal Jaarraa Abbaa Gadaatii fii HD dhaaba ULFO/THBO J/Shaazalii Gaatuur Mahammad ilaalchiseeibsadhaabaULFOirrakenname.
    Akkamu beekkamu baradabre, ji’a march 2013 gameeyyii Qabsoo Bilisummaa fii Walabummaa Oromiyaa lama dhabuun keenya ni yaadatama. Gadda ulfaataa nu qunname kanaan dhaabbiilee siyaasaa Oromootii fii lammiileen oromiyaa akkasuma firoottan Q.B.Oromiyaa marti gadda ulfaataa keeysa qaxxaamurree kunoo bara tokkoffaa du’a gameeyyii kanaa geenyee jirra. Sooreysi oromiyaatii fii abbaan warraaysa qabsoo bilisummaa fii walabummaa oromiyaa J/Jaarra A/Gadaa gaafa:- 03-03-2013 guyyaarraa sa’aa 2:30 irratti lubbuun dabruu isaaniitti lammiileen keenya maraaf guyyaa gaddaa tahee ture. Osoo kanarraa hin bayyanatin gaafa:- 06-03-2013tti HD dhaaba ULFO kan tahe J/Shaazalii Gaatuur Mahammad wareegamuun dhagahamee ture. Gaddigaddarrattinuufdabalame.haalaulfaataa kana keeysa qaxxaamurree mul’ata jaallan kanaa dhugoomsuuf baallama keenya haaromsinee Qabsoo if dura furgaasuun ittifufe.
    Eegaa guyyaan kun guyyaa gaddaa cimaa tahuus boqonnaa qabsoo haaraya banuun isaa yaadannoo addaa akka qabaatu taasisee jira. Kanaaf qabsaawotaa fii lammiileen oromiyaa marti akkuma haalaa fii bakki isaaf mijjaawetti guyyaa kana yaadannoo godhachuun baallama saanii akka haaromsan hogganni dhaaba ULFO dhaamsa dabarsa.
    Lammiileen Kenya kan oromiyaa jiraattan ”Salaata jummaairratti yaadatanii duwaa’ii isaaniif akka godhan ULFOn ni hubachiisa. Kanneen biyyota arabaa jiraattaniis guyyaa lammiilee keenya achi jiran hirmaachisuuf tolu guyyaa jimmataa 07-03-2014 yaadatanii Ooluun barbaachisaadha. Akkasuma kanneen afrikkaa, awroopaa, ameerikkaa fii awstaraaliyaa jiran ammo gaafa dilbataa (alhadaa) 09-03-2014 walitti dhufanii guyyaa kana godhachuun qabu. Yaadannoo kana godhuun lammiileen keenya kan dheebuu bilisummaa fii walabummaa oromiyaa qabaniif abdii fii dambooba gaarii yoo tahu farreen qabsoo keenyaatiif ammo jalabultii diigamaa isaaniiti.
    Haaluma ulfaataa dabarsine kana keessatti jijjiramni qabsoo oromiyaa dhaloota haarayaan akka burruqa ibiddaa ykn volkaanotti dhoohee jiru kun cimee akka itti fufuu fii kanneen Qabsoo hidhannoo gaggeeysaa jiraniis mooraa Qabsoo tokko keeysaa burqanii oromiyaa walaboomsuuf yeroon isaa dhihoodha, jechuun Hoogganni dhaaba ULFO dhaamsaa kana xumuree jira.

    Tokkummaan Humna !!!
    Oromiyaan Ni Walaboomti !!!
    KHR ULFO
    March 01/2014

  5. IJAAN QALAAN KAL’OO HIN URRE !!!

    DHiheenya kana mata duree “Ob. Juneeddii Saaddoo Eenyu?” jedhuun gabaasa Obboo Ahmad Saayyootiin TVOMT irratti dhiyaate daawwadhee ykn dhaggeeffadheen ture.

    BY Bosona Oromiyaa @gmail.com

    Kanarraa ka’uun Tultuu Juneeydii Saaddoo Dalage fi Badii inni dalage akka fkn kaasuun gaggabaafse isiniif eeruu barbaade .

    Badii fi Galata Obbo juneeydii saaddoo Ummata oromoof godhe wal madaalchisuun yaada kennaa .

    1 Badii ykn Dogoggora isaa Irraa inni Ijoon waan tokko Qofa kan ani beeku .

    1 . Mallasaan dogoggorsuun Ahhabashii Biyya akka galchan irratti irraa fuudhuu fi keessa harka naqatuun Ahhabashiin akka biyya seentu godhuu isaati .

    GALATA ISAA IRRAA !!!

    1 . Duula karaa sumaalee fi sablammoonni xixiqqoon wayyanonni ummata oromoo irratti raawwachuuf kaahan dura dhaabbate .

    2 . Dachii oromiyaa lafa duwwaa jirtu tan wayyaaneen nama isii Tigraayirraa fiddee oromiyaa keessa kutaalee shawaa , wallaggaa , Jimmaa Baalee Arsii fkn f irra qubsiisuuf karoorfatte dura dhaabbatuun ummata keenya kan beelaa fi hoongeen saaxilaman Kutaa Harar irraa fuudhee irra qubsiisuun kan dura dhaabbatedha .

    3 . Namni Afaan oromoo hin beekne Dachii oromiyaa keesatti Waajjiraalee fi kampaanilee dabalatee baankile oromiyaa keesa akka hin hojjanne kan godheedha .

    4 . Naafxanyoota Amaaraa nama 30,000 ol kan tahu Xoorataa bahee taa’ee mindaa nyaatu kan irraa kute isa .

    5 . Saboota xixiqqoo OROMIYAA Keessa jiran Dachii oromiyaa keessa qubatanii jiran akka itti gaafatama gurguddaa ummata oromoo irratti hin arganne kan godhe fi dura dhaabbate isa .

    6 . Siidaa Gootota oromoo akka dhaabbamuuf kan jalqaba taraarrii kaahee fi sagantaa baase Obbo Juneeydaa Saaddooti .

    7 . Galma Abbaa Gadaa kan Ijaarsisee fi Ebbise Isa tahuu kan hin dhokanneedha . Ragaa isa kanaa Ali Birraa Biyya alaa iraa Galchuun Mirga Wabiitiin sirba Abbaa gadaa akka sirbu kan godhe tahuudha .

    8 TVO Kan kan Asaasa kaafi akka banamu kan godhe kan bansiise Obbo juneeydiidha .

    9 . Filmaata bara 2005 Akka lakkoofsa adunyaatti Qinijjit wayyaanee moote Zarraaf jette kan mallasaa fi tigreen bakka seentu wallalte mumuqqaali wixii isaan dhoorkee akka isaan biya deebitee hin qabanne godhe Juneeydiidha .

    10 . Lafa seenaa Aanolee kan ummanni Arsii Qofti 190, 000 ol irraa dhume kan dhiira harka muranii haawwota teenya Harma Muranii , kan hafe Qaama saalaa irraa muranii fi DHiira teenya itti kolaasan seenaa kana kaasee kan dhaabee fi galmi seenaa kanaa akka dhaabbatu kan godhe isa . kan aanolee kanarratti wanti Obbo Juneeydiin dalage waa lama gurguddoodha . 1 Bakka seenaa kanarratti Siidaan akka dhaabbatu dhodhuu isaati . 2 . Yeroo naafxanyoonni Qinijjin filmaataan moohan Ummata Arsii Baaleen hanga dalla mannaatti miilaan keessa deemee Ummata walitti yaasee Amaara kaleessa harma isinirra murteef darbitanii jechuun ummata kakaasee filmaanni irra akka deebi’u godhuun Kutaa Arsii fi BAALE Qofaan deebisee Amaara qinijitiidhaan kan ariisise tahuu isaati .

    11 . Seenaa Calii Calanqoo kan dhokate akka hin dhokanne kan ol baasee fi Siidaan Calii Calanqoo Bakka isaatti akka dhaabbatuu kan godhee fi bu’uura kan kaahe isa .

    12 . Yeroo inni Bulchiinsa Mootummaa naannoo oromiyaa tahetti Ummanni oromoo jaalatuu bira kutee waraana nama isa eegu tokko malee Dachii oromiyaa tana keessa Baadiyaa Maqaalaa Baddaa gammoojjii keessaa miilaan deemuun hawaasa isaa wajjiin haasawa garagaraa kan godhaa tureedha .

    13 . Bishaan dhugaatii ummata oromoof kan jalqabaaf bu’uuree fi ummata biraan gahaa tureedha . Daandii konkolaataa magaalarra gurguddoo irra magaalalee wal qunnamsiisuu fi baadiyaa keessa akka diriiru kan godheedha .

    14 . Mana barnootaa magaalalee fi baadiyaa ganda ganda keessatti akka ijaaramu kan godhee fi bu’uure isa ture . Baattoonni akka afaan oromootii hanga kollejjiitti baratamu kan godhes isuma ture . barumsis hanga kutaa 12 tti kan kaahe fi hujirra akka oolu godhe isa ture .

    15 Univaristiileen akka oromiyaa keessatti banamu kan godhe isa ture . isa kanas kutaalee oromiyaa cufa keessatti akka banamuu fi barattoonnis baasii hin taaneef akka hin saaxilamne akka naannoo isaaniitti baratan barnoota ol aanoo kan godheedha .

    16 . Jeneraal Waaqo Guutuu Abbaa qabsoo hundaa kan simatee Reeffa isaanii kabajaan Biyyatti akka galu godhee fi Awwaalamu kan godhes Jeneeydii Saaddooti . kan kan isiniif mirkaneessu gaafa JAARRAA ABBAA GADAA Du’e isa kana maaf hin argatin ummanni oromoo . Du’uu jaarra abbaa gadaa ummanni oromoo biyya keesa jiru harki caalu osoo hin dhagahin galuu isaatis hin dhagahin kanuma qabri galan dhagahani . kanaafuu Juneeydii fi Alamaayoo wal madaalchisuuf deebii isa salphaadha .

    17 . Obbo Juneeydii Saaddoo Gaafa inni OPDO Dabalamu OPDO DHibbarraa harka 30 % hin caaltu ture . Inni achirraa fuudhee dhibbarraa harka 57 % irraa kan gahes isuma kana

    18 . Xayyaara oromiyaa Guddaa jalqabaaf namni bitee Alaabaa oromiyaa fi barruu afaan oromootiin Mallattoo oromiyaa ilaalu qopheessee mAdunyaa tana cufa keessa akka balali’u kan godhuuf bu’uure isa ture . isa kana dura bu’anni akka galma hin geenye ergamtoonni wayyaane kan akka kumaa fi leencoonfaati dura dhaabbatani .

    19 . Abbaa Duulaa Gammadaa oromoo miti kanneen jedhanii dura dhaabbatan Leenco , marararaa , Bulchaa dammaysaa fi warri gama isaaniitiin jiran kan oromummaa iraa mulquu fi akka diina jedhaniin kan dura dhaabbatan . Obbo Juneeydituu mormeeni inni oromoo jedhuun ummata oromoof himeefi ummanni oromoo akkia isa jaalatu kan dheedha .

    20 . Magaalaa oromiyaa gudditti kan kumaan dammaysaa Finfinnee irraa Adaamatti jijjiire isatuu akka finfinneti ol deebitu kan godhes isa . waajjira Guddaa OPDO Finfinnetti ijaaramee fi TVO Finfinnee dame lama akka qabataanii fi irraa fayyadaman kan sagantaa kana baasee fi hujirra akka oolamu kan dheedha .

    Walumaa galatti galata obbo juneeydiin Saaddoo ummata oromoof godhe waan dubbatame dhumu miti ani fknf keessa keessa kaase malee . kanaaf Toltuu inni ummata oromoo godhee fi badii ini ummata oromoo irrati dalage wal madaalchisuun ni dandahama . kan abbaa duulaa dalagani hujiti hiikan dhibarraa parsantiin yoo kenne 93 ol kan juneeydiin kaahe . Abbammaan duulaatuu Galateeffamuu fi faarfamuu kan qabuudha . innummanuu san hujitti hiikuun galata gudaadha .

    YAADACHIISAA FI WAL HUBANNOO ###

    Ani yaada koo osoo hin goolabin akka waliif beknuu fi wal hubannu kanneen wayyaanee wajjin jiranis tahe biyya alaa akkanuma Gaazexeessotaa fi kanneen miidiyaalee oromo hundeessitanii itti gaafatama ummata oromoo ufirra qabdan cuftuu .

    *** Namni Tokko Diin islaamaatiin loluu fi balleessuuf yoo ka’e takkaayyuu keessa harka qabaate Rabbiin isa kan hin dhiifne tahuu cufti keenyaa beekuu qabna .

    *** Olomaa’onni keenya rabbitti boohanii Mallasaa fi Alamaayyoo Atoomsaa rabbiin dhabama akka isaan godhu , ija isaanii duraa boolatti dukkanaatti akka isaan darbamanii fi adunyaa tanarratti isaan xiqqaatan kan godhaniidha . Juneydii saaddoo badiin isaa hammana waan hin geenyeef gara biyya alaatti Abaaran .

    Kanaafuu akkuma jaalli koo ana dura ibsuu yaaletti Yeroo ammaa kana Obbo Juneeydiin sababaalee adda addaatiin, fakkeenyaaf qaaneffachuudhaan yookaanis waan itti amanee hojjechaa ture sanarratti hanga lubbuun isaa dabartutti irratti cichuudhaan of dhoksuu waan maluuf, gadi bayee dubbachuuf tarii fedhii qabaachuu baatus, otuu gabaasni kun uummataaf hin dhiyaatin dura Obboo Juneeddii ofitti dhiyeessanii wajjin dubbachuun ykn haasa’uun tooftaa gaarii ture jedheen yaada.

    ***Kun silaa karaa lamaan carraa bana ture.

    • Tokkoffaa, Obboo Jundeeddiin gadi bayee waan ta’e hundaa uummata isaatti ibsuu fi achumaanis dhiifama gaafatee, xinnaatullee boqonnaa sammuu akka argatu carraa isaaf bana ture.

    • Lammaffaa ammoo, innumtuu (Juneeddiin) waayee kana dubbachuuf fedhii kan qabaatu yoo ta’e, mootummaa Wayyaanee keessatti nama bakkee guddaa (taayitaa olaanaa) qabaachaa ture waan ta’eef (badii inni uummata Oromoorratti dalage akkuma jirutti ta’ee jechuu kooti) waan diinni godhaa ture fi jiru akka saaxilu fi hawaasota addunyaatti akka himu malaan ittifayyadamuun ni danda’ama ture.

    ****** Waa’ee juneeydii saaddoo kanaan yaada koo isiniif goolaba . Juneeydii saaddoo Huccuu Qulqulluu kan xuriin fiinxa ykn caafi takkaan tuqe goonee bakka san irraa murree itti fayyadamutuu nurra eeggama . Kanaafuu ” Sa’a abbaan Gaafa Cabse Ormi IJA Balleessa ” jedhamaa miire .

    Galatooma .

    BY Bosona Oromiyaa @gmail.com

    • ” SAREEN UFII WAL NYAATTU BINEENSA UFIRRAA HIN GARTU ”

      BY Bosona Oromiyaa

      AKEEKNI mammaaka kanaa kan dhinyeenya kana MAQAA MIIDIYAA Dahatanii dhimma nama dhuunfaa fi garee takkaan duula ilmaan oromoo irratti akekkate akka oromoon burjaajahuu fi amaluma kaleessa baratan san deebisuuf jecha oliif gad warra dhama’aa jiraniif dhaamsa lammummaa , jaallummaa , biyyummaa fi sabummaa fi foonummaa waliif qabnu dabarsuu barbaade .

      kanaaf yaadaa fi Gurri keessan ana waliin haa tahu jechaa gara yaada koo isa baheetti isin deebisuu fedha .
      Dura yaada koo Gaafiin isinii Eegala .

      *** Miidiyaan tokko kan dhaabbatuuf maali ?

      Jennee yoo wal gaafanne namuu yaada adda addaa kennuu dandaha . ani immoo miidiyaan tokko kan dhaabbatuuf ” ERGAA DABARSUUF DHAABBATE ”

      Ergaan inni dabarsuuf dhaabbatu waa lama ( 2 ) qofa . innis Ergaa keeyrii ykn Toltuu fi SHarrii ykn fokkatuu Gurra ummataa buusuufi .

      1 . Ergaa keeyrii ykn Toltuu <<< Isiin tun Hawaasa Gabrummaa jalatti waggaa 100 kufee jiru Sammuu Isaa itichuun akka inni MI'AA Bilisummaa Baratee akkasuma Hadhaa Gabrummaas Maal akka taate baratee Daandii bilisummaa fi Waraaqsaa baratee akka inni wal jala Hiriiruuf kan karaa saaqudha ykn banuudha . kana males Saba tokko Seenaa , Aadaa , Afaan ISaa , Biyya isaa fi kkf saba fi biyya san guddisuun Doofummaa jalaa baasuun Adunyatti ol qixxeesseen dhaloota itti aanuuf karaa sassaaqee kan kaahuudha .

      2 . Ergaa SHarrii ykn Fokkattuu <<<< Hawaasuma akka ummata oromoo kana Gabrummaa jalatti akka kufuu fi akka inni Mi'aa Bilisummaa hin barre doofaa tahee Ergamtuu namaa tahee hafu fi Gabrumaa jalatti kufee Daandii Bilisummaa fi Walabummaa hin gonfanne yeroo gara yerootti sammuu isa burjaajessuun kaayyoo isaa jeeqanii bara dhufaa darbaa diina jalatti kufee hafuuf kan dhaabbatuudha . Miidiyaan kun kaayyoo nama san dhaabee fi waan inni irratti dhaabbateef san galmaan gahuun kan socho'uudha .

      Kana hubannee Hawaasni oromoo Gabrummaa jalatti Waggaa 100 oliif kufee jiru Kaayyoo hawaasa keenya galmaan gahu irratti deemuu fi Hawaasa biraan gahuun dirqama bu'uressitootaa fi itti gaafatamtoota warra miidiyaa irra taa'anii haasawa dabarsan Gaazexeessota dabalatee abbootii seenaa cufa isaanii kan ilaaluudha .

      Gaazexeessota ykn Oduu dabarsitoota dabalatee Hayyootaa fi barsiistonni Hawaasa oromoo Miliyoona 62 olitti shallagamu dura dhaabbatan oduu hin taane tamsaasuu fi odeessuun Diiggamsaaf karaa nutti banuu irraa uf eeggachuu qaban jenna .

      Miidiyaan tokko ummata oromoof dhaabbate jechaa ilma oromoo ija wal qixaatiin laaluu fi farsuun isarraa kan eeggamuudha . Kana kan nu jechisiise Akkumma Hammeenya Juneeydii Saaddoo irraa dubbattanitti maali OBBO ALAMAAYYOO ATOOMSAA hin dubbatinaan gaafii yeroo ammaati . Miidiyamaan kamiiyyuu Gadda fi faarfannaa Obbo alamaayyoo Atoomsaaa akka nama jabaa tokkotti kan irra dubbatan Juneeydiin hoo maal isin godhee fi hammeenyi isaa hanganuma hunda maali . waan ummani oromoo hin beekne isinirratti raawwate moo qurrama isarraa dhuunfaan qabdan gara miidiyaa ummata oromoof bu'uureffame irratti fiddanii kan oduu hin taane dabarsitaniif .

      Miidiyaan keenya kan du'e gara qabrii keesatti gad kutee gaddee itti dhagahame ibsuu fi Boohuu akkasuma faarsuu malee kan jiruun dararaa fi rakkinna keessa jiru kan boru irraa fayadamuu fi nu gargaaruu dandahu irraa dubbatuu hin dandahuu . Kan du'e waan dalageen gara fuula rabbii kute . kan nuti boohuu fi gaddus faarsus dandeenyu kanuma jiru kana tahuu hubannee Aadaa kan jiruuf boonnuu wal dhaalchisuu qabna . " Jiraan naman qabuu " du'aan namandhabu "jetti oromoon

      Kana kan Nu Yaadachiisu Miidiyaa shanee Torbaanitti ykn Baatitti kan daqiiqaa 30 dabarsu nu yaadachiisa . Inni Sunuu Torbaanuma ykn Baatitti yeroo dhufu Kijiba gorguddaa Gaangeen Baachuu hin dandeenye fidanii kan wanti takka lafa hin jirree fi homa hin dalagamin akka waan dalaganiitti haasawaa turan kan nuti cufti yaadannu Waraanni WBO Zoonii baha oromiyaa keessa socho'o waraana 500 ol ajjeesee gara 800 olitti tilmaamu madeessuun kan hafan booji'uun meesaa waraanaa wayyaanee irraa saamuuf dantaa qabsoo bilisummaa oromoof akka galu goone jechaa turan . yoom kana qofa Waraanni WBO Qabsoo godhetti milkaawuun FINFINNEE Toohachuuf Kiilo meetira waa xinno qofatuu nu hafe jechaa turanii . Osomaa kanaa jechaa turanii Torbaan osoo hin geenye Mootummaa wayyaaneetiin walii gallee jechuun AMAARA Wajjiin harka wal qabatanii ka'aa ni gallaa jechuun kan lafa jalaan walitti gungumantuu as bahe . kun waan kolfaati wanti jara tanaa waan dubbatamee dhumuu miti . AKKA MAMMAKNI JEDHE ( OSOO BEEKUU huuba wajjiin ) jette sareen .

      Miidiyaan SHaneeTorbaanitti ykn Baatitti DHufee HAR'A Obbo Juneeydii Saaddoon Akkana jedhuu fi tarree warra diina hamaa Gubbaa kaahus tahee SHaneen umrii isii guutuu dalagan Tan Juneeydii SAADDOO ummata oromoo fi oromiyaaf buuse takka ( 1 ) cinaa hin Geettu .

      Kanaafuu Waan namni nuun jedhe nutti MAMMAKE Takka isiniif himaa .

      ( Jaarmenyi Oromoodhaa Torbaan dhiichisaaf wal waama <<>>walitti dhufa jechuun nuuf mammakan ) Amanni yeroo ammaa gama miidiyaalee fi ijaarama jaarmayoota keenyaa gamanumatti deemaa jira fakkaata .

      Kanarraa ka’uun ERGAA UF EEGGANNOO MIIDIYOOTA OROMOO Kamiifuu dabarsuu fi akka dhaamsa kiyyattis isiniif qabu ibsuu barbaada .

      Dursa warri irratti ololaa fi kijibaa buufaa jirtan nu baruu yoo feetan Nuti Oromoodha . Warra Qaanqee Bosonaati . Nuti Ilmaan Muhaammad Alii wallooti . Kan MILILIK Jilbiiffachiise . Haftee Iyyaasuuti . NAAFXANYAA Biyya Oromiyaa qabanne jennaan osomaa inni hin beekin Ibidda garaa jalaan itti Bobeesseedha . yoom kana qofaa Hortee Jeneraal Waaqoo Guutuuti . Goota QAWWEE DHONBIR RASAASA Takka nyaatuun Xayaara Ingilizii fi Faransaa Samii keessaa harcaasaa tureedha . SHanyii Elemoo Qilxuuxi Kan muka qawwee halkan Diina ufirratti fincoofsisee Mukaan Diinarraa qawwee gooraa tureedha .

      Yoom kana qofa Lafa jalaa fi Gubbaan Guggubee Nuti Qaanqeen Bosonaa <<< Warran gaafa oromoon shaneedhaa sujuuddu , SHaneen Daandii Haqaa irraa hin jirtu jechuun Lafa gubbaa fi jalaan jara guggubaa tureedha . Achirraa QAANQEEN Teenya Gurachomsinaan ummanni oromoo itti dammaqanii guutuun walii galee ufirraa damma darbe . nuti nama sani beekuu qabdan .

      Lolaa fi Qabsoo akka kaleessaa Ganda keessatti nu hin deebisinaa . inni kun Tattaafii shaneeti . Kan kaleessa maqaa amantiitii fi kutaan adda nu qoqqoodaa ture Tattaaffii shaneeti . Qabsoo ummanni oromoo yeroo ammaa Diinarratti Xiyyeeffate tana gara ganda keessatti As nuuf deebisuuf akkana godhaa jiran .

      Isa kanaaf Deebiin Nuti kenninuuf akka mammaakni jedhe sani . <<< Jaarsa tokkotuu Nama Bitamaa Itti Erginaan akkana jedheen ( Sidhiisi Nama Si Ergeeyyuu Beekaa ufirraa hin xaarinii itti dhiisi . ) jechuun kan inni deemuuni fi kayyoo isaa harkatti busheessee uf duuba deebise .

      Na faana turuu keessaniif galanni keessan dachaa . galatooma .

      BY Bosona Oromiyaa @ gmail.com

  6. Lelliisaa BILISUMMAA

    Jiijjiiraamni fedhii fi hawwii oromootti.

    Mata duree kana jalattii waa hedduu kaa’uun dandaa’ama.kuniis qabsoo bilisummaa sabaa godhaa turre keessattii yeroo hedduu akka jijjiiraamni hundee godhamu yalaamaa turees garuu osoo ittii hinn milkaa’aan hanga bara 2008 ga’e. Bara 2008 mooraa qabsoo bilisummaa oromoo keesaattii jiijjiiraamni hundee dhufuun akeeka qabsoo bilisummaa oromoo fi adeemsa qabsoo bilisummaa oromoo garam irraa garaamittii jechuun xinxaala hayyoota fi bektoota akkasumaaas jeneeraalota toftaa lolaa akka gariittii hubaannoo fi muxaannoo qabaaniin sagantaan qabsoo bilisummaattii nu geessu taa’e. Jijjiiraamni hojiilee hedduu keessaa fi ala qabsoo bilisummaa sabaa godhaa ture fi jiru keessattii hojjiileen hedduu
    akka mudaachuu dandaa’anii injiifannoo qabsaa’ootan osoo hin milkaa’in hafan .dhugaa jiru qabsoo kamiyyuu keessaattii hoggana miseensoota isaa yeroo irraa yeroottii wal hubaannoo fi wal quba qabaachuu waan hoggaannnii isaa keessa jiru akkasuuma haala qabsoo oromoo fi hegeree qabsoo oromoo maal akka ta’uu gubbaa irraa hanga jalaa wal to’aachuun qabsaa’uutu qabsoo bilisummaa sabaa galmaan ga;a. jijjiiraamnis kanaaf barbaachiisaa ta’uun mooraa qabsoo bilisummaa oromoo keessattii bakka ol aanaa argaachuu dandaa’e.
    Lelliisaa BILISUMMAA IRRAA,.

  7. Lelliisaa BIlisummaa

    Muldhatadhugaaqabsoobilisummaasabaafqabaachuu
    Matadureemuldhatadhugaaqabsoobilisummaafqabaachuujedhujalattihaalaqabsoobilisummaaoromoo fi adeemsa Q.B.O garamittiakkadeemaajiruakeekuubarbaada.
    Kunisdhaabnitokkomuldhatadhugaayooqabaatemaleeqabsoosabaa fi sab-lammoonnicunqurfamoongodhamaajirugalmaangahuuhindanda’u. Yeroo kana jedhumuldhatadhugaaqabsoofqabaachuukeessattijijjiiramni ABO keessattigodhamefakkeenyummaagaarii fi abdiiqabsaa’otaqabsoobilisummaaoromoota’eemuldhateejira.
    Jijjiiramnihundeeergadhaabaabdiisababaldhaata’e ABO keessattita’eesochiin Q.B.Sgodhamumumuldhachaadhufuunhawaasaabdiiqabsooirraakutateejirudeebiseeabdiiittihoruudanda’eejira.waraanabilisummaaoromoo fi sochiiwaraannibilisummaakandiinniakkahinjirrettimidyaanmurnatokkoowayyaaneenhafarsaatuere A.B.O fi W.B.Onabdii fi gaachaniummataoromooakkajijjiiramnihundeedhaaba A.B.O keessattigodhameeyeroojalqabaatiifkaraa TV keeniyaaneeshiinjedhamuunmuldhachuunabdiiummataoromoottihoruundiinakeeniyakanjiraachuukeenyahaaluufoffif of sobaaba’emataa gad jechisiise .
    Kana qofaosoohinta’insochiiA.B.OnbiyyootaAfrikaa fi Addunyaamarakeessattigodhaaturekeesatti Q.B.O yerooirraayerottidachoooromiyaabiyyootaollaabiyyattita’anirraafagaachaadeemuunwaawaanwalnamagaafachiisanattihinfakkaatu . Ta’usgaruuergajijjiiramnidhufeemuldhatadhugaaqabsoobilisummaasabaaqabaachuunakkaqabsoonoromoobilisummaasabaafgodhamubiyyakeessattigodhamuu fi keessattuuimmoodachiiAfrikaakeessattigodhamugodhuunsochii A.B.O jijjiiramaa J/K/G, J/HayluuGonfaa fi JaaltamaamBaatiinmuldhatadhugaakanAfrikaakibbaagodhaatureejirufakkeenyummaagaariiABO jijjiiramaata’a.
    Dhaabamuldhatadhugaaqabsoobilisummaasabaafqabuyoojedhudhaabaummtataisaakaninnigabrummaajalaabaasuufqabsoogodhaature fi ammasqabsoogodhaafijirudiinniakkamittiinjirajedhee gad fageenyaanxiinxalleehubachuudhaanummataisaa fi addunyaafgochaahammeenyaaabbaairrummaangarajabeenyaanhojjatusaaxiluuntarkaanfiibarbaachisaata’efudhatu.
    Kana qofaosoohinta’inkaraadaandiitokkummaabilisummaakeessattihogganabilchinaakankaleessaairraafafaafimichoominnaisaatolcheehubachuunbilisummaasabaisaagonfachiisuufgodhamukeessattihogganamiseensootaa fi deeggartootaisaayerooirraayerottitoo’achuunyaadaisaamiseensotaga’eekanmiseensotaasimmoohamileendhageeffachuunyaadaa fi yaaddoleedhaabaafqabanifattikaa’uunhogganamiseensotaisaa fi deeggartootaisaawajjinfurmaatakaa’utubilisummaasabaanga’uudanda’a.
    Kana yeroojedhudhaabnijijjiiramaaqabsoosabaamilkeessuufqabsaa’uukaassattidhaabaduraa fi duubaofiiilaaluundaandiihaqaafbilisummaanga’ajedheehububaadha.
    Lelliisaa Bilisummaa.

    E.mail ; aanoolee@gmail.com

  8. Lelliisaa Bilisummaa.

    Muldhata dhugaa qabsoo bilisummaa sabaaf qabaachuu
    Matadureemuldhatadhugaaqabsoobilisummaafqabaachuujedhujalattihaalaqabsoobilisummaaoromoo fi adeemsa Q.B.O garamittiakkadeemaajiruakeekuubarbaada.
    Kunisdhaabnitokkomuldhatadhugaayooqabaatemaleeqabsoosabaa fi sab-lammoonnicunqurfamoongodhamaajirugalmaangahuuhindanda’u. Yeroo kana jedhumuldhatadhugaaqabsoofqabaachuukeessattijijjiiramni ABO keessattigodhamefakkeenyummaagaarii fi abdiiqabsaa’otaqabsoobilisummaaoromoota’eemuldhateejira.
    Jijjiiramnihundeeergadhaabaabdiisababaldhaata’e ABO keessattita’eesochiin Q.B.Sgodhamumumuldhachaadhufuunhawaasaabdiiqabsooirraakutateejirudeebiseeabdiiittihoruudanda’eejira.waraanabilisummaaoromoo fi sochiiwaraannibilisummaakandiinniakkahinjirrettimidyaanmurnatokkoowayyaaneenhafarsaatuere A.B.O fi W.B.Onabdii fi gaachaniummataoromooakkajijjiiramnihundeedhaaba A.B.O keessattigodhameeyeroojalqabaatiifkaraa TV keeniyaaneeshiinjedhamuunmuldhachuunabdiiummataoromoottihoruundiinakeeniyakanjiraachuukeenyahaaluufoffif of sobaaba’emataa gad jechisiise .
    Kana qofaosoohinta’insochiiA.B.OnbiyyootaAfrikaa fi Addunyaamarakeessattigodhaaturekeesatti Q.B.O yerooirraayerottidachoooromiyaabiyyootaollaabiyyattita’anirraafagaachaadeemuunwaawaanwalnamagaafachiisanattihinfakkaatu . Ta’usgaruuergajijjiiramnidhufeemuldhatadhugaaqabsoobilisummaasabaaqabaachuunakkaqabsoonoromoobilisummaasabaafgodhamubiyyakeessattigodhamuu fi keessattuuimmoodachiiAfrikaakeessattigodhamugodhuunsochii A.B.O jijjiiramaa J/K/G, J/HayluuGonfaa fi JaaltamaamBaatiinmuldhatadhugaakanAfrikaakibbaagodhaatureejirufakkeenyummaagaariiABO jijjiiramaata’a.
    Dhaabamuldhatadhugaaqabsoobilisummaasabaafqabuyoojedhudhaabaummtataisaakaninnigabrummaajalaabaasuufqabsoogodhaature fi ammasqabsoogodhaafijirudiinniakkamittiinjirajedhee gad fageenyaanxiinxalleehubachuudhaanummataisaa fi addunyaafgochaahammeenyaaabbaairrummaangarajabeenyaanhojjatusaaxiluuntarkaanfiibarbaachisaata’efudhatu.
    Kana qofaosoohinta’inkaraadaandiitokkummaabilisummaakeessattihogganabilchinaakankaleessaairraafafaafimichoominnaisaatolcheehubachuunbilisummaasabaisaagonfachiisuufgodhamukeessattihogganamiseensootaa fi deeggartootaisaayerooirraayerottitoo’achuunyaadaisaamiseensotaga’eekanmiseensotaasimmoohamileendhageeffachuunyaadaa fi yaaddoleedhaabaafqabanifattikaa’uunhogganamiseensotaisaa fi deeggartootaisaawajjinfurmaatakaa’utubilisummaasabaanga’uudanda’a.
    Kana yeroojedhudhaabnijijjiiramaaqabsoosabaamilkeessuufqabsaa’uukaassattidhaabaduraa fi duubaofiiilaaluundaandiihaqaafbilisummaanga’ajedheehububaadha.
    Lelliisaa Bilisummaa.

    E.mail ; aanoolee@gmail.com

  9. Lelliisaa Bilisummaa.

    Muldhata dhugaa qabsoo bilisummaa sabaaf qabaachuu
    Mataduree muldhata dhugaa qabsoo bilisummaaf qabaachuu jedhu jalatti haala qabsoo bilisummaa oromoo fi adeemsa Q.B.O garamitti akka deemaa jiru akeekuu barbaada.
    Kunis dhaabni tokko muldhata dhugaa yoo qabaate malee qabsoo sabaa fi sab-lammoonni cunqurfamoon godhamaa jiru galmaan gahuu hin danda’u. Yeroo kana jedhu muldhata dhugaa qabsoof qabaachuu keessatti jijjiiramni ABO keessatti godhame fakkeenyummaa gaarii fi abdii qabsaa’ota qabsoo bilisummaa oromoo ta’ee muldhatee jira.
    Jijjiiramni hundee erga dhaaba abdii saba baldhaa ta’e ABO keessatti ta’ee sochiin Q.B.S godhamu mumuldhachaa dhufuun hawaasa abdii qabsoo irraa kutatee jiru deebisee abdii itti horuu danda’ee jira.waraana bilisummaa oromoo fi sochii waraanni bilisummaa kan diinni akka hin jirretti midyaan murna tokkoo wayyaaneen hafarsaa tuere A.B.O fi W.B.On abdii fi gaachani ummata oromoo akka jijjiiramni hundee dhaaba A.B.O keessatti godhamee yeroo jalqabaatiif karaa TV keeniyaa neeshiin jedhamuun muldhachuun abdii ummata oromootti horuun diina keeniyakan jiraachuu keenya haaluuf offif of sobaa ba’e mataa gad jechisiise .
    Kana qofa osoo hin ta’in sochii A.B.On biyyoota Afrikaa fi Addunyaa mara keessatti godhaa ture keesatti Q.B.O yeroo irraa yerotti dachoo oromiyaa biyyoota ollaa biyyatti ta’an irraa fagaachaa deemuun waa waan wal nama gaafachiisa natti hin fakkaatu . Ta’us garuu erga jijjiiramni dhufee muldhata dhugaa qabsoo bilisummaa sabaa qabaachuun akka qabsoon oromoo bilisummaa sabaaf godhamu biyya keessatti godhamuu fi keessattuu immoo dachii Afrikaa keessatti godhamu godhuun sochii A.B.O jijjiiramaa J/K/G, J/Hayluu Gonfaa fi Jaal tamaam Baatiin muldhata dhugaa kan Afrikaa kibbaa godhaa turee jiru fakkeenyummaa gaarii ABO jijjiiramaa ta’a.
    Dhaaba muldhata dhugaa qabsoo bilisummaa sabaafqabu yoo jedhu dhaaba ummtata isaa kan inni gabrummaa jalaa baasuuf qabsoo godhaa ture fi ammas qabsoo godhaafi jirudiinni akkamittiin jira jedhee gad fageenyaan xiinxallee hubachuudhaan ummata isaa fi addunyaaf gochaa hammeenyaa abbaa irrummaan gara jabeenyaan hojjatu saaxiluun tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhatu.
    Kana qofa osoo hin ta’in karaa daandii tokkummaa bilisummaa keessatti hoggana bilchinaa kan kaleessaairraa fafaafi michoominna isaa tolchee hubachuun bilisummaa saba isaa gonfachiisuuf godhamu keessatti hoggana miseensootaa fi deeggartoota isaa yeroo irraa yerotti too’achuun yaada isaa miseensota ga’ee kan miseensotaas immoo hamileen dhageeffachuun yaadaa fi yaaddolee dhaabaaf qaban ifatti kaa’uun hoggana miseensota isaa fi deeggartoota isaa wajjin furmaata kaa’utu bilisummaa sabaan ga’uu danda’a.
    Kana yeroo jedhu dhaabni jijjiiramaa qabsoo sabaa milkeessuuf qabsaa’uu kaassatti dhaaba duraa fi duuba ofii ilaaluun daandii haqaaf bilisummaan ga’a jedhee hububaadha.
    Lelliisaa Bilisummaa
    E.mail ; aanoolee@gmail.com

  10. Maali issa wani OMN jedhani fuula dura nuuf kaaytu? Isuma TV wayaaneetin qaraaqarummaa maal qabu? Seeraafi heera hasawun kun waan raajii dha. Oromooti seequu dha.

  11. Jaarmaya Tokkummaa Baqattoota Oromoo ABO Yaman

    Miseensota Kutaa ABO yamanii fi Jaarmayaa Tokkummaa Baqattoota Oromoo ABO Yaman

    Guyyaa gootota oromoo Jaarmaya Tokkummaa Baqatoota Oromoo ABO Yaman bifa hoo’aa ta’een Ayyaneffatee jira .

    Guyyaa gootota Oromoo jaallawwan qabsoo bilisummaa sabaa fi oromiyaa gabrummaa jalaa baasuuf jecha wareegaman akeekaa fi kaayyoo isaan irratti wareegaman galmaan ga’uuf jaarmanyi tokkummaa Baqatooota Oromoo ABO Yaman miseensota ,qondaalota, hawaasaa fi hogganoonni jaarmayaa irratti argamuudhaan akkuma aadaa Oromoo eebba manguddootaan Ayyaanicha banachuudhaan eegalan. Itti Aansuudhaanis faaruu Alaabaa faarfachuudhaan bifa miidhaagaan Ayyaaneffamee oolee jira.

    Hogganoonni jaarmayaa seenaa guyyaa goototaa fi haala ademsa qabsoo bilisumma oromoo shaffisaan (ariitiin ) godhaa jiru miseensota hirmaattota ayyaanaa wal duraa duubaan ibsa babal’aa godhuun ayyaanicha miidhaagsuushaan imaanaa jaallawwan keenya irratti kufan galmaan geenna jechuun kutannoo fi murannoo qabsoo sabaaf qaban miseensotaa fi hirmaattota ayyaanaaf ibsuudhaan hamilee itti horuun ABOn jijjiiramaa HD ABO Bergaader Jeneraal Kamaal Galchuun hogganamu imaanaa jaallawwan keenyaa galmaan ga’uuf akka qabsoo Oromoo bifa haara’aan yaada dhaloota haara’aan sochii godhaa jiran hubachiifaman . Itti aansuudhaanis faaruu dhaamsa jaallawanii faarsuudhaan dhaamsi jaallawaan keenya dhaammatan hubachiisuun qabsoo jaallawan keenya dhiigaa fi lafee isaanii nu dhaalchisan galmaan ga’uuf waan qabsoof barbaachisu itti himuudhaan of qusannoo tokko malee akka qabsoo ABOn geggeessu hamileen bira dhaabbatanii fi gummaacha qabsoon barbaaddu godhuudhaan yeroo kamiyyuu caalaa akka bira dhaabbattan ibsi baldhaan hogganoota jaarmayaatiin kennamee jira. Ayyaanni goototaa milkii hamilchiiftuu dhaan xumurachuu dhaan ibsa ijjaannoo qabxiilee armaan gadii of keessaa qabu kana Jaarmaya Tokkummaa Baqattoota Oromoo ABO Yaman baafatanii jiru.

    1. Akeeka kayyoo dhaaba keenya hooggana warraqaan durfamu qaama qalbiin hojjannee dirqama qabsoon qabdu rawwannee gamtaan fuula duratti tarkaan fachiisun mul’ata hegeeree saba keenyaa bakkan gayuuf Nihojjanna.

    2. Dhaamsa jaallaan keenya qaanqee bilisummaa qabsisaanii luubbuu isaanii qaali ummata Oromoo gabrummaa jalaa baasuf Arsaa kafalaan imammata jaallaan keenya galmman gayuudhaaf tokkumman Nihojjanna.

    3. Qabsoo ummata Oromoo dhimma waloo irratti lammi biyyatti hunddaa wajjin amantaa fi ciiminnaan hojjannee lammiwwan kaleessa qabsoo teenya irra shakkii qaban firoomsachuun akka qabsoon oromoo isaanifiis bu’aa qabu hubachisun akka irraa qooda fudhatan Ni goona.

    4. Rakkoo mootummaan wayyaanee adda durummaan keessattuu ilmaan oromoo irratti xiyyeefatee mirga lammummaatiifi mirga dhala ilma namaas dhoorgatee biyyarraa manycaasuun irbaata kalluunaa godhaa jiru kana Ni balaleffanna.

    5. Sagantaa mootummaan wayyaanee lammii itophiyaa wal nyachisee yeroo isaa dheereefachuuf ykn akka biyyi tun umrittuu walitti hin fayyiine godhuuf mililik waggaa dhibbaa ayyaaneeffanna jedhee ummaata walitti oofaajiru kana hubattanii lammiin itophiyaa akka irraa ofqusattan ibsina.

    6. Raadiyoo kijibaa tan torbaanirraa sagantaa jijjiirtee hawaasa oromoo kan hawwii bilisummaa isaanitiif waggoota dheeraa soobdee isaan jala ofte ammaas akkuma kaleessaa isaan sobuu yaadanii olola kijibaa kan odeessanii hin dhumne kana gadifaggeenyan dura dhaabbanna.

    7. Qabsoon ilmaan oromoo tan hooggana sirnaawaa dhabaaf guyyaan baatitti nukeennuun baatiin waggaatti waggaan jaarraatti nukeennuun ilmaan oromoo sona dhabnee qotee bulaastayee daldaalaastayee barsiisaf barataas tayee kan biyya keessatiif baqataalleen rakkoo qasoo oromoo fala irraa wallaale san waaqni haqaa fala itti godhe hooggana sirnaawaa ilmaan oromootiif sabaa fi sab-lammoota wajjin sirna mootummaa wayyaanee kan lammii itophiyaatiif dalagu fakkaatee irratti gochaa sukaaneessa rawwataa jiru kana Ni balaleffanna.

    8 .Nuti miseensonni Jaarmaya Tokkummaa Baqatoota Oromoo ABO Yaman imaanaa jaallawwa keenya irratti kufan galmaan ga’uuf waadaa keenya bifa haara’aan haaromfannee jirra.

    9 .Bu’aa bahii qabsoon bilisummaa sabaa qabdu akka gaaritti hubachuun qabsoo ABOn HD J/Kamaal Galchuun hogganamu bifa haara’aafi dammaqinaan bira dhaabbachuuf of qopheessuu keenya ibsina.

    10 . Sirna nama nyaataa fi mootummaa abbaa irrummaan sabaa fi sablammoota biyyattii bulchaa jiru hawaasa biyyattii kaan hidhuu dhaan , kaan roorrisuu dhaan , kaan biyya irraa ari’uudhaan ummata kabajamaa fi abbaa biyyaa ta’e bineensa nyaachisaa jiru yeroo kamiyyuu dura dhaabbanna ni balaaleffanna.

    11 .Mootummaan wayyaanee qabeenya biyyattii saamachaa turee fi ammas saamachaa jiru keessattuu immoo qabeenya Oromoo saamachaa fi saamsisaa jiru dhiheenya kana immoo maaster plaanii magaalaa finfinnee jechuudhaan qabeenya ummata oromoo naannawa magaalaa finfinnee jiran saamuu fi saamsisuuf karoora baafate mootummaa sirna dhablee wayyaanee dura dhabbachuudhaan falmuu keenya ibsina.

    Akkasumas akka ummanni Oromoo bakka jiruun sirna abaaramaa kana lafaa fi qabeenya isaa kana falmatuudhaan mirgaafi bilisummaa fi Dimokraasii haqaa biyya isaa irratti akka argatu ibsina.

    Injifannoon Ummata Oromoof !!!!

  12. Bosona Oromiyaa

    ALLAATTII AYYAANA HIN QABNE BU’A AWWAANNISAA KEESSA KOKKEE QABA

    BY Bosona Oromiyaa

    Duraan dursee Gootota Amboo Handhuura oromiyaa Ilmaan Jeneraal taaddasaa Birruu , Ilmaan Hagarii Tulluu itti aansuun

    Gootota Madda walaabuu Handhuura gootowwanii ilmaan Sulxaan nuuhoo ilmaan Haaji Aadam saaddoo Ilmaan Jeneraal waaqoo guutuu SHanyii goototaa

    Ergasiis Gotota Harargee Sammuu oromiyaa ilmaan Elemoo Qilxuu , Ilmaan Jaarraa Aabbaa gadaa fi kanneen hafanis guutuu oromiyaa walii galaa keessaa kanneen maqaa isaanii dhawee keessa bahuu hin dandeenye hundaaf Rabbiin haa Araaramuuf . Haawwota , abbootaa fi obboleewwan kanneen irraa wareegaman cufaa rabbiin nu haa jajjabeessu waliin . akkanuma biraan dhiiga isaanii dhiiga walabummaa fi bilisummaa magarsu Rabbiin haa godhu . Oromoon yoo dhiiga isaanii kana lafatti dhiiftan Rabbummaanuu isan hin dhiisu akkanuma biraan milkaawunuu shakkii keessa kan nu galchuudha .

    Tokkummaa Oromoodhaa Carraa kanaan akka argamu keessaa fi Alaan oromoon hundinuu itti gaafatama Sabummaa fi Biyyummaa isarra jiru bahatuuf dursa uf qopheessuudha . kanatti Aansuun Dirqama ( Itti gaafatamni ) yeroo ammaa oromorraa barbaachisu akka armaan gadii kanatti kaasuu barbaada .

    Falmaa deemsifamaa jiru kana daran milkeessuuf Oromoonni Biyya keessaa fi Alaa dabalatee Barattoonni Yunivaristiilee cuftuu qabxiilee armaan gadii qalbifachuun barbaachisaadha.

    1 . Barattoonni oromoodhaa karaa nagaatiin mirga abbaa biyyummaadhaa falmachuuf ka’e waan isaan barbaachisu cufaan cina dhaabbatuudha . FKN

    Malaa fi tarsiimoo kaahuudhaaf

    Diinagdeen Cina dhaabbatuudha

    Sagalee isaanuu kana adunyaa dhageessisuudha

    Gootowwan isaanirraa wareegaman suuraan isaanii fi maqaan isaanii guutuun qabamee gaafa oromiyaan walabamteef galma guddicha seenaa biyyaa keessa kaawamuudha

    Maatii isaaniif tajaajilli gahaan kennamuudha

    Meeshaalee hammayyaa isaaniif barbaachisu kan warabbilee suuraawwanii fi telefoona isaaniif qopheessuudha

    Barattoota madaawwan jala bu’uudhaan hordofuun yaala gahaa akka argatan taasifamuu qaban fi kkf hatattamaan guuttamuufiin dirqama lammii oromoo cufa keenyaati .

    2 . Roorroo Gabroon fataan Abbaa Irree ilmaan oromoodhaa amma jiran cunqursuu , Hidhuu Ajeesuun gochaa suukaneessaa irraan gahaa jiruu fi Godaansisaa jiru bira darbee dhala dhufuullee akka duguuginsa sanyii isa muudatu kaate kana UUUUUUUUUU Jennee Gurra Lamaan qabannee adunyatti iyyuudhaan barsiisuu fi dhageessisuudha .
    Jaarmayoota dhala ilma namaatiif mormatu hunda akkasuma Miidiyaalee adunyaa hunda dhageessisuufuu isaan dhaqqabsiisuudha .

    3 . DHaabilee Oromoodhaa kan siyaasaa maqaa oromootiin biyya keessaa fi alaa jiranis Gamtaan ka’anii jaarmaya cimaa Dibilomaasii tokko ummatanii oromoo oromoo argamsiisanii akka qaama beekkamaa tokkotti dhimma oromoo fi oromiyaa mootummoota adunyaa biratti beeksisuu fi gargaarsas irraa barbaaduudha . Kana males Yakka cubbuudhaa gabroonfataan Wayyaanee oromoo irratti raawwataa jiru guutuu isaa Dokmantii Itti godhuun Ragaalee wajjiin Gara mana murtii Adunyaaf dhiheessuu qabu .

    4 . DHaabileen siyaasaa oromoo kamiiyyuu kan maqaa oromootiin sosso’aa jiran cufaaf DHaamsa Irra maayii ykn isa dhumaadhaa ijoo Hawaasni fi barattoonni oromoo biyya keessa fi biyya alaa jiran yeroo ammaa kana isinirraa eegaa jiran Yoo dhuguma oromoo taatanii oromoo fi oromiyaaf dhaabbattan taate ykn Oromoo fi oromiyaa bilisoomsuuf tattaafatan tahe akkasuma wal dhabiin keessanis yoo ilaalcha siyaasaa taate Har’a oromoon keessa fi alaan jirus isin madaalaa jira . kanaafuu qabxiileen atattamatti isinirraa barbaachisu akka fkn kana fakkaata

    A , Wal dhaba siyaasaa isin jidduu jiru dagattanii Harka wal keessa kaawachuu fi diinarratti waliin fuulleffachuudha .
    B , Barattoota oromoodhaa kan har’a gaafii abbaa biyyummaatiif karaa nagaatiin gaafatanii lubbuu isaanii qaqqaalii itti dhabaa jiran kana duugda duubaan gurmaa’uun isaan faana hiriiruu qabdan .
    C , DHaabbileen kun wanti beekuu qaban fashala inni waggaa dheeraa isaan jiddutti kaka’aa tureef jecha akkasuma fashalli isaanii Bilisummaa fi walabummaa oromoodhaa bira dabarsaa turetu har’as har’as ijoolleen ykn ilmaan isaanii lafaa dhufan Gaafima kaleessa ummanni oromoo gaafataa ture san deebisanii Bifa haarawaan gaafachaa jiran jechuu beekuu qabu .

    D , Sabboontotaa fi Gootowwan dhugaadhaa kan OPDO Keessa jiranii fi biyya alaa jiran cuftuu Har’a boodaan ERGAMTUU Namaa ykn Tajaajiltuu Abbaa irree tahuun isaanirraa hafee gara abbaa biyyummaatti tarkaanfachuun akkasuma gaafiin barattoonni oromoo amma kaasan kun carraa keessan kan irraa boodaa tahuu beektanii irraa fayyadamuun barattootaa fi hawaasa oromoo fayyaduun dirqama keessan kan maayiiti .

    E , Hawaasni oromoodhaa Qotee bulas tahee Daldaltoota , akkanuma Dalagdoota muutummas tahee Baqattoonni oromoodhaa Akka kijiba gabroonfataa abbaa irreetiin dagamtanii ykn sossobamtanii sammuun keessan isin hin jeeqamnee fi isa wajjiin hin burjaajofne marxifattanii ilmaanii fi obboleewwan keessan wajjiin gara qabsoo yoo ol kaatan qofa carraa qabdus akkasuma dhaamsa isiniifis keenya .

    5 . Yaadachiisaa fi Ergaa Barattoota oromoo Yunivaristiilee cufarraa Hawaasni oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiran isaanirraa eegaa jiran akkasuma isaan yaadachiisanii fi isaanirraayis eeggamu akka fkn kaafna
    A . Yaadaa fi Gumaacha Sooreyyii Dura deemtotaa ykn Xiinxallootaa fi Hayyoonni isiniif kennanitti dhimma bahuu .
    B . 1) Mormii nagaa ( nonviolent resistance) godhuuf erga murteeffattanii, hamma danda’ame hundaan tarkanaafilee hokkaraa ( violence) akka hin jiraanne:

    Tooftaalee jeequmsaa kanneen akka dhagaa darbachuufi gamoolee barbadeessurraa of eegaa
    Poolisonni yoo haleellaa isinitti aggaaman bifa nagaatin dura dhaabbadhaa malee harka itti hin laatinaa
    Basaastonni mootummaa (agent provocateurs) isin keessa seenanii jeequmsa kaasuu waan danda’aniif namoota karoora kaayameen ala socho’an qalbiidhaan too’adhaa.
    C . Suuraawwan Gootowwan oromoo lubbuun isaanii darbe sabboontota oromoodhaa isin biraa wareegama kafalaman osoo hin awwaalamin kaasuudhaan takkaayyuu waraabuudhaan gara qaamota dhimmi isaa ilaaluuf raabsuu qabdu .
    D . Barattoota madaawanii fi bakka buuteen isaanii dhabaman cufaa hamma dandeettanitti waraa buu fi odeeffannoo isaanii karaa cufaan jala bu’uun suuraa fi maqoota isaanii guutuu irraa fuudhuun bakkoota dhimmi isaa ilaalu cufaaf dabarsuu fi isinis uf biratti qabuun toohannaa keessan jala galchuu qabdan .

    E . Waraabbii sagalee fi suuras hamma dandeettan meeshaa hammayyaatti qulqullutti gargaaramuun akkumma ammaan duraatti gad fageenyaan irratti hojjatuu qabdu . Tarii meeshaa hammayyaa yoo haalli isiniif mijjatuu baates telefoonaa suuraa isaa qulqulleessuun kaasuun gara qaamota dhimmi isaa ilaaluf dabarsuun irratti hojjatuu qabdu barattoonni cufti isaanii .

    Walumaa galatti Asis tahee achi , Nas tahee sis bakka jirru cufaan du’a sodaatuu irraa sammuu teenya bilisoomsuu fi amnsiisuu qabna dura . kanaafuu oromoon biyya keessa jiru qofti miliyoona 40 OL Kan tahuu fi kan biyya alaa jiru miliyoona 22 olitti kan shallagamu yoo tahe walii galatti miliyoonni 62 ol kan tahu TIGREE YKN WAYYAANEE Miliyoona 2 ( lama ) hin guunneen liqimfamnee wixxifatuu dadhabuun qaanyii irra maayiiti . Nuti oromoon miliyoona 62 ol jennee himatuu qaanfannee jirra . Salphinnii fi gad galummaan kanarra xiqqaadhaa hin jiruu beekuu qabna ufittis himuu qabna tokko tokkoo keenyaan .
    *** DHaamsa gabaabduu :: Waan dalagnu hunda keessatti Rabbii ol tahe sodaatuu fi Rabbi ol tahetti Adaba hin dhabne akka rabbiin nu milkeessu isa kadhatuu qabna . Irree ykn Humna keenyaan osoo hin taane Tumsa Rabbii ol taheetti hajamuu beeknee akka nu milkoofnu Rabbii keenya kadhaa irraan fatuu hin qabnu .

    Na qunnamuuf Bosona Oromiyaa @gmail.com

  13. 01/01/2015 0122/8//2014
    Baga geeysan, Baga ittiin nugahe
    Injifannoo dhiigaafii lafee jaallan wareegamaniitiin lafaafii mirga hagoo irratti argame, wareegamaan tiyfachuun abdiifii dambooba hegeree walabummaa Oromiyaati!!!
    xumura bara 2014 seensa seensa bara 2015 ilaalchisee ibsa dhaaba ULFO irraa kenname
    Kabajamtoota lammiilee Oromiyaa, biyya keessaa fii alaa, kabajamtoota hogganootaafii humna waraana ULFO, kabajamtoota hogganootaafii miseensota dhaabbiilee siyaa oromo, dhaamsi keenya kan bara haaraa, bara 2014 bakka jirtanitti isin haa gayu.
    Barri dabru baraan bakka bu’a. Akkuma kana barri 2014 xumurre Kun biyyoota adda addaa keessatti malaggaa jajjaboo afeeree ture.Akkasuma murna ergaa badii kan TPLF fii namoota waan ar’a nyaatee bulu malee hegeree Oromiyaa fii Oromummaaf hin yaanne jiddutti bara saddeet dura argama oromiyaa balleessuuf kan dhumate gara hujiitti hiikamuuf kan labsame baruma kana keessa ture. Isa kanaan walqabatee lammiilee Oromiyaa biyya keessafii alatti argaman birattiis Bara wareegama ulfaataa gaafateefii fedhiin ummata Oromiyaa maal akka tahe diinaafii firootaafiis caalaatti kan mirkaanaawe baruma kana keessa.
    Imaammatni mootummaa wayyaanee kan kaartaa Oromiyaa haguma qabsoon argame sana diiganii dhabamsiisuuf jecha ganna saddeet dura dhumate gara hujiitti hiikamuuf kan labsame baruma kana keessa ture. Isa kanaan wal qabatee sochiin abbaa biyyummaa kan barattoota Oromiaa tiin belbelaa turees itti fufe. Imaammatni wayyaanee kan kaartaa Oromiyaa balleessuuf yaadame kun kka haqamuuf karaa nagayaatiin gaafatame.Akkuma barame deebiin isaanii barattoota harka duwwaa hiriire rasaasa harcaasuu tahe, Lubbuun barattoota hedduutiis wareegame.Turuus dafuufs dhiigni barattootaa tasa dhangala’ee hin hafu. Walabummaa Oromiyaatiin deebi’a.
    Injifannoolee dhiiga wareegamtootaatiin argaman tisuuf wareegama yeroon gaafatte kennuu waan taheef gaaffiin barattootaa Kun gaaffii srrii kan bwalabummaa Oromiyaa qofaan dhaabbatu tahuusaa hogganni dh. ULFO cimsee akeekkachiisa. Kana milkeessuufiis qindoomina qabsoo kan bifa hundaa nugaafata.Kana milkeessuufiis hal-duree tokko malee qooda gama keenyaa gumaachinu tahuu Carraa kanaan waa’ada keenya haaromsina. Dhaabbiilee siyaasaa kan bilisummaa fii walabummaa Oromiyaatiif qabsaawan hunda waliin qindoominaan kan qabsaa’u tahuu ULFOn nihubachiisa.
    Sochii hawaasa keenyaa gama ilaaluun sochii barattootaa tiin wal qabatee Sochiin cimaan godhamaa ture seenaa QBO keessatti bakka guddaa qabatee jira. Diinimmaa sirna wayyaanee hawaasa addunyaa hubachiisuu irratti hujii boonsaan hojjatamee ture. Sochii Bara kanaa kan dur irraa wanni adda isa taasise yaaddoon Miidiyaan walabaa kan sammuu sabboontotaatiin burqee qabeenya ummataatiin hundeeffame OMN banamuun wal simachuu isaati. Midiyaaleen gurguddoon addunyaa sochii kana faana bu’uun bifa addaa tiin ture. Kniis sabboonummaan oromoo kan dur caalaa guddachuufii mootummaan wayyaanee oromoo dhabamsiisuu irratti kan qiyaafate tahuu gabaasaa tura.
    Kuniis mootummoota addunyaa kan wayyaaneen dimocracy biratti faarfatu hundaaf dhugaa basee jira. Keessumattuu gabaasni Amnist International baase lammiilee keenya kan bakka dhoksaatti hidhanii fii ajjeefaman hunda arguuf carraa dhabuus kan dur caalaa gabaasa hin tuffatamne basuun qaamota murteessoo taha hubachiisee jira.Kuniis seenaa QBO keessatti utaalcha jabaa akka tahee fii qabsoon keenyaas kan jijjiirama kanaan wal hin faalleysine akka nuuf tahu hawaasa keenyaa fii dhaabbiilee siyaasaa maraaf dhaamsa lammummaa dabarsina.
    OPDOn gama isaatiin duraanuu kaartaa Oromiyaa kan Finfinnee, dirre dhawaa, Hrar, Jijjigaa if keessaa hin qabne qabatee qaanii keessa ture.Ammaan booda garuu haguma duraan ture san maqaa maastae planitiin dabarsee kennuuf mallatteessee jira. Hujiin OPDO kana boodaa araddaalee baadiyyaa fageenyarratti argaman irraa gibira sassaabuun humna Aga’azii tigray kan ilmaan oromoo fixuuf ijaarame qallabuu qofa irratti hafuuf deemaa jira. Eegaa mootummaa naannoo Oromiyaati kan ofiin je’u OPDOn salphina itti deemaa jiru kanarraa if baraaruuf haala kana didee finciluu akka qabu ULFOn nihubachiisa. qaba jechuun
    Sochii barattootaa kan ilaalu,sochiin barattootaa Oromiyaa ifdanda’ee gara<>tti if jijjiiruu qaba. Hoggansa mataa isaa kan sochii barattootaa bifa wareegamni ittixiqqaatuun qindeeysuu fii sochii kana irraa dubbatu kan beekkomtii sadarkaa addunyaatti qabu ijaaramuu qaba. Akka kana qofaan irrkattummaa dhaabbiilee siyaasaa irraa bilisoomuu danda’a.
    Kuniis olola wayyaanee kan sochii barattootaa dhaabbiilee siyaasaatti hidhuuf tattaafatamu fashaleessuuf gargaara. Dhaabbiileeniis bifa sochiin bu’a qabeessa itti yaaduun alatti sochii barattootaa kana gara ifiitti harkisuun bu’aa sochii kanaa haga tokko gufachiisuu danda’a. Bu’aa isaarra miidhaan caaluu mala.
    Ummanni Oromiyaa kan daadarkaa gabrummaa tiin gaggabee lammata dhalachuu sabboonummaatiin bayfate kun, Baroota dabran kana keessatti baragaarraa gara dammaqaatti cee’uuf amma kan daandii qabate fakkaata. Kanaan dura biyya dhabee gabroomuu fii inni diina jalaa miliqees jaarmaya hawaasaa bilisa tahe dhabuun gabrummaa lamataa gabroomaa ture.
    Hawaasni keenya gama isaatiin qabsoo jalqabe itti fufuun madditti <> dhaabuu irratti hojjachuu qaba.
    Angoon ol’aanaan kan jaarmaya hawaasaa akka tahurratti qabsaa’uu qaba. Harkifama ykn dhiibama qaama hundaa jalaa bahuu qaba. Jaarmaa Hawaasa bilisa, kan bilisummaa biyya isaatiif hojjatu tahuu qaba. Jaarmaya hawaasaa bilisa tahe arguuf dursa kennuu qabna. Kuni ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun lammii bilisa oromiyaa walaba taaterratti arguuf kan nu gaaruudha.
    OMN media ummata Oromiyaati, qaama qabsoo walabummaa Oromiyaati. Kanaaf ummanni keenya bu’aa miidiyaa hubatee Midiyaa qabeenya isaatiin dhaabe bu’aa bahii jabaa booda argame kana rakkoolee xixiqoof jecha akka hin gaaga’amne cimnee akka tiysinu dhaamsa keenya dabarsina. Eeyyan injifannoo argame jabeeffachuun kan hafeef karaa saaqa.Tan argamte jabeeyfachaa Tan hafte galchuurratti haa qabsoonu.
    Eegaa barri 2015 Kun Bara milkii, kan bilisummaa, bara kan dur caalaa hafuurri jaallummaa jidduu keenyatti dagaagu akka nuuf tahu hawwiin keenya guddaadha.
    Tokkummaan Humna!!!
    Oromiyaan Niwalaboomti!!!
    KHR ULFO
    January 1/1/2015

    • Godina ABO Jijjiiramaa Giddu Gala Baha Eeeshiyaa

      Ibsa Ijjannoo
      Godina ABO Jijjiiramaa Giddu Gala Baha Eeeshiyaa

      Nuti Miseensonni Giddu Gala Baha Eeshiyaa Ayyaana Amajjii 1 , bara 2015 Guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo WBO dhaa Sababeeffachuudhaan Walitti DHufnee Haala Gaariidhaa fi Miidhagaan kabajachaa oollee .

      Akkuma Beekkamu Ayyaanicha Keenya Eebba Manguddootaatiin Bananne . Kanatti Aansuun Faaruu Alaabaa Faarfachuudhaan , Sababa Guyyaan kun kabajamuu fi bara inni kabajamuu eegalame irratti Ibsa bal’aan Miseensota , Qodaalota , Ummata oromoo bal’aa fi Keessumoota ykn Firoottan Qabsoo Godhuu Wajjiin Haala Oowwaadhaa fi Miidhagaan Kabajannee jirra .

      * Haala Guyyaa Ayyaana WBO kana sababeefachuudhaan Gamaaggama Qaxxaamura Qabsoon Bilisummaa Oromoo Kessa dabartee erga goonee booda Mudaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo keessa ture tokko — lama ( 1 — 2 ) jennee barruudhaan lafa kaahuun hin danda’amu .

      Sababaan Isaas

      A ) Hooggana Warraaqaa DHabuu
      B ) Hooggana Tarsiimoo Baraa Wajjiin Deemu dhabuu
      C ) Hooggana Waloo fi Gamtaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo gara Galii Barbaadamu geessu dhabuu
      D ) Daddaqamiinsi Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti uumamaa turee
      E ) Hooggana Ufitti Amanuu fi Qabsoo Bilisummaa Oromootitti amanu dhaburraa rakkoon kun hundi maddaa turee fi kkf kaasuun ni dandahama . Kun Eenyuufuu ifaadha .

      ** Qabsoon Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa kana hooggana warraaqaa fi tarsiimoo baraa wajjiin deemu waan argattee jirtuuf haala kanatti gargaaramuun Ummata Oromoof barbaachisaa jennee itti amanna . kanaaf Ummanni Oromoo Bal’aan Waandii Warraaqsaa isa dhugaa fi ifaadhaa kanatti dhimma akka bahu ibsina .

      Ayyaanni Guyyaa WBO Kana Milkii hamilchiiftuun xumurachuu dhaan ibsa ijjaannoo qabxiilee armaan gadii of keessaa qabu Miseensonni Godina ABO Jijjiiramaa Giddu Gala baha Eeshiyaa baafannee jirra .

      1 / Nuti DHaloonni Haarowni Gaafatama Qabsoon Bilisummaa Oromoo qabdu hunda dachaan fudhannee galmaan ni geenya .

      2 / Murna Bicuu Abbaa Irree TPLF / Wayyaaneen Durfamu kan ummata Oromoo , akkasuma sabaa fi sablammoota biyattii hunda shororkeessee mirga lamummaa fi namummaa dhoorgatee biyyaraa ari’atuun akkasuma mana hidhaatti guuraa jiru kana Roga hundaan Qabsoo itti goona .

      3 / Murni Bicuu Wayyaanee Adda Durummaan maqaa invastimantii fi kijiba Tiraanformeshiinii jedhuun sababeeffatee gochaa suukannessaa fi Jumlaan Ummata Oromoo lafa isaa irraa Buqqisee Baqattummaaf saaxile kana dura dhaabbannas Qabsoo Itti goona .
      4 / Gaafii Mirgaa Abbaa Biyyummaa Barattoonni Oromoo karaa nagaatiin gaafataniif Murni Bicuu Wayyaanee Deebii isaanii Rasaasaa fi Afaan Qawween Wareegaman Gaddaan Yaadanna . kanaaf Wareegama Qaalii Lubbuu Jijjiirama hinqabne baratoonni keenya Aarsaa kafalan kana nutis galmaan gahuuf ni Qabsoofna .

      5 / Murni Bicuun Wayyaanee Erga Kooraa Aangoo Biyyattii qabatee hanga ammaatti fedhiidhaa fi karaa nagaatiin ummatoota biyyattii waliin hin jiraanne , jiraachuuf hin deemus . Kanaaf Murni Bicuun kun aangorra turuu kan danda’eef ummattoota biyyattii hunda Gosaan , Amantiin Daangaa lafaa / Naannoon walitti buusuun aangorra turuu danda’e . Murna kana Buqqisuun karaa waloon irratti qabsaa’uun yeroon isaa amma jenna .

      6 / Akeeka kayyoo dhaaba keenya hooggana warraqaan durfamu qaama qalbiin hojjannee dirqama qabsoon qabdu rawwannee gamtaan fuula duratti tarkaan fachiisun mul’ata hegeeree saba keenyaa bakkan gayuuf Ni hojjanna.

      7 / Dhaamsa jaallaan keenya qaanqee bilisummaa qabsisaanii luubbuu isaanii qaali ummata Oromoo gabrummaa jalaa baasuf Arsaa kafalaan imammata jaallaan keenya galmman gayuudhaaf tokkumman Nihojjanna.

      8 / Nuti miseensonni Godina ABO Jijjiiramaa Giddu Gala Baha Eeeshiyaa Imaanaa jaallawwa keenya irratti kufan galmaan ga’uuf waadaa keenya bifa haara’aan haaromfannee jirra.

      Walumaa Galatti ummanni Oromoo bakka jiruun sirna abaaramaa kana lafaa fi qabeenya isaa kana falmatuudhaan mirgaa Isaa , bilisummaa fi Dimokraasii haqaa biyya isaa irratti Gonfachuuf Qabsoo bilisummaa Wareegama barbaachisu Kamuu kafaluun Dirqama keenya cufaati .

      Injifannoon Ummata Oromoof !!!

  14. Abdulhakiim Ahmad

    Qabsoon Oromoo maaliif galma gahuu hanqatte??
    Qabsoon oromoo maaliif galma gahuu hanqayye kan jedhu jalatti haala qabsoo oromoo mudate hanga tokko ibsuu barbaada.
    Qabsoon oromoo ganamaa dhalata gaarii fi muldhata gaarii hawaasa oromoo fi firoottan qabsoo oromoo akkasumas alagaa biratti muldhataa fi kabaja argattee turte.
    Biyya olla oromiyaa hunda biratti hanga tokkoo qabsoo oromiitiif hanga tokko balbala banaa qabaachuu tuete. Ta’us garuu kufaatii hogganoota qabsoo ABO saddeettamoota keessa muudateen hariiroon biyyota olla wajjiin jiruu fi haalli keessa qabsoo oromoo kan gaddaan muudatame akkasumas deebisani of ijaaruu kan jedhu fi haalli qubsumaa tuu rakkoo ta’aa turuu isaa hubanna .
    Qabsoon ABO saba oromoo gabrummaa jalaa baasuufi mirgaa fi abbaa biyyummaa isaa gonfachiisee oromiyaa irratti sabni oromoo nagayaa fi tasgabbiin bilimmaan akka jiraatu gochuuf qabso isaa golee mara keessatti qabsoo hidhannoo godheen ammas irra deebi’ee akka qabsoon oromoo galii isaa kan iraa maa’ii akka hin rukunne godhe akka duratti kyfaatii yeroo gara garaa hogganoota dhugaa qabsoo sabaa galmaan ga’uuf qabsoo godhan lubbii isaanii qaalii itti dhaban muudatee fi yeroo irraa yerotti qoqqoodamiinsa mooraa qabsoo bilisummaa oromoo keessatti muudateettu akka qabsoon oromoo akka gara fuunduraatti hin tarkaan fannee fi injifannoo qabsaa otaa galma hanqisee gara duubaachaa aatti deebise.
    Gochaan fakkeessitoota qabsoo oromoo keessatti yeroo dhaaf bakka ol’aanaa qabaachaa turus adeemsa keessa madda gufuu guddaa ta’ee muldhatee jira.Qabsoo oromoon gochaa turee fi ammas gochaa jiru maaliif galma gahuu hanqate kan jedhu yeroo kamiyyuu dubbatamuu hin dhabne. Ta’us garuu qabsaa’onni rakkoo qabsoo oromoo muudatte keessaa fi alaan gara qorannoo siyaasaatii fufanis hin dhabaman.
    Qabsoo oromoo keessatti warroonni akka ta’an yoo dhaban akka hin taane ta’an kan jedhan kan jedhu sunis hin dhabamu . qabsoo oromoo sadarkaa amma irra jirtu gara duugda duubaatti kan deebisuuf tattaafanis jiraachuu hin oolle .Hogganummaa keessatti gaafatama itti kenname gara aangootti jijjiiruun fidhii qabsaa’otaa qabsoo sabaa milkeessuuf nam-tokkeenis ta’ee gurmuun ykn gareen sadrkaa dhaabaattis ta’ee sadarkaa caasaaleetti godhaa turan hamilee qabsaa’onni qabsoof qaban keessatti dhahuun fedhii dhuunfaa guuttachuuf mooraa qabsoo bilisummaa oromoo fi qabsaa’ota jiddutti maddoota rakkoo ta’aa dhufuun qabsoo oromoo gara boodaatti deebisuu muldhata. Kun immo akka sabni oromoo qabsoo isaa hifatuu fi humni qabsaa’otaa laaffatuuf hubannoo malee kan godhame fakkaata. Qabsoo keessatti gochaan silaa diina nyaaphaa woyyaanee irratti dalagamuu qabu qabsaa’ota irratti dalaguun fedhii dhaabaa osoo hin taane fedhii nama tokkoo akka fedhii isaa yoo hin guuttamin maqa balleessa ykn dhaabbilee siyaasaa sana wajjiin walitti hidhata qaba ykn qabdi jechuun ykn immoo waanuma fedhiin isaa hin guuttaminiif akeeka diinaa qaba ykn qabdi jechuun weebsaayitii fi miidiyaalee
    Irratti akka waan diina qabsoo keessaa qulqulleessanitti afaan guuttattanii dabarsutuu fedhii qabsaa’otaa fi hawaasa baldhas qabsoo isaa galmaan gahuu hanqise. Kana keessatti kan hubatamuu qabu amaloonni akkanaa kun amaloota akka waan faaydaa namaa ykn qabsoof qabutti iti fayyadamamuu ture.
    Garuu kan ta’uu qabu kanaa miti .bu’aas hin qabu. Faaydaanis kana keessa hin jiraatu. Kan ta’uu qabu garuu faaydaa dhuunfaa jala fiiguu osoo hin taane faaydaa waloo sabaa fi egere qabsoo irratti gad dhaabbachutuu barbaachisummaa bira kutee dirqama yeroo ammaa gaafatuu dha.
    Dhaabbilee siyaasaa kanneen diinaan falmaa jiran keessatti garaa garummaan siyaasaa jiraatus diina walii akka hin taane hubachuun dhimmoota waloon qabnu waliin hojjachuun irree keenya akka cimsu hubatamuu qaba.
    Kutaan lammaffaan ittifufa….

    Galatoomaa .

    E-mail= aanoolee@gmail.com
    F.book=tokkummaaoromoo@yaahoo.com

    Oromiyaan ni bilisoomti!!!!!

  15. Abdulhakiim Ahmad
    January 24 2015 at 7:47 am

    Qabsoon Oromoo maaliif galma gahuu hanqatte??
    Qabsoon oromoo maaliif galma gahuu hanqayye kan jedhu jalatti haala qabsoo oromoo mudate hanga tokko ibsuu barbaada.
    Qabsoon oromoo ganamaa dhalata gaarii fi muldhata gaarii hawaasa oromoo fi firoottan qabsoo oromoo akkasumas alagaa biratti muldhataa fi kabaja argattee turte.
    Biyya olla oromiyaa hunda biratti hanga tokkoo qabsoo oromiitiif hanga tokko balbala banaa qabaachuu tuete. Ta’us garuu kufaatii hogganoota qabsoo ABO saddeettamoota keessa muudateen hariiroon biyyota olla wajjiin jiruu fi haalli keessa qabsoo oromoo kan gaddaan muudatame akkasumas deebisani of ijaaruu kan jedhu fi haalli qubsumaa tuu rakkoo ta’aa turuu isaa hubanna .
    Qabsoon ABO saba oromoo gabrummaa jalaa baasuufi mirgaa fi abbaa biyyummaa isaa gonfachiisee oromiyaa irratti sabni oromoo nagayaa fi tasgabbiin bilimmaan akka jiraatu gochuuf qabso isaa golee mara keessatti qabsoo hidhannoo godheen ammas irra deebi’ee akka qabsoon oromoo galii isaa kan iraa maa’ii akka hin rukunne godhe akka duratti kyfaatii yeroo gara garaa hogganoota dhugaa qabsoo sabaa galmaan ga’uuf qabsoo godhan lubbii isaanii qaalii itti dhaban muudatee fi yeroo irraa yerotti qoqqoodamiinsa mooraa qabsoo bilisummaa oromoo keessatti muudateettu akka qabsoon oromoo akka gara fuunduraatti hin tarkaan fannee fi injifannoo qabsaa otaa galma hanqisee gara duubaachaa aatti deebise.
    Gochaan fakkeessitoota qabsoo oromoo keessatti yeroo dhaaf bakka ol’aanaa qabaachaa turus adeemsa keessa madda gufuu guddaa ta’ee muldhatee jira.Qabsoo oromoon gochaa turee fi ammas gochaa jiru maaliif galma gahuu hanqate kan jedhu yeroo kamiyyuu dubbatamuu hin dhabne. Ta’us garuu qabsaa’onni rakkoo qabsoo oromoo muudatte keessaa fi alaan gara qorannoo siyaasaatii fufanis hin dhabaman.
    Qabsoo oromoo keessatti warroonni akka ta’an yoo dhaban akka hin taane ta’an kan jedhan kan jedhu sunis hin dhabamu . qabsoo oromoo sadarkaa amma irra jirtu gara duugda duubaatti kan deebisuuf tattaafanis jiraachuu hin oolle .Hogganummaa keessatti gaafatama itti kenname gara aangootti jijjiiruun fidhii qabsaa’otaa qabsoo sabaa milkeessuuf nam-tokkeenis ta’ee gurmuun ykn gareen sadrkaa dhaabaattis ta’ee sadarkaa caasaaleetti godhaa turan hamilee qabsaa’onni qabsoof qaban keessatti dhahuun fedhii dhuunfaa guuttachuuf mooraa qabsoo bilisummaa oromoo fi qabsaa’ota jiddutti maddoota rakkoo ta’aa dhufuun qabsoo oromoo gara boodaatti deebisuu muldhata. Kun immo akka sabni oromoo qabsoo isaa hifatuu fi humni qabsaa’otaa laaffatuuf hubannoo malee kan godhame fakkaata. Qabsoo keessatti gochaan silaa diina nyaaphaa woyyaanee irratti dalagamuu qabu qabsaa’ota irratti dalaguun fedhii dhaabaa osoo hin taane fedhii nama tokkoo akka fedhii isaa yoo hin guuttamin maqa balleessa ykn dhaabbilee siyaasaa sana wajjiin walitti hidhata qaba ykn qabdi jechuun ykn immoo waanuma fedhiin isaa hin guuttaminiif akeeka diinaa qaba ykn qabdi jechuun weebsaayitii fi miidiyaalee
    Irratti akka waan diina qabsoo keessaa qulqulleessanitti afaan guuttattanii dabarsutuu fedhii qabsaa’otaa fi hawaasa baldhas qabsoo isaa galmaan gahuu hanqise. Kana keessatti kan hubatamuu qabu amaloonni akkanaa kun amaloota akka waan faaydaa namaa ykn qabsoof qabutti iti fayyadamamuu ture.
    Garuu kan ta’uu qabu kanaa miti .bu’aas hin qabu. Faaydaanis kana keessa hin jiraatu. Kan ta’uu qabu garuu faaydaa dhuunfaa jala fiiguu osoo hin taane faaydaa waloo sabaa fi egere qabsoo irratti gad dhaabbachutuu barbaachisummaa bira kutee dirqama yeroo ammaa gaafatuu dha.
    Dhaabbilee siyaasaa kanneen diinaan falmaa jiran keessatti garaa garummaan siyaasaa jiraatus diina walii akka hin taane hubachuun dhimmoota waloon qabnu waliin hojjachuun irree keenya akka cimsu hubatamuu qaba.
    Kutaan lammaffaan ittifufa….

    Galatoomaa .

    E-mail= aanoolee@gmail.com
    F.book=tokkummaaoromoo@yahoo.com

    Oromiyaan ni bilisoomti!!!!!

  16. Jaarmaya Tokummaa Baqattoota Oromoo A B O Yaman
    Jaarmayan tokkummaa baqattoota ABOY guyyaa gootota oromoo Ebla 15/4/2015
    Haala hammaataa keessatti walitti dhufuun ayyaaneffatee jira.
    Guyyaa kana haalli biyya yaman ykn lolli biyyattii mudate kan guyyoota darban caalaa hammaataa ture .ta’us garuu guyyaan kun guyyaa ilmaan oromoo biyya keessa fi alaa jiraatan biratti kabajamu waan ta’eef nuti dirqama kan oromummaaf akeekaa fi kaayyoo jaallawwan irratti wareegamman galmaan gahuuf jaallawwan hoggannoonni ABO Wareegamni kun isaan mudate osoo dirqama qabsoon itti kennite raawwachaa deeman isaan mudate kan tokkummaa oromummaa dhiigaa fi lafee ijaaran waan ta’eef yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa oromoo murteessaa ta’uu .
    JTBOABOY yeroo guyyaa goototaa ayyaaneffatu yeroo hundaa walitti wareegama qabsoo bilisummaa oromoo gafatu bifa kamiinuu haa tahuu bahachuu fi baachisuuf gootummaa jaallan wwan keenyaa akka kufetti akka hin hafne fi akka galman gahu qabnu dhaloonni har’aa abdii qabna.
    Qabsoo ABOn gabrummaa jalaa oromoo fi oromiyaa baasuuf gochaa ture fi gochaa jiru keessatti keessattuu yeroo ammaa qabsoo hidhannoo irra jiran tokkummaa mooraa qabsoo bilisummaa oromoof I gurmuu qabsa’otaa humna tokko ta,uun abdii qabna.
    Jaarmaya baqattoota oromoo ABOY dhaabilee siyaasaa oromoo kan bilisummaa walabummaa ,walqixummaa haqa qabsoo saba oromoo godhaa jiran keesaatti garaa garummaa sagantaa siyaasaa siin gidduu jiru garaa agrummaa oromoo fi oromiyaa akka hin ta’in hubachuun barbaachisaa akka ta’e hubachuun kuni garaagarummaa n jitu tooftaa fi tarsiimoo karaa qabsoo saba keenyaa itti galma geessu ta’uu hubachuu qabna.
    Kana yeroo jennu diinni oromoo oromoo osoo hin ta’in sirna nama nyaataa abbaa irree mootummaa woyyaanee tahuu hubachuun sirna kana biyya teenya irraa buqqisuuf saba oromoo gabrummaa jalajiru gabrummaa jalaa baasuu ,qabsoo gara fuula duraatti finninsuu akka qabnu injifannoo irraa maayii sabni keenya barbaadu akka gonfachiifnu dha.
    Addunyaa kana irratti mirga biyya ofii kan namaaf waan hin jirreef kana akkasitti hubachuun yeroo irraa yerotti tuffii diinni saba Kenya irraa qabu fi gocha hammeenyaa dhala oromoo irratti raawwattan keessattuu saaminsa lafaa oromoo, qabeenya oromoo , human dargaggootaa fi shamarran oromoo ajeechuufi hidhaa sirrii kun gara jabinnaan nurattii hojatu dura dhaabbachuun biyya keenya irratti abbaa biyyaa taanee bilisummaa , walabummaa akkasumas walqixummaa haqan akka jiraannuuf qabsoo keenya finiinsuu qabna.
    Jaarmiyaan Tokkummaa Baqattoota ABO yaman haala akkaan hammaata kana keessatti ayyaana goototaa oromoo kan bilisummaa fi walabummaa Oromoofi Oromiyaaf wareegaman ayyaaneffachuun ibsa armaan gadii kana baasee jira.
    1.Guyyaan kun guyyaan gootonno qabsaa’onni hogganoonni ABO tokkummaa Oromummaa dhiigaafi lafee isaaniin ijaaranii dhaloota haara’aaf dabarsan ta’uu ibsina.
    2. Guyyaa gootota Oromoo kabajachuuf yeroo walitti dhufnu gaddonee addaan galuu osoo hin taane guyyaa akkeekaa fi kaayoo gootonni keenya irratti wareegaman san walhubachiifnee faajjii gootowwan keenyaa irratti aarsaa ta’an deebifnee ol qabuun gumaa gootowwan keenyaa baasuuf qophii ta’uu ibsina.
    3. Qabsoo ABOn bilisummaa , walabummaa ,walqixxummaa fi dimokraasummaa haqaa Oromiyaa irratti argamsiisuuf godhu keessatti qabsoo Oromoo gara fuulduratti tarkaanfachiisuuf injifannoo irraa maayii saba oromoo gonfachiisuuf wareegama qabsoon barbaaddu hundaa kafaluuf qophii ta’uu keenya ibsina.
    4. Biyya keenyaafi mirga bilisummaa walabummaa ofii keenyaa qabsoo keenyaan kabachiifanna malee akka yoomiyyuu diinni keenya nuuf hin kabachiifne ta’uu ibsina.
    5. Qabsoo oromoon oromoo fi oromiyaaf godhu keessatti okkarsi diinaa qabsoo keenya laaffisuu osoo hin taane daranuu akkagara fuulduraattii tarkaan fachiisu ta’uu ibsina.
    6.Qabsaa’aan ni kufa qabsoon itti fufa dhiiga ilmaan oromootiin bilisummaan dhufa.
    7. Tokummaa qabsaa’ota oromoo mooraa qabsoo bilisummaa oromoo fi gurmuun qabsaa’ota oromoo diinni isaa tokkichi TPLF ta’uu hubachuun akka qabsoo oromoo gara fuula tokkootti deebi’u abdii guddaa qabaachuu keenya ibsina . kana yeroo jennu kan carraa baqattummaa ilmaan oromoo muudachiisuun biyyoota garaa garaa keessatti gochaan gara jabinaa gubachuu fi qalamuu akkasumas rasaasaa fi galaanaan nyaattamuu kan muudachiise sirna abbaa irree mootummaa wayyaanee ta’uu hubachiifna.
    8. Tokkummaan keenya dhukkuba vaayrasii diina keenyaa ta’uun hubachuun bakka jirruu tokkummaa keenya akka jabeeffannu saba keenya hubachiisuu barbaanna.
    Jaarmaya Tokkummaa Baqattoota Oromoo ABO Yaman
    Gadaan gadaa Tokkummaa fi Bilisummaati !!!!!!!!!
    Ebla18/04/2015

  17. IBSA  JAARMAYA HAWAASA KWO  KUTAA  YAMAN

     

    Jaarmenyi Hawaasa Kallacha Walabummaa Oromiyaa ( KWO ) Kutaa Yaman Yaamicha Haala Yeroon wal qabsiisanii Miseensotaa fi Hawaasa Oromoo  Bal’aaf / Baqattoota Oromoo Yaman Cufaaf Guyyaa  5 / 2 / 2016 Waamicha Godhee  Milkii Hamilchiftuu fi  Injifannoo Gurguddaa Galmeessee Jira .

             Akkuma Beekkamu Yaamicha  Keenya Eebba Manguddootaatiin Bananne . Yaamichi Kanaafis Qabxiilee  5 sababa kan Godhaneeti  .

    1 .  Eebba Alaabaa Kallacha Walabummaa Oromiyaa ( KWO )

    Jaarmenyi Hawaasa  Kallacha Walabummaa Oromiyaa ( KWO ) Kutaa Yaman

    Alaabaa KWO Kan Eebbifame Bakka Miseensotaa fi Deeggartoonni akkasuma Ummanni Oromoo bal’aanii dabalatee keessummoonni fi Artistoonni oromoo Jaalatamoo fi kabajamoon bebbeekkamoon Irraa qooda fudhatanii argamanitti Eebbifannee Jirra  .

    2 . Ibsa Alaabaa fi Maqaa Kallacha Walabummaa Oromiyaa ( KWO )

    Dhaabni Keenya Kallacha Walabummaa Oromiyaa  ( KWO ) Erga Marii bal’aa Godhaa turanii Maqaa fi Alaabaa  Mataa Isaanii Baafatanii Jiran . Jaarmenyi Keenya Hiikkaa Maqaa fi Alaabaa  KWO Miseensota , Deeggartoota , Keessummoota , Dargaggootaa fi shamarran Oromoo / Qeerroo oromoof akkasuma Ummata Oromoo Bal’aaf Ibsa Hiika Ifaa qabu godhameefii jira .

    3 . Qaxxaamura Jaarmayaa fi Dhaabni Keenya Kallacha Walabummaa Oromiyaa ( KWO )

    Jaarmenyi  fi Dhaabni Keenya Bu’aa ceehii hedduu keessa darbee As Gahuu isaa kan wal nu gaafachiisuu miti . isa kanarratti Ibsa Bal’aa Miseensota  , Deeggartoota , Keessummoota , Artistoota  fi Ummata Oromoo  Ibsa bal’aa ifa tahee fi Ammas Akkaataa fuula duratti harka wal qabatuun furga’uu Qabnu dabalatee Jaarmenyi Keenya waamicha  keessummoota fi ummata oromoo bal’aaf Kan Gara Jaarmaya keenyaa dhufuu fedhaniif Yaamicha  godhee jira  .  

    4 . Tumsa Addaa Jaarmaya Hawaasa Kallacha Walabummaa Oromiyaa  ( KWO ) Kutaa Yaman Godhe

    Sochiilee fi Qaxxaamura Dhaabni keenya godhee keessa Darbe Akkasuma IBSA bal’aa Miseensota , Deeggartoota , Keessummoota , Artistoota fi Ummata Oromoo Bal’aaf Erga Godhamee Hubannoo Guddaa Argatanii fi Gad Fageenyaan  waan Hubatteef Dhaaba Keenyaaf Maaltu Nurraa Eeggama Akkasuma Akka Jaarmaya Keenyaatti Godhuu qabnu Hubachuun Tumsa Addaa Miseensonni fi Keessummoonni Akka Biyya Kanaatti  OL Aanaa  Godhanii Jiru .

    5 . Duguuggaa shanyii Jumlaan Saba Oromoo Irratti Gaggeeffamaa jiru

    Nuti Miseensonii fi Deeggartoonni Jaarmaya Hawaasa Kallacha Walabummaa Oromiyaa  ( KWO ) Kutaa Yaman Gochaa Suukanneessa Abbootiin Irree fi Murnoonni Bicuun  Amma Dura Raayyaa Asaboot , calii calanqoo , Aanolee fi Guutuu Oromiyaa keessatti Raawwatamaa turee fi Ammas Bifuma Baratameen Gootota Ilmaan Oromoo Barattootaa fi Ummata  Keenya dhiiga isaanii gad naqanii fi wareegama qaalii isaan kafalaniif Gadda keenya Ibsanna .

    Itti Aansuun Jaarmenyi Keenya  Rakkoo Biyya Keessa Jiruuf Osoo Hin Jilbiiffanne Dirqama Namni Biyya Alaa Jiru Kamuu Bahachaa Ture nutis Bahachaa jirra . Fuula Duras Bifa wal fakkaatuun bahachuuf Dachaadhaan UF Qopheessinee Jirra .

     Qabsoon Diddaa Gabrummaa fi Gaafiin Mirga Abbaa Biyyummaa Barattoonni keenya gaafataniif Deebiin Rasaasa Tahee Jiru kun Daran finiinee itti kan fufuu fi Ergamtoota Abbootii Garaa Murna Bicuu tahanii saba oromoo irratti dhukaasa banaa turan , Ammas itti Jirtan keessa fi Alaan waan kanarra dhaabbatuu fi diina irratti fuula garagalfatuu Akka qabdan dhaamsa keenya dabarsina . milkoominni Goobana daaccee irraa eegalee warra hanga har’aatti dhimma itti bahaa turaniifuu bu’aan akka hin jirree fi seenaa jalaa bahuu akka hin dandeenye hubatuu qabdu jenna .

    Walumaa Galatti ummanni Oromoo bakka jiruun sirna abaaramaa kana lafaa fi qabeenya isaa kana falmatuudhaan mirgaa Isaa , Walabumaa Daangaa keenyaa fi Mirga Bilisummaa haqaa biyya isaa irratti Gonfachuuf Qabsoo  Wareegama barbaachisu Kamuu kafaluun Dirqama keenya cufaati .

    Yaada Keenya xumuraa Irratti Milkoominna Waamicha Jaarmenyi keenya godheef Miseensonni jaarmaya keenya keessa jirtan deeggartoonni fi Qaamonni Alaa Tumsa nuuf gootanii milkii fi Injifannoon Akka gallu nu taasiftan Jaarmenyi keenya galata Dachaa isiniif Galcha .

    Injifannoon Ummata Oromoof !!!

    Oromiyaan Ni Walaboomti !!!!

  18. Ani akka kotti wantin jedhu yoo jiraatee?
    1 Amma kanaan durratti Oromoon tokko hn turre. Kana jecha Ob.Baqqala Garbaa OSA irratti jechaa turan kessaa kan na kessaa hn badnee “Dur utu Wallagga,Arsii,Harar,Boraana, ABO,KFO…” hn jedhamin dura Oromo turre jedhan amma garuu Oromo Wallagga,Oromo IluAbbaBor,Oromo Jimma… jedhamnee bakke meqattii akka nama qirca ykn qalii qalaatutti addaan qoqqodamnee jirra.
    2.Akka jecha warra aditti “The leader is a reader” kan jedhu su Oromo kessattii bayyee hn mulatuu
    3 Waal amantaa dhabuu .
    4 Yero Amma wayyanen akka riqichatti kan itti fayyadamuu ummata Oromo amantaan, lagaan,qabeenyaan,beekumsaan ,bakka jirenyatin adda qoodee bulchinsaa isaa sirreffachuuf yaala jirachufi ummanni keenyaa kana ubanno qabachuu dhaburran kan dhufudha..

Yaada kanaaf deebisaa kenni