Rashaad – Welcome to bilisummaa http://www.bilisummaa.com Oromia shall be free Mon, 17 Jun 2013 09:48:18 +0000 en-US hourly 1 https://wordpress.org/?v=5.4.2 Magaalaa Dirree Dawaa Hayyuu fii Sabboonaa isii Dr. Sheek Muhammad Rashaad Abdullee sirna boonsaan awwaallatte http://www.bilisummaa.com/magaalaa-dirree-dawaa-hayyuu-fii-sabboonaa-isii-dr-sheek-muhammad-rashaad-abdullee-sirna-boonsaan-awwaallatte/ http://www.bilisummaa.com/magaalaa-dirree-dawaa-hayyuu-fii-sabboonaa-isii-dr-sheek-muhammad-rashaad-abdullee-sirna-boonsaan-awwaallatte/#respond Mon, 17 Jun 2013 09:48:18 +0000 http://www.bilisummaa.info/?p=2478 Oromiyaa  Bahaa: Magaalaan Dirree Dawaa hayyuu fii sabboonaa isii, abbaa ummata Oromoo, kan saba isaa dukkana wallaalaa keessaa baasuuf hamma lubbuun isaanii gama akhiraa deemtutti saba kanaaf carraaqaa ture,  sirna boonsaa asiin dura dhala Oromoo keessatti tahee hin beeyneen awwaalate…. Kutaa tokkoffaa   Kutaa Lammaffaa   Kutaa Sadaffaa    

The post Magaalaa Dirree Dawaa Hayyuu fii Sabboonaa isii Dr. Sheek Muhammad Rashaad Abdullee sirna boonsaan awwaallatte appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>

Oromiyaa  Bahaa: Magaalaan Dirree Dawaa hayyuu fii sabboonaa isii, abbaa ummata Oromoo, kan saba isaa dukkana wallaalaa keessaa baasuuf hamma lubbuun isaanii gama akhiraa deemtutti saba kanaaf carraaqaa ture,  sirna boonsaa asiin dura dhala Oromoo keessatti tahee hin beeyneen awwaalate….

Kutaa tokkoffaa

 

Kutaa Lammaffaa

 

Kutaa Sadaffaa

 

 

The post Magaalaa Dirree Dawaa Hayyuu fii Sabboonaa isii Dr. Sheek Muhammad Rashaad Abdullee sirna boonsaan awwaallatte appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/magaalaa-dirree-dawaa-hayyuu-fii-sabboonaa-isii-dr-sheek-muhammad-rashaad-abdullee-sirna-boonsaan-awwaallatte/feed/ 0
Magaalaa Dirree Dawaa Hayyuu fii Sabboonaa isii Dr. Sheek Muhammad Rashaad Abdullee Akkanatti awwaallatte http://www.bilisummaa.com/magaalaa-dirree-dawaa-hayyuu-fii-sabboonaa-isii-dr-sheek-muhammad-rashaad-abdullee-akkanatti-awwaallatte/ http://www.bilisummaa.com/magaalaa-dirree-dawaa-hayyuu-fii-sabboonaa-isii-dr-sheek-muhammad-rashaad-abdullee-akkanatti-awwaallatte/#respond Sat, 15 Jun 2013 19:22:50 +0000 http://www.bilisummaa.info/?p=2440 Oromiyaa  Bahaa: Magaalaan Dirree Dawaa hayyuu fii sabboonaa isii, abbaa ummata Oromoo, kan saba isaa dukkana wallaalaa keessaa baasuuf hamma lubbuun isaanii gama akhiraa deemtutti saba kanaaf carraaqaa ture,  sirna boonsaa asiin dura dhala Oromoo keessatti tahee hin beeyneen awwaalate….

The post Magaalaa Dirree Dawaa Hayyuu fii Sabboonaa isii Dr. Sheek Muhammad Rashaad Abdullee Akkanatti awwaallatte appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
Oromiyaa  Bahaa: Magaalaan Dirree Dawaa hayyuu fii sabboonaa isii, abbaa ummata Oromoo, kan saba isaa dukkana wallaalaa keessaa baasuuf hamma lubbuun isaanii gama akhiraa deemtutti saba kanaaf carraaqaa ture,  sirna boonsaa asiin dura dhala Oromoo keessatti tahee hin beeyneen awwaalate….

The post Magaalaa Dirree Dawaa Hayyuu fii Sabboonaa isii Dr. Sheek Muhammad Rashaad Abdullee Akkanatti awwaallatte appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/magaalaa-dirree-dawaa-hayyuu-fii-sabboonaa-isii-dr-sheek-muhammad-rashaad-abdullee-akkanatti-awwaallatte/feed/ 0
Dr. Sheekh Mahammad Rashaad (Sheekha Yoomiyyuu hin irraanfatamne) http://www.bilisummaa.com/dr-sheekh-mahammad-rashaad-sheekha-yoomiyyuu-hin-irraanfatamne/ http://www.bilisummaa.com/dr-sheekh-mahammad-rashaad-sheekha-yoomiyyuu-hin-irraanfatamne/#respond Tue, 04 Jun 2013 01:14:54 +0000 http://www.bilisummaa.info/?p=2219 Wanni sabni ittiin beekkamu keessa tokko afaani. Kana hubachuun, diinni  afaan Oromoo dhabamsiisuuf ijibbata gudda godhe. Ijibbaanni diinni godhaa ture, arra namatti mul’achuullee baatu yaroo isaa sanitti, haalaan cimaa ture. Afaan Oromoo kan arra mana barnootaatti ittiin barsiifamu, waggaa 25 dura, afaan du’aaf deemu ja’mee, jachoota isaa seenaaf harshif galchinaan, kuusaa jachootaa akka qopheessaniif, Dargiin …

The post Dr. Sheekh Mahammad Rashaad (Sheekha Yoomiyyuu hin irraanfatamne) appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
Wanni sabni ittiin beekkamu keessa tokko afaani. Kana hubachuun, diinni  afaan Oromoo dhabamsiisuuf ijibbata gudda godhe. Ijibbaanni diinni godhaa ture, arra namatti mul’achuullee baatu yaroo isaa sanitti, haalaan cimaa ture. Afaan Oromoo kan arra mana barnootaatti ittiin barsiifamu, waggaa 25 dura, afaan du’aaf deemu ja’mee, jachoota isaa seenaaf harshif galchinaan, kuusaa jachootaa akka qopheessaniif, Dargiin koree jaareefii ture.

Garuu, afaan Oromoo du’a oolee, sakaraata keessa turerraa bayyannacuun, hawwii diinaa fiixa bahuu hanqise. Duuba, ijibbaanni afaan Oromoo ajeesuuf diinni godhe, akka laafatti qaxara hin caphne. Hawwii diinaa kolaasuu fii guddinni afaan Oromoo iddoo amma jiru akka gayuu godhuurratti wareegama barabaachisu warra kennantu jira. Isaan keessa hayyuun angafummaan maqaan dhawamu Sheekh Bakhrii Saphaloo ti. Isatti aansee, guddina afaan Oromoo tiif qooda himanaa olii gumaachuun, seenaa guddina afaanichaa keessatti qooda dinqifamee kan galmeesse, Sheek Mahammad Rashaadi.

Sheekh Mohammad Rashaad, abbaa isaa Kabiir Abdullee Kabiir Mummayyaa fii haadha isaa Faaxumaa Shurraa Aammad irraa, odoo Xaaliyaan biyya teenya hin seenin waggaa lama dura, bara 1934, Baha Oromiyaa, kutaa Bareentumaa, konyaa Cercer, baadaa Habroo, aanaa Gubbaa Qorichaa, naannoo Laga Arbaa, ganda maqaa akhaakhoo isaa, Khabiir Mummayyaan moggaafame-tti nama dhalate.

Sheekh Mahammad Rashaad, barnoota amantii Islaamaarraa waan abbaan beeku akka baratee fixeen, itti fufuuf, gama Hirnaa sossoohe. Hirnatti, Sheekh Aliyyii Dabruu biratti, Fiq’hii (barnoota seera amantii Islaamaa) keessaa Baafadlii fii Umdaa, akkasumatti ammaas, Tawhiida (barnoota tokkummaa Waaqa)-rraa hamma tokko barate. San booda, Dhidhiibama dhaqee Sheekh Aammad Sheekh Maammad Jaldii iratti Zubad barate. Eegas ganda isaaniitti deebi’ee Sheekh Ibraahim Bakhaarratti Toowshiiha barate. San booda Qe’eerraa fagaachuun Kortoo dhaqee Sheekh Abuubakar Usmaan Odaa ykn Sheekh Bakh’rii Saphaloo irratti, ilmii Manxiqa (seeralugaa jiddu gala afaan Arabaa) fii Herrega eega baratee booda gama Fadis sossoohe. Fadisitti Sheekh Yuusuf Aammad Bareedaa irratti Minhaaj Nawawiyyaa (Qaceelfama seera amantii Islaamaa kan Imaam Shaafi’ii) xumure.

Akkanatti waan barnoota amantii Islaamaarratti rarraa’aa kan naannoo san jiru xumuree, kan biyya alaa itti dabalachuuf, ilma indooyyee ykn haboo isaa, Usmaa’il Alii waliin, bara 1951, Biyyee Dareerraa sossoohan. Karaa Jijjigaa tiin Zeeylaa dhaqan. Achirraa halkan, dukkana dahoo gaodhachaa, miilaan Jibuutii seenan.

Akka Jabuutii gayaniin, walqabatanii safaaraa Xoophiyaa dhaqanii, biyya Arabaa deemanii barachuuf baasaboora akka kennaniif gaafatan. Namichi Safaaraa, “Yo isin biyyaarra fagaattan, eentu boqqolloo nuuf qota?” gaaffii jettu dhiheesseef. Sheekni oomisha boqqolloo tiif warri biyyatti hafan ni gayaniin, namicha amansiisuu ijibbaatullee, waan fedhan irraa argachuu hin dandeenye. Garuu, baasaboora dhabuun abdii if dura deemuu hin kutachiifne. Waraqaa eenyummaa malee, harka qullaa, galaa malee, doonii gama Yaman deemtu yaabbatan.  Abbaan doonii, akkuma warri ammaa godhutti, Sheekhaa fii ilma indooyyee odoo lafaan hin gayin, xarafa malkaa, baharuma keessatti buuse. Achii, heera malee, dambaliin odoo if duuba harkisuu, bishaan mudhii gayu keessa dhiibachaa, warri uffanni, daboon, tan ifiifuu bakka meeqatti erbamte irratti cicciramte, lubbuu qarqara Ganda Dabaab ja’amtuun gayan.

Dabaabrraa bikka ka’aniif gayuuf, miilaan karaa Ta’iz sossoohan. Ta’izzirraa karaa Zabiidiin Mansuur keessaan Hudeeydaa qaxxaamuranii, warri amnitti miilaa akkaa gara dhoorkite, magaalaa timjii biyya Su’uudii, tan Jiizaan ja’amtu gayan. Jiizaanirraa Hijaaz keessaan dabranii Xaa’if seenan. Yaroon karaa kanarra deemaa turan Bona ture. Biyya gammoojjii tan lafti isii Bona hanqatee Ganna ibidda tuftu, guyyaa nama dhokochaa, odoo halkan dukkana keessa tiratanuu, aman miilaa kan ji’a sadihii tiin Xaa’if gayan. Xaa’if irraa makiinaa yaabbatanii, baatii Eblaa tan bara 1951, Makka seenan.

Akka biyya Sa’uudii seenaniin, wanni Sheekni dura godhuu barbaade, Hajii dha. Odoo Soomana furnoo goggoyduu bishaan Zamzamiin jiifatee furuu, Hajjii isaa godhe. Akka Hajjii fii ziyaaraalee barbaadu mara raawwateen jalqaba bara 1952, karaa Ordon (Jordaan) sossoohe. Akka achi gayeen Qudis dhaqee Beetul Maqdas ziyaare. San booda miilaan karaa biyya Shaam (Suuriyaa) sosoohe.

Dimishq (Damaskes) magaalaa muummittii Shaamitti, Sheekni barnoota biyyaa baheefitti deebi’uuf hiree arkate. Mana barmootaa kan Fathul`islaam je`amutti, barnoota waggaa shanii booda, raga Muftumma`aa fudhate. Sheekni oduma baratuu imaama masgiidaa tahe. San malees, masgiidotarra daddeemee kuxbaa guyyaa Jim’ataa godhu jalqabe. Haala kanaan, baroota jaha Shaam eega jiraate booda, bara 1957 keessa Suuriyaarraa karaa biyya Lubnaan sossoohe. Magaalaa Beeyruutitti markaba karaa biyya Misraa deemu yaabbatee, Iskindiriyaan Qaahiraa seene. Karaalee dila irra deemee fii naannoolee qubate keessatti haala isa mudate mara, Sheekni seenaaf sirritti galmeessee jira.

Qaahiraa akka dhaqeen, Universitii Azhar, Kulliyyaa Usuuliddiinitti (Koolleejii Hundee Amantii)-tti barnoota jalqabe. Waggaa afurii booda, bara 1962tti, barnoota isaa sadarkaa ool’aanatti gaggeessuun, ragaa caalinsaa harka Bokkuu biyyaa Jamaal Abdulnaasir irraa fuudhate.

Sheekh Mahammad Rashaad, Masrii keessatti Oromoota biyya san keessa turan waliin warra hiriira diddaa Mootummaa Hayla Sillaase bahan keessaa tokko. Gaafasitti, Hayle Sillaasetti hiriira bahuun hafee, dura dhaabbachuu yaaduunuu raajii dha. Warri hiriira sanirra qooda fudhatan keessaa kanneen biyyatti deebi’an, basaasota mootummaatiin adamamanii hidhatti guuraman. Warri isaan keessa ajjeefamaniis jiru. Haalli kuni, Sheek Mahammad Rashaad keessaa, hawwii biyyatti deebi’ee waan barate barsiisuu sammuu baase.  Kanaaf akka barnoota fixateen Qaahiruma keessatti barsiisu jalqabe. Isaa haala kana keessa jiru, Soomaaleen bilisoomte. Gaafana, hojjataa Universitii Azhar tahee, biyya Soomaaleetti amantii Islaamaa barsiisuuf, ji’a Adooleessaa kan bara 1963 magaalaa Bur’oo dhaqe. Achitti, barsiisummaa malees, Masgiida guddaa magaalaa sanii keessatti Jim’ata-Jim’ata kuxbaa gudhutti seene. Eega bara sadi akkasitti ture booda, dandeeytii afaanii kan qabuun hajjataa mootummaa Soomaalee tahe.

Wanni Sheekni naannoo sanitti Oromoof hojjate keessa kan jalqabaa raadiyoona biyya sanii keessaan sagantaa afaan Oromoo jalqabsiisu. Bara 1965 raadiyoon soomaalee afaan Oromoo tiin dabarsuu kan jalqabe tattaafata Sheek Mahammad Rashaad godheeni. Sheekni sagantichi maqaa afaan Gaallaa akka qabaatu fedhe. Garuu diddaa alagaa fii nama keenyaarraa itti xixxeen maqaa afaan Qottuu tiin dabruu jalqabe. Sheekni Qottuurraa Gaallaa filatee kan qabsoo godheef waaltina sabaa uumuu dhaaf ture. Akka Sheekni galmeessetti, bara 1968, gaafa Jeneral Kabbadaa Gabree, ajajaan waraana mootummaa Hayle Sillaasee, biyya Soomalee dhufe, yaadaa fii komii Ziyaad Barreetiif dhiheesseen sagantaan afaan Qottuurraa gama afaan Gaalla’aa-tti geeddarame. Sheekni haala kanarraa akkaan gammade. Gammachuu isaatiis akka

aramaa gadii kanatti walaloon galmeesse.

 

Kan Gaallaa didu takkaayuu diinumaa

Takkaayuu galtu’uu tanaaf isaan moroma

Takkaa ni hin laalinii taariikha isaatii

Takkaa wahiif fedha baduu maqaati

Yaa lammii too dubbii too dhagayaa

Maqaafii afaaniin harka tokko tayaa

Namni afaan keetii inni shanyii teetii

Qoqqottee hin gaafatin maali gosti teeti

Maqaa gosaa dhiisaa ka dhiyoo argame

Isa dur qabdhaa kan akkaan barame

Maqaan durattii isaa walitti qaba

Gosa sabaa hundaa taarikaas ni qaba

 

Hujiin dinqifamaan Sheekhaa kan sagantaa raadiyoonaatti aanu, qubee afaan Oromoo ti. Sheekni hayyoota afaan Soomaalee tiif qubee moggaasan keessa tokko. Gaafa karoora san fiixa baasaa ture, hawwii fii manaamni isaa sagantaa san keessaan afaan isaa guddisuu dha. Hawwii isaa kana, bara 1973, kitaaba Furaa afaan Oromoo ja’u harfii Laatiniin barreessee maxxansuun hujiirra oolche. Haatahu malee, akkuma gaafa sagantaa raadiyoonaatti, ammaas, warra maqaa kana dura dhaabbataniin hujiin isaa balaaleeffatamee, maqaan kitaabicha, Furaa Afaan Abbootti akka geeddaramu godhame. Garuu, bu’urri inni gaafas afaanichaaf lafa kaaye, sab-boonota booda ka’aniin fudhatamee, qubeen Laatiin afaan Oromoo tiin wal simatan. Yo if duuba deebi’amee laalame, wanni inni gaafas godhe, guddina Afaan Oromoo tiif asaasa cimaa tahe.

 

Sheek Mahammad Rasdhaad, bara 1965 irraa hamma 1984 raadiyoona Soomaalee keessaan amantii fii seenaa odoo barsiisuu, haala amantiin Islaamaa naannoo Gaafa Afrikaa itti seente akka qoratuuf jilaa waliin karaa biyya alaa ergame. Qormaata kanaaf biyya Yaman, Iraaq, Kuweetii fii Su`uudii dhaqe. Akka dalagaa ergameef rawwateen Sheekni Maqdisho`otti deebi’uu irraa oolee, biyya Su`uudii qubachuun kitaabbaan afaan Oromootti barreessuu fii kan Arabaa-rraa kan Oromo`ootti garagalchuu hujii godhate.

 

Sheekh Mohammed Rashaad, barreessuu fii afaan Arabaarraa garagalchuu jidduu, kitaabban 23 afaan Oromoo tiifii sabaaf gumaache. Isaan malees, hiikkaa hadiisa afurtamaa kan Nawaawii afaan Oromootti garagalchea. Sheekni, kitaabbaan amantii malees, Tooftaa Riphee Loltuu, Seenaa gaafa Afriikaa, Geerarsa Oromoo, Taarika Aammad Giraanyi, Qubee afaan Oromoo tii fii Akkaataa Qubeen Afaan Oromoo itti kaayaman nama barsiisan nama barreesse.

 

Hujiin guddoon Sheekh Mahammad Rashaad ittiin beekkame Qur’aana Afaan Oromootti hiikuu dha.  Qur’aana afaan tokkoon hiikuun hujii haalaan guddoo ti. Warri waan akkanaa godhu, dandeeytii malees, warra tin’isa diinaggee fii hamilee tan mootummaa ykn garee if duubaa abdatu. Sheekh Mahammad Rashaad garuu, gargaarsa malee, kophaa isaa hujii guddoo tana nama hojjate. Gaafa hujii baroota meeqaantam irratti dhama’e maxxasuuf dhiheesse, kan mudate, galatoomii odoo hin taane, dura dhaabbii dha. Warri dura dhaabbataniis alagaa ykn Araboota odoo in tahin Oromoota. Jara san maqaa dhawuunilleen barbaachisu baatu seenaaf galmeeffachuun dirqama sabaa ti. Sababni jarri dhiheesse tokko afaan kuni qur’aana ittiin hiikuuf gayaa miti kan ja’u. Sheekh Mahammad garuu, qabsoo godheen jara irra aanee, hiikkaan isaa sagaleen kaasetatti waraabamee, ummata isaatiif tola akka hiramu godhe. Akkuma kaaseenni hujiirra ooleen, hiikkaa barruun basuuf irratti hojjachuu jalqabe. Duuba, kanaas gaafa xumure, akkuma kan sagaleetti, warrummaan Sheekkotii Oromoo ti ifiin ja’an dura dhaabbatan. Haa tahu malee, Sheekni akkuma kan sagaleetti, dura dhaabbii barruutiis injifatee, akka maxxanfamee saba harka seenu godhe. Sheekni kan kana hunda godheef, maqaa ittiin argachuuf odoo hin taane, lammii isaa irraa wararrii wallaalaa dhabamsiisuu fi.

 

Sheekni waan afaanii fii aadaan tahan nama ganamaan akkaan hubate. Kanaaf, Afaan Oromoo afaan waan hunda ittiin hojjatamu tahuu mirkaneessuuf waggaa shantam caalaa ijibbaata adda hin citin godhe. Jaalalti Sheekni guddina afaan isaatiif qabu himanaa oli. Jaalala isaa kana walaloo isaa keessati akkanatti ibse.

 

Yaa Afaan Oromoo Rabbii si guddisee
Nama siin dubbatu sumaaf heddummeesse
Adunyaan si beekaa anilleen si wallaaluu
Karaa keetiin malee nu alaa hin gallu

Ormi adunyaa dhaa yoo dubbii kee kaase
Afaan muuziqaa dhaa je’ee ti si faarse

Yaa afaan Oromoo yaa kan zalaalamii
Kan sii je’ee du’e hammamii hammamii
Mee akkamiin si gannaa nuti siin mul’annaa
Odoo ati baddee matumaan dhabamnaa
Karaa kan kee kanaan harka tokko taanaa
Sumaan gurgurannee wal irraa bitannaa

Yo nu karaa banne siin karaatti deebinaa
Yoo nu dhukkubsanne sumaan wal gaafannaa
Yaa Afaan Oromoo mee akkamiin si gannaa
Salaamtaa jaalalaa siin walii erginaa

Yaa Afaan Oromoo yaa haadha guddinaa
Har’aa fi borullee nuti siin mul’anna

Gooytaan haa guddisu warra si mul’isuu
Dachee haa seensisuu warra si saph’lisu
Namni si saph’lise rakkatuuf jiraataa
Gaafa tasaa geessee biiluu tee irraa baata

Akkuma olitti ibsametti, Sheekh Mahammad Rashaad nama barnootaa ti. Hayyuu afaan Oromoo, Soomaalee fii Arabaa ti. Amantii malees, Falsafaa, taligaa haala namaa, heera taliga`aa, Ilminnafsi, Joograafii fii barnoota miya lolaa nama barate. Sheekni barruu leexaa malees nama yaada isaa walaloon qarqabu. Haala kanaan, walaloota jaalalaa, jaalala biyaa, hamilee namaa dammaysanii fii kakaasan heddu barreesse. Kitaabban haala kanaan afaan Arabaa fii Oromoo tiin barreesseen Majistraa ykn Maastreet fudhate. Haaluma saniin, dandeeytii isaa kanaan Universitii Engilzirraa Dooktaraa ykn PhD gonfate.

 

Sheekh Mahammad Rashaad, haala armaa olii kanaan odoo hifaata malee saba isaa tiif hojjatuu, jiruu baqaa tan waggaa shantamii fii saddeetitti booda, bara 2009itti biyyatti deebi’e. Eega biyyatti deebi’ees, akkuma duritti waan itti amanu ifatti dubbachuu irraa if duuba hin deebine. Haaluma kanarraa kan ke’e, yaroo gabaabduu dura, warra Ahbaash ifiin ja’an, kanneen mootummaan Wayyaanee meeshaa godhattee deemmatuun balaaleeffatteen, mana adaamaa keessatti duraan kennameef irraa arihamee, Dirree Dhawaa qubachuu dirqame.

 

Sheekni, ergarama jiruun baqaa tiifii umriin muddeen odoo yaratuu, Ebla 25, bara 2013, umrii waggaa torbaatamii sagaliitti, magaalaa Dirree Dhawaa keessatti aakhirame. Ogummaa baratanii fii hayyummaa horaniin dantaa mataa isaanii gatanii, waan dhimma sabaa if dura oofaa warri hojjatan, yarumaa hundaa, qoma lammii isaanii kessatti jaalala addaa qabaatu. Awwaalcha Sheekhaa irratti kumaatamni Oromoo akka argamu kan godhe kana. Sheekh Mahammad Rashaad haala takkaa argamee ykn dhagayamee hin beekkamnetti awwaalame. Inni awwaalamuus, maqaan isaa abad baduuf hin jiraatu. Sab-boonummaa fii murannoo ajaa’ibaatiin faayamee, qoonni guddina amantii Islaamaa tii fii afaan Oromootiif gumaache, lammii dhufaa jiruun kan dinqifamu taha.

 

Waaqni Jannataan haa qananinu!

 

Abdurashiid  Abdurahmaan (AbbaaUrjii)

Waxabajjii 02, 2013

Torontoo, Kanadaa

 

Hub: Seenaan Sheekhaa kuni, Guyyaa Yaadannoo isaa kan Magaalaa Torontootti     qophaaweef, barreeffama isaa keessaa kan dubbuuyfame.

 

The post Dr. Sheekh Mahammad Rashaad (Sheekha Yoomiyyuu hin irraanfatamne) appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/dr-sheekh-mahammad-rashaad-sheekha-yoomiyyuu-hin-irraanfatamne/feed/ 0
OSA’s Statement of Condolence on the Passing Away of an Oromo Muslim Scholar Dr. Sheikh Muhammad Rashad Abdulle http://www.bilisummaa.com/osas-statement-of-condolence-on-the-passing-away-of-an-oromo-muslim-scholar-dr-sheikh-muhammad-rashad-abdulle/ http://www.bilisummaa.com/osas-statement-of-condolence-on-the-passing-away-of-an-oromo-muslim-scholar-dr-sheikh-muhammad-rashad-abdulle/#respond Mon, 03 Jun 2013 13:41:11 +0000 http://www.bilisummaa.info/?p=2210 It was with great sadness that we recently heard about the passing away of Dr. Sheikh Muhammad Rashad Abdulle, a former recipient of OSA Life Time Award. He was a great Muslim scholar, who cultivated the flowering of literature in the Oromo language. His death is a great loss to his family members and to all who cherish …

The post OSA’s Statement of Condolence on the Passing Away of an Oromo Muslim Scholar Dr. Sheikh Muhammad Rashad Abdulle appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
It was with great sadness that we recently heard about the passing away of Dr. Sheikh Muhammad Rashad Abdulle, a former recipient of OSA Life Time Award. He was a great Muslim scholar, who cultivated the flowering of literature in the Oromo language. His death is a great loss to his family members and to all who cherish the development of Oromo Studies. Members of the Executive Committee of the Oromo Studies Association (OSA) express their deepest condolences to his family members and all those who were touched by his infectious love for intellectual enrichment of his people. May his soul rest in peace. May our Waaqaa comfort his family members and all those who knew the great scholar and an outstanding poet and versatile writer.

In his memo of nomination of Dr. Sheikh Rashad for OSA’s Lifetime Award, Jawar Mohammed of Columbia University, also an OSA member, listed the following as some examples of the major works of the great scholar, whom we lost recently.

  • The first Quran translation in Afaan Oromo;
  • Translated over 40 Hadith books from Arabic to Afaan Oromo;
  • Produced Somali-Afan Oromo dictionary;
  • Numerous articles on Islam in Focus;
  • Hadji and Umra guidance book for Oromo pilgrimages;
  • Translation of Towhid in writing and audio form;
  • Collection of poems in Afan Oromo;
  • Children stories in Afan Oromo;
  • History of prophet Muhammad in Afan Oromo;
  • History of Islam in Afan Oromo;
  • Arabic-Oromo dictionary (the first);
  • Collection of Oromo traditional songs such miriysaa, dhiichisa, shaggooyyee, geerarsa.

Although Dr. Sheikh Muhammad Rashad Abdulle was suffering from poor heath in the past few years, those who knew his resilient spirit did not expect that the end would come so suddenly. The news of his passing away shocked more than his family members and friends. It saddened those who were expecting the publications of his scholarly works while he was still alive. We are told that Islam teaches that death has to be accepted with grace. However, it is very hard to accept with grace the loss of Dr. Sheik Muhammad Rashad Abdulle.

May our Waaqaa bless our society with millions of brilliant minds, the likes of Dr. Sheik Muhammad Rashad Abdulle.

 

Mosisa Aga, Ph.D.

OSA President

The post OSA’s Statement of Condolence on the Passing Away of an Oromo Muslim Scholar Dr. Sheikh Muhammad Rashad Abdulle appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/osas-statement-of-condolence-on-the-passing-away-of-an-oromo-muslim-scholar-dr-sheikh-muhammad-rashad-abdulle/feed/ 0
VOA Afaan Oromoo waayee Dr. Sheek Muhammad Rashaad http://www.bilisummaa.com/voa-afaan-oromoo-waayee-dr-sheek-muhammad-rashaad/ http://www.bilisummaa.com/voa-afaan-oromoo-waayee-dr-sheek-muhammad-rashaad/#respond Fri, 31 May 2013 16:10:31 +0000 http://www.bilisummaa.info/?p=2172 Gaafiif Deebisaa VOA Afaan Oromoo waayee aakhiramuu Dr.Sheek Muhammad Rashaad Abdullee Laalchisee gaazeexeessaa Obboo Sa’id Mohammad fii joollee Dr. Sheek Muhammad Rashaad waliin taasise…(galanni kan VOA fii Ayyub Jemaal)

The post VOA Afaan Oromoo waayee Dr. Sheek Muhammad Rashaad appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
Gaafiif Deebisaa VOA Afaan Oromoo waayee aakhiramuu Dr.Sheek Muhammad Rashaad Abdullee Laalchisee gaazeexeessaa Obboo Sa’id Mohammad fii joollee Dr. Sheek Muhammad Rashaad waliin taasise…(galanni kan VOA fii Ayyub Jemaal)

http:/http://www.youtube.com/watch?v=9QehyKdzk9s

The post VOA Afaan Oromoo waayee Dr. Sheek Muhammad Rashaad appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/voa-afaan-oromoo-waayee-dr-sheek-muhammad-rashaad/feed/ 0
AQIIDAA SHEEK DR. MUHAMMAD RASHAAD ABDULLEE http://www.bilisummaa.com/aqiidaa-sheek-dr-muhammad-rashaad-abdullee/ http://www.bilisummaa.com/aqiidaa-sheek-dr-muhammad-rashaad-abdullee/#comments Tue, 28 May 2013 17:19:17 +0000 http://www.bilisummaa.info/?p=2093 ********AQIIDATUL OROMIYYAAH KUTAA 3FFAA********* Urjii Ahmad Aqiidaa Ulamaa’ii Oromoo tan Ahbaashiitiin wal bira qabuun “Aqiidatu Oromiyyaah” Kutaa 2 qopheeysee jira. Kutaa 3ffa keessatti Barruun amma dura “Sheekh Muhammad Rashaad Ahbaashii Albaase” jechuun barreeysen foyyeessee qabadhee dhufe. Dubbisaa hubadhaa, Wal hubachiisaa! Ahbaashiin Amantii Islaamaa keessaa qooda hin qabdu! >>>>>Dr. Sheekh Muhammad Rashaad Abdullee seenaa Isaa gabaabinaan. …

The post AQIIDAA SHEEK DR. MUHAMMAD RASHAAD ABDULLEE appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
********AQIIDATUL OROMIYYAAH KUTAA 3FFAA*********

Urjii Ahmad

Aqiidaa Ulamaa’ii Oromoo tan Ahbaashiitiin wal bira qabuun “Aqiidatu Oromiyyaah” Kutaa 2 qopheeysee jira. Kutaa 3ffa keessatti Barruun amma dura “Sheekh Muhammad Rashaad Ahbaashii Albaase” jechuun barreeysen foyyeessee qabadhee dhufe.
Dubbisaa hubadhaa, Wal hubachiisaa! Ahbaashiin Amantii Islaamaa keessaa qooda hin qabdu!

>>>>>Dr. Sheekh Muhammad Rashaad Abdullee seenaa Isaa gabaabinaan.

Bara 1934 Abbaa Isaa Kabiir Abdullee Kabiir Maammayyaa fii Haadha Isaa Faaximaa Shurraa Irraa dhalatan. Bakki Dhaloota Isaa Ammoo Goodina Harargee Lixaa Liga Arbaa bakka jedhamutti.
Joollummaaan Abbaa Isaa Kabiir Abdullee irratti Quraana irraa eegalee barnoota jalqabaa baratee jira. “Kabiir” Jechuun maqaa sadarkaa kan nama Ilmii Islaamaa barsiisuuf kennamu.
Abbaan Isaa Ilma Isaa Sheek Muhammad Rashaad ilmiif kennee deemii baradhu je’ee Eebbiseen. Sheek Muhammad Rashaad haaluma saniin barnootaaf biyya keessatti barataa erga ture. Hajjii fi Umraaf gama Su’udii deeme.
Achiin Filisxeemii Fii Shaam ykn Suriyaatti barachuu jalqabe. Barnoonni Inni Shaam/Suriyaatti barataa ture Barnoota Islaamaa gosa hunda ture garuu dipiloomaa fii digrii wanni je’amu achi hin jiru. Akkuma Ulamaaii durii baratanii Ijaazaa ykn barsiisuuf hayyama fudhatan.
Booda sheekni Azhar Osuma Almii baratee jiruu seene. Bara 1962 Usuulu diiniin tokkoffaa bahuun Preezidaantii Misraa kan yeroo sanii Jamaal Abdu Naasir irraa badhaasa fudhate.
San booda Azhariin Somaaliyaa keessatti akka barsiisu Isa ramade.
Achi booda Qorannoo Afaan Oromoo fii Somaalee irratti godheen Qubee Afaan oromoo tan amma itti fayyadamaa jirru tana waan qopheeyseef Doktorummaa Isaa argatee jira.
Bara 1965 – 1984 Raadiyoo Moqaadishoo jiruun Afaan Oromootiin Seenee fii barnoota Islaamaa dabarsuun ummata Oromiyaa keessa jiru bakka Raadiyoon sun dhagayamutti barsiisaa ture.
Kitaaboota hedduu Afaan Oromootiin hiikuun saba Isaa guutuu fayyaduu dandahee jira.
• Tafsiira Afaan Oromoo Sagalee fii barruun.
• Aqiidaa Xahawiyyaah Sagalee fii Barruun.
• Arba’iin Nawawii barruun
• Sadarkaa Rasuulaa s.a.w
• Abuu Shujaa fi kitaaboota 20 ol qopheeysee jira.
Ulamaa’oonni keenya hedduudha. Hunda Isaanii Rabbiin Jannataan galata Isaaniif haa deebi’u.
~~~~~~~~~ AQIIDAA DR. MUHAMMAD RASHAAD~~~~~~~~~
Amma gama Aqiidaa Isaa hoggaa seenne, Kitaabni Aqiidaa Xahawiyyaa Afaan Oromootiin Inni hiikee fii Tafsiirri gahaadha. Ani Kitaaba lamaan san hundi keessan akka dubbiftan Isin afeera.
**Hiikaa Towhiidaa Sheek Dr. Muhammadrashaad Abdullee akka Armaan gadii kanattii hiika.
1. “Laa ilaaha illallaahu jechuun: Rabbii tokkicha malee, kan ibaadaa akka salaataa, soomanaa, isaaf waa qalu’uu,isa kadhatuuu haqa godhatu hin jiru; kan sifa akka sifa isaa qabu hin jiru; kan humna wahiin argamsiisu qabu, kan sifa waa hundaan beekuu qabu hin jiru, tanaaf jecha kan waa uumu isa malee hin jiru. == Rabbiin tokkichaa yaadun, nama biraatif, sifa, akka sifa isaa kennuu dhabuu ammallee nama biraatu, waa uumaa, nama razaqaa, ilmoo namaa kennaa, nama ajjeesaa yaaduu dhabuu. Ammallee nama isan tayeniitu ibaadaa haqa godhataa, yaaduu dhabuu.
Namni Rabbiin tokkichaa yaadaa, waan biraa ibaadu, iimaana hin qabu.”
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula:1
(kunii qooda Towhiidaa sadeen Afaan Oromootiin Ibsuudha, Kan Ibaadaa akka kadhachuu haqa godhatu hin jiru Rabbi malee (Towhiidul Uluuhiyyaa je’ama), Kan siifa akka sifa Isaa qabu hin jiru (Towhiidul Asmaa wasifaat je’ama), kan waa uumu Isa malee hin jiru (towhiidu Rubuubiyyaa je’ama) akkatti Ibsa sheek Muhammad Rashaad Aqiidaa warra sunnaa.)
***** SIFA RABBII KEESSATTI DR. MUHAMMAD RASHAAD MAAL AMANA?
2. “Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii”
Tafsiira Quraanaa Suuraa Xaahaa: 5
“ Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli. Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen……“Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru.”
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36
(wanni asii olitti dubbiftan kuni hundi kitaaba sheek Muhammad Rashaad fuula dubbatame kana gubbaa yoo hin jiraanne, Ahbaashiin laaltee nuuf haa himtu. Sheek Muhammad Rashaad kitaaba Isaa keessatti kana barreessee jira, Anaa miti kan barreessi je’an. Inni waan muslimoonni amanan barreesse, Anis muslima waanin taheef hikkaa Isaa argee amanee jira. Kuni Aqiidaa Muslimootaati Rasuula s.a.w irraa eegalee warri karaa sunnaa deeman hundi Rabbiin Arshiirratti akka Isaan malutti ol tahuu Isaa ni amanan. Kanas Rabbumaatu Quraana Keessatti nuuf hime).
3. “Qur’aanni Rabbiin Nabi Muhammadirratti buuse dubbi Rabbiiti, Rabbumaatu dubbate. Jibriil Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad Jibriilirraa dhagayee, ummanni Nabi muhammadirraa dhagaye.”
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula :20-21
(Sheek Muhammad Rashaad Quraana Jibriil Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad dhageesisee jechaa jira. Akka Ahbaashiitti jechi Rabbii hin dhagayamuu hin jenne, Jibriil keessatti jecha Isaa kan Azalii uume hin jenne. Ni dhagayee jechaa jira. Rabbiin keenya ni dubbata, Abbaa fedhe dubbisa. Yeroo fedhe dubbata. Waan fedhe dubbata. Namni inni dubbise jecha Isaa ni dhagaya.)
4. “Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii miti.”
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34

(Rabbiin Ija qaba, ni arga. Garuu Ijji Isaa tan uumamaa hin fakkaattu. Ija Isaan maltu qaba. Wanni hundi Ija isiin maltu qabdi. Ijji ra’ee Ija namaa hin fakkaattu. Iji Rabbiitis Ija waan uumamee takkallee hin fakkaattu. Kanaaf warri sunnaa waan Rabbiin nin qaba ja’e hin qabduu hin ja’aniin.).
5. “Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka keenyaatii miti.
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34
(Rabbiin harka Isaan malu qaba, kanas Isaatu dubbate malee nuti kijiba Isarra kaayuu hin dandeenyu. Sheek Muhammad Rashaad Aqiidaa warra sunnaa addeesse. Rabbiin sifa Isaan malte qaba. Dubbiin akka Ahbaashiin jettuu miti.)
6. “Asaabaa Nabi Muhammad, nama Isaanirraa taye, tokkolleedharraa hin cinnu. Hundi Isaanii jaalalloota keenya. Nama Asaabaa nabi Muhammad jibbu hunda, ni jibbina.”
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula : 117-118
(Tunis aqiidaa warra sunnaati Sahaabaa hunda ni jaalanna, waan Isaan jidduutti argames Rabbiif dhiifna. Tokkollee maqaa hamaadhaan hin kaafnu. Aqiidaan warra sunnaatu tana. Tan falsafaa ammo abbaa fedhan keessaa arrabsuu fi xiqqeessuudha. Rabbi nu haa tiysu jallina falsafaa irraa.)
7. (Sheek Muhammad Rashaad Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka murtii godhuuf dhufu hoggaa dubbatu akkana je’ee)
“Gaafa Rabbiin kee amrii isaatin dhufe dhufiinsa isaan malu,”
Al-Fajr: 21-22
(Aqiidaan warra sunnaa Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka Isaan malutti dhufa jechuu amanan. Halkan gama boodaa akka Isaan malutti gama samii adunyaatti gad bu’a jechuu amanan. Kanas Quraanaa fii Hadiisa irraa baratan malee ifiif uumaniitii miti. Garuu warri falsafaa jala deemu kaafira nuun je’an. Rabbiin jallina falsafaarraa nu haa tiysu.)
*******AQIIDAAN AHBAASHII YOO MAAL JETTI?********
1. Laa ilaaha illallaahu jechuun Rabbii malee kan waa uumu hin jiru jechuu.
(Kana Ragaa fiduun barbaachisaa miti Isaanuu hin khaadan. Akka sheek Muhammad Rashaad itti hike ol deebi’aa laalaa. Ibaadaa haqa kan godhatu, sifa akka sifa Isaa kan qabu hin jiru jechuu wanni irraa dhiisaniif, Shirkiif akka Isaaniif mijjaawu, Akka qabrii yaammachuuf Isaaniif tolu, Rabbiin sifa hin qabu jechuuf hiikkaa akkatti jallisan. Na’uzubillaah. Kan yaammachuu haqa godhatu Rabbi malee hin jiru jechuuf nu jibban.)
2. Rabbiin ol hin jiru, gad hin jiru, mirgaa fii bitaas hin jiru, duraa fi duubas hin jiru, adunyaa keessa hin jiru, adunyaa alas hin jiru.
(Kanas Ragaa fiduun barbaachisaa miti Isaanuu hin khaadan.)
3. Quraanni jecha Rabbiin dubbatee miti. Rabbiin azalitti (osoo waa hin uumin) jecha Isaa kana Jibriil keessatti uume. Jibriil waan Isa keessatti uumame dubbate malee Rabbiin ifiif hin dubbatu. Rabbiin jecha dhagayamu, kan qubee qabu dubbata jechuun kufriidha.
(Falsafaa tana numa laalaa, bar wanni Isaan je’an namaafuu hin galu. Mee jecha sheek Muhammad Rashaad kan sunnaa sanii fii kan falsafaa kana wal biratti laalaa.)
4. Fi 5. Rabbiin Ija hin qabu, ni qaba jechuun Rabbitti qaama godhuudha, kanaaf kufriidha. Rabbiin harka hin qabu, ni qaba jechuun kufriidha.
(Ulfina jecha falsafaa kana numa laalaa, Ani Rabbirran beekaa nama je’u maal jettaniin?)
5. (Sahaabaa akka Mu’awiyaa, A’ishaa, Rabbi irraa haa jaalatu zaalima jechuun itti muranii jiran.)
6. Rabbiin ni dhufa jechuun Uumatti Isaa fakkeessuudha, kunis kufriidha.
Yaa Obboleyyan tana Amantii je’anii itti nu yaaman. Falsafaa Isiniif wayya moo karaa Sunnaa kan Kitaaba sheek Muhammad Rashaad barreesse keessa jiru?
Sheek Muhammad Rashaad Ahbaashii Albaase moo hin Albaafne jettan erga barruu kana dubbiftan?
Kanaaf Sheekni Ahbaashiidha name je’uu fedhu Kitaaba Sheekaa Adunyaarraa balleeysuu qaba. Yoo Akkas hin taane Haala kamiin Ahbaashii fii Sheekni tokko tahan?!
Ammoo ani wannin Amanu Sheek Dr. Muhammad Rashaad Abdullee akkuma Ulamaa’ii biraatti dogonora irraa qulqulluu miti. Abuu Haniifaan, Shaafi’iin, Imaamu Ahmad hundi dogongora irraa qulqulluu miti. Ilmi namaa hundi ni dogongora Rabbiin dogongora Isaa Isaaf haa araaramu.
Garuu waan Inni dalage tan akka Gaaraatti dhaabbattu dhiifnee dogongora Isaa xixxiqqaa jala dalaguun beekkumsaa miti. Wanni Rabbiin namaaf hin araaramne Shirkii qofa yoo Osoo hin towbatin du’an.
Sheek, Doktar Muhammad Rashaad Rabbi Rahmata haa godhuuf.

The post AQIIDAA SHEEK DR. MUHAMMAD RASHAAD ABDULLEE appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/aqiidaa-sheek-dr-muhammad-rashaad-abdullee/feed/ 2
SHEEKH MUHAMMED RASHAD KABIIR ABDULLEE KABIIR MUUMAYYAA http://www.bilisummaa.com/sheekh-muhammed-rashad-kabiir-abdullee-kabiir-muumayyaa/ http://www.bilisummaa.com/sheekh-muhammed-rashad-kabiir-abdullee-kabiir-muumayyaa/#respond Mon, 27 May 2013 13:54:57 +0000 http://www.bilisummaa.info/?p=2083 DHALOOTA ISAA :- Dhaloonni isaa akka bara faranjiitti bara 1934. BAKKEEN INNI ITTI DHALATE : Baha Oromiyaa Carcar Laga Arbaa ganda Jarjaree ja’amutti BARMOOTA ISAA KAN DURAATIFII KAN ITTI AANU :- Barmoota isaa kan duraa : •Abbaa isaa kabiir abdulleedharratti barate isaa daa’imaa waan abbaan isaa kabiira biyyaa imaama ummataa tayeef . Eegasii ulamaa’ii carcarii …

The post SHEEKH MUHAMMED RASHAD KABIIR ABDULLEE KABIIR MUUMAYYAA appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
DHALOOTA ISAA :-
Dhaloonni isaa akka bara faranjiitti bara 1934.
BAKKEEN INNI ITTI DHALATE :
Baha Oromiyaa Carcar Laga Arbaa ganda Jarjaree ja’amutti
BARMOOTA ISAA KAN DURAATIFII KAN ITTI AANU :-
Barmoota isaa kan duraa :
•Abbaa isaa kabiir abdulleedharratti barate isaa daa’imaa waan abbaan isaa kabiira biyyaa imaama ummataa tayeef . Eegasii ulamaa’ii carcarii fi harar  keessa jirturratti barate.
BIYYA ARABAA DHAQUU ISAANII:-
•Eegasii biyya arabaa dhaqe. yamaniin jalqabee , eegasii biyya sa’udi’ii dhaqee bara 1950 hajjii fi umraa godhee ulamaa’ii biyya sanirratti waa barate. Eegasii beytulmaqdis (FALASXIIN) , Suriyaa dhaqee bara 1951 suuriyaa keessa bara shani ol taa’e. Ulamaa’ii gurguddoo biyya sanirratti waa baruuf jecha kan akka;  Sheekh Saalih Farfuur,kan akka Sheekh Abdurrazaaq Halabi’ii kan  Imaama masjida UMAWI’II .
MANA BARMOOTAA KAN INNI ITTI WAA BARATE:-
•Mana barmootaa kan FATHGUL-ISLAAMII (ﺍﻟﻔﺘﺢ ﺍﻻﺳﻼﻣﻲ) je’amu seenee achitti barmoota islaamaa  hunda barate hanga ajaazaa fatwa`aa ulamaa’in suuriya’aa kenniteefitti .
 BIYYA MISRAA DHAQUU:-
•Eegasii suurya’arraa misraa dhaqee bara 1957  mana barmoota olii kan azhar kan (KULLIYYAA USUULUDDIIN)
je’amu seene .
WAAN INNI AZHARITTI BARATERRAA :-
 1. Beekkomsa qur’aanaa .
2. Beekkomsa Hadiitha .
3. Beekkomsa Seenaaa(History)
4. Beekkomsa  manxiqaafii  Falsafa’aa .
5. Beekkomsa Wajji Bulti’ii .
6. Bekkomsa Joghraafi’aa(Geography)
7. Beekkomsa Heeraa (Law).
8. Beekkomsa Amala Namaa
 ( ﻋﻠﻢ ﺍﻷﺧﻼﻕ ( . 9 . Beekkomsa haala namatti rarra’u kan dhalootarraa hanga du’utti .
BARMOOTA (AZHARITTI) FIXUU ISAANII :-
•Gaafni isaan barmoota jaami’aa azharirraa bayan bara  1962 inni kulliyyaa (USUULUDDIINIRRAA) kan tokkoffa’aa tayee baye, tanaaf iidaa beekkomsaa ta warri misraa amatarraa godhu keessatti ragaa tokkofa’aa badhaasaa wajji harka
JAMAAL ABDULNAASIRIRRAA fudhate bara 1963 .
DALAGAA JALQABUU ISAANII :-
•Isaa mana barmoota islaamaa kan gubba’aa keessatti  (MAJISTEER) baru’utti jiru azhar biyya soomaale’etti erge akka kaayuu isaanirratti dalagu, mana barmootaa kan isaanii keessatti qaraasisu’uufii masjida keessatti khuxbaa jum’aadhaa, gorsa
ummataa kennuu. bakki inni dalagaa tana itti jalqabe (BUR`OO) ammoo eega amata sadii azhariin wajji dalagee dalayduu
mootummaa soomaale’etti ida’ame akka waan biyyaa dalagu dandayuuf  duuba kitaaba diinifii kan afaan arabaatin mana
barmoota kan Jumhuuriyyaa Soomaaleeyiif barreessuu turee akkuma achitti qubee Afaan Oromoo kaayee yaroo dura
dursootif Raadiyoo Maqdishoo irraa afaan kanaan ummata Oromootiif beekkomsa adda addaa yaroo dheertuu keessatti
dabarsuu ture ..
IRRA GURGUDDOO WAAN INNI TOLCHE YOOKAA
BARREESSE:-
1. Hiikkaa Qur’aanaa Kan Rabbiin itti Bane .
 2. Barannaa Gaafa Afrika’aa ( Seenaa O . S . A ).
3. Ibsaa Islaamaa (Islam In Focus)
4. Hiikkaa Abbii shujaa’ .
5. Hiikkaa Hadiiza Afurtamaa Kan Nawawi’ii .
6. Yaada Fayyaa Qabutti Nama Yaamu , Akkaataa Hajji’iifii Umra’aa
7. Hiikkaa Towhgiidaa  Xahgaawiin Odeesse .
8. Akkaataa Qur’aana itti Qara’an . 9. Karaa jiddu jireysaa kan sababaa wal dhaba ulamaadhaa ibsuu .
10. Barsiisa akkaataa salaataa . duwaa’ii ganamaa galgalaatin wajji . 11. Kitaaba waan Diinarraa irraa hafiinsi hin jirre nama  barsiisuu
12. Oduu afaan  oromo`oo barreesu`uu yookaa harfii qubee  isaaa kaayu`uu.
13. Hiikkaa qur`aanaa gabaaba .
14. Tariikha nabii nageenyi isarratti haa jiraatu .
15. Hiikkaa Jechoota Arabaatifii Oromo’oo .
16. Kitaaba Walaloo Oromoo (SEENAA OROMO’OO) , Gorsa Joolle’ee , Gorsa Jaalalle’ee , Gorsa Marriissuu , Dhiichisa Dardara Oromo’oo , Dhiichisa Oromiyaadhaa , Faaruu Afaan Oromo’oo .
17. Hiikkaa Riyaadgusgaalihgiin.
18. Gadaa Yookaa Kaayyoo islaamaa .
19. Akkaataa Taraawiihga Kan Karaa Fayyaa qabuun nu gaye  .
20. Hiikkaa Waraqaat Kan Usuula Fiqhi’ii .
21. Xalayaa Gorsaa Tan Oromoo Kanadaa, Austraaliyaa, Awroppaa fi Itoophiyaa  Keessa Jirtuu Erge .
Arra du’aan dhabnullee yoomiyyuu waan inni nuuf barreessan yaadannoo isaati.
                  ~~~  Najiib Zannuun~~~

The post SHEEKH MUHAMMED RASHAD KABIIR ABDULLEE KABIIR MUUMAYYAA appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/sheekh-muhammed-rashad-kabiir-abdullee-kabiir-muumayyaa/feed/ 0
Dr. Sheekh Mohammad-Rashaad Abdullee- Buulessa Seenaa Oromoo ti http://www.bilisummaa.com/dr-sheekh-mohammad-rashaad-abdullee-buulessa-seenaa-oromoo-ti/ http://www.bilisummaa.com/dr-sheekh-mohammad-rashaad-abdullee-buulessa-seenaa-oromoo-ti/#respond Mon, 27 May 2013 12:08:48 +0000 http://www.bilisummaa.info/?p=2079 (Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo)   Addunyaa kana irraa duáan boqochuun hayyicha amantii, afaanii fi barnoota seenaa Dr. Mohammad Rashaad Abdullee, lammii Oromoo guddaa hanga xiqqaa mara biratti naasuu fi gadda guddaadhaan dha- gahame. Dr. Mohammad hayyuu kennaa guddaa qabanii fi sabboonaa Oromoo afaan, seenaa fi aadaa saba isaaniif hedduu gumaachani. Waan isaan sabaaf gumaachan keessatti …

The post Dr. Sheekh Mohammad-Rashaad Abdullee- Buulessa Seenaa Oromoo ti appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo)

 

Addunyaa kana irraa duáan boqochuun hayyicha amantii, afaanii fi barnoota seenaa Dr. Mohammad Rashaad Abdullee, lammii Oromoo guddaa hanga xiqqaa mara biratti naasuu fi gadda guddaadhaan dha- gahame. Dr. Mohammad hayyuu kennaa guddaa qabanii fi sabboonaa Oromoo afaan, seenaa fi aadaa saba isaaniif hedduu gumaachani. Waan isaan sabaaf gumaachan keessatti barruulee, suur-sagaleelee (audio visuals)  hiikkaalee, dokumentootaa fi hojiilee kan biroo hedduutu argamu. Sabboonummaa ummata Oro- moo ol guddisuu keessatti didhaalee fi doorsisa baayée dandamatanii qooda akkaan guddaa gumaachan.

 

Ilma sheeka Baha Oromiyaa keessaa tokkoo kan tahan Dr. Sheek Mohammad Rashaad, sheekkotii bara isaaniitti beekkamtii qaban gurguddoo kan akka Sheek Bakrii Saphaloo fa’a harkatti baratan. Qubattoota kolonii gara jabeeyyii gidduutti guddatan waan taheef, bara joollummaa isaaniitti rakkoo guddaatu isaan irra gahe. Haala dirmataan homaatuu hin jirreef san keessati qalbii joollummaatiin hoggaa yaadan, fur- maanni jiru biyyaa bahanii beekkomsaa fi meeshaalee barbaachisoo horatanii guutummaatti of bilisoom- suu qofa waan taheef karaa bu’an. Jalqaba gara Saudi Arabiyaatti qaceelan. Achiin booda gara Siiriyaa fi maayyii irrattis gara Yuniversiitii Al-Azhar kan biyya Marsitti argamuu deeman. Kaayiroon bara sanitti magaalaa guddittii sochiilee bilisummaa Afriikaa turte. Bara 1960oota keessa wayta barataa turan san Masri keessatti qaama sochii barattoota Oromoo kan barbaachisummaa dhaaba Oromoo hundeessuu yaadanii fi tamsaasa Afaan Oromoo illee utubanii turan. Tamsaasni raadiyoo Afaan Oromoo bara sanitti eegalan giddu-seeniinsa mooticha Itoophiyaa Hayla Sillaaseetiin booda irratti addaan cite.

 

Barattoota isaan waliin barachuu turan keessaa Mohammad Rashaad qabxii oláanaa galmeessuudhaan Presidaanticha Masri beekamaa Gamaal Abdul Nassir harkaa badhaasa fudhatanii turan. Eebba barnoota isaanii boodas Sooliyaa haarayatti bilisoomte keessatti bakka bu’aa Al Azhar tahanii muudaman.

Dr. Mohammad Rashaad walitti dhiheenya jirutti dhimma bahanii seenaa fi aadaa saba isaanii qorachuu irratti kan fuulleffachuu eegalan gaafa Soomaaliyaa jiran sani. Dandeettii dafanii afaana haaraya bara- chuuf qaban irraas Afaan Soomaalii salphaatti dhuunfatanii gara boodaa keessa mootummaa Soomaalii biraayyuu dalagaa argatan. Hiree tanattis dhimma bahuudhaan, qooda qorannoo Oromoo irratti gu- maachaa turan ol guddisanii booda irrattuu waahillan isaanii gaazexessicha beekamaa Ayyuub Abu Bakar fi kan biroo waliin tahuun tamsaasa raadiyoo Afaan Oromoo haaraya eegalan. Oduun sochiin jagnummaa isaanii tun gurra Hayla Sillaasee waan buuteef, Itoophiyaa irraa humni ukkaamsituu Soomaaliyaa seenee akka qopheessitoota raadiyoo san ajjeesee tamsaasichas cufsiisu ergame. Humni Hayla Sillaasee sun Ay- yuubiin yoo ajjeesu Sheek Mohaammadiin osoo hin argatin dura Moqdishoo keessatti humna mootum- maatiin qabame. Tamsaasni raadiyoo Afaan Oromoo sun itti fufuu danda’e. Sheek Muhammad Rashaad qoophii raadiyoo jajjabduu kan ummata Oromoo onnachiiftuu fi sabboonummaa isaas jabeessitu qaroomi- naan qopheessanii tamsaasuunis itti fufe. Kun osoo addaan hin cinne bara sirnoonni Soomaaliyaa fi Itoophiyaa wal tahiinsa uummatanitti illee ittuma fufe.

Sheek Mohammad Rashaad waytuma qophii raadiyoo Afaan Oromoo kana irratti hojjetan cinaadhaan ammoo mijjaawina qubeen Laatiin Afaan Oromoof qabdu qorannoodhaan irra gahanii barruulee qorannoo

P. O. Box 6973 Asmara, Eritrea |Tel  2911 153848 | www.oromoliberationfront.org

afaanii, amantii fi aadaa qubee tanaan maxxansiisuu eegalan. Kitaabban isaanii wayta sanitti dhiibbaalee adda addaa irraa bal’inaan raabsamuu hin dandeenye ture. Sirni Soomaalii bara sanii fayyadama maqaa ‘Oromoo’ jedhuu eehama dhowwate. Bakka ‘Oromoo’ jettu san maqaa

‘Soomalii Abboo’ jettu akka fudhatan dirqisiise. Kitaabni Sheek Mohammad Rashaad tokko kan waahila isaanii Abdushakuur jedhamu waliin maxxansan ‘Furaa Afaan Oromoo’ jedhamu haala kanaan irra deebi’amee qola isaa irratti maqaa ‘Soomaalii Abboo’ jettu qabatee akka bahu taasifame. Haa tahu malee jijjiirraa shaffisaa sanaan qabiyyeen keessa kitaabichaa ‘Furaa Afaan Oromoo’ akkuma jedhutti maxxanfamee bahe. Itoophiyaa keessatti barruuleen Sheek Mohammad Rashaadiin qophaawan haalaan dhorkamoo turan. Namni kitaaba isaanii takka qa- batee argame adabbii akkaan hamaatiin adabama. Gaafa Moqdishootti dhiibbaan gama lamaanii isaan irratti jabaattu qubsuma ofii gara Saudi Arabiyaatti jijjiirrachuudhaan achittis dhiibbaa addaa jalatti hojjechuu itti fufan.

Gaafa Saudi Arabiyaa jiran san hojii hiikkaalee irratti xiyyeeffatan. Keessumattuu Qur’aana gara barruu fi sagalee (audio)tti hiikuu fi hojiilee amantii fi qorannoo afaanii biroo irratti ho- jjechaa turan. Achittis tahu ammas ergamtoota diinaa dhaabbata amantii keessa looyanii seenaniin didhaa ol’aanaa mudatan. Ergamtoonni sun ‘Muslimoonni Qur’aana baratuuf Arabif- fatti qofa dhimma bahuu qaban’ jedhanii falmuudhaan akka hojiin hiikkaa Qur’aanaa Afaan Oromootiin maxxanfamee hin baane dhorkisiisan. Kaayyoon jara kanaa barruu Afaan Oro- mootiin ummata Oromoo keessa facaatu ittisuu dha. Gariin isaanii inumaa loqoda Afaan Oro- moo Sheek Mohammad Rashaad ittiin hojjetan irratti gaaffii kaasuu yaalan. Kanaafuu hanga yeroo dhihootti hiikkaa sagalee kan kaaseetaan maxxafame qofa raabsaa kan turan yoo tahu, dhihoo kana maxxansi kitaabaas xumurameera tahullee ammas gahaatti raabsamuuf hiree hin arganne.

Dr. Sheek Mohammad Rashaad dullumaa fi dhibdee fayyaa irraa ka’uun booda kana keessa bi- yyatti deebi’anii magaalaa Adaamaa qubachuun ummata isaanii waliin jiraachaa turan. Wayta mootummaan Itoophiyaa barsiisa amantii Islaamaa al Ahbash Muslimoonni akka fudhataniif dhiibu Sheek Mohammad Rashaad didanii mormuudhaan ejjennoo qajeelaa qabaachaa turanitti cichan. Kanaanis mootummaa biratti balaaleffatamuun qubsuma isaanii Adaamaa irraa buqqi- famanii hanga gaaf Caamsaa 25, 2013 umrii isaanii 79tti addunyaa tana irraa du’aan boqo- taniitti magaalaa Dirre Dhawaa jiraachaa turan.

Dr. Sheek Mohammad Rashaad tarree sabboontota Oromoo hayyuu gurguddoo amantiilee Is- laamaa fi Kiristaanaa kan roorroo sirnoota dhufaa dabranii dandamatanii sabaaf gumaachuun beekaman keessatti ramadamu. Hangamuu humna alagaatiin dhiibaman iyyuu haqa amantii fi eenyummaa Oromummaa barsiisaa bahan. Kanaafis gatii qaalii baasan. Sabboontota amantii qooda akkasii osoo gumaachanii wareegaman keessaa tokko Luba Guddinaa Tumsaa kan kaay- yoo qabsoo saba isaaniif gatii hundaa ol qaalii taate lubbuu isaanii kennani. Kan biraa Sheek Bakrii Saphaloo kan kaayyoo wal fakkaataa kanaaf jecha hidhamaa fi bara dulluma isaaniitti illee kabajaa dhorkatamanii biyyaa ari’amuun mooraa baqataa keessatti boqotani. Haaluma wal fakkaatuun abbaa seenaa kan tahan Abbaa Gammachiis sababuma Oromummaa kanaan akka malee salphifamaa fi miidhamaa jiraatani. Kanneen biroos hedduu dha.

Jarri kun marti buuleyyii seenaa Oromoo gurguddoo kan dhaloota amma jiruu fi itti aanu mara keessatti fakkeenya tahuun Oromiyaa walaba keessatti ifaa hin dhaamne qabsiisani. Nu hundi-nuu Dr. Sheek Mohammad Rashaadiin bara baraan yaadanna. Hojiin isaan ummata Oromoof dhiisanii dabran bara baraan kan jiraatuu fi miiliyoonota kan onnachiisu akka tahus shakkiin hin jiru.

 

Injifannoo Ummata Oromoof! Adda Bilisummaa Oromoo Caamsaa 27, 2013

The post Dr. Sheekh Mohammad-Rashaad Abdullee- Buulessa Seenaa Oromoo ti appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/dr-sheekh-mohammad-rashaad-abdullee-buulessa-seenaa-oromoo-ti/feed/ 0
Sheekh Mahamd Rashaad Abdullee Rabbiin rahamata haa godhuuf nuufillee imaanaa sabrri jajjabuu nuuf haa khannu. http://www.bilisummaa.com/sheekh-mahamd-rashaad-abdullee-rabbiin-rahamata-haa-godhuuf-nuufillee-imaanaa-sabrri-jajjabuu-nuuf-haa-khannu/ http://www.bilisummaa.com/sheekh-mahamd-rashaad-abdullee-rabbiin-rahamata-haa-godhuuf-nuufillee-imaanaa-sabrri-jajjabuu-nuuf-haa-khannu/#comments Mon, 27 May 2013 08:05:18 +0000 http://www.bilisummaa.info/?p=2075 Ani Sh. Mahamd Rashaad akka khiyyatti akkaan isa laalutti khaznnaa Ilmmii Diinii dunyya, khaznnaa funuuna gurgguddaa, Deeraa ogooma waa heddu hanggan hin qabnnee. Library ulumaa’iin Rabbiin beekoomsaan badhaase beeytootin isa isaan beekamtte waan barnnoota Rabiin isaani hireef hangga dendeyan takka amaanaa irrati walitee yaboote dabarttee. Kha san hunddi gayuuf dhabee waan duraan qaburraati dabalachuuf Rabbi zidnnii …

The post Sheekh Mahamd Rashaad Abdullee Rabbiin rahamata haa godhuuf nuufillee imaanaa sabrri jajjabuu nuuf haa khannu. appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
Ani Sh. Mahamd Rashaad akka khiyyatti akkaan isa laalutti khaznnaa Ilmmii Diinii dunyya, khaznnaa funuuna gurgguddaa, Deeraa ogooma waa heddu hanggan hin qabnnee.

Library ulumaa’iin Rabbiin beekoomsaan badhaase beeytootin isa isaan beekamtte waan barnnoota Rabiin isaani hireef hangga dendeyan takka amaanaa irrati walitee yaboote dabarttee.

Kha san hunddi gayuuf dhabee waan duraan qaburraati dabalachuuf Rabbi zidnnii ilmmaa je’ee biyyoota meeqantam kheeyssa baraa barsisiisaa dabeerree kha umrrii isaa Diin Islaam bal’isusf gumaache.

Sanirraa dabrree falmmi haqaa ta ummata inni irraa dhalateetif qooda leencaa waar ABO jaare Mahamd Umar Qaadii Dr. Mahamad Adam, Dr. Mahamad Nuur. Dr. Umaan Qawwee, Abdullaahi Mahamd Adam Billi, Abdallaa Jadiid, Sh. Husseein Suraa, General Waaqo guutu Tuso, Colonel Hussein Bunee Daraaraa, Colonel Mahmudr Rubee, Colonel Umar Rubee, Abdushkur Sh. Ibraahim, faan wal maddii dhaabatee Alaabaa ABO ta Gararreen gurraatii gar jaleen diimttu walkkaan adi’ii buucaafii manccaa irra deeylla galchee karoorse.

Tuuttoo ulamaa’ii tuuttoo falmmatootaa hiryya xiqqaa guddaa Abbaa dubrraa darddaraa, saahiba khiyya, Ramadaan hussein kaliil, Ahmad Abdullahi Ali Muudee, Mahmood Sh. M. Bookhee, Pro. Usmaili Abdulle Adam (Rabishii) Sh. Mahamad Rashaad Khabii Abdullee, bahar ilmmi kha batala yokhaan saahila hin qabnne Rabbiin tokkichi ol hafe rahmata haa gudhuuf.

The post Sheekh Mahamd Rashaad Abdullee Rabbiin rahamata haa godhuuf nuufillee imaanaa sabrri jajjabuu nuuf haa khannu. appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/sheekh-mahamd-rashaad-abdullee-rabbiin-rahamata-haa-godhuuf-nuufillee-imaanaa-sabrri-jajjabuu-nuuf-haa-khannu/feed/ 1
Waggaa meeqa guutuu itti ifaajanii Afaan Oromootti qur’aana hiikanii Sagalee qulqulluun gurra nu buusani http://www.bilisummaa.com/waggaa-meeqa-guutuu-itti-ifaajanii-afaan-oromootti-quraana-hiikanii-sagalee-qulqulluun-gurra-nu-buusani-2/ http://www.bilisummaa.com/waggaa-meeqa-guutuu-itti-ifaajanii-afaan-oromootti-quraana-hiikanii-sagalee-qulqulluun-gurra-nu-buusani-2/#respond Sun, 26 May 2013 21:25:28 +0000 http://www.bilisummaa.info/?p=2038 Silaa addunyaan mana keenyaa mitii Manni dhugaa kan du’a boodaati Duuti waa hin haftu hundumatti dhufti Arra kunoo dhabne aalimticha muftii Namni gaariin du’u hundaatu rifataa Garuu badaan du’u mee eenyuut mil’ata Sheek Muhammad-rashaad utubaa ummataa Waan hedduu nuuf godhee jazaansaa jannata. sheeka keenya guddaa Kan uumamaan hayyuu Waa’ee saba keenyaaf kan dhimmamu guyyuu Seenaa …

The post Waggaa meeqa guutuu itti ifaajanii Afaan Oromootti qur’aana hiikanii Sagalee qulqulluun gurra nu buusani appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
Silaa addunyaan mana keenyaa mitii
Manni dhugaa kan du’a boodaati
Duuti waa hin haftu hundumatti dhufti
Arra kunoo dhabne aalimticha muftii
Namni gaariin du’u hundaatu rifataa
Garuu badaan du’u mee eenyuut mil’ata
Sheek Muhammad-rashaad utubaa ummataa
Waan hedduu nuuf godhee jazaansaa jannata.
sheeka keenya guddaa Kan uumamaan hayyuu
Waa’ee saba keenyaaf kan dhimmamu guyyuu
Seenaa isaa himee fixuu hin dandayuu
Xiqquman dubbadhaa namuu haa dhagayuu
Kan inni dhalate,kudha sagal soddomii afuritti
Abbaan isaa Kabiir Abdullee, ilma Mummayyaati
Haati isaa Faxumaa, intala shurraati Bakki dhalootaa Oromiyaa, Carcar keessatti
Laga Arbaati magaalaa muummittii
Barnoota jalqabaa abbarraa baratee
Daran cimsachuudhaaf hayyama gaafatee
Beeytoota barbaada achi tarkaanfate
Hayyoota jajjaboo heddurraas barate
Sheik Bakrii Saphaloo isas dabalatee Beekkumsa jajjabaa achirraa horate.
Barnoota biyyatti erga bakkaan gahee
Daran cimsatuudhaaf biyya alaa bahee,
Hayyama gaafate abbaa bira gahee Innis ni eebbise addaan bahuuf nahee
Gaafa san jalqaba biyyarraa kan bahe.
Yaman tarkaanfatuun Su’udii dhaqee Lubnaaniif Masrittis garasumaan maqee
Yunivarsiitii jalqabaa barachuuf qunnamee
Al-Azhaar keessattis akkaan jaalatamee
PHD isaa qorannoo afaaniin  UK badhaafame.
 Gaafa afaan keenya dukkanatti qaban,
Yeroo dubbatanii yakkatti laalaman, Biyya Somaalerraa raadiyoon dhawwaaqan.
Qubee Afaan oromoon kitaabas maxxansan
Yoomuu hin dagannu waan isaan nuuf godhan.
Rabbiin haa kafalu jazaasaa jannataan
Waggaa meeqa guutuu itti ifaajanii Afaan Oromootti qur’aana hiikanii Sagalee qulqulluun gurra nu buusani. Kana qofaa miti gumaachi isaanii Kitaaba adda addaas hedduu maxxansanii
Himamee waan dhumu galanni isaanii
Barayyuu yaadanna waan isaan dhiisanii
Haa qananiisu Gooytaan  jannataanii
Sheek Muhaammad Rashaad kabiir Abdullaahii
Akkaani jaalanna dhugaan onnerraahii
Jannata kee naqi yaa Rabbi yaa ilaahii!
Jannata kee naqi yaa Rabbi yaa ilaahii!
…………………………………………………………….
                                     Najiib Zannuun

The post Waggaa meeqa guutuu itti ifaajanii Afaan Oromootti qur’aana hiikanii Sagalee qulqulluun gurra nu buusani appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/waggaa-meeqa-guutuu-itti-ifaajanii-afaan-oromootti-quraana-hiikanii-sagalee-qulqulluun-gurra-nu-buusani-2/feed/ 0