Fayyaa – Welcome to bilisummaa http://www.bilisummaa.com Oromia shall be free Mon, 30 Mar 2020 14:33:08 +0000 en-US hourly 1 https://wordpress.org/?v=5.5 Gorsa namoota dhukkuba ‘Asmii’ qabaniif dhukkuba COVID-19 ilaalchisee. http://www.bilisummaa.com/gorsa-namoota-dhukkuba-asmii-qabaniif-dhukkuba-covid-19-ilaalchisee/ http://www.bilisummaa.com/gorsa-namoota-dhukkuba-asmii-qabaniif-dhukkuba-covid-19-ilaalchisee/#respond Mon, 30 Mar 2020 14:32:43 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=15259 Dr. Gurmeessaa Namoonni kanneen dhukkuba dabalataa qaban dhukkuba COVID-19 kanaaf haala addaan saaxilamoo akka ta’an beekamaadha. Namoonni dhukkuba asmii qaban ammoo keessumatti addatti hubamu. Haala kana ilaalchisee dhabbanni fayyaa biyyyolessaa biyya ingilaandi, dhukkubsattoonni dhukkuba asmii qaban yoo xiqqaate torbanoota kudha lamaaf akka manaa hin baane, nyaata bitachuuf illee akka hin baane, yoo danda’an namni akka …

The post Gorsa namoota dhukkuba ‘Asmii’ qabaniif dhukkuba COVID-19 ilaalchisee. appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
Dr. Gurmeessaa


Namoonni kanneen dhukkuba dabalataa qaban dhukkuba COVID-19 kanaaf haala addaan saaxilamoo akka ta’an beekamaadha. Namoonni dhukkuba asmii qaban ammoo keessumatti addatti hubamu. Haala kana ilaalchisee dhabbanni fayyaa biyyyolessaa biyya ingilaandi, dhukkubsattoonni dhukkuba asmii qaban yoo xiqqaate torbanoota kudha lamaaf akka manaa hin baane, nyaata bitachuuf illee akka hin baane, yoo danda’an namni akka bituuf, yokaan manatti akka ajajatan, xalayaa fi ergaa gabaabaa ittiin ga’eera.
Biyya keenya keessatti ammoo haala kanaan haadholii fi abbootii akkasumas obbolaan keenya dhukkubsattoota dhukkuba asmiif ergaa dabarsuun waan ulfaatuuf haala kanaan nuuf haa qaqqabubqaba. Namni tokkollee ta’u yoo mana turee lubbuu ofii baraare waan guddadha.
Namoota dhukkuba asmii qaban keessaa ammoo addatti dhukkuba kanaan miidhamu jedhamee kan yaadamu, kanneen qoricha walitti fufiinsaa akka fudhatan ajajamanii fi kanneen sababa dhukkuba asmii kanaaf waggaa tokkoo asitti hospitaala ciisanii yaalamaniidha. Namoonni akkasii yoo danda’ame [osuma mootummaan akka ala hin baane hin dhorkiin illee] tasuma gadi ba’uu dhiisuu qabu.
Fayyaan Faaya
© Dr. Gurmeessaa1,1 tn

The post Gorsa namoota dhukkuba ‘Asmii’ qabaniif dhukkuba COVID-19 ilaalchisee. appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/gorsa-namoota-dhukkuba-asmii-qabaniif-dhukkuba-covid-19-ilaalchisee/feed/ 0
Dhaamsa waayee dhukkuba Corona http://www.bilisummaa.com/dhaamsa-waayee-dhukkuba-corona/ http://www.bilisummaa.com/dhaamsa-waayee-dhukkuba-corona/#respond Mon, 30 Mar 2020 14:14:34 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=15239 Ummata keenna kan baadiyaatiif 1. Gabaa loonii dhiisaa( obsaa). Namni daldala looniitiif dhufu hedduun magaala gurguddoo irraa waan dhufuuf san qofa miti tuttuqqaa biyya alaatis waan qabaachu malaanif 2. Namni midhaan callaa mana qabu duru daassifata ykn akka durii majjeenis ta’uu manatti hororadha. 3. Waan hin bilchaatin keessattu kan magaala bitame dhiisa 3. Nama daakkate …

The post Dhaamsa waayee dhukkuba Corona appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
Ummata keenna kan baadiyaatiif
1. Gabaa loonii dhiisaa( obsaa). Namni daldala looniitiif dhufu hedduun magaala gurguddoo irraa waan dhufuuf san qofa miti tuttuqqaa biyya alaatis waan qabaachu malaanif
2. Namni midhaan callaa mana qabu duru daassifata ykn akka durii majjeenis ta’uu manatti hororadha.
3. Waan hin bilchaatin keessattu kan magaala bitame dhiisa
3. Nama daakkate mana qabne ollaa irraa liqeeffadha
4. Harka keessan saamunaan tkn daaraa ibiddaa ykn boojjiinis ta’uu dhiqadhaa
4. Qixxee fi jaarsummaa beellamattan yoo qabaattanis dabarsa
5. Booyaa( gadda) fira dhiyoo dirqama dhaqui qabdan yoo hin taane hafaa. Yoo deemtanis walirraa siiqaa.
5. Cidhaa fi milkii biroo yeroo biraatti dabarsaa
6.nama kamuu haa ta’u maaf soddaa hun ta’in hin reebbatinaa
7. Aannan waan elemtuu fi aannan tuqaa qulquleessa
8.yoo dhibeen jabaan.jiraachu baate waan laafaaf gqra mana yaala hun dhufinaa
9. Gabaa dhadhaa hawwooleen dhiisa. Dhadhaa isinuu nyaadha amma akka gaaritti
10.iddirii fi maabaraa fa’as yeroof dabarsaa

The post Dhaamsa waayee dhukkuba Corona appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/dhaamsa-waayee-dhukkuba-corona/feed/ 0
MALLATTOOWWAN DHUKKUBA KALEE SHAN (5) fi WANTOOTA GOCHUUN NURRAA EEGAMU. http://www.bilisummaa.com/mallattoowwan-dhukkuba-kalee-shan-5-fi-wantoota-gochuun-nurraa-eegamu/ http://www.bilisummaa.com/mallattoowwan-dhukkuba-kalee-shan-5-fi-wantoota-gochuun-nurraa-eegamu/#comments Tue, 13 Nov 2018 13:33:35 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=14670   ( #Dr_Gurmeessaa irraa…) 1.Naannoo ijaa fi fuulaa, keessumaa ganama ganama dhiita’uu (hiita’uu) 2. Miilla lamaan naannoo koomee dhiita’uu (hiita’uu) 3. Humna dhabuu, fedhii nyaataa dhabuu, maashaan qaamaa nama dadhabuu/caccabuu, yeroo dheeraaf oldeebisuu (balaqqamuu) 4. Fincaan keessa dhiigni jiraachuu (garmalee diimachuu fincaanii), garmalee koffaa’uu/hoomachaa’uu, hagi fincaanii kan duraanii irra baay’achuu yokaan xiqqaachuu 5. Hirriba rafuu …

The post MALLATTOOWWAN DHUKKUBA KALEE SHAN (5) fi WANTOOTA GOCHUUN NURRAA EEGAMU. appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
 

( #Dr_Gurmeessaa irraa…)

1.Naannoo ijaa fi fuulaa, keessumaa ganama ganama dhiita’uu (hiita’uu)

2. Miilla lamaan naannoo koomee dhiita’uu (hiita’uu)

3. Humna dhabuu, fedhii nyaataa dhabuu, maashaan qaamaa nama dadhabuu/caccabuu, yeroo dheeraaf oldeebisuu (balaqqamuu)

4. Fincaan keessa dhiigni jiraachuu (garmalee diimachuu fincaanii), garmalee koffaa’uu/hoomachaa’uu, hagi fincaanii kan duraanii irra baay’achuu yokaan xiqqaachuu

5. Hirriba rafuu dadhabuu, googaan ofii yeroo mara gogaa (dry) ta’uu fi hooksisuu
Mallattoowwan armaan olii kana yoo qabaattan gara mana yaalaa deemuun fayyummaa keessan mirkaneeffachuuf qoratamuun gaariidha.

Qoratamuun alatti maal gochuudhaan kalee keenya eeggachuu dandeenyaa?

1. Bishaan ga’aa ta’e (litira 2 guyyaatti dhuguu. Yoo fincaan nama qabu yeroo dheeraaf ittisuu dhiisuu

2. Qorichoota analgesics baay’isanii fudhachuu irraa of qusachuu

3. Ashaboo baay’isanii nyaachuu dhiisuu, Nyaata prootina hedduu qabu yeroo mara soorachuu irraa of qusachuu

4. Alkoolii baay’isanii dhuguu dhiisuu fi tamboo tasuma xuuxuu dhiisuu

5. Hirriba ga’aa ofiif kennuu danda’uu fi Infekshinoota xixiqqoo osoo hin tuffatiin yaalamuu

Fayyaan faaya
Maddi :- #Dr_Gurmeessa irraa…

The post MALLATTOOWWAN DHUKKUBA KALEE SHAN (5) fi WANTOOTA GOCHUUN NURRAA EEGAMU. appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/mallattoowwan-dhukkuba-kalee-shan-5-fi-wantoota-gochuun-nurraa-eegamu/feed/ 1
DHUKKUBA KALEE http://www.bilisummaa.com/dhukkuba-kalee/ http://www.bilisummaa.com/dhukkuba-kalee/#respond Sun, 22 May 2016 14:37:27 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=11412 Dhukkuba kale yoo jennu dhukkuboonni kalee hedduun kan ka’umsaan, mallattoon, yaalaanis wal hin fakkaanne hedduun waan jiraniif altokkotti hundaibsuun hin danda’amu. Kanaaf dabaree dabareedhaan akkan isin biraan ga’u hin shakku. Har’aaf garuu kanan xiyyeeffadhe cirracha kalee (renal stone or renal culcli) kan jedhamu irratti. Dhukkubni kun dhukkuba bal’inaan hawaasa keessatti argamu yoo ta’u 8.8% ummataa …

The post DHUKKUBA KALEE appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
Dhukkuba kale yoo jennu dhukkuboonni kalee hedduun kan ka’umsaan, mallattoon, yaalaanis wal hin fakkaanne hedduun waan jiraniif altokkotti hundaibsuun hin danda’amu. Kanaaf dabaree dabareedhaan akkan isin biraan ga’u hin shakku. Har’aaf garuu kanan xiyyeeffadhe cirracha kalee (renal stone or renal culcli) kan jedhamu irratti.
Dhukkubni kun dhukkuba bal’inaan hawaasa keessatti argamu yoo ta’u 8.8% ummataa keessatti kan argamudha. Dhukkubni kun kalee irraa jalaqabee haga afuuffee fincaaniitti qaamota sirna fincaanii jiran (kidney, ureter, bladder) keessaa bakka tokkotti kan uumamudha.

Dur yeroo ijoollummaa kiyyaa cirrachi xixiqqoon bishaan waliin seentee kan kale keessatti haftu natti fakkaata ture. Cirrachi kalee garuu kaluudhama keessatti walitti qabamuun kan uumamtuudha. Cirrachi kale kan uumamu sababaan isaa guutummaa guutuutti beekamuu baatus sababoonni akka ka’umsaatti tarreeffaman: bishaan ga’aa dhabuu, dhukkuba sukkaaraan qabamuu, furdachuu, nyaata prootinaan olka’aa nyaachuu fi kkf. Cirrachi kun gosoota addaa addaa qabaatus dhibbaan inni namarraan gahu walfakkaataadha.

Mallattoon dhukkuba kanaa bakka cirrachi jiru ( kalee, ujummoo fincaanii, afuuffee fincaanii) irratti hundaa’ee mallattoo garaa garaa argisiisa. Yoo cirrachi kan kale keessatti kuufame ta’e yeroo hedduu cinaacha keenya gama hubameen dhukkubbiin nutti dhaga’ama. Dhukkubbiin kun waggoota hedduuf nurra turuu danda’a. Cirrachi kalee keessatti kuufame kun osoo dhukkubbii nutti hin dhageessisiin waggoota dheeraaf taa’uu illee ni danda’a. Yoo kan ujummoo fincaanii (ureter) keessatti argamu ta’e immoo dhukkubbii baay’ee hamaa fi nama obsachiisuu hin dandeenye kan cinaacha keenyarraa ka’ee gara qaama saalaa keenyaatti garmalee gadi waraanutu nutti dhaga’ama. Cirrachoonni garmalee nama dhukkubsan warren hammaan xixiqqaa ta’anidha. Cirrachi gurguddaa yeroo hedduu kalee keessaa ba’ee gara ujummoo fincaanii qal’oo kanaa waan hin dhufneef akkanatti nama hin dhukkubsu. Dhukkubbii irratti dabalee cirrachi kalee mallattoolee akka fincaan diimessuu yokaan dhiiga fincaa’uu ni fida. Kunis cirrachi kun qaama fincaanii keenya yoo dhiigsu fiincaan waliin walmakee ba’a.

Cirrachi kalee yoo nama waliin ture ammuma nama keessa tureen miidhaa geessisaa deema. Yoo baay’ee qaama keessa turee kan hin yaalamne ta’e sadarkaa itti miidhamni kalee dudduuba deebi’uu hin dandeenye irraan illee ga’uu danda’a. kun ammo yaaluun isaa rakkisaa waan ta’eef mallattoolee akka: dhukkubii cinaachaa, dhiiga fincaa’uu, mallattoolee infekshinii kale akka nyaanni oldeebi’uu, qaamni gubuu, ammaa amma fincaa’uu, fincaan garmalee nama gubuu, fincaan hammaan xiqqoo ta’e fincaa’uu yoo ofirratti arginu deemnee osoo kaleen keenya baay’ee hin miidhamiin yaalamuu qabna.

Yaaliin isaa yeroo hedduu baqaqsanii baasuudhaan kan geggeeffamu yoo ta’u, akkuma teeknoloojiin fooyya’aa deemeen osoo hin baqaqsiin xiyya garaagaraan dhakaa sana caccabsuudhaa akka ba’u taasisuun illee danda’amee jira.
Fayyaan Faaya. Dr. Gurmeessaa

The post DHUKKUBA KALEE appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/dhukkuba-kalee/feed/ 0
DR. GURMEESSA HINKOOSAA EENYU DHA LAATA? http://www.bilisummaa.com/dr-gurmeessa-hinkoosaa-eenyu-dha-laata/ http://www.bilisummaa.com/dr-gurmeessa-hinkoosaa-eenyu-dha-laata/#comments Thu, 05 May 2016 08:38:44 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=11312 DR. GURMEESSA HINKOOSAA EENYU DHA LAATA? GAMMADAA OLAANAATIN Uummanni Oromoon hayyoota hedduu Oromiyaaf furmaata ta’aan akka cirracha garbaati qaba. Hayyoonni Oromoo fi Oromiyaan qaban ammoo beekumsa adda addaa kan gonfatanii fi beekumsi addunyaa kun kan keessaatti walgaheedha. Haata’u malee hayyoota meeqatu beekumsa gonfataan kannan sabaa fi lammii isaanii tajaajilaa jiruu? Meeqatu ammoo beekumsa gonfataan keessaa …

The post DR. GURMEESSA HINKOOSAA EENYU DHA LAATA? appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
DR. GURMEESSA HINKOOSAA EENYU DHA LAATA?
GAMMADAA OLAANAATIN

Uummanni Oromoon hayyoota hedduu Oromiyaaf furmaata ta’aan akka cirracha garbaati qaba. Hayyoonni Oromoo fi Oromiyaan qaban ammoo beekumsa adda addaa kan gonfatanii fi beekumsi addunyaa kun kan keessaatti walgaheedha. Haata’u malee hayyoota meeqatu beekumsa gonfataan kannan sabaa fi lammii isaanii tajaajilaa jiruu? Meeqatu ammoo beekumsa gonfataan keessaa ba’anii uummata burjaajessaa jiruu? Akka kooti namni hunduu beekumsa gonfateen lammii isaa gargaruu danda’a jedheen amana dirqama waan isaan hin ilaalane keessa seenanii oliifi gadi borcaa ooluun furmaata waaraa uummata keenyaaf hin fidu. Yoo xiqqatee waan baranneen onnanee kaanee uummata keenyaaf yoo gumaachine jijjirama fiduu dandeenya.

Midiyaan hawaasaa ammoo bara kana keessa karalee ittiin ummata keenya barsiisuufi beeksisuu dandeenyu midiyaa Waaqni bilisaan banee nuuf kenne dha. Itti kafaliin hin jiruu, poliisiin gulaallii (editorial) hin jiru, maaliif barreesiteen hin jiru haata’u malee of eegannoo cimaan itti fayyadamuun barbachisaadha. Akkasumaas dhimma tokko qofaa irratti xiyyeefchuuniis barbachisaa miti kanuma irraa ka’uun eegaa namoota midiyaa hawaasaa dantaa saba isaaniif fayyadmaan keessaa dargaggoo ol deemaa dhaloota qubee ta’e Dr.Gurmeessaa Hinkoosaa waliin wal isiin barsiisa.

Dr. Gurmeessa Hinkoosaa eenyu dha laata?

Bara 1991 G.C godina Wallaggaa Bahaa aanaa Limmuu Galiilaa ganda Leemmatti Gootuu araddaa Jabbikaa jedhamtutti harmeesaa aadde Xurunesh Dhugumaa fi abbaasaa obbo Hinkoosaa Ayyaanaa irraa dhalate. Bara 1998 G.C mana barumsaa Makkannisa Addaamoo jedhamtutti barnoota eegale bara 2005 G.C qormaata naannoo kutaa 8ffaa qoramee persentaayilii 99.7 fidee gara kutaa 9ffaa tti darbe. Barnoota sadarkaa 2ffaa mana barumsaa Limmuu Galiilaatti barate bara 2007 G.C qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa qorame. Haata’u malee qormaata bara sanaa kan mana barumsaa isaanii Dhaabbanni Qormaata Biyyoolessaa (National Organization for Examination) seera qormaata eegdanii hin qoramne jedhee guutummaa guutuutti hojii ala taasise. Dr.Gurmeessaa dabalatee baraattoonni bara sana qoraman hundi isaanii waggaa tokkoof carraa barnootaa mulqamanii mana taa’aa baa’anii waggaa itti aanutti akka qoraman itti murtaa’e. Bara 2008 G.C qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa qoraman gosa barnoota 10 keessaa gosa barnootaa sagal “A” gosa barnootaa tokko ( Amharic) “ C “ galmeessee qabxii 4.00 fidee gara kutaa 11ffaatti darbe. Barnoota qophaa’inaa mana barumsaa Limmuu Galiilaatti barate bara 2010 G.C qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoramee qabxii 546 fidee gara yuuniversiitii darbe. Yeroo sanatti kaarikulemii international ta’een ‘Medicine’ kan barsiisu eegale jiru mana barumsa ‘Saint Paul Hospital Medical College’ waan ta’eef dorgommiidhaan seenee barnoota Medicine itti fufe. Bara 2015 ji’a Ebla keessaa qormaata qualifying exam qoramee darbee maqaa/title dooktorummaa fudhate. Akka gosi barnoota isaanii gaafatutti eebbifamuudhaaf title dooktorummaa fudhatanii erga hojiitti seenanii booda waggaa tokkoof “ intern doctors “ jedhamanii hojjachuu qabu egaa sana xumuree eebbifamuuf amma ji’oota lamatu isa hafa. Yeroo ammaa kana Hospitaala Phaawuloos (St.Paul hospital) keessaa hojjechaa jira.

Gara facebook seenee page ofii isaatii duraan Dr.Gurmeessaa Hinkoosaa boodana ammoo Dr. Gurmeessaa jedhamu banee. Barnoota akka kennu kan na taasise jedha Dr.Gurmeessaan “Inni guddaan fedhii fi jaalala ani fayyaa irratti lammiikoo jijjiiruuf qabuufi haala amma uummanni Oromoo waa’ee fayyaa ilaachisee keessa jiruudha. Dhaloonni qubee dhugaa dubbachuuf dhaloota dubbisuufi dhaloota jijjiirama dheebotu akkasumas dhaloota teknooloojii waliin wal simate waan ta’eef carraa kanatti fayyadamee waanan baradhe saba koo barsiisuun anaaf ergamaaf imaanaa Oromummaati jedheen yaada. Hospitaala keessa taa’ee dhukkubsataa yaaluun hojii kooti malee qabsoo miti.

OSOO HOSPITAALA HIN DHUFIIN MANATTI, OSOO HIN DHUKKUBSATIIN FAYYAATTI, LAMMIIKOOF QAQQABUUN GARUU ANAAF QABSOODHA!  –Dr. Gurmeessaa

“Kana galmaan gahuuf ammoo daandiin ani ammaaf argadhe karaa facebookiiti. Dhaloonni qubee meeshaan isaanii inni guddaan social media(Marsaa sabqunnamti) dha. Ni dubbisu, yaada kennu, ni gaafatu, abbootii fi harmoolii keenya dubbisuu hin dandeenyeef ammo dubbisanii ibsu jedheen yaade, isaanis taasisaa jiru kanaaf duddubatti waanti na deebisu hin jiru dhaloota qubee waliin fuulduratti tarkaanfanna.” jedha. Yeroo ammaa kana Pagen Dr.Gurmeessaa jedhamu hordoftoota kuma 20 kan qabu yoo ta’u namootni hanga ammatti #Like hin godhiin jallachuudhan odeefannoo fayyaa keessanii argachuu dandeesu.

Hanga ammaatiis gosoota dhukkubaa 16 ol irratti barreefamoota qopheesee uummatni isaa fayyaa qabeessa akka ta’u tasisaa jira kanneen keessaas;

1. Mataa Dhukkubbii (Headache).

2. Dhukkuba Vaayirasii Tiruu (Viral hepatitis)

3. Dhukkuba Ka’uu Dadhabuu Qaama Saalaa Dhiiraa (Impotence)

4. Dhiibbaa Dhiigaa (Hypertension)

5. Garagaarsa Jalqabaa Namoota Dhiigaa Jiraniif (First aid)

6. Funuuna ykn Dhiiguu Funyaanii (Nasal bleeding or epistaxis)

7. Dhukkuba Sukkaaraa (Diabetes)

8. Akkaataa Ittisa Ulfaatina Qaamaa Itti Hir’isan (How to Loose Weight)

9. Dhukkuba Kintaarootii (Hemorrhoid)

10. Gaggabdoo (Epileptic seizure)

11. Mala Ittisa Da’umsaa Uumamaa (Periodic abstinence family planning method)

12. Mala Ittisa da’umsaa Hatattamaa (Emergency contraceptives)

13. Marsaa Laguu (Normal menstrual period)

14. Kuunuunsa Dubartoota Ulfaaf Godhamuu qabu (Care for pregnant women’s)

15. Dhiibbaa Dhugaatiin Alkoolii Qaama Keenyarratti fidu. (Problem of Alcohol Addiction)

16. Mallattoolee Nama Fayyaa (dha’annaa onnee, hargansuu, dhiibbaa dhiigaa)

Dhukkuboolee kannen armaan olii keessaa kan Garagaarsa Jalqabaa Namoota Dhiigaa Jiraniif (First aid) jedhe inni barreese hangam haala hamaa yeroo ammaa Oromiyaa mudatee keessatti lubbuu namoota meeqa akka baraare dubbachuun nama hin dhibu. Eegaa Dr.Gurmeessaan kana gochuu isaatti uummanni Oromoo faayidaa olaanaa gama fayyaan argateera jedheen yaada gara fulduraatiis akka itti fufee fayyaa hawaasa isaa eeguu waadaa seenera. Mee namootni ogummaa adda addaa irratti bobbaatanii jirtaan uummata na barsiisee sadarkaa kannan na ga’eef bu’aa maalii buuusaan jira of gaafadhaa. “Beekumsa Lammii ofiitiif hin taane maaliree bu’aan isaa” jedhe mitiree Wellisaan keenya Kabajamaa Dr.Ali Birraa.

Fuula Dr. Gurmeessa Hinkoosa hordofuu hin dagatina. Odeefannoo fayyaa fi egumssa fayyaa ilaalchisee fuula Facebook Dr. Gurmeessaa hordofuun waa hedduu akka irraa barattan abdii qabna!

The post DR. GURMEESSA HINKOOSAA EENYU DHA LAATA? appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/dr-gurmeessa-hinkoosaa-eenyu-dha-laata/feed/ 1 EEGANNAA NYAATAA FI EEGUMSA OF TO’ACHUUF TOORAAN GALMEESUU (ITTIN KAN LALLATAN)
Dhukkubni KINTAAROOTII (hemorrhoids) maalii ?mallattoon isaahoo ? furmaata akkamiitu kennamuufii danda’aa? http://www.bilisummaa.com/dhukkubni-kintaarootii-hemorrhoids-maalii-mallattoon-isaahoo-furmaata-akkamiitu-kennamuufii-dandaaa/ http://www.bilisummaa.com/dhukkubni-kintaarootii-hemorrhoids-maalii-mallattoon-isaahoo-furmaata-akkamiitu-kennamuufii-dandaaa/#respond Sun, 03 Apr 2016 16:23:09 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=11022 Dhukkubni kintaarootii kan dhufu hoggaa hiddootni dhiigaa naannoo qaama bobbaatti argaman hamma barbaadamuu ol baballachuun (dilated )dhiiga of keessatti kuufatanidha. Dhukkubni kun yoo xiqqaate nama harka dhibba keessaa harka 4 (4% of all population) kan qabatudha. Mallattoowwan isaa keessaa kan baay’inaan mullatan: Dhiiguu( kun yeroo bobbaa bobba’an kan dhiigu yoo ta’u yeroo baay’ee dhukkubbii hinqabu), …

The post Dhukkubni KINTAAROOTII (hemorrhoids) maalii ?mallattoon isaahoo ? furmaata akkamiitu kennamuufii danda’aa? appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
Dhukkubni kintaarootii kan dhufu hoggaa hiddootni dhiigaa naannoo qaama bobbaatti argaman hamma barbaadamuu ol baballachuun (dilated )dhiiga of keessatti kuufatanidha. Dhukkubni kun yoo xiqqaate nama harka dhibba keessaa harka 4 (4% of all population) kan qabatudha.
Mallattoowwan isaa keessaa kan baay’inaan mullatan: Dhiiguu( kun yeroo bobbaa bobba’an kan dhiigu yoo ta’u yeroo baay’ee dhukkubbii hinqabu), hooqsisuu ( itching) fi dhukkubbii (pain) dha.
Furmaanni dhukkuba kintarootii akkuma sadarkaa (sadarkaa afur waan qabuuf) dhukkubichaatti qoricha irraa kaasee haga baqaqsanii sirreessuutti kennamuu danda’a.
Yoo hin yaalamiin ture rakkoolee lammataa isarratti hundaa’anii dhufan kan akka hir’ina dhiigaa ( sababa baay’ee dhiiguutiin) waan namatti fiduuf yaalamuu qabna.

Source: Dr. Gurmeessaa

The post Dhukkubni KINTAAROOTII (hemorrhoids) maalii ?mallattoon isaahoo ? furmaata akkamiitu kennamuufii danda’aa? appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/dhukkubni-kintaarootii-hemorrhoids-maalii-mallattoon-isaahoo-furmaata-akkamiitu-kennamuufii-dandaaa/feed/ 0
Ethiopia Detects Cases of H1N1 ‘Swine Flu’ Virus http://www.bilisummaa.com/ethiopia-detects-cases-of-h1n1-swine-flu-virus/ http://www.bilisummaa.com/ethiopia-detects-cases-of-h1n1-swine-flu-virus/#respond Fri, 05 Feb 2016 22:37:58 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=10221 By TesfaNews, The Ethiopian health ministry today confirmed that it has detected a new case of H1N1 (or Swine Flu) virus in the capital Addis Ababa and its surrounding areas with a confirmed death of four people so far. Ethiopia’s Public Health Institute Director, Dr. Dadi Jimma also confirmed cases of the deadly virus in …

The post Ethiopia Detects Cases of H1N1 ‘Swine Flu’ Virus appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
By TesfaNews,

The Ethiopian health ministry today confirmed that it has detected a new case of H1N1 (or Swine Flu) virus in the capital Addis Ababa and its surrounding areas with a confirmed death of four people so far.

Ethiopia’s Public Health Institute Director, Dr. Dadi Jimma also confirmed cases of the deadly virus in Ethiopia during a press conference he conducted this morning in Addis Ababa. 

Sources from Addis Ababa indicates the virus has been first detected earlier this week in three major referral hospitals in Addis Ababa with a total confirmed cases exceeding 32 people so far.

The Ministry, however, states that although the country possesses the testing and treatment capabilities for such sub-type of influenza, it says it sent test samples to the Center for Disease Control (CDC) in the United States as a matter of precaution and for further investigation.

The “H1N1” flu virus is a public health emergency. According to the CDC, typical influenza symptoms include fever with abrupt onset, chills, sore throat, non-productive cough and, often accompanied by headache, coryza, myalgia and prostration.

This highly contagious disease particularly attacks the very young, elderly and those battling disease and infection.

In a country such as Ethiopia that can not even handle the spread of communicable diseases such as cholera, experts fear an outbreak or pandemic flu would be catastrophic.

The post Ethiopia Detects Cases of H1N1 ‘Swine Flu’ Virus appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/ethiopia-detects-cases-of-h1n1-swine-flu-virus/feed/ 0
(OBS qophii fayyaa ) akkamitti kansariin firraa tiiysana… http://www.bilisummaa.com/obs-qophii-fayyaa-akkamitti-kansariin-firraa-tiiysana/ http://www.bilisummaa.com/obs-qophii-fayyaa-akkamitti-kansariin-firraa-tiiysana/#respond Wed, 25 Mar 2015 22:55:34 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=7009 The post (OBS qophii fayyaa ) akkamitti kansariin firraa tiiysana… appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>

The post (OBS qophii fayyaa ) akkamitti kansariin firraa tiiysana… appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/obs-qophii-fayyaa-akkamitti-kansariin-firraa-tiiysana/feed/ 0
Eboolaan maali? Akkmitti nama qaba? Akkamitti ifirraa eegan….Dr. Abdulsamed Mohammed Yusuf http://www.bilisummaa.com/dr-abdulsamed-mohammed-yusuf-explains-ebola-virus-must-listen/ http://www.bilisummaa.com/dr-abdulsamed-mohammed-yusuf-explains-ebola-virus-must-listen/#respond Wed, 12 Nov 2014 07:27:19 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=6030 Eboolaan maali? Eessaarra dhufe? Akkamitti dhufe? Akkamtti nama qaba? Akkamitti firaa eegan? Guuttuu waayee kanaa baruuf gaafiif deebisaa RHO Dr. Abdulsamed Mohammed Yuusuf waliin taasise  

The post Eboolaan maali? Akkmitti nama qaba? Akkamitti ifirraa eegan….Dr. Abdulsamed Mohammed Yusuf appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
Eboolaan maali? Eessaarra dhufe? Akkamitti dhufe? Akkamtti nama qaba? Akkamitti firaa eegan? Guuttuu waayee kanaa baruuf gaafiif deebisaa RHO Dr. Abdulsamed Mohammed Yuusuf waliin taasise

 

The post Eboolaan maali? Akkmitti nama qaba? Akkamitti ifirraa eegan….Dr. Abdulsamed Mohammed Yusuf appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/dr-abdulsamed-mohammed-yusuf-explains-ebola-virus-must-listen/feed/ 0
E B O L A http://www.bilisummaa.com/e-b-o-l/ http://www.bilisummaa.com/e-b-o-l/#respond Sat, 18 Oct 2014 13:52:18 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=5828 Dhukkuba hamaa nurraa qabi “Ebola” Addunyaan dadhabdee sihi abbaan falaa Dallansuma teetii dhibdee mitii balaa Irraa nu baraarii nu baasi mee jalaa! Gurra namuu gahee addunyaan hasaastee Qorichasaa barbaada oliif-gadi xaartee Hundinuu dadhabee afaansaa qabatee Nuti sitti irkannee nurraa qabi Gooytee! Suma harka jiraa furmaanni waa maraa Mootiin hundaa sihi siitu muddaa furaa Jalaa nu …

The post E B O L A appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
Dhukkuba hamaa
nurraa qabi “Ebola”
Addunyaan dadhabdee
sihi abbaan falaa
Dallansuma teetii
dhibdee mitii balaa
Irraa nu baraarii
nu baasi mee jalaa!

Gurra namuu gahee
addunyaan hasaastee
Qorichasaa barbaada
oliif-gadi xaartee
Hundinuu dadhabee
afaansaa qabatee
Nuti sitti irkannee
nurraa qabi Gooytee!

Suma harka jiraa
furmaanni waa maraa
Mootiin hundaa sihi
siitu muddaa furaa
Jalaa nu oolchi
dhibdee namaaf farraa
Nurraa eegi ati
yaa mootii mootirraa!!
__________
Najiib Zannuun

The post E B O L A appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/e-b-o-l/feed/ 0