Aadaa – Bilisummaa http://www.bilisummaa.com Oromia shall be free Fri, 29 Nov 2019 20:27:48 +0000 en-US hourly 1 https://wordpress.org/?v=5.4.1 Kitaaba kana bakka argitanitti gubaa! http://www.bilisummaa.com/kitaaba-kana-bakka-argitanitti-gubaa/ http://www.bilisummaa.com/kitaaba-kana-bakka-argitanitti-gubaa/#respond Fri, 29 Nov 2019 20:27:40 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=15126 http://www.bilisummaa.com/kitaaba-kana-bakka-argitanitti-gubaa/feed/ 0 Aadaan Oromoo nama boonsa.. http://www.bilisummaa.com/aadaan-oromoo-nama-boonsa/ http://www.bilisummaa.com/aadaan-oromoo-nama-boonsa/#respond Sun, 15 Jul 2018 12:21:19 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=14390

Oromoonni #Shaashamannee uffata Aadaa Oromoon mimmidhaaganii ganama ciree irraatti nyaata Aadaa Oromoo peresdantii Eertiraa Obbo Isaayyas Afworkii fi MM Dr. Abiyyiin yeroo affeeran. Aadaan Oromoo nama boonsa. Aadaan eenyummaa, midhaagina. Aadaan Oromoo baroota hedduuf cunqurfamtee wereegamaan sadarkaa kanarra geesse.. Adunyaa hunda aadaa Oromoo barsiisuun itti fuufuu qaba.

 

 

]]>
http://www.bilisummaa.com/aadaan-oromoo-nama-boonsa/feed/ 0
Waltajjii marii artiistotaa ministira muummee Abiy waliin taasifameef laalchisee.. http://www.bilisummaa.com/waltajjii-marii-artiistotaa-ministira-muummee-abiy-waliin-taasifameef-laalchisee/ http://www.bilisummaa.com/waltajjii-marii-artiistotaa-ministira-muummee-abiy-waliin-taasifameef-laalchisee/#respond Fri, 29 Jun 2018 18:03:22 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=14354

Dhimma Artistootaa

Dhimma Artistootaa

Posted by Ferhan Abdulselam on Thursday, June 28, 2018

]]>
http://www.bilisummaa.com/waltajjii-marii-artiistotaa-ministira-muummee-abiy-waliin-taasifameef-laalchisee/feed/ 0
Seenaa fi Hidda Latinsa Oromoo Harargee http://www.bilisummaa.com/seenaa-fi-hidda-latinsa-oromoo-harargee/ http://www.bilisummaa.com/seenaa-fi-hidda-latinsa-oromoo-harargee/#comments Sun, 26 Nov 2017 21:33:02 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=13879 Gosoonni Oromoo kan Ilmaan bareentummaa tahan keessaa kan harargee keessa jiraatan ilmaan Humbannaa/Aniyyaati isaaniis ilmaan sadan Sadachaa Baabboo ,Malkaa fi Danbee jedhamuun yammu beekaman ilmaan Afran kodheellee immo Biduu, Annaa, macca fi Kooyyee jedhamuun beekaman.

ilmaan Afran Qalloo immoo Afran ilmaan Qalloo yammuu tahan isaaniis Oborraa, baabbile,Dagaafi Ala jedhamuun beekaman.

Akkasuumaas Guutuu Harargee lixa qabatanii kan argaman Ilmaan Murawwa/Ituu jedhamuun kan beekaman yammuu tahu walumaaa galatti Gosootni kuniis dhuma Jaarraa kudha lammaffaa dura jalqanii seeraa gadaa tokkoon Odaa Bultum jalatti waggaa dhibba hedduuf of bulchaa turuu isaanii seenaan barreeffamaa adda addaa ni ibsa.

Hiddi laatinsa Oromota Harargee akka kanaan gadiitti tarreeffamu
Marawwaa (Ituu)

Afran Mana Ituu 2. Shanan Mana Baabboo

1/ Afran Mana Ituu

Adaayyoo Arroojjii Waayyee Baayee
2/ Shanan Mana Baabboo

Baabboo Algaa Galaan Warra Gaamoo

Humbannaa
Anniyyaa
Sadan Sadachaa Afran kodheellee
Baabboo Malkaa Danbee Biduu Annaa macca Kooyyee

Qalloo
Oborraa Baabbilee Dagaa Alaa

Oborraa
Dagaa Akkichuu ` Bilii Dooranii
Yaasaa Booranii Mangaadhaa Xaayee Gorbee Kuraa Hinee Yaasaa Guutaa Guttayyuu Abbichuu

Baabbilee
Areelee(1) Heeban(3) Hawwiyyaa(2) Girii
Dooyyoo 1. Fagaroo 1. Gundhabee Waalee Waajaroo Lubaayaa
Goonaa 2. Karaalee
Baabboo

Haagloo

Maayaa (7)
Alii
Usmaan
Boonayaa
Dooranii
Hagaloo
Tudhaa
Miyyii
3/ Dagaa

Noolee Jaarsoo (6) Huumee (12)
1/ Haleelee 1/Oromoo 1/ Sirgaalaa
2/ Muchaa 2/ Dawwaaroo 2/ Duudaa
3/ Oromoo 3/ Dhangaa 3/ Warra Daay
4/ Walaabuu 4/ Badii
5/ Warrasay 5/ Oboo
6/ Ogaa 6/ Asaboo
7/ Ibsoo
8/ Onaayaa
9/ Alii
10/ Noolee
11/ Guyyee
12/ Busa
4/ Alaa (12)

Abbaadhoo (4) Abbayyii (4) Gutayyuu (4) Arroojjii (7)
Tuulama 1. Kodhallee 1. Yaasaa A) Sadeen Oboo
Sirbaa 2. Amuumaa 2. Kuutayyaa 1. Baachoo
Kuraa 3. Diiramuu 3. Guuleee 2. Balaalo
4.maayaa 4. Sobaalee 4.yaayya 3. Doogu
B) Afrab Jamjam
1) Diimaa
2) Bonee
3) Waayyuu
4) Abbaadhoo
Alaa

Nuunnuu(4) Goollo(3) Galaan (3) Buubbuu (3)
1, Baabboo 1, Maaruu 1, Dambee 1, Aliimoo
2, Jiddaa 2, Hurratii 2, Iluu 2, Diramuu
3, Itayyaa 3, Jiddaa 3, Morowwaa 3, Kutaayyee
4, Biliidaa
Alaa

Kaakoo (4) Eree(3)
Diiramuu(4) Meettaa(8)4n baddaa 4n Lagaa
1, Hariroo 1, Dooguu 1, Oyloo 1, Ariyaa 5.Maaru
2, Dullachaa 2, Baaduu 2, Corroqoo 2, Buunnii 6.Dullacha
3, Dhanqaa 3, Buraaqsaa 3, Abuunni 3, Daada 7.Biyyoo
4, Adaanoo 3, Abuunni 4,Ooyloo

8.Dimmaa
Weeyrara Alagaatiin Dura Ittiin Bulmaata sirna Gadaa Raabaa fi Doorii Oromoota Harargee
Bara sirna gadaa kana keessatti abboottii gadaa lakkoofsan hedduu ta’aniitu teessoo isaanii Odaa Bultum godhachuun Oromoo Harargee bulchaa turan keessaa akka fkntti Abbaa gadaa Jaarraa Mardiidaa/1193-1200/,Roobaa Dhungataa /1201-1208/,Roobaa Gaamoo/1209-1216/ Roobaa Gobeellee/1217-1224/,Dooyyoo Daarimuu.1225-1232/ fi Harhar Hargaya/1233-1241/ jalqaba irratti warreen eeramaniidha

Haata`u malee lakkoofsi namaa fi horii hedduummaachaa waan dhufeef gosoonni Oromoo kun lafa baballifachuuf gargar fagaatanii qubachuu jalqaban.

Akkaata kanaan Oromoon Afran Qalloofi Anniyyaa gara bahaa godaananii lafa bal’aa qabatanii jiraachuu jalqaban. Iddoon qubatanii jiratan Odaa Bultum irraa baay’ee fagaatte.

Sababa fageenya kanaan seeraafi bokkuu tokko jalatti buluun baay’ee ulfaataa dhufe.

Rakkina kana furuuf gosoota Orommo gara bahaa socho’anii qubatan keessa tokko kan ta’e Oromoon Afran Qalloo Jaarraa 18ffaa keessa konfodereshiinii Afran Qalloo jedhamu hundeessuun sirna gadaa mataa isaani uummatanii ittin of bulchuu jalqaban.

Sirni gadaa ilmaan Afran Qalloo hundeeffatanii ittin bulaa turan kun Raabaa Doorii jedhama.

Teesson gadaa Raabaa Doorii afran qalloo Mooraa Fugug bakka Buluuloo jedhamtutti yammuu tahu Buluuloon Aana Qarsaa naannoo Magaalaa waatar jedhamtu cinaatti argamti.

Korri caffee gadaa Raabaa Doorii walgahii isaa waggaa saddeet, saddetiin gaggeeffata.

Hirmaattoonni kora caffee gadaa Raabaa Doorii kuniis dhiibbaa tokko malee bilisaan yaada isaanii dabarfatu.Korri yaa’ii caffee kun gosa hunda walqixxummaan hirmaachisee nageenyaa fi tasgabbii ummataa kabachiisaa tureera.

Kana malees, sababa bishaan dhugaati fi lafa margaatin walitti buinsa gosa jiddutti uumamaa ture furmaata itti keennuun nageenyaa ummata jiddutti buusaa ture.

Sirni gadaa kun Aadaa,duudhaa,afaan,seenaa fi Amantii saba Oromoo akka hin banne eegee dhaloota irra dhalootatti akka dabru taasisuun guddina Aadaa fi eenyuummaa oromootif gahee bahaa ture.
Gama biraatin gosoonni Afran Qalloo hundi bulchinsa Raabaa Doorii kan mataa ofii qabaachaa turan.

Bulchinsi kunis kora caffee Raabaa Doorii gosaatin hogganama.

Korri gosaa kan rakkoolee xixiqqoo gosa jiddutti umamtu furmaata itti kennuun nageenya hawaasaa tiksu Raaba jedhama.

Haata’u malee rakkoolee gurguddoo gosa jiddutti uumamtu ilaaluuf kan aangoo qabu kora caffee gadaa Doorii jedhama.

Bulchinsa gadaa Afran Qalloo keessatti qaamni aangoo guddaa qabu Caffee Gadaati.

Gara biraatiin Raabni bulchinsa gadaa yoo ta’u

Dooriin waraana gadaati.Hojiin waraana doorii diina ummata irra ittisee nageenya hawaasa Oromoo tiiksuudha.

Ajajaan waraana doorii Abbaa Duulaa jedhama.

Haata’u malee, qaamni waraana labsuuf aangoo qabu Caffee Raabaa Dooriiti.

Hoggantoonni sirna gadaa raabaa doorii karaa dimookiraasiitin ummatan filamanii waggaa saddeet,saddeetin aangoo walif dabarsaa biyya bulchaa turan..

Gama kaaniin gosti Oromoo Anniyyaa Jaarraa kudha saddeetaffaa irra eegalee Caffee Gadaatin of bulchaa turuu isaani seenaan manguddoota oromoo irra argame ni ibsa.

Akka manguddoonni kunneen jedhanitti teessoon caffee gadaa Oromoo anniyya Diida Anniyyaa ykn Burqaa Tirtiraa jedhamti.

Miseensota hoggansaa kora caffee Gadaa Raabaa fi Doorii akka kanaan gadiitti tarraa`aniiru.
Abbaa Fugug(Abbaa Gadaa) – Presidenti
Abbaa Bokku – Itti Aaanaa-Presidenti
Abbaa Chaffe – Waliitti Qabaa kora (Chaffe)
Abbaa Dubbi – Kan Dubbii Ykn Dhimmoota Uumaman akka murtii Argataniif kora caffeetiif dhiheessu
Abbaa Seera – inniis nama heeraa fi seera sirritti beeku fi akkasumaas heeraa fi seera kana kora caffeetiif kan ibsuudha

Abbaa Alanga – Inniis dhimmoota umameef murtii gitu kora caffeettiif kan himu
Abbaa Duula – Ajajaa waraanaatti
Abbaa Sa’a – qabeenya kan toohatu
Hoggansi kora caffee kun Aadaa, seenaa,afaan fi safuu hawaasa beekuufi akka hin tuqamne tiksuuf dirqama qaba.

1.Hiikkaa Gadaa

Gadaan waan jecha tokkoon himamuu miti.

Kana jechuun gadaan hiika hedduu qaba jechuudha.

Innis akka armaan gaditti ibsama.
Gadaan sirni ittin bulmaataa Oromooti
Gadaan maqaa waliigalaa kan ittin bulmaataa dimookiraatawaa taheedha.

Sirna dimookiraasii hayyoota Oromootiin uumameedha. Sirni gadaa heera saba Oromoo guutuu kan siyaasaa, dinagdee fi hawaassummaan sabichaa ittin murteeffamuu dha.

Kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee itti walii galu wabii tokkummaati.
Gadaan sadarkaa umriiti
Sirni gadaa sirna dhalli Oromoo hoodaa fi itti gaafatama adda addaa kan itti qabatanii dha.

Hojiileen raawwatamu hundi sirna gadaan walitti hidhata qaba.

Kana jechuun gadaan sirna aadaa, seenaa, afaan, hawaasummaa, dinagdee Oromoo irratti hundaa’ee ijaarame jechuudha.

Dhallii oromoo sadarkaa umrii waggaa saddeet saddeettin tokko irra gara biraatti dabraa bara saddeetama booda sadarkaa gadamoojjii /kudha tokkoffa irra gaha.

Namni tokko sadarkaa gadaa tokko keessa bara saddeet qofa tura. Yeroo sadarkaa gadaa tokko irra kan biraatti cehu sirna adda addaatuu raawwatama.

Sadarkaaleen gadaa kunis akka armaan gadiitti dhihaatu.
2. Sadarkaalee Gadaa
maxxaarii (0-8)
Sadarkaa kun sadarkaa daa’imaati
Daa’imni sadaekaa kana keessa jiru rifeensi isaa hin haadamu
Daa’imni tokko yeroo sadarkaa kana hulluqu maqaa arkata.

Maatiin daa’iman sadarka kana keessa jiran qaban yoo aannan hin qabne gosaatuu keennaf.

Daa’imni sadarka kana keessa jiru hamtuufi toltuu, firaa fi alagaa addan baasuuf fa’a.

kana malees hibboo fi seenaa akaakkayyuu fi abaabilee isaa irra barata. Akkasumaas, gaggeessa paartii gaafa dhalatan taayta irra ture waliin akka miseensaatti fudhatama.

Sadarkaan kun Oromoo Ituu biratti maxxaarrii jedhama.
Ruubaa/Itti makoo (9-16)
Daa’imni tokko yeroo sadarkaa kana seenu rifeensi irra haadamee booda ayyaanni qophaahee keennaan gabbisaa /goramsa tokko/ keennameefii sadarkaa itti makkootti seena.

Yeroo kana hammachiifamee maqaan baafamaf.

Guyyaa kanarra eegalee maqaan kanaan beekkama. Ijoolleen sadarkaa kana seenani bara afur booda gaammaa haaddatanii, roggee filatan

Gahee hojii isaanii
Bishaan daakuu, farda gulufsiisuu fi sirba fi geerarsa baratu.

Kanamalees hidda sanyii isaanii, hojiitiksaa, adamoo, ispiirtii aadaa fi jibrii foo’uu baratu.

Akkasumaas , siyaasaa (mirga, dirq

ama, seera) fi hawaasummaa baratu.

Dhumma irrattis ayyaana ijoollee kan tabooree jedhamu hiriyaa isaanii walin kabaju.

Sadarkaan kun – Boorana keessatti – Gammee xixiqaa jedhama

Goobama/Dabballee (17-24)
Da’imni sadarkaa Ruubaa keessa dabree sadarkaa goobamaa ykn dargaggoo keessa seena.

Gahee hojii
Leenjii waraanaa baratu
Biyya irra deemuun sirba saban wal baru
Yeroo gadaan buttaa qalu goobamaatuu korma kuffisee qabaaf
sadarkaan kun bakkoota adda addaatti maqaa adda addaa qaba.

Tuulama – Foollee
Borrona – Gammaa Gurguddaa
Gujii – Kuusaa
Afran Qalloo – Goobama
Raaba/Foollee (25-32)
Namni tokko sadarkaa gobama keessa bahee sadarkaa raabaatii seena.

Sadarkaan kun sadarkaa loltummaattii.

Namni sadarkaa kana seenee waraana taha jechuudha.

Sirna gadaa keessatti murni kun murna loltuu ture.

Namni umriin isaa sadarkaa kana seenee hundi loltummaa tahuuf dirqama qaba.

Gahee hojii Raabaa
Leenjii waraanaa baratanii yeroo diinni biyya weerare meeshaa waraanaa kan akka xiyyaa, eeboo, gaachanaa fi fardaan duulanii diina ofiirra deebisu.

Dhimmoota biyyaan wal qabatan barachuu jalqaban.

Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba.

Kunis
Booranatti – Kuusaa
Tuulamatti – Qondaala
Gujiitti – Raabaa
Afran Qallootti – Raabaa jedhamu
Doorii (33-40)
Sadarkaan kun yeroo itti ilmaan kormaa aangoo qabachuuf qophii barbaachisu itti godhaniidha.

Haalii hojii isaanii warra biyya bulchan waliin waliitti hidhata qaba.

Gahee Hojii Doorii
Bakka warri gadaa itti murtii seeraa keennan rakkoo gosaa ilaalanii fi marii adda addaa godhanitti argamanii seea baratan.

Manguuddoo biyyaa irraa aadaa, seenaa, amantii, fi seera baratan.
Yaa’ii caffee gadaarratti hirmaatanii duudha bulchinsa gadaa baratan.
Rakkoolee xixiqqaa uumamte furanii muuxannoo hojii horatan.
Biyya keessa deemanii ummatan wal baru. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba.

Kunis :- Booranatti – Raabaa Doorii
Tuulamatti – Luuba
Afran Qallootti – Doorii /Raaboodoorii/
Gujiitti – Doorii jedhama.

Waluma galatti sadarkaan doorii kun yeroo itti ilmaan kormaa aadaa, duudhaa, seenaa, safuu, seeraa fi heera baratanii angoo qaphachuuf itti of qopheessaniidha.

Gadaa (41-48)
Sadarkaan kun yeroo ilmaan kormaa aangoo siyaasaa itti qabatanii biyya bulchanii dha.

Kana malees yeroo seera itti seeraa ilaalanii rakkoo gosaa furaniidha. Akkasumas abbaan gadaa biyya bulchu yeroo kana filamee hojii mootummaa godhaa itti jalqaba. Sadarkaan kun bakka adda addaatti maqaa adda addaa qaba.

Innis :-
Booranatti – Gadaa
Gujiitti – Gadaa
Tuulamatti – Luuba
Arsiitti – Luuba

Waluma galatti sadarkaa gadaa kana keessatti biyya guutuu keessa deemanii rakkoo dinagdee, hawaasaa, siyaasaa fi waraanaa furuuf itti gaafatama qaban.
7.Abbaa Bokkuu(49-56).
8.Abbaa muudaa(57-64)
9.Hayyuu(65-72)
10.Gada Mooji(73 -80)

Sadarkaan kun yeroo murni duraan aangoo irra ture aangoo itti dabarsu keennuun aangoo irra buhuudha. Manguddoonni yeroo aangoo isaanii fixan akka angafootti ilaalaman.

Abboottii Gadaa aangoo irra jiran gargaaran ykn gursu.
3/ Gadaan maqaa miseensoota paartiilee gadaati.

Gadaan oromoo shani ykn gaggeessa gadaa shan qaba. Gaggeessa gadaa jeechuun miseensa paartiilee siyaasaa jechuudha.

Gadaan tokko waggaa saddeet qaba.

Gaggeessi tokko waggaa saddeet biyya bulchee kan itti aanuuf aangoo keenna.

Abbootiin gadaa waggaa saddeet saddeetiin aangoo waliif dabarsu. Waggaan saddeet gadaa tokko maqaa mataa isaa qaba.

Kunis gaggeessa ykn miseensa gadaa jedhama.

Kunis bakka adda addaattii maqaa adda addaa qaba.

Boorana – Gaggeessa Gadaa
Tuulama – Miseensa Gadaa
Ituu – Miseensa Gadaa
Arsii – Miseensa Gadaa
Gujii – Baalii jedhama.
4.Marsaa Gadaa

Gaggeessi gadaa tokko tartiibaan deemee kan jalqabaatti yoo deebi’u marsaa tokko tahu.

Kunis Marsaa Gadaa jedhama. Gaggeessi gadaa tokko waggaa 40 booda bakka isaatti deebi’a ykn aangoo qabata.

Ilmaan gadaa moojii warra gadaati. Kana jeechuun abbaan gadaamoojii yoota’u ilmi isaa abbaa gadaa ta’a.

Gaggeessa Gadaa Afran Qalloo
Hormaata
Sabbooqa
Dibbeessa
Fadataa
Daraaraa fa’a.

Gaggeessii kun tartiibaa marsaan gadaan yoo mul’atu kan armaan gadii

fakkaata.
Sabbooqa

Hormaata Dibbeessa

Daraaraa Foodataa
Waluma galatti gaggeessi gadaa 5 marsaa gadaa tokko tahu. Tartiiba yeroo idileetiin yoo laallu jireenya namaa tokko keessa marsaa gadaa lamaatu jira.

Isaaniis

Marsaa duraa – Gadaa Abbaa
Marsaa Boodaa – Gadaa Ilmaa
Dhalii oromoo tokko guyyaa itti dhalatee eegalee hanga umrii waggaa (80) miseensa paartii gadaa tokko tahee jiraata
Kana jechuun abbaa fi ilma jidhuu garagarummaa umrii waggaa 40 jira.
——————————————————-
Ababoota laamishaahuu fi Guutummatti dhababmuu sirna Gadaa Raabaa fi Doorii
Ittin bulmaatni Mootummaa Raabaa fi Doorii Harargee Kuniis laamshaahuu kan eegale .

Jalqaba jaarraa 18ffaa keessa sababa Abbootiin Gadaa Rabaa fi Doorii tokko tokko Amiirota hararii waliin hariiroo Fuudhaa fi Heeruma uumuu dabalatee Amirota Harararii gosa orommoo lallabachuu barbaadaniif akka gosti moggaafamtuuf godhan booda.

Adeemsi kuniis muudamni Abbaa gadaa akka duraatti kan heeraafi seera sirna gadaa eggatee deemu osoo hin taane Angoon abbaa Gadaa maatii irraa gara maatiitti akka darbuuf xurree saaqe.

Sababnii bara hariiroon kun uumamu Angoon Amiirota kan warra maatii tookko waan tureef Aboottiin Gadaa raabaa fi Dooriitiis Adeemsa kana dhaaluu jalqaban fkn Amiir Ali ibn Da’ud kan bara(1647-1661)bulchaa ture irraa eegalee hanga Amiiraa isa dhumaa Amir Abdullahi ibn Muhammed kan bara(1885-1887)harar bulchaa turetti Amiirumaan Abbaa irraa gara ilmaa ykn obboleessa irraa gara obboleessaattii dabraa turte.

Gara oromootiinis Abbootiin Gadaa adeemsa kanan bulchaa turan akka fkntti Ballaa Buubaa ,Caammaa Nuur,kormooso,wadaay galmoo faan isaan muraasa.

Adeemsa fuudhaa fi heerumaatiin walqabatee Ali ibn Da’ud kan bara(1647-1661)bulchaa ture niitiin issaa oromo Anniyyaa yammuu taatu Amiir muhamad kan(1866-1875)Harar bulchaa ture nitiin isaa oboleettii koormoosoo kan abbaa gadaa afrn qalloo ture yammuu taatu inniis kudha lamaana alaa keessaa gosa warra Abbaadhooti.

Akkasumaas kormoosoos intala Amir Abdul Karim (1825-1834),kadja tan jedhamtu fuudhee akka ture ni himama.

Gara biraatiin naannoon Oromiyaa Bahaa tun Afaan qawwee weerartoota Arabaa jechuun Mootummaan Turkii fi Mootummaan Misraatiin A.L.A bara (1875-1885) Weeyraramuun ittiin bulmaaatni sirna Gadaa Raabaafii Doorii Oromoota hararg kun daran akka laamishaahu ta`e.

Adeemsa kanaaniis Weeyrartoonni kun bakka Abbootii Gadaa Duursitoota Gosaa gosoota oromoo kan naanno kana jiraatan keessaa filanii Maqaa Damiina,Garaada fi Malaaqa jedhamu moggaasuudhaan angoo kennaniifi akka adeemsi ittiin bulmaaata sirna Gadaa sabni kun ittiin walbulchaa ture dadhabu taasisan.

Dhuma irrattis Sirni Gadaa boonsaan Oromoon ofii kalaqatee ittin of bulchaa ture Kun xumura Jaarraa 19ffaa keessa weeyrara nafxanyootaatiin guutuutti Barbadaahuu isaa yaadannoo kaleessaatti.

Xumura

Akukuma jalqaba irratti ibsine sirni Gadaa sirna Dhimma jiruu fi jireenya ummata Oromoo fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada diinagdeefi amantiiti.

Akkaataan jireenya maatii, fuudhaafii heerumaa, hariiroon uumaa, Akkaataan qabannoo qabeenyaa itti loon bobbaasan, ,akkaataan itti qabeenya horatanii dhimma ittiin bahan hundi aadaa Gadaa keessatti bakka olaanaa qabu.
Namuu qabeenya mataa isaa irratti mirga guutuu qaba.

Akkaataan baasiin gumaa, adabni seeraa cabsanii fi sababa biraalleeofitti makanii itti waliin jiraatan hundi aadaa sirna kanaantiin gaggeefamu.

Akka bara saniitti eenyulleen aadaa kana nifudhata.

Murtiin adabbii yoo irratti dabrellee namni sun beekeeti eegumsa tokko malee, taa’ee adaba isarritti raaw’atamu eeggata.

Aadaa kanaa ala bahuun, badiidha, namuu aadaa tahuu isaa waan beekuuf sirna Gadaa keessa jiru osoo keessaa of hinbaasin kabajee jiraata.

Walumaa galatti sirni Gadaa sirna tokkicha ilmaan Oromoo hundi ittiin wal-bulchaa ture har`a addunyaa biratti fudhatama argachuun Galmee UNESCO irratti Galmaa`e waan ta`eef sirna kanaan yoo har’a wal-bulchine tokkummaa Oromoo gutumaan guutuutti mirkaneessuu bira dabree eenyummaan
Saba Keenyaa daran Addunyaa irratti akka beekamu taasisaa.

kanaafuu sirna miidhagaa sabni keenya ittiin walbulchaa ture kan gita bittaan nafxanyaa akka awwaalamu taasise ture kana iddoo jalqabaatti deebi`ee akka dagaagu gochuuf ga`een tokkoo tookkoo abbaa aadaa kan ta`e saba oromoo irraa eegamu ol`aanaa waan taheef gumaachi yaadaa fi beekumsaa nuti gumaachinu eegala dhuma hin qabneedha

]]>
http://www.bilisummaa.com/seenaa-fi-hidda-latinsa-oromoo-harargee/feed/ 1
Damee hortee oromo Ilmman Oromo lammii (2) http://www.bilisummaa.com/damee-hortee-oromo-ilmman-oromo-lammii-2/ http://www.bilisummaa.com/damee-hortee-oromo-ilmman-oromo-lammii-2/#comments Thu, 16 Nov 2017 10:57:25 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=13865 1,boraana
2 ,bareentu
Booranni Ilmman.12 dhalee isaanis
1,wallagga
2,callabba
3,goree
4,goofaa
5,sidaamoo
6,arii
7,dacee
8,garrii
9,guraa
10,giriirraa
11,naayroobii.fii
12,gujii
Bareentuun Ilmman 5,dhalee
1,xummuungaa
2,murawwa
3,karrayyuu
4,hunbanna
5,Qal’oo
Xummuungaan Ilmman 3dhalee
1,arsii
2,asoosaa
3,hawaasa
Murawwaan,1dhalee.innis.ltuudha.jedhama.
Ituun,10,dhalee.isaanis
1,waatee
2,gaamoo
3,baayee
4,galaan
5,Addaayyoo
6,baabboo.
7,waaree
8,algaa
9,gaaddullaa
10,Elolloo
Karrayyuun,barentuu.ilmmaan.12.dhalee
1,dullachaa
2,Abbichuu
3,gonbichuu
4,sayyuu
5,oboo
6,oborii
7,jiillee
8,bullaalla
9,mucee
10,galaan
11,salaalee,
12,wallo
Hunbannaan.ilma,1dhalee
Innis.Anniyyaa.jedhama
Anniyyaa..7dhalee
1,malkka
2,baabboo
3,dinbii
4,baaduu..(biduu)
5,mucii
6,naanna.a
7,kudheedhee
Qallo.4.. dhalee
1.ala
2,daga
3,oborraa
4,baabbile
Ala 12 dhalee
1,abbayii
2,nuunnu
3,kaaku
4,buubbu
5,diiramuu
6,abbaadho
7,goollo
8,Eerii
9,utayyu
10,gaalan
11,meettaa
12,arroojjii
Dagaa,,3 dhalee
1,noolee
2,jaarsoo
3,huume.
Oborraan..3 dhalee
1,akkichu
2,bil,l
3,dooranii
Baabbile 3 dhalee
1,gantuub
2,hawiyyaa
3,hawaasilee
Arsiin, 2 dhalee
1,sikkoo
2,mandoo
Sikkoo ,5 dhalee
1,buullaalla
2,wucaalee
3,wooji
4,jaawwii
5,llaannii
Mandi,,7 dhalee
1,raayituu(raa’idoo)
2,hawaxxuu
3,karaara
4,karrayyuu
5,meettaa
6,arroojii
7,garjeeda
Akkichuu.. oborraa ilma,2, dhalee
1,dhaayii
2,biliidaa
Dhaayii 3,dhalee
1,dukkoo
2,kooyee
3,allaatayya
Billiidaan, 3 dhalee
1,godaana
2,busaa
3,allaa
Gujiin boorana 3 dhalee
1,hookkuu
2,Uraagaa
3,matii..maatii
Hookkuun 7dhalee
1,galalchaa
2,oborraa
3,michillee
4,heeraa
5,bundhituu
6,kinnoo
7,baallaa
Uraaggaan 6 dhalee
1,goolloo
2,hallaa”oo
3,Agantuu
4,daraartuu
5,sarboortuu
6,waajituu
Maatiin 3 dhalee
1,hirqaantuu
2,linsoolee
3,hundee. Itti fufaaaaaa
Yoo karaa daabee itti guttaaa issin sabaa koo oromo hortee kushii horaa bulaa badhadha dagagaa lslissaa akka hababoo gaanaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/damee-hortee-oromo-ilmman-oromo-lammii-2/feed/ 8
Walaloo Goota Oromoo Aadam Dheeree Fulbaana 2017 http://www.bilisummaa.com/walaloo-goota-oromoo-aadam-dheeree-fulbaana-2017/ http://www.bilisummaa.com/walaloo-goota-oromoo-aadam-dheeree-fulbaana-2017/#respond Thu, 21 Sep 2017 12:24:43 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=13764

]]>
http://www.bilisummaa.com/walaloo-goota-oromoo-aadam-dheeree-fulbaana-2017/feed/ 0
Freemuse calls on Ethiopian authorities to drop charges against artists http://www.bilisummaa.com/freemuse-calls-on-ethiopian-authorities-to-drop-charges-against-artists/ http://www.bilisummaa.com/freemuse-calls-on-ethiopian-authorities-to-drop-charges-against-artists/#respond Sat, 09 Sep 2017 12:13:23 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=13711

Ethiopian authorities charged seven artists – musicians and dancers – with terrorism in late June 2017 for producing and uploading “inciting” political songs and videos, according to media reports. Freemuse is concerned about the charges and the continued erosion of freedom of expression in Ethiopia, especially of the Oromo people, the largest ethnic group in the country.

Freemuse is also alarmed by the wide latitudes Ethiopian authorities have taken during the recently lifted ten-month-long state of emergency put in place in response to protests stemming from the government’s plan, announced in 2014, to expand capital city Addis Ababa into farm lands in the Oromia region, the country’s largest region and home to the Oromo people.

“What is happening in Ethiopia is not a spin off from the recent protests and uprising, but rather is about a government clampdown on the artistic community in general and of Oromo artists in particular. We call on national authorities to drop the charges on the seven artists and protect all peoples’ right to freedom of expression, including expressions critical of governments,” Freemuse Executive Director Dr Srirak Plipat said.

The seven artists – Seenaa Solomon, Elias Kiflu, Gemechis Abera, Oliyad Bekele, Ifa Gemechu, Tamiru Keneni and Moebul Misganu – were arrested in December 2016 and held in Maekelawi Prison, which Global Voices reports is notorious for its torture practices. Misganu had been arrested before in 2014 in connection to student protests in Oromia and was released in 2016.

More recently, the BBC reported that Ethiopian police stopped the formal launch of singer Tewodros Kassahun’s, who performs as Teddy Afro, latest album without any official reason, preventing event organisers from entering the venue and demanding a permit. His new album, released in May, has become Ethiopia’s fastest selling album and topped Billboard’s world album chart.

Additionally, his Ethiopian New Year’s Eve concert scheduled for 11 September this year was cancelled for the third consecutive year, according to non-profit Music in Africa Foundation.

Teddy Afro is no stranger to controversy as he first drew negative attention from authorities in 2005 when he released his third album which contained songs critical of the government that became anthems for protest movements.

In 2008, he was imprisoned for a hit-and-run accident in a case that he claims was politically motivated and was released in 2009, after serving 18 months of a two-year sentence.

Freemuse has registered over the years several attacks and forms of harassment on Oromo artists, including the imprisonment, beatings and forced exile of artists, as well as the banning of music and shutdown of studios.

]]>
http://www.bilisummaa.com/freemuse-calls-on-ethiopian-authorities-to-drop-charges-against-artists/feed/ 0
Jireenyi ilma namaa Hundi tokkoo laataa? http://www.bilisummaa.com/jireenyi-ilma-namaa-hundi-tokkoo-laataa/ http://www.bilisummaa.com/jireenyi-ilma-namaa-hundi-tokkoo-laataa/#respond Wed, 16 Aug 2017 19:57:46 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=13624 Inni kuun sooressaa
Kaan immoo hiyyeessaa
Tokko sammuun qaraa
Inni kuun wallaalaa
Kuun haqa barbaadaa
Kaan dhugaa awwaalaa
Miilli ta’ee mataa
Mataan miila ta’aa
Xiqqaan hangafasaa
Akkamiin hogganaa
Seerri uumaa cabaa
Hayyuuf gootni sabaa
#Baqqalaaf #Maraaraa
Kana hundaa ilaalaa
Ta’uun dungoo sabaa
Bu’aaf ba’ii ba’aa
Asiif achi marmaaraa
Nuuf argaa dararaa(×~~~~)

==============

Imaluu hin dhiisu
Karaan ani deemu
Gufuunis jiraatu
An abdii hin kutu
Duubatti hin deebi’u
Dura tarkaanfachu
Kaayyoo kooti cichu
Haqa kootiif falmu
Kan itti dhandhamu
Kan itti gammaddu
Galma koo yoo gahu
Keessatti boqachu
Ejjannoon an qabu!(×~~~~)
======
Waloon: Barii Bilisummaa Oromoo

]]>
http://www.bilisummaa.com/jireenyi-ilma-namaa-hundi-tokkoo-laataa/feed/ 0
WALLIFTOONNI KEENYA IJA,AFAANII FI DAAWWITII KEENYA! http://www.bilisummaa.com/walliftoonni-keenya-ijaafaanii-fi-daawwitii-keenya/ http://www.bilisummaa.com/walliftoonni-keenya-ijaafaanii-fi-daawwitii-keenya/#respond Wed, 19 Jul 2017 12:18:18 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=13591 ______________________
-Najiib Zannuun irraa

Tattaaffiin walliftoonni Oromoo gama guddina afaanii,aartii fi qabsoo teenyaaf godhanii fii gochaaa jiran himamtee hin dhumtu. Dhugaa ummataa walleen alalaasuun dhibdee teenya mara afaan keenya tahuun himu. Jechoonni babbareedaan isaan itti fayyadamanii walleedhaan dhawwaaqan kan namuu keessatti if laalu. Waan jechuu feete tan isaaniin ja’amtee jirtu ittiin dhimma bahuun sirboota babbareedaa isaaniin quuqaa firraa buqqaafta. Tanaaf artistoonni keenya ummata biratti fudhatama qabaachuun ulfinaa guddaa ummata biratti horatan. Ummanni wanni isaan ulfeeysee kabajaa guddaa kannuufis dalagaa gaarii ummata biratti jaalatamtu waan dalaganiifi. Akkasuma kan kabajaa firraa mulqee waan ummata biratti jibbisiisaa hojjates bishaan jala yaasu.

Gaafa biyya jirru walliftoonni tokko tokko kanneen mootummaa gabroomsaa wajjiin dalagan yeroo isaan sirboota adda addaa baasuun manneen muuziqaa irra raabsan  namni kaaseeta isaanii sumunii baasee bitu hin jiru. Bituu dhiisii namni kanuma mana muuziqaa irraa itti banamuuhuu gurratti qicatu hin jiru. Inumaa mana muuziqaa kaaseeta akkasii itti banu san haajuma biraatiifuu itti hin goran. Walliftoonni fakkeenya ummataa waan tahaniif; jecha,gochaa fi hojii gaarii ummanni irraa gammaduun fakkeenya tahuun argamuj qabu

Garuu kan kana ifirratti irraanfatee lagachuun hojiilee fokkottuu, jecha badaa fii gocha hin taanee raawwatu osoo ni wallisaa mitii kan akka isaatti wallisu addunyarrallee hin jiraannee ummata biratti gatii hin qabu. Wallisuun qofti kabajaa namatti hin gootu. Abbaan wallisu sunis kabajaa ifitti godhuu qaba. Arraata isaa tiiyfatuun akkuma ummanni isa kabajutti innis kabajaa isaa ifirratti beekee nama kabajamaa tahee argamuutu irraa eeggama.

Xumuruun dura wannin jechuu fedhu, muhabbaan siyaasaa tun namuttuu jirti. Namuu jaarii itti falame tan mataa ifii qabaachuu mala. Tahus garuu dhimma siyaasaa ofii tolfachuuf ja’anii sobaan maqaa wal xureeysuun Oromoo kutaan addaan qoodanii jibba magarsuun ummata jiddutti wal dhabbii uumuun karuutuu nama hin geeysu. Namoonni waan akkanaa kanarratti bobbaatan irraa dhaabbadhaan dhaamsa kiyya.

]]>
http://www.bilisummaa.com/walliftoonni-keenya-ijaafaanii-fi-daawwitii-keenya/feed/ 0
#Maqaa_BULCHIINSOTA_FINNFINNEE Weerara Nafxanyootaan dura..  http://www.bilisummaa.com/maqaa_bulchiinsota_finnfinnee-weerara-nafxanyootaan-dura/ http://www.bilisummaa.com/maqaa_bulchiinsota_finnfinnee-weerara-nafxanyootaan-dura/#respond Wed, 28 Jun 2017 11:56:38 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=13560 ::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::;;;;;
Finfinneen qaama Oromiyaa akkuma taate hunda bulchinsa Oromiyaa jala turte.
Ilmaan Oromoo weerara Minilikiin dura Finfinnee Bulchaa Turan kessaa akka
fakkeenyaati:
Caffee Tuulamaa : kan bulchaa ture gooticha Oromoo-Tufaa Munaa.
Birbirsa fi Mana Gullallee : kan bulchaa ture -Qajeelaa Dooyyo
Teechoo/Teessoo :kan bulchaa ture -Guddataa Araddoo
Boolee: Kan bulchaa ture -Shubbuu Ejersaa
Boolee Bulbulaa: kan bulchaa ture- Soraa Lomee
Kolfee /Qaraniyoo/: bulchaa ture -Axalee Jaatanii
Daalattii kan bulchaa ture- Jamo Dabalee
Jarsaye kan bulchaa ture -Galatee Ashate
Ekkaa kan bulchaa ture- Abeebee Tufa
ii. Karra Shanan Finfinnee
Finfinneen karra ykn qarmammeettii shan qabdi ture.Shana isaaniituu maqaa
maqaa ofii qabu. Isaanis :
Karra Qirxii – karaa gara kaaba geessu
Karra Qoree – karaa Jimmatti geessu
Karra Allo- Karaa Walloo/Daseetti nama geessu
Karra Qaalluu/Qaallitti- karaa Bishooftuutti nama geessu
Karra Gafarsaa- Gara dhiyaatti kan geessu
iii. Bulchiinsota duraanii keessatti akkaataa Onoota caasaa bulchiinsa
Finfinnee fi maqaleen naannolee akka armaan gadii fakkaata.
A. Ona Caffee Tumaa
Finfinnee :– Hora saawwan Gullallee fi Galaan arraabaa turan amma bakka
“Filwuha” jedhamu
Hurufa Doobbii:- Bakka maqaan ammaa Jaan Meedaa, Embaasi Egypt, Hospitaala
Minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatani dha.
Dirree Caffee Araaraa- Bakka amma Yuniversity kiiloo jaha/sidist kilo/, Hospitaala
Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.
Dhummuugaa: – bakka amma Ginfillee jedhamu ture.
Keelloo Masqalaa- Bakka amma yuniversity kiiloo Afur jiruu, parlaamaa,
Bataskaana Qiddist Maramii, fi Qiddisit Sillasee, bakka amma Baasha waldachilot
jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu.
Tulluu Heexoo Diimtuu: – bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru,
taaboti Gabrelii jiruu, buufata polisaa Keessa fi bakka Baahitaa jedhamu.
Dhakaa Araaraa: – Bakka amma Fit barri, bakka poolis garaaj jedhamu, bakka
amma hooteelli Sharaatan jiru, bakka Iteegee maski jedhamu, fi bakka amma
hoteelli Hilton jiru.
Qarsaa:- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xiyyit bet
jedhamu ammata.
Awwaaroo:- bakkuma amma Awwaaree jedhamu dha.
Hulluuqoo korma:- bakka amma bataskaanni Isxifaanos jedhamu jiru, bakka amma
Masqal addababay jedhamu, fi bakka amma Raas Birruu safar jedhamu ammata.
Hora finfinnee:- bakka amma Fil wuha jedhamee beekamu, bakka mana masaraa
mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata.
Dolloo Biddeena: – bakka amma Baqloo beet, Gootaraa fi Walloo safar jedhamu
Dabbasoo: – bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.
Haada Amma – bakka amma Teelee Garaji, bataskaana Carqos jedhaman
B. Ona Birbirsa yaa´ii Gooroo
Waddeessa: – bakka amma piyaassaa, Charchar godaanaa, fi Araadaa Goorgis
jedhamu
Maarama Birbirsaa: – bakka amma bataskaanni Gorgis jiru
C. Ona Qarsaa
Hurufa Raaree :– bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas
Ganamee safar jedhamu fi Addisuu Mikaa’êl jedhamu dabalata.
Sokorruu :– Bakka amma hospitaala Amanu´el jiru, bakka amma dhaabba midhanii
(ihiil barandaa), massaalamiyaa, fi kowaas meedaa jedhamu ammata.
Sulula Garbii :– Bakka amma Taklahaymaanotii fi Cid taraa jedhamee beekamu
ture,
Garbii: – bakka amma Sangaa tara fi Ambaxxaa makkalakayaa jedhamudha.
Qarsaa: – bakka amma Markaatoo, Ameerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa
gudda fi naannoo isaa dabalata.
Baro Kormaa: – bakka amma Gollaa Mikaa´el, Raas Tasammaa safar, hospitaala
Xiqur Ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu
ammata.
Dachee Golbaa:– bakka amma Addis katamaa jedhamu kana.
D. Ona Gullallee ykn mana Gullallee
Adaamii:- bakka amma bataskaanni Rufaa´el jedhamu jiru, Sameen mazagajaa, fi
Sameen Total jedhamanii fi naannoo ishee hammata
Diddiimtuu – bakka amma Shogolee jedhamee beekamu ammata.
Qaallee:– Bakka amma Askoo jedhamu
Fiichee:– Bakka amma dahannoo Xaliyaani ykn Xaliyaan mishig jedhamu.
Kattaa:– ammas kattaa jedhama
Burayyuu:– Bakka amma burrayyuu, fi Gafarsa jedhamu
Harbuu Irreechaa: – bakka amma Raas Hayiluu safar jedhamu
E. Ona Abbichu
Burqaa Ejeree:– Bakka amma Inxooxxoo Kidana mirat jedhamu, fi bakka amma
Imbasiin Faransaay irra qubatee fi naannoo isaa.
Baddaa Ejersaa :– Bakka amma Iyyasuus, Raas kaasaa safar jedhamu
Hurruma: – Bakka amma Imbaasiin Faransaay, Xaliyaani fi bataskaanni Abboo
jedhamu jiru ammata
F. Ona xiixaa (Inxooxxoo)
Haxxee laalii:– bakka amma Shiroo meedaa fi Inxooxxoo Maaramiin jiranii fi
naannoo isaa ammata
Muujjaa:– bakka amma Shiroo meedaa jiru keessattuu itti waamama.
Waayyuu: – bakka amma Qacanee Madanalam jedhamu ture
Karaa Qorxii: – bakka amma Balaay Zallaqaa mangad jedhamuu fi Samen bar
jedhamu ammata.
G. Ona Ekkaa.
Burqaa Qorichaa:– Bakka amma Yakkaa Mikaa´el xabal, laga Qabbannaa, fi laga
Daadhii jiran dabalata.
Karaa alloo riqicha:– Bakka amma Imbasiin Ingilizii, Imbasiin Jarmanii, fi Imbasiin
Raashaa jiran dabalata.
Harbuu:– bakka amma Gurdi shoolaa jedhamu dha.
Kotabee:– Ammas Kotabee jedhama
Doqaa Booraa: – Bakka amma Hayaa hulatti maazoriyaa jedhamu dabalata
H. Ona Boolee
Garjii:– Ammas garjii dhumaan beekama
Bulbulaa:– Ammas Bulbulaa dhan beekama
Warra ganuu:– Ammas warra ganuun beekama
I. Ona Teechoo/Teessoo
Golboo:– bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), Qaallitti, Qeeraa,
Goofaa jedhaman ammata.
Lumee:– bakka amma bataskaana Yooseef jiru kana dabalata Laaftoo Tumtuu –
bakka ammaa Bunnaanaa boordii jedhamu ammata
Jaajaa:– bakka amma Biheere Tsiggee jedhamu ammata
Tulluu Ejersaa:– bakka amma Haannaa Maariyaam jedhamu ammata
Tulluu dheertuu – bakka amma Goofaa beetamangist jedhamu ammata
Baaboo:– bakka amma Addisuu Qeeraa jedhamu dabalata
Sammuu Gullallee:– bakka amma Meettaa darichaa jedhamu ammata
J. Ona Caffee Aannanii
Caffee Muudaa: – Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata
Harbuu: – Bakka amma Meksikoo, mana barnoota tagbaara’id jiru, mana adabaa
Finfinnee, bakka Saar bet jedhamu, bakka Geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa
Dajjaa Baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wayin xajji, bakka oomisha kookaa
kollaa dabalata,
Harawaa:– bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaaccaa fabrika) jedhamu
dabalata.
K.Ona Jaarsayu
Calcalli:– bakka amma Sar bet jedhamu dabalata
Mardee: – bakka amma “Arogee Awuropilan marefiya, Midir Xoor”, ganda Tolasaa,
fi Raphii jedhaman ammata.
Bakkanniisa: – bakka amma Makkaanisaa jedhamee waamamu dha.
L. Ona Kolfee
Daalattii:– bakka amma Qaraaniyoo jedhamee waamamu,
Labu:– bakka amma Siga meeda, Taaxaq Xor safar jedhamu ammata
Xaro :– bakka amma Axaanaa Taraa fi Faxino darash jedhamu ammata.

Wabii
Barruu “Duudhaa” jedhamuu
Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffa
Via Xiinxala Jiruu

]]>
http://www.bilisummaa.com/maqaa_bulchiinsota_finnfinnee-weerara-nafxanyootaan-dura/feed/ 0