Oduu Haaraya

Bu’uura Heeraa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Xiinxala Seeraa

Abduljebar Hussien ( abukaatoo)

Bu’uura Heera mootummaa Federaalaawa Dimokiraataawa Ripaapliika Itoophiyaa(HMFDRI) kwt. 46(1) tiin mootummaa Federaalaa naannooleedhaan kan ijaaramee dha. Bu’uura kanaan akkaataa ulaagaawwan heericha kwt. 46(2) jalatti tarreeffamaniin naannooleen miseensota mootummaa federaalaa ta’an sagal kwt. 47(1) jalatti tarreeffamaniiru. Saboonni , sablammoonni fi ummaattoonni naannoolee saglan kanneen keessa jiraatan yeroo kamiiyyuu naannoo mataa isaanii hundeeffachuu akka danda’an tumaa heerichaa kwt. 47(2) jalatti himameera. Magaalaan Dirree Dhawaa kana keessa hin jirtu.

Osoo naannoleen Soomaalee fi Oromiyaa hin hundeeffamin duraayyuu maddaa fi hiikkoo maqaa Dirree Dhawaa jedhu kana ilaalchisee saboota kanneen lameen jidduu waliigalteen akka hin turinitti himama. Bara 1983 yeroo mootummaan ceehuumsaa hundeeffamu immoo gaaffiin saboota lameen kanaa gara gaaffii abbaa biyyummaatti ol guddateera. Magaalaan Dirree Dhawaa irratti gaaffiin saboota lameenii sadarkaa ol’aanaatti kan cehe labsii lakk. 7/84 saboota, sablammootaa fi ummaattootaa hiikkoo kennuu fi ulaagaawwan mootummaaleen naannoo itti daangeffamuu qabu ibsu erga bahee dha. Naannooleen lameenuu ulaagaawwan labsii kana jala taa’an bu’uureffachuun Oromiyaan magaalaan Dirree Dhaka gara kiyyatti daangeeffamuu qabdi yoo jedhu naannoon Somaalees immoo gara naannoo isaanitti akka daangeffatu gaafataniiru. Labsiin kun saboota, sablammootaa fi ummaattootaa garaagaraa 63 adda baasee mootummaalee naannoo 14 ka hundeessee dha.

Osoo tumaaleen labsii lakk. 7/84 sirnaan sirriitti hojiirra ni oola ta’ee silaa yoona magaalaan Dirree Dhawaa naannoo Oromiyaatti ykn naannoo Soomaleetti daangeeffatee jirti. Hanga gaaffiin nnaannolee kanneenii bu’uura seeraatiin deebii argatuutti jedhamee itti yaaamamni isii mootummaa Federaalaaf ta’ee hanga bara 1985 tti bulchaa mootummaa jiddugaleessa irraa ergamuun bulaa turte. officials who administered Dire Dawa were appointed by the central government. There is no document denoting the expressed will of the two regions in inviting the federal government to handle the dispute Waltahiinsa naannolee lamaaniitiin labsii kana kwt. 2(5) jalatti magaalaan Dirree Dhawaa bara 1985 hanga 1987 bulchiinsa yeroodhaa (the provisional administration) ta’uun hundeeffamtee jirti.
Heerri MFDRI 15/12/1987 bahes dubbii magaalaa Dirree Dhawaa tanaa furmaata osoo hin kenning hafeera. Bu’uura labsii armaan olitti ibsameen akka naannoo tokkootti miseensoota mootummaa federaalaatti hin dabalamne; yookaan (sababni gahaan ni jiraata yoo ta’e) magaalaa of dandeesse ofiin of bulchituu hin goone(there was no self administration): heerichi manni maree bulchiinsa magaalichaa mootummaa Federaalaatiin hundeeffamuu akka danda’us hin ibsine.

Ergi Heerri bahee hojirra ooleen boodas bu’uura tumaalee Heerichaatiin dubbii magaalaa Dirree Dhawaa kana hiikuuf tattaaffiin godhame hin jiru. Osoo ta’eellee heerichi furmaata ni laataa? Gaaffii jedhuuttu ka’a. Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Somaalee jidduu Magaalaa kana ilaalchisee falmiin jiru naannoo kiyyatti dangeeffamuu qabdi kan jedhuu dha. Akkaataan waldhabbiin daangaa mootummaa naannolee jidduutti dhalate itti hiikkamu HMFDRI kwt. 48 jalatti tumameera. Bu’uura kanaan daangaa ilaalchisee gaaffiin yoo ka’e jalqaba waliigaltee nannoleetiin yoo dadhabame immoo MMF tti dhiyaatee manni marichaas yeroo waggaa lama hin caalle keessatti murteessuu akka qabu kwt. 48(1)(2) jalatti tumameera.

Mata dureen tumaa kanaa “jijjiirraa Daangeffamaa” jedha. Tumaan kun erga daangeffameen booda falmii daangaa ilaalchisee ka’u kan ilaallatuu dha. Akkuma armaan olitti ibsuu yaaleetti bu’uura labsii lakk.7/84 tiin daangaan mootummaa naannolee adda bahee daangeffamee jira. Yeroo heerichi labsamu sanatti naannoleen saglanuu daangeffamanii jiru jechuu dha. Kana irra dhaabbachuun Heericha kwt. 47(1) jalatti naannoleen sagal adda bahanii tarreeffamanii jiru. Magaalaa Dirree Dhawaa jalqabuma irraayyuu garamittuu waan hin daangeffaminiif tumaan heeraa kun raawwii hin qabu jechuu dha. Kanaaf rakkoon magaalaa tanaa amma boodallee furamuu hin danda’u jechuu dha?

Chaartara bulchiinsa Magaalaa Dirree dhawaa labsii lakk. 416/96 Mana Maree bakka bu’oota ummataatiin bu’uura HMFDRI kwt. 55(1) tiin gaafa 23/11/96 yeroo jalqabaatiif baheera. Manni marichaa seensa labsii kanaa irratti akka ibseetti barbaachisummaan chaartarichaa rakkoon magaalaan Dirree Dhawaa furmaata fulla’aa seerawaa ta’e hanga argattuutti magaalichi yeroodhaaf ofii isiitii akka of bulchituuf fi jiraattoota magaalichaatiif aangoo ofiin of bulchuu akka qabaataniif bu’uura seeraa kaayuuf akka ta’e ni hubatama. Chaartara bulchiinsa Magaalaa Dirree dhawaa labsii lakk. 416/96 kan bahe rakkoon magaalichaan walqabatu fulla’iinsaan hanga furamaanni itti kennamutti qofaa akka ta’e ibsameera. Manni marichaa bu’uura heeraatiin furmaata jedhamu barbaachuu irra labsiiwwan labsii kana fooyyessan baasuu filateera. Chaartara kana fooyyessuuf labsiin lakk. 483/98 baheera.

Isa fooyya’e kana fooyyessuf immoo labsiin lakk. 514/99 gaafa 14/05/99 fi labsiin lakk. 536/99 gaafa 16/11/99 bahaniiru. Kanaaf sababa hin beekamneef wanti yeroodhaaf jedhame kan dhaabbataa ta’uuf akka deemu dheerinna yeroo erga dhimmi kun ka’erraa jirurraa tilmaamuun nama hin dhibu. Dubbiin kan hafte gaafa naannoleen daangeffaman sanaa dha.

Akkuma olitti ibsame magaalattii of dandeesse akka bultu hanga gaafa 1985 murtii mootummaa ceehumsaatiinii; gaafa 1985 hanga 1995 immoo murtii labsii lakk. 7/84 keessatti kennameedhaani. Sana booda hanga ammaatti immoo chaartara labsii lakk. 416/96 manni mare bakka bu’oota ummataa bu’uura HMFDRI kwt. 55(1) tiin baaseedhaani. Gaaffiin guddaan Manni mare kun seera akkanaa baasuuf aangoo ni qabaa? Tan jettuu dha.
HMFDRI kwt. 55(1) jalatti manni mare bakka bu’oota ummataa aangoo seera baasuu kan qabaatu daangaa aangoo heerichaan mootummaa federaalaatiif kenname keessatti qofa akka ta’e tumameera.

Dhimmoonni angoo mootummaa Federaalaa jalatti kufan immoo HMFDRI kwt. 51(1—21) jalatti tarreeffameera. Manni mare bakka bu’ootaa daangaa kana keessaa bahuu hin qabu jechuu dha. HMFDRI kwt. 51(1—21) jalatti mootummaan federaalaa magaalaa tokko filatee kan federaalaa gochuu akka danda’u, ykn immoo ofiin akka of bulchitu murteessee seera baasuun hundeessuu akka danda’u ykn aangoo akka qabu wanti tumame hin jiru. Kanaaf Manni mare bakka bu’oota Ummataa MFDRI magaalaa fi jiraattonni magaalaa ofiin akka of bulchan taasisuuf aangoo seera baasuu osoo hin qabaatin chaartaroota armaan olii baasuun isaa bu’uura heeraa kan qabuu miti. Bu’uura kanaan mootummaan Federaalaa daangaa aangoo kana keessatti Magaalaa kamiiyyuu namooma seeraa gonfachiisee magaalaa of dandeesse gochuun dhaabuu ykn hundeessuuf aangoo hin qabu.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Seenaa gabaabaa Raadiyoo magaalaa Adaree

Seenaa Habroo Seenaa Raadiyoo Ummata Oromoo keessatti, Raadiyoon Harar kan sagantaa Tokkummaan Humnaan tamsaasu jalqabe …

Yaada kanaaf deebisaa kenni