Oduu Haaraya

Bofa Lafa Jiru Ulee Harka Jiru!

 

Baarentuu Gadaa Irraa//

 

Uummanni Oromoo waggoota hedduuf addatti bara bittaa wayyaanee waggoota 27n darbaniif mirga abbaa biyyummaa isaa  dhiitamee osoo qabuu hiyyoomee, beelaa fi dheebuuf saaxilamee mankaraaraa jira.  Mirga abbaa biyyummaa sarbame kana deeffachuuf ammoo qabsoo walirraa hin cinne, qabsoo hadhooftuu  gaggeessaa ture. Addtti waggoota 3n -4n darban  kana keessa qabsoon uummanni Oromoo  sirna  gabroonfataa  Wayyaanee irratti gaggeessaa turee fi jiru qabsoo fakkeenyammaa guddaa qabuudha. Kan wareegamni qaqqaaliin itti kaffalame.

Mootummaan TPLF/EPRDF uummata Oromoo waggoota 27n darbaniif  hidhee,  ajjeesee  amma isa gahu saameera.  Oromoon isa kana  jalaa of baasuf  addatti qabsoon inni  gaggeessaa ture FXG seenaa biyyattii keessatti kan addaati. Saboota cunqurfamoo biroofuu fakkeenya guddaa ta’eera.  Qabsoo gaggeessaa turee fi jiru kanaannis murna  faashistii TPLF/ /EPRDF jedhee of waamu kana dhiphuu hamaa keessa galcheera. Bakkaayis sochooseera.  Akka  mataa gadi qabatu, akka osoo hin jaalatin tarkaanfilee tokko tokko fudhatus dirqeera.

TPLF/EPRDF  Murna yakkamaadha, mootummaa shiftootaati, waggoota 27n darbaniif yakka sukanneessaa saboota biyyattii  hundarrattuu addatti ammoo saba Oromoo irratti xiyyeeffatee yakka sukanneessaa  danuu raawwateera. Ilmaan saboota  biyyattii hedduun sirna faashistii kana baqataniis qayee fi qabeenya isaanii dhiisanii biyyaa bahaniiru.  Hedduun Galaanaaa fi gamamoojjittis dhumuun eenyu jalaawuu dhokotaa miti.  Kan hafan biyya isaanii irratti hidhamanii, samamanii, gargaarsa mootummaa dhabanii  hiyymmaa, beelaaf saaxilamaniiru.  Haa ta’uutii yakka sirni kun raawwatuuf osoo gadi hin jedhin  saboonoonni qabsaawoonni qaroon sabaa uummata Oromoo gabrummaa bara dheeraa jala jiru gabrummaa halagaa jalaa baasuuf  cichoominaa fi jabinaan falmaa turaniiru.  Falmaas jiru.

Saboonnii biyayttii addatti sabni Oromoo erga murni TPLF/EPRDF ofiin jedhu  kana jalatti kufee kaasee  guyyaa tokkoofilleen ciisee hin beeku,  Uummanni Oromoo hammeenya sirna kanaa bu’uurumarraa  waan hubateef  dhaaba isaa ABO, Ilmaan isaa qeerroo waliin ta’ee falamaa mirga abbaa biyyummaa gaggeessaa ture.  harralleen irraa hin dhaabbanne.  Akkuma argaa jirru qabsoon isaas firii naqatee sirnichaa dhiibee sadarkaa xumurarraan gaheera.  Qabsoon eegalame finiinee itti fufnaanis sirni kun akka  yeroo gabaabduu keessatti buqqayee badu shakkiin hin jiru.

Mootummaan abbaa irree fi faashistiin waggoota 27f uummattoota biyyattii addatti saba Oromoo keessumaa ilmaan isaa irratti xiyyeeffachuun yakka sukanneessaa adda addaa raawwachaa ture TPLF EPRDF ofiin jedhu kun mootummaa soban beekamuudha. Mootummaa aantummaa uummataa hin qabne mootummaa abbootiin irree ijaaraniidha.  Sirni kun aangoo humnaan qabate kanarra turuuf ammoo holola adda addaa karaa ergamtoota isaa gaggeessaa  ture, amma ammoo hojii isaa isa ijoodha.   Murni kun  Oromoon aangoo hunda dhuunfate holola jedhurraa kaasee amma  dhaaboolee mormitootaa  koo ta’an waliin  marii’achuufan jira. Midiyaalee  dhuunfaa biyyoota alaa taa’anii sagalee uummata dhageessisan akka gara biyyaa galanaii tamsaasa isaaanii kallattiin biyyaa tamsaasan waamicha goonaaf kan jedhu yoo waadaan kijibaa  galamuu fi tarreeffamu arginee dhageenyee jirra.

Dhugumatti  hololli gaggeeffamaa jiru  kun holola dhugaatii jennee yoo ilaalle  garuu akkuma abbootiin yoo dubbii mammaaksan fixan  yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufi jedhan san hololli wayyaaneen Dr.Abiyyis ta’e  dabballoota OPDO bobbaasuun gaggssaa jiru holola kijibaa, holola yeroo ittiin bitachuuti. Sirni kun har’a  kan  gaafii ummataatiif deebii kennaa jiru fakkaatee, qondaaloota TPLF tokko tokko aangorraa gara duubattii  deebisee  kunoo Oromootu gutummaa gutuutti aangorra jira jedhus ni kijiba. Ni Riphee  malee dhugaadhaan gaafii ummataaf deebii kennaa hin jiru.  kaayyoon sirna kanaa holola fakkeessii boru gongumaa sirna kana jalatti deebii hin arganneen warra mirgaaf falamu yoo danda’e laamshessee oolee bulee  akkuma amala isaa  bakka riphee ka’ee yakka isaa itti fufuufi. Sabboontoota qabsaawoota mirga saba isaaniif falaman hidhuu ajjeesuu fi dararuun qabsoo saboota aaddatti qabsoo Oromoo rarraga bilisummaarra gahe kana yoo danda’e karaatti hanbisuufi. Kun ammoo shakkii ykn ta’innaa laataa miti. Amala wayyaanoonni bara qabsoo gaggeessaa turaniirraa eegalee ittiin beekamaniidha.  Wayyaanoonni yoo muddaman ni araarmna, waliin hojjenna jedhanii  kan isaan amanee itti hiiqe hidhaa, daraa fi ajjeesaa bakka buutee dhabamsiisaa turan. Ammas kanumaaf  hololaa, riphaa jiru.

Sirni TPLF/EPRDF kun  yoo dhuguma qulqullummaan jijjiirama waaraa kan saboonni  biyyattii addatti uummanni Oromoo barbaadu  hojiirra olchuuf jiru ta’e, yoo dhuguma  dirreen dimookiraasii akka ballatu barbaada ta’e gaafii ummataa hordofee maaf mootummaa cehuumsaa hunda hammatu hin dhaabne? Maaf akka ABOn jedhu bakka qaamni 3n jirutti  haasaan dhugaa hin taasifamne maal sodaata? Maal shakka ?  sirni kun yoo dhuguma akka midiiyaaleen  bilisaa kanneen akka  SBOSagalee Qeerroo,TV Gaadisa dhugaa ykn ONN, OMN,  Esat fi kan fafakkaatan  tamsa’aniif fedhii qaba ta’e  maaf  biyyatti koottaa jedhee waamuu dura bakka jiranii kanumti facaasan akka uummata bira sirnan gahuuf  uggura ykn ukkaamsaa gaggeessan hin dhaabne? Kun qoosadha, DR Abiyyi waan hin fakkaanne qoosaa jira. Diraamaa  fookkisaa goftoliin isaa wayyaanoonni  dalagi jedhaniin calliseetuma osoo hin gulaaliin taatoo ta’ee dalagaa jira.  Dirmaa kana keessattis  waan  hin taane  ta’ee  of muldhisaa jira. ykn “over act”  godhaa jira. Kun ammoo Tiyaatirichaa dhugaarraa fageessee harkatti busheessaa jira.

Mee yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo meeqatu mana hidhaa jira? Meeqatu ammoo komaandi postiin guyyaa guyyaan dararamaa fi ajjeefamaa jira?  Saamichi qabeenyaa hoo ammami? Deebiin isaa ifadha. Kumaa kitilatu hidhamaa fi ajjeefamaa jira, hidhamees mankaraaraa jira.  Saamichis amma hin qabu.  Kan qalbiin hubatee ilaaluuf  sirnichi ni riphe malee hin kufne, sirnichi  dhiphuu amma qabsoo Oromootiin itti bule ykn keesse seena kana jala darbuuf  diraamaa ykn tiyaatira dalagaa jira malee dhuguma hin jijjiramne. Jijjiramuufis fedhee hin qabu. Aangoon inni Oromoof qoodee ykn kennees hin jiru. Mataa gadi qabate malee bineensummaan isaa akkuma jirutti jira, Afuura xiqqoo argannaan amala isaa isa beekamuun san gadi baasun hidhaa, dararaa fi ajjeechaa jumlaatti akka deebi’u shakkiin hin jiru.  kana ammoo cimsanii hubachuun akkaan barbaachisaadha.

Oromoos ta’ee saboonni biyyattii hunduu  holola yeroo ammaa kana TPLF dhaabolee  ergachaa turee fi jiru  kanneen akka OPDO,DHDN,BADN of dura oofuun  gaggeessaa jiru akkaan hubachuun barbaachisaadha.  Sirnicha Eenyuyyuu amanuu hin qabu. Sirnichi kan amanamuu miti. Keessumaa Oromoon shira sirnichaa adda baafatee  beekuu qaba.  Oromoon kan qabsoo isaa gaggeessaa tureef  mirga abbaa biyyummaaf malee  haangoo bubbutuu miseensoonni OPDO sirnicha tajaajilaa turanii fi jiraniif  kennamuufi miti.

Mootummaan TPLF /EPRDF kun mootummaa  takkaa dhugaa dubbatee hin beekneedha.  Dhugaa hin beeku. Mootummaa sobaa fi  ajjeechadhaan humrii isaa dheereffachaa as gaheedha. Kanaaf ammoo waggoonni 27n darban ragaa guddaadha.  Yoo akka  dabalataatti  kan barbaachisu ta’e ammoo dhaabooleen  mirga namoomaaf falman kanneen akka Aministii Intarnaashinaal, human raayit woch, Ligii mirga namoomaa gaafa Afrikaa fi  dhaabooleen siysaa fi mirga namoomaaf falaman hedduun dabaa fi soba mootummaa kanaa ragaa bahaa turan ragaa bahaas jiru.  Tibbuma dabrsine kana yeroo 2ffaaf  kan impaayeera san daawwatan  itti gaafatamaan  dame mirga namoomaa idil addunyaa komishinar Ziyaad -alhuseen yeroo daawwannaa isaanii fixanitti ibsi isaan gaaxeessitotaaf kennan mootummaan sun kan hin amnamne mootummaa kijibaa ta’uu isaaf rgaa guddaadha.

Zayaad al huseen  ibsa gaazeexeessitootaaf kennaniin  dhiittaan mirgaa impaayeera sana keessatti raawwataa turee fi jiru akkan hamamadha addatti kan Oromoo iarrattai raawwate erga jedhanii booda,  yoo tarii kan mootummaan EPRDF kan jedhu dhugaa ta’ee hojiirra oole, yoo tarii inni dhaaboolee siyaasaa mormitootaa waliin  ni teenyee mira’annee furmaata siyaasaa finna jedhu, inni  yakka dhala namaarratti biyya sana keessatti raawwataa turee fi jiru ni qoranna furmaata itti kennina jedhu dhugaa ta’e   ni  bullee ilaalla jedhaniiru. Hubadhaa angoowaan olaanan   biyyoota gamtoomanitti   hogganaa damee mirga namoomaa idili addunyaa ta’an kun kan jedhan dhuguma TPLF/EPRDF kan jedhe hojiirra olcha hin jenne  taro yoo dhugaa ta’ee hojiira olchan jedhan,  mootummichi kan hin amanamne kan waan jedhu hojiitti hin hiikne mootummaa sobaa fi dhiittaa mirga namaan jiraatu ta’uu ifatti ragaa bahan . kanaafuu Oromoon waggoota 27f dhiitame sabni holola sirna kanaa amanuuf hin jiru jechuudha. Amanasa hin ture, amanuus hin qabu.

Egaa  sirna hunduu sobduu ta’uu isaa mirkaneeffatee ragaa irratti bahaa jiru kana falli namarraa buusu qabsoo qofa.  Oromoonis kanuma hubatee qabsoo isaa eegale FXG jabeessee itti fufee  bilisa of baasuu malee fala biraa waan hin qabneef qabsoon  ittaa fufu jenna. Sirni kun  sirna yoomiyyuu isaaf hin ciifne, sirna soba fi isa balleessuuf kutatee ka’e, kan guyyaa itti eegataa jiru ta’uu beekuu qaba. Beekuu qofas osoo hin taane qabsoo eegale  falmaa mirga abbaa biyyummaa isaa finiinsuun dubbii fardiidha. Diinni/ halagaan amma barbaadeeyyuu si jaalle jedhu jaalalli isaa amma haalli mijaawufitti ta’uun  beekamaadha.  Kanaafuu dubbiin  “Bofa lafa jiruu, ulee si harka jiruu maalan sigorsa”? akkuma jedhamu san waan ta’eef diina qabsoo keenyaan butute kana xumura itti gochuun akka malee barbaachisaa waan ta’eef qabsoon  cimee itti haa fufuun dhaamsa keenya!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …