Oduu Haaraya

Bofa afaa jalaa kan osoo hin beekin nama miidhu hedduu argaa jirra.

Najiib Zannuun irraa

Waa’een saba keenyaa kun yeroo dubbatamu waan hedduutu nama ajaa’iba. Yeroo sabni keenya dammaqee wal dhagayuun sosossoo’ee gamtaan falmachaa jirutti, gufuun qabsoo teenyaa ammas numa keessa burraayxi. Bofa afaa jalaa kan osoo hin beekin nama miidhu hedduu argaa jirra. Isaannan kun warreen olola ciree,laaqanaa fi Irbaataaf qabuudha. Gama ‘Facebook’ kanaan maqaa meeqa moggaafatanii siree jalatti dhokatanii arrabsoo hojii kanneen godhatan baay’ee agarra. Hinaaftuu fi talfuuftuu gadda Oromootti gammaddee gammachuu Oromootti gadditu kanneentu nu rakke.

Namoonniin irraa dubbachaa jiruu fi amma nu rakkaa jiru; warreen gosummaa fi gandummaan sammuun isaanii doomte, warreen dhugaan itti hin mul’anne, warreen niitii ifii bulfatuu hin dandeenye kan nama biyya bulchuun mormuu fi Warra ofii hin baratin kan nama baratee fi hayyuudhaan dorgoomu kanneeni. Silaas maal goona gaa isaannan akkanaa kanaa waliin miliyoona 40 lakkaawwannee.

Beektoonni keenya kanneen qarooman, kanneen dhugaan saba isaaniitiif dhimmaman warra olola qallabaaf qaban kana bira dabranii jiran. Waan fedhan odeessaa oolanis isaaniif gurra osoo hin laatin hojii isaanii itti jiru; addaan dhaabanii hin beekan.

Namni dhugaan Oromoo ta’e,kan Oromummaan hidda isaa keessa jirtu,Oromoo diina hin godhatu. Olola qabsaa’ootaa fi sabboontoota ilmaan Oromoo saba isaaniif laalatan irratti oofuun isaanii ifaan-ifatti diinummaa isaanii mul’isa. Isaannan kun warra mataan osoo hin taane hud…….dhaan yaadaniidha. Yoo dhugaan kan Oromoo ta’an ta’e; olola oofuu, maqaa wal xureessuu fi hamilee walii cabsuu irraa hatattamaan dhaabbachuu qabu! Yoo kan Oromoof diina kan jedhan ta’e, moggatti if baasanii ifa bahuun haa dubbatanii. Nu keessa taa’aa, nu fakkaachaa nuun mormuu hin danda’an. Garuu waan fedhan jedhanis, lallabaa oolanis nuti wahitti isaan hin shalagnu. Xurii qeensa jalaa beektoota keenyaa hin gayan. Ofumaaf of rakku malee dubbiin isaanii funyoo udaan buute.

Xumura irratti,sabboontoonni Oromoo kanneen dhugaan saba keessaniif hadooddan Miila mataan mormuuf bakka hin kanninaa akkuma itti jirtanitti tarkaanfii keessan itti fufaan dhaamsa kiyya.
Galatoomaa!

Najiib Zannuun
Marsimoonaa@yahoo.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …