Oduu Haaraya

Biyyi nuti itti baqanne nu hiraarse jedhu baqattoonni Paris keessaa

Baqattoonni laga meditraniyaan qaxxaamuruu dhaan gara Ferensayitti imalan rakkoo hamtuun isaan mudachuu dubbatu.

Mootummaan bakka jireenyaa waan nuu hin kennineef jecha daandii irra riqicha jala buluuf dirqamne jedhu .

32B1D2C6 02D3 41F5 A459 3E53417F36B1 w640 r1 s

Bakka isaan buufatanii jiran daandii irraa walitti qabuu dhaan magaalaa dhaa alatti geessee nu gate, achitti illee poolsiin faana nu dha’ee mirga keenyaaf ennaa iyyanutti nu reebee nu dararuu dhaan kaan immoo hidhaatti naqe jedhan. Guyyaa har’aas magaalaa Paris ala naannoo LASAPEL jedhamutti hiriira mormii geggeessanii jiru.

Bakka hiriira Sanatti kan argamee fi haala baqattoonni Paris itti jiran kan nuuf ibse dargaggoo Guutamaa Tadala ture. Tujuben paristti bilbiluun haasofsiistee jirti.

Gaaffii fi deebii geggeedffame armaan gaditti caqasaa

 

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …