Oduu Haaraya

BIYYA TUFFATAN HARREEN GARMAAMAN !!

 

KALEESSAF DHEENGADDA, KICHUU HEDDUU MURTEE
DHIIRAA DHALAAN JENNE HUNDHEEDHUMAAN HAAMTE.
bineensa bosonaa, boqonnaa dhorkitee
mukkeen gurguddaadhaa, gaaddisayyoo cirtee,
lafa safuu qabu kununsurra, falfalaan buqqiftee
dhaalmaya seenaaf ta’an, qe’een nu onsitee
Dachaadhaan argattaa,amma dhaloonni kaate.

Barasan bara 14 dura,
hurruma qeenxessuuf,
kan karaa baafatte
Dachee keenya gogsuuf
umma keenya gubdee
kaan adiyyoo goote
ilmaan keenya, birmannaaf bahan
kanneen naafa gootee
kaanis dhabamsitee
biyyootti ergitee
kaanis adamsitee,biyyarraa ariitee
sila jarattiin tun, na quuqe kan hin jenne
dachee dhuma nu seetee?

Oromoo maal taatee, maaltu si muudatee
seenaa kalee faarsinu, hardha maaltu nyaatee?
maaltu galee jennaan miilli sibaayyatee
haraamu akkamiitu qe’ee teeffatee
gadhee akkamiitu, biyya keenya dhaaltee
tuffii jaboo keessa, harreedhaan garmaamtee
Maal yaa saba koo,silaas hundeen dhumtee
Maalin jiraachuudhaaf lubbuudhaaf marartee?
,maalirra jiraachuuf,duuna keef okkoltee?
Dhuguma jiruudhaa jetteet,
lubbuu kee sassattaa?
maal haa buusuudhaaf, mata gad-qabattaa?

Lakkii jedhii didii
diinaaf hin ergamin
lakkii jedhii dhiiti
diinaaf harkan laatin
ilmaan kee dhumanii
qe’een si onanii
dacheen adiiyyooftee,bosona gubanii
Ilmaan kee korommiin,gaashiree guutani.

qabeenyaan hiyyoomtee,lafarraa buqqatee
dacheen dur qabbanaa, amma dhagaa baattee
salphannee salphoon nutti galtee
Maalif hin teeffannee,maalif hin mariinee
maalif waliin gallee
maalif diinan lollee
hoggayyuu nu fixaa, maalidhaf oggallee
maalfaa arganneet,diina jala bullee?
Oromoo oljedhi,diinaa kee fonqolchi
barataa barsiisaa,qotebulaa daldalaa
dhiira dhalaa,sooreessiif hiyyeechi
Falmaa qofatu karaa dhaa,diina ofirraa galchi.

qe’ee kee qabbanaa
hurrumma kee bosona
qabeenya kee jaajjaa
dachee kee kabajaa
dhabdeetoo salphinaaf
mataan cabdee teechaa?
kahi kahii wal kakaasii,
xiqqaa guddaa dammaqsi.

Dirree tumaa keenyaa madda gadaa Kalee
Ulfaa teenya guddoo salphisanii Baalee
Jimma Wallagga,Booranaa fi Gujii
Harargee fi Iluun, Shawaa dhafi Arsii
si qullisan lammii, kahii walitti labsii.

wal nufakkeessuufi,sanyiin hudduu qullaa
Olis jalqabdeettii, Oda Nabee gubbaa,
Bosona nam-durii, kan tulluu CUQQAALAA
waliin gahaa jirti namni maal ilaalaa?

Yaa tulluu Cilaaloo,bosona hurrumaa
si adiyyoomsuudhaaf gugguban gaallama.
kaleessi boo’ichaa,hardhis akkasumaa
Nuduguuguuf jirtii,sanyiin saree sarumaa
Oromoo dammaqi diinaa keetti kahi
Bilisummaan tolaa hin argamuu dhahi
Eenyuyyuun hin eeggatin bakka jirtuu hidhu
Biyyakee Qaawweedhan, kabajaan eeggadhu

Biyya tuffatan harreen garmaamanii
duraanuu mammaaksaan, dhalootarraa dhaaltee
hardha callisuun kee sodaamoo ni deetee
qe’een kee onuufi hubadhu yoo feete
Hunduu harka keeti,yoo ati lolattee
kabaajaan hin jiru yoo ati gadhoomte.
Ammayyuu diirama,yoo wal faana kaate
Yoo tokkummaan kaatee diina ifirraa yaafte

yoo garuu callifte,tuffiin itti fufa,
gabrummaan kee hardhaa dhalootatti lufaa
Biyyaa abbaan qabne,dhaloota maal eegdaa
hardha falmachuun,yookaan gaabbii booda
kanafuu Oromoo ka’aa wal barbaadaa
akka keenya kalee,akka warra gadaa
eenyumma tikfachuun yoo jabaanne qofaa
dhaloota ol jedhii,diinni sitti kolfaa.

KALEESSAF DHEENGADDA, KICHUU HEDDUU MURTEE
DHIIRAA DHALAAN JENNE HUNDHEEDHUMAAN HAAMTE.
Biyya tuffatan harreen garmaamanii
duraanuu mammaaksaan, dhalootarraa dhaaltee
hardha callisuun kee sodaamoo ni deetee
qe’een kee onuufi hubadhu yoo feete
Hunduu harka keeti,yoo ati lolattee
kabaajaan hin jiru yoo ati gadhoomte.
03/03/2015
Caalaa Hayiluu
yaadannoo Bosona keenyaf,(CILAALOO )

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …