Oduu Haaraya
ikhwaana muslim

Biyya Misraa Magaalaa Cairo keysatti warra Akhwaan Al-Muslimuuna fii Waraana Motummaa gidutti jeequmsa Umameen Namni 5 du`ee namni 70 madaawee jira.

Hagayya 14/2014 magaalaa Cairo keysatti Warri bara dheengadda Aangorra arihataman “Akhwaan Al-Muslimuun ” Dhumaatii Raabia Al-Adawiyya fi Medaan Al-Nahadaa “yaadachuuf Hiriira guddaa qopheysaniin walitti bu`inssi isaaniifii polisii jiddutti umamee jira.

Hiriira kanarratti walitti bu`inssi cimaan murna kanaa fii humna polisii jiddutti umameen namni 5 kan Du`an yo tahuu kan madaawan ammo nama 70 akka caalu hubachuun dandeyamee jira, ibsi polisiirraa kennamee akka hubachiisutti namni 30 tohannaa jala kan olan tahuu dabalee hubachiisee jira.

Guyyuma kana humni haareyni hidhanno gutuu qabu tokko “Kataayib HElwaan ” ja`ee of beysisun Vediyo hareya FB rratti gadi dhiisudhaan waranaa fii polisii motummaaf akekachiisa kenne jira . kun ammo motummaa kana hedduu yaaddeyse jira sababni isaas hiriirri nageyaan gad geyfamaa jiru gara hidhannoti yo jijjirame rakko guddaa fida ja`amee waan eggamuufi,
Erga warri Akhwaan Al-Muslimuun Aangorraa arihamani irraa kaasee hamma yonaatti namni 1400 kan du`an yoo tahuu namni 15,000 manaa hidhaa biyyatti gara garaa keysatti argamu, Polisii fii waraanarraa namni 500 kan du`an yoo tahuu hamma yonaatti hokkarri kun bakka adda addaatti itti fufaa jira.
Warri bulchaa duraanii P/Mohammed Mursiin hogganaman keysaa namni 200 murtiin du`aa kan itti laatamee tahuun ni yaadatama.

Hagayya 12 /2014 dhaabbanni mirga dhalaa namaa (human right woch) Gabaasa fuula 19 baaseen waraanni fii polisiin masrii acheechaa raawwatame kanaaf itti gaafatama kan qaban tahuu akeekuun isaa ni yaadatama. gabaasni “Dhaabni Mirga Ilmaa Namaa” kuni hamma yoonaatti namotaa ajechaa kana raawwatan tokkollee Motummaan Masrii mana heraatti kan hin dhiheysin jira jechuun bulchiinssa kana qeeqee jira.
Dhaamsa baqattota Oromoof !!!
Dhaamsa Baqattota Oromo Magaalaa Cairotti jiraatanii hundaaf !! Iddo hiriiraa fii jequmsi itti raawwaturraa akka of tiysan dhaamameefii jira.

Gaazexeysaa Afaan Oromo/Arabaa Misenssa Dhaabbata Gaazeyxeysitota Biyya Masrii Obbo Gammadaa Sutee.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Ee dhugaa keysanii gabaasni heddu namatti tola keysaafu baqataan Oromoo naanno jeqsaa kanarraa akka of eguu dhaamuun keysan