Oduu Haaraya

Biyya Afaan Faallaa

Gamteessaa Sabaatiin
Bara durii namichaan wayii biyya tokko keessa  jiraataa ture. Innillee yeroo wayii dhibamee mana yaalaa aadaa heddu dhaqee; qoricha adda addaa fudhatee of yaalaa ture garuu fayyuu hin dandeenne.
Innillee gaafa tokko oduma oduu keessa biyya san keessatti mana yaalaa aadaa cimaan hundaa caalu biyyattii keessa jiraachuu dhagaye. Innillee iddoo san deemuuf odeeffannoo barbaachisu namoota beekan irraa fudhate.
Namoonnis akkana jedhaniin:- Bakki qorichi itti argamu fagoodha; gaara gubbaa; namichaa qallaa dheeraatu nama waldhaana jedhaniin. Innillee guyyaa karoorsee gara yaala jedhameetti deeme. Woyta karaa bu’ee deemee bakka isaan jedhan gayu; karaan dheera jedhame garuu gabaabaa ta’uu isaa hubate gaarri isaan jedhan golba tahe. Namichas raajii itti taye faallaa haasayuun namootaa. Deemee deemee mana yaalaa jedhame gaye worri manallee seensisanii teessisanii erga jedhanii booda namittiin gabaabduun furdoon dhuftee maal akka dhibame gaafatte.
Isallee raajii itti ta’us callisee dhageeffachuu itti fufe. Isiinis erga rakkoo namichaa dhageeffattee; dawaan an siif kennu xinnoo dhaa guyyaa torbaa fudhattee erga jettee booda asitti deebitee haala isaa laallaa jetteen. Qorichas qalqalloo heddutti hartee fidde. Isallee raajii itti ta’ee akkana jedheen “An qoricha kana hin fudhadhu!” “Maalif?” jetteen.
Innis akkana jedheen”Kan fagootiin dhiyoo yoo jenne; kan dhiyootiin fagoo yoo jenne: Gaaraan golba yoo jenne; golbaan gaara yoo jenne: Dawaa yoo jenne summii jenna; summii jechuun keenna ammoo dawaa jechuudha! Atis summii naaf kennite!” jedheen. Namichaanis qorichaa fi namittis achumatti dhiisee biraa deeme.
Kanaaf akka afaan faallaa saniititti:-
Gabaabaa jechuun dheeraa jechuu; dheeraa jechuun gabaabaa jechuu
Halkan jechuun guyyaa jechuu; guyyaa jechuun halkan jechuu
Dhugaa jechuun soba jechuu; soba jechuun dhugaa jechuu
Beela jechuun quufa jechuu; quufa jechuun beela jechuu
Tole jechuun bade jechuu; bade jechuun tole jechuu
Dhiira jechuun beera jechuu; beera jechuun dhiira jechuu
Gaarii jechuun yaraa jechuu; yaraa jechuun gaarii jechuu
Jaarsa jechuun ijoolle jechuu; ijoollee jechuun jaarsa jechuu
kkf
Gamteessaa Sabaa

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …