Oduu Haaraya

Bilisummaa oromootiif

GUFUUN WARAAQSA OROMOO BAKKA HUNDATTI NI CABDI.

 

Tulluu Waariyootiin

Bilisummaa oromootiif

Oromiyaa walabomsuuf muranneetiin kaane

Gufuun heddumaate warraaquu dadhabne.

Abdi oso hin kutin hifannelle hin dhiisin

Jijjiiramnni gad dhufnnaan

gad bayeetiin labsamnnaan

Garaa nafaan fudhanne.

 

gaafii takka hin gaafanne

Itti seennee woorraaqsine

ka luuxee nu ceela’u Abaarree abaarsfinne.

 

Qabsoonis sakaalame

Murataanis dhabame

Kan qabssoo bakkaan gayu

nu hiriirsuu dandayu

jennee osoo dhibamnuu

Hadoonnee odoo teennuu

Dhiirtti gubbaa gad dhuftte

nu huu ni jirra jette

Bakka hunddaa sochooftte

Qabsaawaa hiriirsite.

 

Oromoo gammachiifte

kan haamileen cacabee

Qabsoo tanaaf dhibamee

Akka qabsaawuun dhabee

Aariin karaarra dabe

Kanahunda walyaame

Dachaane kootta dhaame

Tokkummaa qabsaayoota labsee

Muratee ka’uu hime.

 

Jallan dhugaan muratte

Dina dhayuuf kutatte

Jaallan woliin woltaatee

Diina keessaa wol yaamttee

Alagaa holachiiftte

Hunda irraa dubbata

Bitaa mirgaa dhaadata

oromiyaa eebjota

Dhoofinnee gallaa himata

Jarri tunniin qabsayota

Hundatu waliin dhaabatta

Dhugamaan murteefatte

WBO kan nuu makamtte

General Kamali fi Hayiluun

Abdi ormoo ol kaaftee.

 

 

Geneeralonni muratoota

Dhugumaanis gootota

Kanaf isaanis filanne

Harkas itti kennanne

Hoogana ta’aa jenne

Asii achiin marsinee

Qabsotti fuulefanne.

‘Garuu’

Xiqqoo woyyaa fakkaanus

Generalota Kamaali fi Hayiluun boonnus

Ammas qaawi hin cufamnne

Harcaatuun deemtte hin dhumne.

 

Bakka jirru dhibamnnee

maalttu nu bu’e jenne

yoo laallu qalbeefanne

arrab lamee argine

Isaan ta’uu hubanne

Duraanuu osoo beennuu

Ol baafnnee hin dubannu

Osoma wol sodaannuu

Dhibee teenna dhofannuu

Raajiin gubbaa gad dhuftte

Hundda ifa nuu baaftte.

‘Yaa rabbii’

Ka aangoof bololanii

Nu digaatiin turan

Ifaan gad muldhatan

Mee takkaa haa dubadhuu

Silaa garaa hin kaayadhuu

Ka kalee Kamal farsse

Hayiluu lee itti aansse

Booyee imimmaan yaasee

Jayinummaa saanii labsse

Hadha san irraanfatee

Maatii isaa yaafatee

Hiriyyaa kakaafatee

Jeneraalota duule

Arrabaalleen yoom hile.

 

Nu yoomiin kana beenne

Akkanaaleen hin eenne

Nuu haa dalaguu jennee

mindaa itti ramanne

Fuuraa malee nyaachifnne

Qoree dhoqqee keessaa ta’uu isaa yoom beenne

kanaa galanni keenna

Nyaachifnnee arraffamnna

Bada Hasan salphataa

Amma maal ta’uu feeta?

Mataa lafa awwaalttee

Garatti cokoo baattee

nu diguuf tattafatte.

 

Akkam haataanuu feeta?

Nugusummaa kajeelttaa?

Sanyiin nu bullchuu fi taataa?

Maaf oduu fafacafta

Tana arggatuu hirmmi

Gurbbaa doomii tutumi

Sitti haataatu hirmmii

Raajima nu qabate

Ammas yoomiin dhaabate

Abbaa ilmmaan bobaatee

Nu diiguu fi wolii galtte

Ganttuu nurra bobbaafitte

Hasan eennuun of seete?

Aango irra turuu feetee?

Si haa muunnuu ka jeelttee?

Ajab dubbii baranaa

Akkam taana jarana?

Maal sirraa hambifanne?

Namana maal sii hafinne?

Maqaa abbeetii dhiifnnee

Abbaa Hasanoon yaamnne

Kabajaa itti goonee

Inni dhufnnaan ol kaanee

Dubbii isaa faarsinee

Ol fuunee samiin geenne

Osoo takka nu hin beenne

Harca’anii argine.

 

Kufaatii hin kaane kufttee

Nama hin taatu deebitee

hin cacabdda bututtee

mata lafatti awwaltee

Hasaasii gugudifttee

Aanaa addaan cicirtte

Hin milkooftta of seetee?

Hasan bada jallataa

Boombbii namaaf awwaalteen

Ofumaa dhooyuu deemtta

Ka abbaamaa raajima

mee takkaa irraa himaa

Mataa maanguddoo goonee

Osoma deemnnuun baannee

Kabajaa itti goone

Xurii irraa dhiquuf muranne.

‘Haa ta’u malee’

Nu duruu isa beenna

beekkaan irra diddibna

Darggii jala leenji’e

Hin miliqa yoo fedhe

Dabballee cimaa ture

Ka Arbaa Guuguun gurgure

Milishaa darggii ta’ee

Kan Jamaal robaleetti bobba’ee.

 

Kana hundda baadhannee

osoo deemnnuun tirannee

Ofii ala of baaftte

Narra dedeemaa jette

Maqaa qabssoo himattee

Jabaa jalaan dayattee

Nutti seenttee dhokatte

Atillee buquqamtte.

 

Nama hin taatu deebitee

akka saree maraattee

Harganttee hargansiifttee

Olii gad uutaalttee

Sa’aa nama maaxarttee

Hasaniin filaa dhaamttee

Ilmma kankkee ergitee

aadunya irratti bobbaafitte.

 

Sunillee kufaan kufee

Bitaa mirgga gulufee

Booyee imimmaan buusee

Hasaniin filaa gorsse

oromoon itti kolfite

Joobiriin saalfachiiftte

kun maraataan maal fedha?

Maaluma ta’aa jedha?

Jedheetiin wol gaafate

Bitaa mirgga odeefate

Kan diragiin mataa nyaate

Ofi hin beeku maraatee

Adduma dudubata

Hundumatt dhaadata

Joobir takkaa hin milkoofnne

Ati hoongaya siin jenne.

 

Dhamaateetumaan haftta

hin jiraa jirree taata

bakka hundda qaanoftta

Xiroofteetiin ajooftta

‘Yaa oromoo

Wol qabannee haa kaanu

diina harkka hin kennannu

Ta aanggoo fi bololiitu

Isiin uguruu hin geettu

Ofumaa ofi sakaaltti

wol guurattee bututti

duuba mirgi keenuma

wol taanee injifanna

Shakkii hin qabnnuu ni moona

oromiyaan ta oromooti

gaaf tokko hin dhugoomtti.

 

Tulluu waariyoo

 

tulluu2020@et.et

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …