Oduu Haaraya

Beeksisa Filannoo Bara 2015 fi Garee TPLF/EPRDF 100% Mo`adhe Jechuu Isaa.

 

The Announcement of TPLF/EPRDF’s “100%-Victory” in Election 2015.

ergamaa tplf?

Akkuman kanaan dura Barreeffama kiyya duraa irratti ibsetti filannoon Ethiopia baranaa hangam tokko bilisaa fi ifa ta`ee geggeefama jechuun mallattoo ( ? ) gaaffitiin irra darbeen ture.

Akkuma beeknu Filannoon Ethiopia biyyattii guutuutti ji`a darbe geggeeffamee ture, haala filannoo kanaa qaamoleen adda addaa fi Paartileen Mormitootaa  adda addaa filannoo kana irratti hirmaatan guyyaa duula na filadhaa tii jalqabee hanga  guyyaa filannootti   haala filannootiin  wal-qabatee komii gurguddoo dhiyaassaa turen.

Komii kana keessaa inni tokkoffaan miseensonni jaraa hidhamuu fi akka fedhanitti duula na filadhaa akka ummata biraan hin geenye  akkasumas  guyyaa gaafa filannoo Saanduqa waraqaa filannoo itti seenu filannoo ummataa duraan waraqaa motummaa biyyattii bulchuun filamee guutamee dhiyaatee jira,  ummatni dirqamaan  motummaa biyya bulchaa jiru akk filatu ( garaaf bultoota) wayyaaneen dirqisiifamaa jiru jechuun himannaa dhiyeessaa turen.

Hata`u malee motummaan biyya bulchaa jiru himannaa Mormitoota siyaasaa mara addatti dhiisuun filannoon darbe kun filannoo bilisaa fi ifa ta`e jechuun dhaadataa jira.

Bulchiinsi Bordii filannoo biyyattiis himannaa partiilee mormitootaa kana dhaga`uuf gurra hin qabu jechuun, qaamoleen partiilee mormitootaa himannaa dhiyeessaa jiran kun dura busanii filannoon moo`amuu jaraa waan beekaniif ummata jeequmsaaf kakaasuuf jecha himanna dhara ta`e ibsaa jiru jechuun partiilee mormitootaa himannaa dhiyeessan mara deebisee ofeeggannaa cimaa akka godhan sodaachisuun ibsa itti kennee jira.

Filannoon geggeeffamee guyyaa murta`een booda akka bulchiinsi bordii filannoo biyyattii qabxii yeroof jedhee ibsetti Motummaan yeroo ammaa biyya bulchaa jiru guutummaan akka filannoo kana dursaa jiru ibsa keennee ture. Ibsa bulchiinsa boordii filannoo kanaan wal-qabatee paartiilee mormitootaa dabalatee qaamoleen adda addaa biyya keessaa fi biyya alaa Motummaan wayyaanee ammallee boodatti deebi`ummaa ykn mi`eeffannaa aangoo akka garsiisaa jiru qamoleen kun yaada adda addaa keennaa turan.

Paartiileen Mormitootaa Madrak fi Blue Partiin filannoo baranaa irraa guutumaa guutuutti gammachuu akka irraa hin qabne ibsuun qabxii yeroo dhaaf bulchiinsi filannoo baase akka hin fudhanne ijjannoo jaraa baasanii jiru.

Guyyaa gaafa  22-06-2015 itti aansuun Bulchiinsi Boordii filannoo Itoopiaa  akka ibsetti Mootummaan amma biyya bulchaa jiru filannoo baranaa 100%  guutuun akka moo`ate adunyaaf ibsee jira.

Bulchiinsi filannoo geggeessu qaama Motumaa biyya bulchaa jiru waliin walii galuun qabxii filannoo bara 2010 Mootummaan biyya bulchu 99%n moo`e jedhu barana ol-butuun 100% guuttachuun jaraa hanganas waan nama dinqisiisu  miti jechuun qaamoleen adda addaa yaada jaraa kennaa jiru.

Gareen TPL bulchiinsa filannoo biyyatti akka fedhe ittiin maruun abdii ummatni biyyatti qabu gadi awwaaluuf waan murate fakkaata.

Ibsi 100% mo`achuus adunyaa mara dinqisiisaa akka jiru qaamoleen adda adda ibsaa jiru.

Ibsa bulchiinsa filannoon walqabatee gaaffi dura ta`aa Madrak DR Maraaraa Guddinaaf dhiyaateen isaanis akkas jechuun yaada saanii kennanii jiru.

  1. Nuti haala guyyoota filannoo duraa fi haala guyyaa gaafa filannoo ture yogguu ilaallu dhugaadhaan filannoo kun filannoo Demokrasiin geggeefamu dha jennee abdii irraa qabnaa hin turre, garu hata`u malee Ummatni akka nu filate abdii qabna.
  2. Mootummaan kun hanga waa lama lafa kaa`ee gara filannoo dhugaatti hin dhufnetti 100% guutuun moo`adhe jechuu akka hin saalfanne ibsanii jiru. Qaamni lamman ani jedhu kun Bulchiinsa Filannoo

Biyyattii fi Waraana biyyattiiti jedhuun yaada isaanii kennani jiru.

Egaan Mootummaan amma biyya bulchaa jiru kun hanga yoomiitti Ummataa fi  biyyattii irratti dirqamaan aangoo qabatee jiraata laata? Keessattu Ummata Oromoof filannoon sobaa bara baraan gareen TPLF geggeessu kun  Bu`aa tokko akka hin fidne hubachuun dammaquun akka nurra jiraatu yaada mataa kiyyaati.

Paartiileen Mormitootaa biyyattii keessatti karaa nagaan socho`aa jiran Ibsa bulchiinsa filannoo biiyyatti erga dhaga`aniin booda gara fulduraaf maal yadaa jiru laata?

Haala filannoo baranaa waliin wal-qabatee ABOn Ummata Oromoo biyya keessa jiraniif  ergaa maalii qaba laata?

Nagaatti!!

Tofik Abdullah

 

 

 

 

Check Also

roobee20160806

‪#‎Oromoprotests,‬ Hiriira mormii nagayaa Baalee Roobee yeroo ammaa