Oduu Haaraya

Beekan G Erena: Jawaar Mohammad kuffisuuf waan hidhatee ka’e fakkaata

TAAJJABBII -Kutaa 42ffaa

Oduu Boordii OMN Keessaa Mimmiliqanii Bahan
——
Dursee sababan oduu kana ifa baasuu barbaadeefan hima. Oduun kun akka namtokkeetti eenyuunuu hin ilaallatu. Bulchiinsa OMN qofa ilaallata. Ammas, duraanis waa’ee OMN kanan barreessaa ture namtokkee irratti xiyyeefachuuf miti. OMN bulchiinsa isa madaalu, kan dhaabbati addunyaa isa fakkaatan qaban qaba moo hin qabu gaaffii jedhu deebisuun akka danda’amuufi. Yoo hin qabaanne, qaamni dhimmichi isa ilaalu irratti ha hojjetuuf jedheeni. Hawaasni Oromoo biyya alaa jiraatan, kanneen dhaabbaticha qaarshii buusanii jiraachisan rakkoo jiru baranii sirreessuu irratti qooda isaanii akka gumaachaniif odeeffannoo dhugaa kennuufiif jedheeni. Gara oduu boordii keessaa mimmiliqaniittan darba.

Oduun miliqxee baate tokkoffaan haala Abdi Fite itti hojii irraa ariyatameen walqabata. Ariyamuu isaa dura waa tokkotu ta’e. Namootni bulchiinsa OMN wajjin hidhata qaban suuraa argitan kana qopheessanii “gaazexeesitoota jaallatamoo” jedhanii waamuun Facebook irratti walitti daddabarsan. Akkuma argitan Abdi Fite keessa hin jiru. Namootni bulchiinsa OMN wajjin hidhata qaban kun Abdi Fite hojii irraa ariyamuuf akka jiru dursanii beekaniiru jechuudha. Abdi Fite ummata Oromoon jaallatamuuf dhiisuu isaa akkamiin baran gaaffii jedhu kaasa.

Oduun lammataa kallatiidhaan Boordii OMN keessaa maddite. Akkuma yaadatamu, Abdiin otuu inni hojii isaa hojjetaa jiruu waamee “ammaa jalqabdee hojii irraa ariyatamteetta” kan jedheen Mohammed Abdosh ture. Namni kun duraan Dayrektara Ittaanaa OMN kan ture yeroo ta’u hojii isaa dhaabee bulchiinsa OMN keessaa bayee ture. Abdii hojii irraa ariyuun yeroo barbaachisu, waamamee hojiitti deebi’e. Nama hojii irraa ariyamee turetu deebi’ee nama hojii irra jiru ariye jechuudha. Waanti akkasii dhaabbata kamuu keessatti ammaan dura dhagahamee beeka hin fakkaatu.

Oduu sadaffaan qooda Henok Gabisa OMN keessatti qabu ilaallata. Akkuma namni hedduun beeku, namni kun duraan OMNiif gorsaa seeraa (legal advisor) ture. Garuu innis gara waggaa lamaa dura hojii isaa akka gadhiisu ta’ee ture. Bakka isaa kan bu’e/buute fira miseensa boordii tokkooti. Ammaaf maqaa isaa/ishee dhahuu hin barbaadu. Namni kun yeroo bakka Henok bu’u/buutu, ogeeyyiin seeraa akka dorgoman hin taasifamne. Kubbaaniyaa/Dhaabbata kamuu keessatti namni tokko hojii irratti kan ramadamu namoota kan biroo wajjin dorgomee yoo mowate qofa. OMN kana hin goone. Duunyettiidhaan fira boordii OMN sana gorsaa/gorsituu seeraa taasisee ramade. Henok hojii isaa duraanii irratti kan deebi’e Abdi Fite hojii irraa ariyuun geenyaani. Amma Abdiin hojii irraa ariyatamuu mudhii hidhatee deggeraa kan jiru isa.

Oduu afuraffaan dhimma maallqaqaa ilaallatti. Maallaqi ummata irraa guuramaa jiru iftoominaan hojiirra oolaa jira moo hin jiru gaaffiin jedhu boordii OMN keessatti gaaffii cimaa kaasee wal mormii cimaan deemsifamaa jira. Gaaffiin kun akka hin kaane kanneen jedhan jiru. Kanneen, lakkii qoratamee dhugaan jiru iftoominaan ummatatti gabaafamuu qaba jedhanii kan falmaa jiranis jiru. Namootni OMNiif ittigaafatamaa dinagdee ta’an kan beekan maallaqa isa USA keessaa haala sirna qabeessaan walitti qabame qofa beeku malee isa Awurooppaa, Awustraaliyaa, Afriikaa Kibbaa fi Biyyoota Arabaatii walitti qabamu kan beeku Daayrektara OMN qofa. Kunis boordii keessatti gaaffii cimaa kaasee jira. Walfalmiin keessoo boordii kun garamitti baasuuf akka jiru amma beekuun hin danda’amu

Oduu shanaffaan har’a taatee. Daayrektarri OMN addunyaa mara keessatti hanga har’aatti qaamoota OMN Local Chapter jedhaman hunda %100 diigee namoota isaaf amanamoo ta’an bakka buuseera. Keessa beektoti akka dubbatanitti, Jawar Mohammed tarkaanfii battalaa kana fudhachuun isaa maallaqa towachuun akka hin danda’amneef jedheeti. Dhimmi kunis miseensota boordii keessatti gaaffii guddaa kaasee irratti dubbatamaa jira. Ammaaf oduun mimmiliqanii bahan as irratti xumuramu. Walitti deebi’uun keenya akkuma barii yeroo eegdee dhufuun waan hin hafne.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …