Barruu Bilsiginnaa waayee dabarsauu filannoo laalchisee

Seensa

  1. Hiikoo heera mootummaa fi adeemsa itti aanu
    2.1 yaada ka’umsaa
    2.2 Aangoo qabachuu gumii Calaltuu
    2.3 Adeemsa gumiin calaltuu heera motummaa hordofe
    2.4 Hiikoo heeraa Mot. dubbii ijoo yaa’iichi ilaale
    2.5 Sakatta’insa heeraa fi seeroota adda addaa
    Ø Labsii yeroo Muddamaa fi yeroo filannoo…
    Ø Bara hojii aangoo mootummaa ilaalchisee
    Ø Itti gaafatamummaa mootummaa qabatu ilaalchisee
    Ø Yeroon Filannoo itti aanu yoom akka ta’u ilaalchisee
    Ø Daanagaa raawwatinsa Federaalaa fi Naannolee ….

Qabiyyee Barreeffama gabaabaa kanaa

  1. Qooda Paartilee morkattootaa

Ø KFO fi Gola Sabonummaa Finxaleyyii
Ø Adda Bilisa baasaa Ummata Tigirayi (ABUT)
Ø ABO Shanee

  1. Qooda Humnoota keessaa fi alaa
  2. Kallattiiwwan hordofuu qabnu irratti kan xiyyeeffate
  3. Seensa

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Vaayireesiin Koronaa
yaaddoo fayyaa idil-addunya ta’uu erga ifatti labsee
booda
• Dhaabbilee hedduun cufamaniiru,
• Qophileen addaa addaa dheereffamaniiru ykn akka
addaan citan taasifamaniiru.
• Filannoowwan biyyoota addaa addaa keessatti
gaggeeffamuuf karoorfamaa turan sababa weerara
COVID 19n yeroo murtaa’eef/hin murtoofneef dabarsuuf
dirqamanii jiru.
• Biyyi keenyas filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa
Hagayyaa 23/2012 gaggeessuuf murteessitee turte
weerarri COVID 19 gufuu itti ta’ee jira.

Seensa—- • Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Sagantaa Filannoo
ba’een gaggeessuu akka hin dandeenye Bitootessa
24/2012 ifa godhee jira. Sababoota tarresse
ü Galmee filattootaa,
ü Fo’annaa namoota filannoo raawwachiisanii,
ü Leenjii fi bobbii namoota filannoo
raawwachiisanii,
ü Barnoota filattootaaf kennamuu
ü Meeshaalee galmee filattootaaf tajaajilaan
§ Yeroo qabame keessatti rabsuun akka hin danda’amne
wixinee yaada murtoo Mana Maree Bakka Bu’oota
Ummataaf dhiyesseera.

Seensa —– • Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataas wixinee
yaadaa karaa Boordii Filannoon dhiyateef erga irratti
mari’atee booda
• Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaa fi
Dimokraasiif qajeelche
• Murtee Boordii Filannoo booda qorannoo
hayyootaa fi ogeeyyiin gaggeeffameen furmaanni
hammattoo Heera Mootummaa irratti hundaa’e
qoratamee dhiayate.
Yaadonni furmaataa dhiyatan;
ü Mana Mara Bakka Bu’oota Ummataa bittinsuu,
ü Labsii Yeroo Muddamaa Labsuu,
ü Heera Mootummaa fooyyessuu
ü Hiikoo Heera Mootummaa gaafachuu

Seensa===

• Yaadawwan furmaataa kanneen irratti Paartileen
morkattootaa irratti mari’ataniiru.
• Filannoo 2012 ilaalchisee Yaada paarileen
morkattootaa akka furmaataatti dhiyessan,

  1. Furmaanni Heera Mootummaa keessaa haa ilaalamu,
  2. Furmaata Heera mootummaa otoo hin taane mariin
    siyaasaa haa eegalamu,
  3. Filannoon yeroo qabame keessatti haa gaggeeffamu,
  4. Mootummaan cehumsaa haa hundeeffamu kan
    jedhan isaan ijoodha.
  5. Karaa biraatiin paariin Naannoo Tigraay bulchaa jiru
    TPLF, sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuuf
    karoora isaa ifoomsee jira.
  6. Hiikoo Heera Mootummaa fi kallattii itti aanu

• Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee yaadaa
filannoon akka dheeratu gaafatu fudhachuun haala
filannichi ittii dheeratu danda’u irratti erga bal’inaan
mari’atee booda yaadawwan furmaataa bu’uura heera
mootummaa qaban afur akeekuun sagalee caalmaan
raggaasisee
• Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaafi
Dimokraasii filannoowwan dhiyatan afran erga haalaan
qoratee booda filannoo hiikoon heera mootummaa haa
kennamu jedhu filateera.
• Qaama hiikoo heera mootummaa kennuudhaaf aangoo
qabu Mana Maree Federeeshinii fi Gumii Calaltuu
Heera Mootummaatti qajeelche.

Hiikoo Heera—-

• Koreen dhaabbii kun qaawwa keeyyata Heera
Mootummaa 62(1) fi Key. 84(1) bu’uura godhachuun
keeyyanni 38/, keeyyata 58/, keeyyata 93/ bu’uura
godhachuun hiikoo heera mootummaa filannoo
dheeressuu dandeessisu karaa Mana Maree
Ferereeshinii akka kennamu gaaffii dhiyessee jira.
• Amala Heera Mootummaa irraa yoo kaanee ilaalle,
heerri mootummaa waa hunda karaa bal’ina qabuun
of keessatti ni qabata jedhamee hin yaadamu
• Hiikoon heera mootummaa kan barbaachisuuf
tokkoon tokkoon seerotaa heericha irraa maddan
yaada waliigalaa heera mootummaa bu’uura
godhachuun akka hojjiirra oolaan dandeessisuufidha.

Hiikoo Heera—-

• Kanarraa kaanee yoo ilaallu hiikoon heera mootummaa
gaafachuun seer-qabeessa ta’uunsaa wal nama hin
gaafachiisu.
• Haalli rakkisaa akkasii yeroo mudatu, yoo dhimmichi
kallattiin heera mootummaa keessatti hin caqasamne
ta’e biyyoonni ‘Qajeeltoo Dhimmoota Dirqisiisoo’
(Doctrine of necessity) tti dhimma bahuuun karaa
faayidaa ummataa fi biyyaa eegsisuun qaawwa heera
mootummaa keessatti uumame duuchuun/guutuun
hojiirra akka oolu godhu.
• Hiikoon heera mootummaa akka filannoo bu’uura heera
mootummaa qabu tokkotti haa dhiyatu iyyuu malee,
filannoo of danda’e ta’ee ilaalamuu hin qabu. Inumaayyuu, filannoo bu’uura heera mootummaa qabu
barbaaduun ykn sakatta’uun akka adeemsaatti
(Procedure) fudhatamuu danda’a.

Hiikoo Heera—-

• Kunis sababa inni ta’uuf hiikoon heera mootummaa
filannoowwan sadeenii fi kanneen biroo akka
filannootti dhiyachuu danda’an sakatta’uuf akka
nama dandeessisuuf malee mataasaatiin filannoo
filannoo dheeressu miti.
• Kanaaf, burjaajiin siyaasaa filannicha akkamiin
dheeressina jedhu ni jalqabame malee hin
xumuramne. Kana waan ta’eeff, ho’insi siyaasaa
dheerachuu filannoon wal qabate kana booda kan
dhufu ta’uusaa gamanumaa beekuun
barbaachisaadha

Hiikoo Heera—-

• Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRE
sababa weerara COVID 19 filannoo
Biyyaalessaa marsaa 6ffaa ilaalchisee hiikoo
heera mootummaa gara Gumii Calaltuu Heera
Mootummaatti qajeelche;
• ka’umsaa fi Barbaachisummaa hiikoo
heera mootummaa,
• Adeemsaa fi Yaada murtoo Mana Maree
Federeeshini armaan gaditti dhiyaateera.

Kutaa tokko

2.1 Yaada ka’umsaa Hiikoo Heeraaf

Sababa ta’an

Yaada ka’umsaa…..

  1. Dhimmi kun kan inni Gumii Calaltuu Heeraa FDREf
    dhiyachuu danda’e Manni Maree Bakka Bu’oota
    Ummataa FDRE Eebla 28/2012 Heerri Mootummaa
    FDRE keeyyanni 54(1), 58(3)fi 93 hiikoon heera
    mootummaa akka itti kennamu waan gaafateefidha.

Qabiyyee gaaffichaa

• ‘‘… Keeyyanni 54(1) miseensonni Mana Maree Bakka
Bu’oota Ummataa wagga shan shaniin filatamu.
• Keeyyanni 58(3) ….. Barri hojiisaa xumuramuun dura
baatii tokko dursee filannoon haaraan ni
gaggeeffama. (at normal condition)
• Keeyyanni 93 Labsii Yeroo Muddamaa labsuuf
wantoonni dirqisiisoo kan akka weeraramuu biyyaa,
balaa uumamaa ykn dhibee fayyaa namaa irratti
miidhaa geessisu

Yaada ka’umsaa…..

• Yeroo qophii filannoofi yeroo filannoon
gaggeeffamutti wanti/haalli labsii yeroo muddamaa
akka labsamu dirqisiisu yoo mudate fi filannoon yoo
hin geggeefamne
A. Manni maree fi hojii raawwachiiftuun barri hojii
isaanii xumurame maal ta’a?
B. Haalli labsiin yeroo muddamaa akka labsamu taasise
erga maqfamee booda filannichi yeroo turtii hangamii
keessatti gaggeeffama?
C. Heerri Mootummaa gaaffilee kana oliif deebii hin
qabu waan ta’eef rakkoo nu mudate hiikuuf qaawwa
qaba waan ta’eef hiikoon akka kennamu…’’ kan
jedhudha.

Hiika heeraa fi Muuxanno Biyyoota Alaa

• Manneen Murtii Heera Hiiktuu biyyoota baayee kan
irratti walii galaniifi akka fakkeenyaatti kan heeramu
Manni Murtii Waliigalaa Ameerikaa jaarraa 19ffaa
keessa maalummaa heera mootummaa ilaalchisee
akkas jedhee ture.
• ‘‘… Heerri Mootummaa baroota dheeraa cehuu fi kana
keessatti ammoo waan dhalli namaa tolchuun
walqabatee rakkoowwan uumaman/mudatan irra
darbuuf ykn ce’uuf yaadamee kan wixinfamudha.’’
• Gumiin kun dhimma qabatee jiru irratti hiikoon inni itti
fayyadamee fi hojiirra oolche heerri mootummaa
sanada lubbuu hin qabne, sanada yeroo tokko qofa
hojiirra oolu qofa otoo hin taane kan itti funfinsa qabu,
sanada jiraataa ta’ee akka ilaalamuuf ragaa dha.

Kutaa lama

2.2 Gumichi gaaffii hiikoo heera mootummaa
isaaf dhiyate ilaaluuf aangoo qabachuu
ilaalchise

2.2 Aangoo qabaachuu Gumichaa—

  1. Heerri Mootummaa keeyyanni 84 keeyyata
    xiqqaa 1 aangoo gumichaaf kenne keessaa tokko
    bu’uura heera mootummaa qulqulleessuu dha.
    • Heerri Mootummaa Keeyyanni 84 keeyyanni
    xiqqaa 1 akka armaan gaditti dubbifama:-
    • ‘‘Gumiin Calaltuu Heera Mootummaa
    dhimmoota aangoo heera mootummaa
    qulqulleessuu ni qabaata. Bu’uuruma kanaan
    adeemsa qulqulleessuu keessatti hiikoon heera
    mootummaa barbaachisaa ta’ee yeroo
    argamutti wixinee yaada furmaataa Mana
    Maree Federeeshiniif ni dhiyessa.’’

2.2 Aangoo qabaachuu Gumichaa—

  1. Qabxiin xiyyeeffannoon kennamuufi qabu tokko heerri
    mootummaa keeyyanni 84(1)
    • Afaan Ingiliziin barreeffame aangoo Gumii kanaaf kenne
    ‘the council of constitutional Inquiry shall have powers to
    investigate constitutional disputes’ kan jedhu
    • Haala keeyyata 84(1) Afaaan Ingiliziin barraa’eetti gumichi
    aangoo heera mootummaa qulqulleessu kana qabaatu
    yoo falmiin heera mootummaa ka’e qofa karaa jedhuun
    hiikamee waan barraa’e fakkaata
    • Hiika Afaan Amaaraan barraa’e
    • የእጌ መንግስት ጉዳዮች ኣጣሪ ጉባዬ እጌ መንግስታዊ ጉዳዮችን የማጣራት
    ሥልጣን ይኖረዋል.፡፡ በሚያደርገዉ ማጣራት መሠረት እጌ መንግስቱን
    መተሪጎም ኣስፈላግ ሆኖ ሥያገኜዉ ለፈደረሸን ምክር ቤት በጉዳዩ ላይ
    የዉሣኔ ሀሳብ ያቀርባል፡፡

2.2 Aangoo qabaachuu Gumichaa—

  1. Bu’uura Heera Mootummaa Keeyyata 106n
    garaagarummaan hiikkaa Afaan Amaaraa fi
    Ingilizii gidduu yoo kan jiraatu ta’e hiikkaan
    Amaariffaa hiika isa dhumaa jedhamee
    fudhatama.
    • Hiika Afaan amareeffaa ‘‘Dhimmoota Heera
    Mootummaa calaluuf aangoo ni qaba.’’kan
    jedhudha.
    • Aangoo gumii calaltuu heeraa jiraachuu fi
    dhabamuu dhimmoota falmisiisoon kan hin
    daangofne ta’uu heera mootummaa keeyyata
    84(1) ifatti kaayeera.

2.2 Aangoo qabaachuu Gumichaa—

  1. Gaaffiin mana marichaan dhiyate
    • ‘‘Qophiin filannoo duraa fi yeroo filannoon
    gaggeeffamutti haalli labsii yeroo muddamaa labsisuu
    yoo mudate ykn uumame, kanarraa ka’uun filannoo
    gaggeessuun kan hin danda’amne yoo ta’e
    • Manneen maree fi qaamni hojii raawwachiiftuu amma
    hojiirra jiran barri hojii isaanii maal ta’uu akka qabuufi
    filannoon yoom gaggeeffamuu akka qabu ifatti heera
    mootummaa keessatt tumamuu waan dhabeefi.
    • Waan ta’eef gaaffii karaa mana maree dhiyateef deebii
    kennuuf tumaalee heera mootummaa fi
    qajeeltowwaan bu’uuraa heera mootummaa
    sakatta’uun hiika kennuu barbaachisa.’’

Aangoo qabaachuu Gumichaa—

  1. Filannoon waqtii isaa eegee waan hin
    gaggeeffamneef, qabatamaatti qaawwa aangoo
    uumamuu maluu fi bacancarrii waqtii filannoo irratti
    uumamu akkamiin furama gaaffii deebii furmaata
    bu’uura heera mootummaa qabu kennuuf dhiyate
    waan ta’eef hiikoon heera mootummaa
    barbaachisaadha
    • Kana malees, dhimmi karaa mana marichaa dhiyate
    dhimma qabatamaa heera mootummaa bu’uura
    godhatee fi gumichi murtii ykn yaada murtii Mana
    Maree Federeeshiniif akka dhiyessuu malee gorsa
    seeraa akka kennuufi miti.

2.2 Aangoo qabaachuu Gumichaa—

  1. Dhimmi aangoo gumichaan waliin walqabatee ilaalamu kan
    biroon Mirga Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa
    gaaffii sana dhiyessuuf qaban kan ilaallatu dha.
    • Heera mootummaa keeyyata 84(1) fi bu’uura labsii Gumii
    Calaltuu Dhimmoota Heera Mootummaa hundeessuuf
    labsame lak. 798/2005 keeyyata 3(2)C bu’uureffateetu.
    • Bu’uura labsichaa keeyyata 3(2) Cn gaaffiin hiikoo heera
    mootummaa kan dhiyatu sagalee manneen maree
    federaalaa keessaaa tokko sadaffaan ykn miseensota
    manneen maree naannoleen ykn karaa qaama
    raawwachiiftuu mootummaa federaalaan ta’ee kan
    naannoleenidha.
    • Sababoota 1-6 ibsameen gumichi aangoo gaaffii dhiyate
    calaluu qabaachuu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa
    FDRE gaaffii kana dhiyessuuf mirga qabaachuu isaa
    mirkaneeffateera .

Kutaa sadii

2.3 Dhimma kana ilaaluuf adeemsa
Gumiin Calaltuu Heera Mootummaa
hordofe

2.3 Adeemsa Gumiin Calaltuu Heera Mootummaa hordofe

  1. Gumichi gaaffii hiikoo heera mootummaa dhiyateef murtoo ykn
    yaada murtoo kennuun dura bu’uura labsii lak. 798/2005
    keeyyata 9n qaamonni dhimmi ilaallatuu fi ogeeyyiin beeksisaa fi
    waamicha ifa ta’e gochuun yaanni akka irratti kennamu
    taasiseera.
    • Haaluma kanaan barreeffamoota soddomii afur ogeeyyii heera
    mootummmaa biyya keessaafi alaa dhimmicha irratti
    calaqqisiisaan sakatta’eera.
    • Waltajjii dhaabbilee garaagaraa fi ogeeyyiif qopheesseen
    Caamsaa 8, 10 fi 13, 2012
    • Waldaa Ogeeyyii Seeraafi Abukaattotaa waliin,
    • Ogeeyyii heera mootummaa 10,
    • Namoota yeroo heerri mootummaa ragga’e gahee qaban 4
    • Boordii filannoo irraa, Ministeera Fayyaa irraa,
    • Iniostitiwuutii Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa,
    • Waldaa Ogeessota Fayyaafi kaawunsilii saayinsii COVID 19
    duraa(hearing) gaggeesseera. Adeemsi kunis karaa miidiyaalee
    tamsaasa kallattiin ummanni akka hordofu taasiseera

2.3 Adeemsa Gumiin Calaltuu Heera Mootummaa hordofe…..

  1. Gumichi yaadota ogummaa barreeffamaan sassaabeefi
    falmii duraa ogeessota irraa dhagahe keessatti yaadonni
    baayeen calaqqisaniiru.
    • Keessumaa sirna hiikoo heera Itoophiyaa keessatti
    dhimma maalummaa hiikoo heera mootummaa,
    • Gumichi aangoo hiikoo heera mootummaa calaluuf qabu,
    • Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRE mirga hiikoo
    heera mootummaa dhiyessuu qabaachuu isaa
    • Gaaffiin hiikoon heera mootummaa akka itti kennamu
    dhiyateefi tumaalee heera mootummaa hiikni itti
    kennamu irratti ogeeyyiin yaada qaban dhiyessaniiru.

2.3 Adeemsa Gumiin Calaltuu Heera Mootummaa hordofe…..

  1. Ragaa Namoota Heerri mootummaa yeroo wixinfamuu fi
    ragga’u turan raga bahaniin
    • labsii yeroo muddamaa yoo wal irra bu’e maal godhamuu
    akka qabu gaaffii ka’ullee murteen otoo hin kennamiin kan
    bira darbamee ta’uu isaa
    • Carraan haalli kun itti uumamuu malu dhiphaa waan ta’eef
    taatee akkasiif tumaa heera ka’uun hin danda’amu yaada
    jedhun kan bira darbame ta’uu hubateera.
    • Kana malees, heerri mootummaa yeroo wixinfamutti
    qaawwan aangoo mootummaa akka hin uumamne of
    eeggannoon olaanaan akka taasifame hubachiisaniiru.
    • Heerri mootummaa sanada rakkoo hiikoo waan ta’eef
    rakkoo amma nu mudate hiikuudhaaf kaayyoofi galma
    heera mootummaa bu’uura godhachuun malli dhahamuufi
    akka qabu ragaa bahaniiru

2.3 Adeemsa Gumiin Calaltuu Heera Mootummaa hordofe…..

  1. Ragaa dhaabbileen Fayyaa wajjiin walqabatan taasisan
    • Ministeerrii Fayyaa, I.F.H.I. fi Kaawunsiliin Gorsaa
    Saayinsii COVID 19 ragaa falmii duraa godhaniin
    amala weerara dhibichaa fi tatamsa’ina isaa,
    tarkaanfiiwwan ittisaa fudhatamanii fi dhiibbaa inni
    filannoo irraan gahuu ibsaniiru.
    • Dhibichi yeroo namni dubbatu, Qufa’uufi haxxifatuu
    fi wal tuttuquun akkasumas namoota mallattoon
    dhibee kanaa irratti hin mul’anneen kan daddarbu
    ta’uu ibsaniiru.
    • Itoophiyaattis faacaatiin dhibee kanaa dabalaa kan
    deemaa jiruufi namoota seenaa imalaa hin qabne
    hubamaa jiraachuun dhibeen kun hawaasa keessa
    bal’achaa jiraachuu isaaf agarsiistuu ta’uu ibsaniiru.

Ragaa dhaabbileen Fayyaa wajjiin walqabatan taasisan—-

• Hanga ammatti qoriochas ta’ee kittibaanni dhibee
kanaaf waan hin argamneef filannoon tokkichi jiru
ofirraa ittisuu qofa akka ta’eefi hanga ammaatti
tatamsa’ina dhibee kanaa ittisuuf kan dadhabameef
tarkaanffiiwwan of eeggannoo addaa addaa
fudhataman irraa ka’ee akka ta’e hubachiisaniiru.
• Weerarri dhibee kanaa haaraa waan ta’eef yeroo
akkanaatti ni dhabamsiifama ykn ni bada jedhanii
dubbachhun kan hin danda’amneefi filannoon
namoota baayee sochoosuuf taatee tuttuqaan itti
baay’atu waan ta’eef weerara dhibee kanaaf haala
mijataa kan uumuu ta’uu ibsaniiru

2.3 Adeemsa Gumiin Calaltuu Heera Mootummaa hordofe…..
• Yaadaa Boordiin Filannoo Biyyoolessaa dhaga’uu
• Waa’ee waliigala filannoo fi yaaddoo weerara
Kooviid 19 ilaalchisuudhaan Boordiin Filannoo
Biyyoolessaa yaa’iif barreeffamaafi dhagahuun ibsa
bal’aa kenneera.
• Boordiin Filannoo gamaaggama haala yeroo irratti
taasiseen, weerara kooviidiif deebii kennuuf
tarkaanfileen fudhataman filannoo gaggeessuuf
rakkoo akka uumtu beeksiseera.
• Keessattuu galmeessuun filattootaataa,
galmeessuun kaadhimamtootaa, akkasumas kenniinsi
sagalee gargaarsa tekinooloojii gadi bu’aadhaan kan
raawwatamu waan ta’aniif.

2.3 Adeemsa Gumiin Calaltuu Heera Mootummaa hordofe…..
• Ragawwan adda addaa ilaalaman ykn
sakatta’amaniin
• Seeronni biyyittii sirrii kan jiran yoo ta’an,
• Yaa’ichi heera mootummaa balballoomii hundaafi
murteef akkasuma yaada murtee akka ka’umsaatti
gargaaramee jira.
• Heerri mootummaa dabalataan yaa’ii qorqortii heeraa
mootummaa labsii lakkoofsa 798/2005
• Itoophiyaan kan raggaasiste sanadoota mirgoota dhala
namaa addunyaawaa fi ardiilee fayyadameera.
• Yaadawwaan dhaabbilee mirgoota dhala namaa
addunyaawaa, seerootaa fi muuxannoo sirrii ta’an kan
biyyootaa adda addaa
• Qu’annoon dhimma kanarratti ogeessota wajjira
yaa’ichaatiin qoratamanii fi

Kutaa Afur

2.4 Hiikkoo heera mootummaa dhihaate
irratti dubbiiwwaan ijoo yaa’ichaa

2.4 Dubbiiwwaan Ijoo Yaa’ichaa—

Dubbiiwwaan ijoo deebii bu’uuraa argachuu qaban:
A.Dhalachuu weerara koovii 19 fi weeraricha ittisuuf,
to’achuufi dhiibbaa isaa hir’isuuf labsii yeroo
muddamaa labsameen, sababa labsii lakkoofsa
3/2012 angoon mana mareetiifi qaamolee hojii
raawwachiistuu barri hojii ilaalamee gaaffii manni
maree bakka bu’oota uummata RFDI dhiheesse,
manni mare bakka bu’oota uummataa deebisuuf
keeyanni heera mootummaa 54/1, 58(3) fi 93
akkamitti hiikamaa?

Kutaa Shan

2.5 Qorannoo Hiikoo heera mootummaa ija

Qajeelfama adda addan Qoratame

2.5 Qorannoo Heeraa taasifame

• Yaa’ichi dhimmoota qabatamaan qabate seera
raggaasifaman gara garaa, qajeelfamoota waliigalaa
heera mootummaa, kaayyoo heera mootummaa fi galii
akkasuma ija qajeelfama hiikoo heera mootummaa
gara garaatiin qorateera.
• Kan duraa heera mootummaa keeyyata 9 (3), 54(1),
58(3), 67 (2) fi 72(3) irratti filannoo, yeroo filannoo,
angoo turtii bara hojii mootummaa kan agarsiisaniidha.
• Lammaffaan, heera mootummaa keeyyata 93 gubbatti,
dhimmi dirqisiisaan yookiin haalli humnaan ol ta’e
biyyittii keessatti yoo dhalattu tarkaaffiiwwaan
fudhaman kan ilaallatuudha.
• Raggaasifamni heeraa mootummaa kun keeyyata
54(1), 58(3) waliin walittitti dhufeenya inni qabuu
bu’uura godhachuun hiikuun kan barbaachisuudha.

Raggaasfamoota heera mootummaa keeyyata 54 (1), 58(3) fi
93 hiikoo seeraa kallattii ilaalchisee
Akkaataa keeyyata 38 (1) tiin fialannoon taasifamu, hunda
galeessa, bilisa, kallattiidhaan kan raawwatamu,
sirraawaa fi kenniinsi sagalee iccittiidhaan kan
raawwatamu ta’uu qaba.
• Akkataa keeyyata heera mootummaa 58/3 tiin
“miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa kan
filamaniif waggaa shaniif. Barri hojii isaanii xumuramuuf
ji’a tokko durfamee filannoon haaraa taasifamee
raawwatama.” jedha
• Akkaataan tumaa lameen oliin keeyyata 93 dhihaate
wajjiin walitti hidhamuun yoo dubbifamanu iftoominni
irraa hir’ata.
• Kanaafuu, tumaalee seeraa kana hiikoo heera
mootummaatiin ifa gochuun barbaachisaadha.

Raggaasfamoota heera mootummaa keeyyata 54 (1),
58(3) fi 93 hiikoo seeraa kallattii ilaalchisee—-
• Heera mootummaa keeyyata 54(1) tiin sirni filannoo
qabiyyee fi yeroodhaan daangeffame akka jiru kan
murteessee jiraachuu yoo ta’u,
• Qabxiin bu’uura keeyyata 58(3) jalatti tumamte,
miseensonni mana mare bakka bu’oota uummataa
kan filaman bara hojii waggaa shaniif yoo ta’u,
• Barri hojii miseensota mana maree bakka bu’oota
uummataa osoo hin raawwatamin ji’a tokko duratti
filannoon haaraan gaggeeffamee raawwatamuun
xumuramuun akka irra jiraatu kan agarsiisuudha

Raggaasfamoota heera mootummaa keeyyata 54 (1),
58(3) fi 93 hiikoo seeraa kallattii ilaalchisee—-
• Murtee kanarraa wanti hubatamuun danda’amu, barri
hojii miseensota mana maree bakka bu’oota uummataa
waggaa shan ta’us, waggaan shanan kun akkuma
raawwateen kan laakka’amu ji’a tokko dura filannoon
haaraan gaggeeffamee wal harkaa fuudhiinsi angoo yoo
raawwatame qofaadha.
• Barri hojii mana mare haal duree adeemsifamuu
filannoo haaraa irratti kan hundeeffame malee, murtee
kophaa isaa akka hin taane barri hojii mana marichii
yeroo filanoo hordofee kan adeemsifamuudha.
• Haa ta’uutii malee waggaa shan jedhame kana keessatti
haalawwaan filannoon akka hin gaggeeffamne taasisan
yoo dhalatan bara hojii mootummaa maal ta’uu akka
qaba kan jedhu ilaaluun barbaachisaadha.

Raggaasfamoota heera mootummaa keeyyata 54 (1),
58(3) fi 93 hiikoo seeraa kallattii ilaalchisee—-
• Haala qabatamaa amma jiruun, weerara kooviid 19
addunyaa weeraree fi kanuma ittisuu fi to’achuuf labsii
yeroo muddamaa labsameen filannoo waliigalaa itti
aanaa gaggeessuun akka hin danda’amne mana mare
bakka bu’oota uummataatiin mirkaneeffameera.
• Akkataa heera mootummaa keeyyata 93 tti,
mootummaan labsii yeroo muddamaa labsuudhaan
weerara Koronaa Vaayrasii ittisuu fi to’achuuf mirgoota
heera mootummaa tokko tokko yeroodhaaf ugguree
dirqama nageenyummaa fi fayyaa waliigala uummataa
eegsisuu irratti argama.
• Haaluma murtee heera mootummaa kanaan, labsii
yeroo muddamaa bahee kanaanis mirgoonni
dimookiraasii filannoo wajjiinis wal qabatan tokko
tokkos ugguramaniiru.

Raggaasfamoota heera mootummaa keeyyata 54 (1),
58(3) fi 93 hiikoo seeraa kallattii ilaalchisee—-
• Kana waan ta’eefuu, heera mootummaa
keeyyata 54 (1) fi 58 (3) jalatti kan murame,
angoon bara hojii mootummaa idilee fi barri shan
kan filannoo itti gaggeeffamuu qabu hojiirra
oolfamuu hin danda’amne.
• Kanaafuu, hanaga weerarri Vaayirasii koroonaa
addunyaa irraa to’annaa jala oolee labsiin yeroo
muddamaa Koronaa kana ittisuu fi to’achuuf
labsame hanga kaafamutti, yeroo filannoon itti
aanu gaggeefamu dheereffamuu qaba; angoon
bara hojii mootummaas itti fufuu qaba.

Tumaalee heera mootummaa keeyya 54 (1), 58(3) fi 93 ija

qajeelfamaa fi kaayyoo heera mootummaatiin:

• Dhimmi kamiiyyuu kan heera mootummaa keessatti
kaafamee jiru hiika kan barbaadu ta’ee yoo argame,
• Hiikaan kan itti kennamu haala waliigalaa kaayyoo fi hafuura
tumaalee heera mootummaa akkasuma tokkon tokkoon
hiikoof dhihaatan kaayyoon tumaalee heera mootummaa fi
galma gahumsa barbaadamee fi gama rakkoowwaan
dhaabmsiifamuu barbaadameeniidha
• Heerri mootummaa dhalootarraa dhalootatti kan darbu,
gaaffiilee heera mootummaa fi dhimma kamiyyuu kan
deebisu nagaa yeroo dheeraa, dimookiraasii fi guddina kan
argamsiisuu danda’uu fi sirna federaalawaa heerri
mootummaa deeggaru gama kabachisiisuun mirgoota
lammiileetii fi dhuunfaas kan eegsisu ta’uu qaba

Tumaalee heera mootummaa keeyyata 54 (1), 58(3) fi
93 haala walii gala bu’uura mirgootaa fi gama

bilisummaa jiraniin yoo ilaalamu

• Seensa heera mootummaa, qajeelfamoota bu’uura gama ittiin
tuman, akkasuma tumaalee waliigalaa irraa hubatamuun akka
danda’amu, heerri mootummaa sanada mirgoota sabummaa
bu’uura kan godhate taasisuu isaati.
• Seerrii labsii yeroo muddamaa kaayyoon isaa guddaan
nageenyummaa biyyaa, fayyaa uummataa fi sirna heera
mootummaa eeguu fi qaawa uumame dhabamsiisee biyya gara
haala baramaa duraan turetti deebisuuf waan ta’eef qaawa
yeroo labsii muddamaa keessatti dhalate dhabamsiisuuf
jedhamee sadarkaa barbaadameen mirgoonni dimookoraasii
hedduun daangeffamuu danda’an. Kana kessa mirgi filuu
filatamu isa tokko dha

2.5.1 Labsii yeroo muddamaa fi yeroo filannoo

ilaalchisee:

• Yeroon filannoo dheerachuusaa ilaalchisee heera
mootummaa keewwata 54(1) fi 58(3) birqaba heera
mootummaa keewwata 93 tiin ilaaluun barbaachisaadha
• Weerara idil addunyaa vaayirasii kooviidi 19 fi kanuma
ittisuu fi to’achuudhaaf sababa labsii yeroo ariifachiisaa
baheen filannoon guutuu biyyaa yeroosaa eeggatee
gaggeeffamuu hin dandeenye. Kanaaf yeroon filannoo
addaa jiraachuu qaba.
• Hojii irra oolmaa heera mootummaa keeyyata 38 irratti
Key. 54(1) fi 58(3) ida’uun Filannoon Biyyoleessa yeroo
ka’a’ame keessatti geggeessuu waan hin dandeenyeef
gara fuula duraa dheerachuutu irra jiraata.

2.5.2 Bara hojii aangoo mootummaa
• Heerri mootummaa gosa ilchisee aangoo mootummaa sadiitiif
beekamtii kan kenna
• Tokkeffaa: barri aangoo mootummaa isa idilee keeyyata 54(1),
58(3), 67(2) fi 72(3)
• Inni lammaffaa, bara aangoo hojii mootummaa idileetiin gadi
kan ta’e keeyyata 12(3), 54(7) fi 60
• Inni sadaffaan, sababa hiikkoo heera mootummaa bara
aangoo hojii mootummaa idileetiin alatti dheeratedha.
• Filannoon waliigala biyyoolessaa 6ffaan sababa weerara
kooviidi 19 bu’uura heera mootummaa keeyyata 54(1) fi
58(3)tiin filannoon yeroo taa’eefii keessatti gaggeeffamuu
waan hin dandeenyeef hanga filannoon gaggeeffamee aangoo
dhaaba siyaasaa mo’atetti aangoo dabarsee kennutti itti fufa.

2.5.3 Itti gaafatamummaa mootummaa aangoo

qabatee itti fufuu ilaalchisee

• Mootummaan aangoon inni qabaachuu qabuu fi itti
gaafatamummaan isaa maal ta’uun akka irra jiraatu maali
dhimmi jedhu dhimma deebii argachuu qabudha. Yaa’iinis dhimmasaa kaayyoo waliigala heera
mootummaa fi galmoota milkeessuuf yaadeen
sakatta’eera
• Mootummaan bu’uura heera mootummaa keeyyata 9(2)
fi keeyyata 12(1)tiin hojimaatasaa ifaa fi sirna itti
gaafatamummaa uumu diriirsuudhaan sirna heera
mootummaa eegsisuu qaba
• Waan ta’eefuu, mootummaan dhimmoota dinagdee fi
siyaasaa biyya keessa jiran karaa qindaa’aa ta’een
hogganuudhaan seera baasuu, seera hiikuu fi
raawwachiisuuf aangoo isa dandeessisu qabatee itti
fufutu irra jiraata.

2.5.4 Yeroo filannoon itti aanu itti taasifamu

ilaalchisee

• Sadarkaa idil addunyaatti sababa weerara koronaatiin
biyyoonni 53 filannoo waliigalaa, naannoo, itti
guutinsaa ykn murtoo ummataa haqanii jiru. FKN Indii
fi Kanadaa
• Heerri mootummaa RDFI tumata akkanaa ifa ta’e waan
hin qabneef filannoon itti aanu yeroo hammamii
keessatti gaggeeffamuun irra jiraata? Yaadni jedhu
gaaffii deebii cimaa barbaadudha.
• Yaa’ichi filannoon kun yeroo akkamii keessatti
gaggeeffamuun akkarra jiraatu mirga filuu fi filatamuu
akkasumas bilisa, hunda kan ammate,
walqixxummaarratti kan hundaa’e,kallattiidhaan,
kenninsa sagalee iccitiidhaan filataan fedhiisaa bilisa
kan itti ibsu ta’uu dandeessisan yaada keessa
galchachuudhaa.

2.5.4 Yeroo filannoon itti aanu itti taasifamu
ilaalchisee……

• Weerarichi balaa fayyaa ummataa ta’uunsaa hafeera
kan jedhamu yoomidha gaaffii jedhuuf
• Yaa’iin hubachiistota dhiyeessee dhageessiseen
hoggantoonni hojii olaanoo fi ogeessonni fayyaa
talaalliin yommuu argamu ykn qorichisaa yommuu
argamu ykn argannoo saayinsawaa bu’uura
godhachuudhaani
• Yaada Hubachiistootaan amma sadarkaa irra jirruun
vaayirasichaaf qorichis ta’e talaalliin akka hin
argamnee fi yoom akka argamu ifatti waanti
beekame hin jiru.

2.5.4 Yeroo filannoon itti aanu itti taasifamu

ilaalchisee……

• Bu’uura heera mootummaatiin weerarichi yaaddoo
fayyaa ummataa ta’uu dhiisuunsaa eenyuun
mirkanaa’uu qaba?
• Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Ministeera Fayyaa RDFI
biyya keenyaatiin akkasumas, Inistituutii Fayyaa
Hawaasaa fi miseensota saayinsii fayyaa hawaasaa
kanneen biroo wajjin mari’achuudhaan
odeeffannoowwan bahan bu’uura godhateeti.
• Waan ta’eefuu odeeffannoo kana bu’uura godhachuu fi
qindeessuudhaan Ministeerri Fayyaa RDFI murtoosaa ykn
yaada murtoo mana maree bakka bu’oota ummataaf
akkataa key. 55(17) fi 55(18) yommuu dhiyeesudha.

2.5.4 Yeroo filannoon itti aanu itti taasifamu
ilaalchisee……
• Dhukkubichi yaaddoo fayyaa hawaasaa ta’uusaa yeroon
itti raawwatuu yeroo hangamii keessatti filannoon
gaggeeffamuu qaba?
• Heerri mootummaa akka waliigalaatti bu’uura keeyyata
60(3) tiin yeroo ji’a jaha hin caalle keessatti filannoo
waliigalaa gaggeesuun akka danda’amu tuma. Haala
idilee keessatti garuu yeroo labsii ….
• Bu’uura heera mootummaa keeyyata 102n yaa’ichi
Boordii Filannoo akka yaada itti kennu taasiseera.
• Boordiin Filannoos yoo ta’e (ብሆን) lama dhiyeessera.
• Inni jalqabaa ji’oota 10 keessatti, lammaffaatiin ji’a 13
akka itti fudhatu kaa’eera
• Yaa’ichis yaadoota yoo ta’an lamaniif haala qabatama
dhukubichaa yaada keessa galchuun Ji’a 9 hanga 12 akka
geggeefamu qabamee jira.

2.5.6 Yeroon filannoo dheerachuu fi barri hojii
aangoo mootummaa Federaalaa fi Naannolee

• Manni maree bakka bu’ootaa gaaffii dhiyeesse
filannoon dheerachuun hiikkoo heera mootummaa
dhiyaatee manneen maree fi aangoon qaama
raawwachiiftuu attam ta’a yaada Jedhu ta’uu isaa.
• Boordiin Filannoo biyyoolessa sababa wareera kooviid
19 filannoo guutuu biyyolessaa 6ffaa geggeesuu hin
danda’u jechuu isaa
• Labsiin yeroo hatattamaa mootummaa federalaa
guutuu biyyatti kan labsame ta’uu
• Yaa’ichi xiinxala keessa galchuun yaadni murtoo
filannoo federaalaa, naannolee fi manneen maree
irattis akksuma raawwatiinsa qabata.

Kutaa Ja’a

2.6 Yaada Murtoo

2.6 Yaada murtoo yaa’ii qulqulleessituu heeraa
• Gaaffii heera mootummaa 54(1), 58(3) fi 93 hiikuudhaan
murtoon akka itti kennamuuf akkaataa gaafatameen
yaadota murtoo itti aanan sagale guutuun dhiyeesseera.

  1. Labsiin yeroo hatattamaa Lakk. 3/2012 kaafamee
    filannoon haaraan geggeefamee hanga aangoon wal
    irra fuudhamuutti barri hojii M/M/B/B/U, M/M/
    federeshinii, M/M naannolee fi qaamolee hojii
    raawwachiiftuu federaalaa fi naannolee akka itti fufu fi
    bu’uura heera FDRI keeyyata 84(1) murtoo dhumaa
    akka itti kennu M/M/federeshiniif yaada dhiyeesseera
  2. Guyyaa labsiin yeroo hatattamaa Lakk. 3/2012 ka’uun
    M/M/B/B/U raggaasise irraa eegalee ji’oota sagalii
    hanga waggaa tokkoo gidduutti bu’uuruma heera RFDI
    keeyyata 84(1)’tiin M/M/Federeeshinii murtoo dhumaa
    akka itti kennuuf yaada furmaataa dhiyeesseera.
  3. Qooda Paartiilee Morkattootaa
    3.1. KFO’fi Gola (Camp) Sabboonummaa Fiinxaalessaa
    • KFO’fi namoonni siyaasaa paarticha keessa jiran
    ejjetnoo filannoon geggefamu qaba jedhu qabu turan
    • Ejjannoo isaanii kanaanis hiriirri isaanii ABUT wajjin
    tokkodha.
    • Faallaa kanaatiin mariin hayyootaa akka godhamuufi
    filannichi akka dheeratu lallabaa warri turan
    paartiileen akka IZEMA’s turaanii jiru.
    • Erga filannoon dheerachuu irra bu’e immoo KFOn
    yeroo ammaa yaada furmaata siyaasaa ajanda jedhu
    qabatee dhufee jira.

KFO………

• Gaalee “furmaata siyaasaa” jettu tanas ta’e jedhanii
filannoo al-heerawaa ta’e haguuguuf kan dhimma itti
bahanidha
• Maddi furmaata siyaasaas haammattoo heeraa qofa
ta’uu qaba. Yoo kana hin taane yaadichi al-heerawaa
ta’uunsaa hin oolu.
• Marii siyaasaatiin aangoo mootummaa qabachuuf
osoo hin filatamin ummata bakka buune jedhanii
murtoowwan biyyoolessaa baasuun heera RFDI’tiin
ifatti kan dhorkamedha
• Gaaleen “furmaata siyaasaa” jettu tun maqaa
daabboo “Mootummaa Cehumsaa” ti.

KFO…..

• KFO’n yeroo kanatti yaada mootummaa cehumsaa jedhu
fiduu kan danda’e Sababoota lama qaba.

  1. KFO’ fi fakkaattonni isaa mootummaan dadhabaa waan ta’eef
    jeequmsaa fi hokkaran filannoo mo’uu tarsimmoo godhatanii
    socho’aa turan.
    • Humni mootummaa ol’antummaa seeraa kabachiisuuf dabala
    dhufu, labsiin Koviidf ba’e mootummaaf humna dabaluu fi
    namni qalbiin isaa gara dhukkubatti waan deebi’eef humni
    isaan waan xiqqate waan itti fakkateef yaada mootummaa
    ce’umsaa jedhu kana filataniiru.
  2. Yoo mootumman ce’umsa jiraate humnoonni sabboonummaa
    fiinxaalessaa irratti hundaa’an hedduu waan ta’aniif KFO’n
    humnoota kanniin of cinaa hiriirsee olaantummaa siyaasaa
    carraa itti aragachuu danda’u akka argatetti yaada.

KFO…..

• KFO ummata Oromootiifan qabsaa’a jedhu aangoo
argachuu qofaaf jecha ABUT wajjin waltumsuu fi
qindoomuu isaa ibuun ummata biratti fudhatama
dhabsiisuu
• Adeemsi KFO kun afaan siyaasaatiin yeroo ibsamu
“Mogolee Akilas”(dadhabina paartichi haaluma
salphaadhaan ittiin moo’amu) jechuudha.

• Gama birootiin yaadonni nuti KFO’fi fakkaattota isaatti
darbannu kamiyyuu kallattiidhaan gaaffii isaaniitiif deebii
kennuu irratti kan xiyyeeffatuufi ajandaa isaanii keessa
seennee akka daaknuuf kan nu saaxilu ta’uu hin qabu
• Gabaabumatti, gara fuulduraatti ummata dii-polatizaayiiz
gochuuf hojiiwwan hawwatoo xiyyeeffannaa isaa
dhimmoota kaan irra kaayyatu hojjachuufi tooftaa
komunikeeshinii diriirsuutu barbaachisa.

3.2. Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (ABUT)

• ABUT barruulee “Wayyin” irratti gaafa guyyaa
Bitootessa 2011 maxxanse filannoo sadarkaa
naannootti akka geggeessu kaayeet ture.
Tarsimmichaatiin ABUT isaan ijoon

  1. Walitti makamuun ADWUI akka hin milkoofne gochuu
  2. Gamtaa humnoota federaalistii ofiin jedhan ijaaruu
  3. Filannoo biyyoolessaa geggeessuun yoo hin
    danda’amne sadarkaa naannoo bulchaa jiruutti
    filannoo geggeessuu
  4. Humnoota sabboonummaa fiinxaalessaa
    mootummaa federaalaa mormu kamiyyuu wajjin
    tumsa uumee mootummaa garagalchuu
  5. Kaayyoowwan armaan olitti tarreeffaman kunniin yoo
    milkaa’uu baate “de facto state” hundeessuu

ABUT yeroo ammaa maalitti jira….

• Filannoo akka geggeessuu sadarkaa paartiitti, kaabinee
naannoo fi mana maree nannoon murteesse jira.
• Gama Mootummaa federaalaan maal godhamuu qaban.

  1. Kaayyoon isaanii mootummaa tuttuquun ummataa
    waliin walitti buusuu waan ta’eef deebiin isaaniif
    kennamu hariiroo heeraaf seeraa qofa eegee akka
    deemu taasisuu
  2. Murtii filannoo geggeessuuf Boordii filannoof yoo
    dhiyeessan murtii akka biyyati darbe iratti hunda’uun
    boordiin filannoo akka deebii kennu gochuu
  3. Mana maree federeshiinitti yoo geessan manni maree
    federeshinii akka deebii kennu gochuu
  4. Dhimmicha gara fuulduratti dhiibuunsochii al seerawaa
    balaafamoo keessa yoo lixan maree fi bu’uura seeraatiin
    mootummaan federaalaa deebii barbaachisu akka
    kennu ta’a

Gama Mootummaa federaalaan maal godhamuu qaban…..

  1. Garee warra mootummaa ce’umsaa hundeessina
    jedhan mallaqaan deggeeruu
  2. Garee humna faxilessoota ABUT dhoksan deggeru
    kanneen akka naannummaa Walayitaa, Agawu fi
    qimanti, akkasumas Naannoo Afar, Sumaalee, B.G fi
    gambellaa keessa humna sochoosuu ijaaruun
    jeequmsaa fi tasgabbii dhabsiisu ni danda’a.
  3. Gaaffii dhimma daangaa Naannoo Amaaraa fi Sudaan
    Gidduu jiru babalisuun hanga deggersa waraanaa
    kennuuf deemuu ni danda’a.
  4. Qorannoo Bal’aa kan barbaadu yoo ta’es dhimma
    Hidha Haaromsaa irratti Gibxii wajjiin hidhata akka
    kaban ni shakkama.

3.3. ABO-Shanee

• ABO-Shaneen jalqabumarraayyuu uumama biyyaa irratti
garaagarummaa guddaa qaba,
• Ummatni Oromoo adeemsa ijaarsa biyya keessatti
qooda waan hin qabneef biyyatiin diigamtee ijaaramuu
qabdi yaada jedhu qaba.
Kun immoo Sababiin dhiyatu sadan dogoggora
• Tokkoffaa, seenaa haaluu; lammaffaa, diigee zeeroo irraa
ka’ee ijaaruu; sadaffaa, ejjannoonsaa al-heerawaadha.
• ABO-Shaneen barii jijjiiramichaa irraa eegalee miila
lamaan kan dhaabatedha. Finfinnee fi Bosona
• Dheerachuu filannoo irratti KFO’fi ABUT wajjin
ejjannoo walfakkaatu kan qabu
• Haala adda ta’een ammoo KFO wajjin
mootummaan cehumsaa haa hundeeffamu
jedha.

3.3. ABO-Shanee……

• Tooftaaleen inni aangoo qaxxaamuraan qabachuuf
dhimma itti bahu qabsoo hidhannootiin hokkaraa fi
jeequmsa uumuu;
• Humna jijjiiramaa kana haala sanyummaa olaanaa
ta’een jibbisiisuu.
• ABO-Shanee aduu saafaatti nama ajjeessu
mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu hin
dandeenye jedhu
• Yeroo mootummaan olaantummaa seeraa
kabachiisuuf yaalutti ammoo ummanni dhumaa jira,
• Dhiittaan mirga namoomaa qaqqabaa jira tooftaa
jedhu fayyadamuun dargaggoota miira sanyummaatiin
sochoosuu barbaada.

  1. Qooda Humnoota (Actors) Alaa

• Dheerachuu filannoo hordofuun gochawwan
humnoota alaa lama ni eegamu:- Isaanis
• keessa-seentummaa al-kallattii(indirect intervention)
fi dhiibbaa hololaati.

  1. Keessa-seentummaan al-kallattii irra guddaan
    biyyootaa fi gareewwan biyyi keenya akka hin
    tasgabboofne barbaadaniin kan uumamudha
  2. Humnoonni dhiibbaa hololaa uumuu barbaadan
    ammoo dhaabbiilee biyyoota lixaa abokaattoo
    demokiraasii godhanii of dhiyeessan ta’uu ni malu.
    • Humnootaafi keessa-sentummaa isaanii bakka lamatti
    qoodnee ilaaluu ni dandeenya.
  3. Qooda Humnoota (Actors) Alaa…. biyya Misiraa.
    • Humni kun dheerachuu filannoo hordofuun biyyattii
    keessatti tasgabbiin akka hin uumamne gochuu fi
    humnoota aangoo qabachuuf falman maallaqaa fi
    akaakuudhaan kan deeggartu ta’a.
    Agarsiiftuwwan
  4. Mariin/dubbiin (negotiation) Hidha Haaromsaa irratti ture
    akkaataa biyyi Misiraa eegdeen waan hin deemneef
  5. Biyyi Misir shakala waraana haala kallattiin biyya keenya
    waraantu fakkatu agarsiisaa turuu ishee
  6. carraawwan hidha haaromsaa dhaabuu yookaan danquu
    danda’an uumuufi fayyadamuu irraa boodatti hin jedhu
  7. Biyyi Misiraa armaan dura illee gocha akkasii irratti
    hirmaachaa turuun
  8. Qooda Humnoota (Actors) Alaa…. biyya Misiraa.
    • Biyyi Misiraa adda durummaan ABUT, Jawaarii (
    Deggersa Mallaqaa) fi humnoota hidhatan (Deggersa
    Mallaqaa fi Meeshaa)n qofaa fi waloon hojjachuu
    • Jawaariifi qindoominni isaa sochiin humnoota
    hidhatan wajjin taasisan jiraachuu malus sochii
    hidhannoodhaan deeggarame gochuuf carraan isaa
    dhiphaadha.
    • ABUT’s yoo ta’e wayita kanatti mootummaa federaalaa
    wajjin falmii waraanaa keessa gala jedhamee hin
    eegamu
    • Humnoota sochii hidhannoo keessa jiraniifi humni
    isaanii dadhabaa dhufeef deeggarsa maallaqaafi
    meeshaa waraanaa taasisuun akka jabaatan gochuu ni
    dandeessi.

Lammaffaan dhiibbaa hololaafi humnoota lixaati
• Dhiibbaan hololaa kun qeeqaa fi baaltiiwwan
filannoon hin geggeeffamne jedhani
• Qeeqonni kun yaaddoo nageenyaa ta’uu baatanis,
ü Fudhatamummaa jijjiiramichaa xureessuudhaan
ü Fudhatamummaa dirree diippiloomaasi irratti qabdu
irratti dhiibbaa uumuu ni danda’a.
• Dhiibbaa fi tasgabbii dhabuu humnoonni alaa uumuu
danda’an dammaqinaan ofirraa qolachuu hojiiwwan
gurguddoo sadi raawwachuun nurra jiraata.
• Isaanis hojiiwwan nageenyaa, diippiloomaasii fi
siyaasaa fi ijaarsaa keenya cimsuudha.

  1. Kallattii Qabsoo Fuulduraa

5.1 Hojiiwwan siyaasaafi ijaarsaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa cimsuu.
• Sadarkaa hoggansa olaanaarraa hanga miseensota keenya
guutuufi deeggartoota keenyaatti mariin ifa ta’ee tarreeffamuu
fi bilchina qabu akka geggeeffamu gochuudhaan;
• Tokkoffaa, dheerachuu filannoo wajjin walqabatee
ejjannoowwan siyaasaa, eenyummaafi hiriira humnoonni
siyaasaa uumaniin badiiwwan uumamuu danda’an irratti
ifoomina uumuu barbaachisa.
• Lammaffaa, filannichi maaliifi haala maaliin akka dheerate
irratti yaadota furmaataa heerarratti bu’uureffaman weerara
dhibee koronaafi hiikkaa inni Hidha Haaromsaa wajjin qabu
qulqullaa’ee akka hubatamu gochuun nurra jira
• Sadaffaa, yaadni furmaataa dhiyaate adeemsa akkamii keessa
akka dabree fi fuulduratti haleellaa humnoonni badii uummuu
danda’anirratti hubannoo guutuu horachuun irree
gamtoomeen fashaleessuu irratti dammaqinaan hojiiwwan
siyaasaa hojjachuutu nurra jira

  1. Kallattii Qabsoo Fuulduraa….

5.2. Sadarkaa qaamolee hawaasaa adda addaatti,
keessumaa hayyoota, dargaggoota, dubartoota, abbootii
qabeenyaafi namoota dhiibbaa uumuu danda’an,
lakkoofsa xixiqqaatti qoqqooduudhaan marii hiikkoo
qabu geggeessuun ejjannoo sirrii akka qabaatan gochuun
nurraa eegama.
5.3. Qonnaan bultoota, jiraattota magaalaa fi kkf haaluma

walfakkaatuun dhimmoota dheerachuu filannoo, COVID-
19’fi Hidha Haaromsaa wajjin walqabatan irratti haala

isaaniif gituun lakkoofsa xixiqqaatti qoqqooduudhaan
mariisisuu barbaachisa.
5.4 Hojiiwwan miidiyaafi komunikeeshinii keenya cimsuun,
miidiyaa idilee fi hawaasaa irratti hayyoonni beekumsa
gahaa, ilaalcha gaariifi muuxannoo qaban xiinxala
babal’aa akka kennan itti fufinsaan hojjachuu qabna

  1. Kallattii Qabsoo Fuulduraa….

5.5. Qaamolee nageenyaatiif, keessumaa poolisootaaf,
milishaadhaafi abbootii alangaatiif dhimmoota
dheerachuu filannoo, heerummaa, yaadota furmaataa,
weerara dhibee COVID-19, labsii yeroo hatattamaa, itti
fifuu mootummaa fi holola humnoota badii irratti
sadarkaa sadarkaadhaan iftoominni akka uumamuuf
mul’ata qulqulluuf qopheessuu
5.6. Hoggansi mootummaa fi paartii sadarkaa sadarkaan
jiru haala qindoomina qabuun ijaaramee akka socho’u
gochuu. Keessumaa, gareewwan misoomaa/ hundee
dhaabaa/seelii/ caasaa ollaa gandaa gaditti jiran
qabatamaatti lubbuu akka horatan gochuudhaan
dhimmoota hunda irratti hubannoo ifa ta’e uumanii
ergama lakkaa’anii kennuun akka raawwataman
gochuu.

Qabiyyeewwan ergama isaaniis:-

a. Weerara COVID-19 ittisuu
b.Olaantummaa seeraa haala guutuu ta’een
mirkaneessuu
c. Hojiiwwan misoomaa gannaa cimsanii hojjachuu
d. Hoggansaa fi miseensota adda duree ta’an sadarkaa
sadarkaadhaan horachuu
e. Hojiiwwan Filannoo
5.7. Dhimmoota wayitaawoo biyyaafi naannoo keenyaa
irratti ummanni abbaa ajandaa akka ta’u gochuudhaan
sochoosuudhaan COVID-19, olaantummaa seeraa,
hojiiwwan misoomaa gannaafi qor-qalbii filannoo
irratti qophii akka taasisan hojjachuu qabna

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

JUXTAPOSING DEMOCRACY WITH THE GADA SYSTEM OF THE OROMO PEOPLE

  Part V   By Odaa Hora   Where does Gada depart from Democracy?   …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *