Oduu Haaraya

Barataan Oromoo maqaan isaa Rabbirraa Biloo jedhamu Kiibxata Caamsaa 04, 2015 Univarsity Wallo, Kampasii Dassee keessaatti fannifamee ajjeefame.

oromiapress.com
Barataan Oromoo kun barataa Health Science waggaa 1ffaa yoo tahu, barataa dadeettii fi namuusa qabeessa akka turee fi gaafa Wiixataa barumsaa isaa barachaa oolee gara naannoo sa’aa 1:00w.b. irraa eegalee akka baheen eessa buuteen isaa waan dhabameef hiriyooti isaa qaama Poolisii mooraa Univarsitichaatti gabasanis yerodhan tarkaanfiin akka hin fudhatamnee fi reeffi barataa Oromoo kanaa dirree kubbaa miillaa Universitichaa keessaatti gaafa Kiibxataa Caamasaa 04, 2015 fannifamee akka argame ibsaniiru. Yeroo reeffi barataa Oromoo kanaa argameetti qaami isaa walqixxaatee akka turee fi mallattoon biraa fuula isaa tahe afaan isaa irratti akka hin argamne hiriyooti isaa ifa godhanii jiru.

Duuti barataa Rabbirraa Biloo rakkoo fi miidhaa barattoota Oromoo irraan bulchiinsi Univarsity Walloo fi mootummaan abbaa irree Wayyaanee geessisaa jiraniin kan wal-qabatee tahuu fi akkaataa du’a barataa Oromoo kanaa barattooti Oromoo Univarsity akka seeraan qoratamu bulchiinsa univaristichaa gaafatanis qaami bulichiinsa Univarsitichaa sun qormaati akkasii kan geggeeffamu Hospitaala Maqaleetti yookan immoo Hospitaal Miniliktti jechuudhaan ajjeechaan lammii Oromoo kanaa osoo seeraan hin qulqullaahin gara matii isaatti akka ergame ifa taheera. Barataan Oromoo kun bakki dhaloota isaa godina Shaggar Dhiyaa, aanaa Gindabaratti ta’uun beekameera.

Mooraan Kampasii Dassee dallaa tokkollee kan hin qabne ta’uu isaa fi kana barattooti yeroo adda addaa qaama bulchiinsa Univarsitichaatti iyyatanis hawaasi nannichaayyu dalla isiniif taha jechuudhaan mooraa Univarsituchaatti dallaa ijjaaruu akka didan maddeen oduu kana ibsanii jiru.

Barattooti Oromoo Univarsity Walloo yaaddoo barumsa isaanii nagaan barachuu fi wabii jireenyaa dhabuu qaban yeroo ibsan, barataan Oromoo mooraa san keessatti akka lammii lammaffaa fi yakkamaatti kan ilaalamuu fi gaaffii mirgaas tahe kan bulchiinsa Univarsity wajjin wal qabatee kamiyyuu yoo gaafatan tarkaanfiin isaan irratti fudhatamu isa dhumaa fi keessa deebii ykn ilaalcha tokko kan hin kennamneef tahuu ibsanii; gaaffii guumii aadaa fi afaan Oromoo hundeessuuf bulchiinsa Univarsitychaaf yeroo dheeraaf dhiyeessanillee hanga har’aatti deebii osoo hin argatiin jiraachuu isaa fi warreen gaaffii mirgaa akkasii dhiyeessan illee tarkaanfiin barumsa irraa hari’uu akka irratti fudhatamu akka akeekkachiifaman beekameera.

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …