Oduu Haaraya

BARATAA FI BARSISAA

Barsiisaan ibsaa dukkanaa, balleessituu doofummaa, qartuu sammuu ilma namaa akka tahe eenyu jalaayyuu kan dhokate miti. Barsiisaan guddina sammuufi qaama da’imman tokkoofis baay’ee murteessaadha. Kana jechuunis akka isaan galma barbaadan gahaniif gaheen barsiisaa hammana miti. Dhimmoota brnootaan walqabatan hunda akka isaan caalaatti hubataniif ni taasisa ture. Guyyaa tokko barsiisaan barattoota isaaf hojii manaa kenneefi guyyaa booruuf akka dalagda jechuun hunda isaanii akkekkachisee itti hime. Barataan kamiyyu yoo hin hojjettiin dhufe adabbii cimaa akka qabu hunda itti himuun adda bahani. Haaluma kanaan guyyaa itti aanu barsiisaan waan harkaa qabu muuxannoo isaa hiruuf gara kutaa barnootaa deeme; yommuu achi gaheetti barattootaan namootni hojii manaa kaleessaa isiniif kenname kanneen hin hojjetne ka’aati dhaabadhaa jechuun akeekkachisaani. Barsiisaaniis barataa yeroo mara hojii manaa hin dalagne tokko ka’ee yommuun dhaabbatu baay’ee aare. Daqiiqaa muraasaaf callisaan liqinfamuun gaaffiin eegale, Barsiisaa: “Maaliif yeroo mara hojii manaa siif kennamee hin hojjatiin dhuuftaa? Barsiisaa ani hojii manaa kanaan hin dalagneef rakkoo wanan qabuufi. Mal rakkoonkee jechuun gaaffiin deebiseef barsiisaan. Barataanis, “Abbaa fi Haatiikoo yeroo mara waan wal-lolaniif jeeqameen hojjachuu dadhabee” kanaafuu, dubbiin kuni dhugaafi soba tahuusaa mirkaneessuuf Abbaa kee dhuufuu qaba; kana gochuun baannaan boru kutaa hin seentu jechuun itti himun; “Egaa boru abbaa kee fiddee akka dhuftu. Ofii abbaan kee eenyuu?” maqaa aabbaasaa baruuf jecha gaafate. Barataan sunis deebisuun barsiisaa, “Abbaafi haadha kootis kan wal lolchisu kanuma.” Mitiree!!!!!!!!! jedhee jedhama.

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …