Oduu Haaraya

Baqattotni Oromoo Somaliland keessatti argaman rakkoo keessa jirru

Waa hunda duraan dursee Nagaya Onneerraaa naburqite isiniif dabarsaa tin itti aansuudhan baqattota Ilmaan Oromoo Somali Land keessatti argaman rakkoo keessa jirru ummanni Oromoo bal’aan akka nuuf hubatee qaama mirga dhala namaa titti nuuf iyyatu fi falli biroo yoo jiratelle qamaa ilaalchisu waliin marihatee akka nuuf dhaqqaban iyyanna.

Dhalli Oromoo kaneen Biyya Ollaa Xoophiyaa Somali Landitti baqatan dhiibbaan gara hedduu dhaan naurra gaehaa jira.

  1. Gara Mootummaa Wayyaaneetin Namootan Ciccimoon dammaqa qaban. Kanneen silaa waabaran jannee ifdura ansinee dhimma kheenya nuuf raawwachiisan ukkaamsanii fuudhuufaan abdii nukutachiisuuf halkanii fi guyyaa ifaajee godhaa jiran.
  2. Lammiin Biyyaatis Dammeeyni isaan qaban Aadaa boodatti hafaa tokko tahuu isaatiin of malee sanyii ilma namaa kan biroo namatti hin herregan. Keessaahuu ergaa mootummaa wayyaanee raawwaachisuu keessatti Oromoo akka farra tokkoffaatti ilaalan. Jibbinsa nuufqaban irraa kan ka’een guyyaarraa guyyatti miidhaa gurguddaa nurra geessisaa jiran.
  3. Gara UNHCR yoo deebines
  1. Akka waan ergamtoota wayyaane tahanitti Dhimma nama keenyaa irra taa’aniiti Namoonni baqattoonni Oromoo Hedduun gara baqa hamaatti saaxilamanii Bishaanitti dhumaa jiran. Kaanis Gammoojjii keessatti bineessi nyaatee dhumaa jiran.
  2. Baqattootarraa Kaffaltii haraa fi afaan hingeenne tan isiinuu iimaana nama fuute, akkaa gara nama wallaachise sanumaahuu Muratanii ti baqataan dalagachuu hin dandeenne daran rakkataa jira.
  3. Manni yaalaa kan Ogeessa fayyaa gayyaa hin qabne, kan meeshaallee qayaa hin qabne kan yoo mataan si dhukkube qoricha yeroon isaa kutte yookaan kan mataa dhiisanii kan garaa sitti kennan tahullee dur walabatti kan itti nu tajaajiluu turan arra nudhoowwaniiti qorichas bitadhaa jedhamnee rakkachaa jirra.
  4. Joolleen teenyas Akka doofummaadhaan gadigaloo tahanii hafan jechuuf Man-barnoota baqattootaa Nurraa cufan. Man-barnoota Mootummaa dhaqaa baradhaa ja’an. Kuni waan itti yaadamee qorannaan godhamee miti. Joolleen Biyyaa Joollee Oromoo hin fedhan. Akka Cuqunitti Itti ajoofna. Nutuffatan. Sanirraan Resettelment hin qabdan.
  1. Gara biyyaatti galuu
  2. Hargeessuma keessa qubattanii jiraachuu jechuu dhan namoota waggoota dheeraa isaan jala ture hunda abdii kutachiisanii gara baqa biraatiif saaxilan.

Yaman Osoo lolli dheemuu dargaggeessi Oromoo itti gadi deemaa jira.

Coordinaatora Man-barnoota Baqattootaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …