Oduu Haaraya

Baqattoota Oromoo Yemen: Lubbuun teenya lubbuu sareellee hanqatte

Haala  hamaa  Baqattoonni  Oromoo  Biyya   Yemen   Keessa  Jiran ,,,,

Nuti  Baqattoonni  Oromoo  Biyya  Yemen  haala  akkaan  Sodaachisaa  keessa  jirra  dhugumattuu  haalli  amma  keessatti argamnu   dhugaan suukaneessaadha   Rakkoon  Amma  biyyattii  keessatti  Uumame  Isa  boroota  Darbeerraa   adda  Kun  baqataadhaaf   dhumaatii  lubbuu  Malee kan carraa  biraa hin  irraa  gara   magaalaa biraatti sosso’uufis keninee dha. Sababnis  baqattoonni   kun  bakka  jiran  irraa  gara biraa biyyattii keessa Sosso’uun dhoowwaa waan taheef.  kunis Sababa  hallellaan xiyyaaraa  guutummaa biyyattiitti gaggeessu irraa kan ka’e.  carraan  baqattoonni  Oromoo qaban Daandii gubbatti dhumuu qofa tahuu   Oromoon hubadhaa.

Oromoon  Abbaa  dhabuun   lubbuun  Lammii  Oromoo  saree  hanqattee  lammiin  Oromoo   Mana hidhaa  Keessatti  rasaasaan   Ajeefamuun  gaafatama  Oromoon dhabuu  akeeka   Adunyaa tana gubbaa  jaarmayaan dhiiga  oromoof falmu  Lammii  oromoo  Irraa  kaasee  dhabamuun  dhiigni  lammiiwwan oromoo   bakkaayyuu  mixiin lafaa arraabuu  agarra  sabni  bal’aan  kun  dhageettii  dhabee   saba  bicuu gaditti   tuffatamee  jiraachuun  qaanii guddaa   osoo tahee jiruu   Nutis  walii hadooddiin dhabamee   Gurra  walirraa cifachuun Du’aaf  wal saaxiluun gatii hin qabaatu qofa  carraan jiru

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …