Oduu Haaraya

Bal`isuu Qanaala Suweeys

Dhihenya kana Motummaan Masrii Qanaala Suweys kan Bahara Adii fii Bahara Diimaa walitti hiitu guddisuuf ( bal`isuuf ) baajata milyaara 19.5 Gine Masrii (Dolaara Milyaara 4 Afur ) ramduudhaan hagayya 5/2014 sirna ho`aan hujiin egalamee jira .
Sirna egallii hujii qanaala kanaarratti Prsedentin Masrii Abdulfattaah Alsiisii fi hogganonni waraanaa akkasumaas Minesteronni Motummaa biyyatti gara gargaa irraa qoda fudhatanitti sirnichi kuni raawwatamee jira .
Sirna kanarratti bulchaan biyyatti haasawa dhageysisaniin hujiin kunii waggaa sadii keysatti rawwatamaa ja`amee kan tilmaamaa turee waggaa tokko keysatti akka rawwachuu qabu ummata isaaniif ballama cimaa seenanii jiru .
Hidha laga abbayyaarratti Ethiopiaan raawwachaa jirtuun miidhaa Qonnaan bultota Masrii ni dhaqqaba ja`amee eggamaa jiruu jalaa of baraaruuf daddaffiin hujiin kuni raawwatamuu qaba jechuus dhaamanii jiru.

Galiin biyyi masrii yero ammaa qanaala kanarraa argachaa jirtu milyaara 5 hoggaa tahuu yeroo guddinni qanaala kanaa xumuramu Milyaara 15 ol ni argatti ja`amee eggamaa jira.
Qanaalli kunii kan hujii egalee waggaa 145 dura(1860) rraa kaasee tajaajilaa kennaa jiraachuun isaa bekkamaadha.
Doonileen duraan qanaala kana qaxxamuran 49 rraa 97tti ol guddachuudhaaf karoofamee jira. Doniileen duraan Sa`aa 11 gutuu waleggatudhaan dabraa turan yero hujiin qanaala kanaa dhumu Sa`aa 3 sadii qofaatti gadi bu`a ja`amee eggamaa jira.
Companiileen ijaarsa kanarraa qoda fudhatan compaanii 33rraa hamma 40 ti hoggaa tahan , Hojjattonni yero ammaa hujii egalan 7500 hoggaa tahuu hamma dhumaa ji`a kanaatti 15,0000tti akka ol guddatus itti gaafatamaan hujii Qanaalaa kanaa Alliwa,aa Kaamil Al-Waziiriin Midialeef ibsanii jiru.

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …

One comment

  1. Warri Masrii balaa hidha laga abbayyaa Jalaa haga tokko of baraaruuf gadi fagenyaan hujii qanaala kanaa guddisuuf itti ka,an kuni ummata isaani if kan yaadan tahu namatti agarsiisa