Oduu Haaraya
ulfoo

Baga geeysan, Baga ittiin nugahe

Injifannoo dhiigaafii lafee jaallan wareegamaniitiin lafaafii mirga hagoo irratti argame, wareegamaan tiyfachuun abdiifii dambooba hegeree walabummaa Oromiyaati!!!

xumura bara 2014 seensa seensa bara 2015 ilaalchisee ibsa dhaaba ULFO irraa kenname

Kabajamtoota lammiilee Oromiyaa, biyya keessaa fii alaa, kabajamtoota hogganootaafii humna waraana ULFO, kabajamtoota hogganootaafii miseensota dhaabbiilee siyaa oromo, dhaamsi keenya kan bara haaraa, bara 2014 bakka jirtanitti isin haa gayu.

Barri dabru baraan bakka bu’a. Akkuma kana barri 2014 xumurre Kun biyyoota adda addaa keessatti malaggaa jajjaboo afeeree ture.Akkasuma murna ergaa badii kan TPLF fii namoota waan ar’a nyaatee bulu malee hegeree Oromiyaa fii Oromummaaf hin yaanne jiddutti bara saddeet dura argama oromiyaa balleessuuf kan dhumate gara hujiitti hiikamuuf kan labsame baruma kana keessa ture. Isa kanaan walqabatee lammiilee Oromiyaa biyya keessafii alatti argaman birattiis Bara wareegama ulfaataa gaafateefii fedhiin ummata Oromiyaa maal akka tahe diinaafii firootaafiis caalaatti kan mirkaanaawe baruma kana keessa.

Imaammatni mootummaa wayyaanee kan kaartaa Oromiyaa haguma qabsoon argame sana diiganii dhabamsiisuuf jecha ganna saddeet dura dhumate gara hujiitti hiikamuuf kan labsame baruma kana keessa ture. Isa kanaan wal qabatee sochiin abbaa biyyummaa kan barattoota Oromiaa tiin belbelaa turees itti fufe. Imaammatni wayyaanee kan kaartaa Oromiyaa balleessuuf yaadame kun kka haqamuuf karaa nagayaatiin gaafatame.Akkuma barame deebiin isaanii barattoota harka duwwaa hiriire rasaasa harcaasuu tahe, Lubbuun barattoota hedduutiis wareegame.Turuus dafuufs dhiigni barattootaa tasa dhangala’ee hin hafu. Walabummaa Oromiyaatiin deebi’a.

Injifannoolee dhiiga wareegamtootaatiin argaman tisuuf wareegama yeroon gaafatte kennuu waan taheef gaaffiin barattootaa Kun gaaffii srrii kan bwalabummaa Oromiyaa qofaan dhaabbatu tahuusaa hogganni dh. ULFO cimsee akeekkachiisa. Kana milkeessuufiis qindoomina qabsoo kan bifa hundaa nugaafata.Kana milkeessuufiis hal-duree tokko malee qooda gama keenyaa gumaachinu tahuu Carraa kanaan waa’ada keenya haaromsina. Dhaabbiilee siyaasaa kan bilisummaa fii walabummaa Oromiyaatiif qabsaawan hunda waliin qindoominaan kan qabsaa’u tahuu ULFOn nihubachiisa.

Sochii hawaasa keenyaa gama ilaaluun sochii barattootaa tiin wal qabatee Sochiin cimaan godhamaa ture seenaa QBO keessatti bakka guddaa qabatee jira. Diinimmaa sirna wayyaanee hawaasa addunyaa hubachiisuu irratti hujii boonsaan hojjatamee ture. Sochii Bara kanaa kan dur irraa wanni adda isa taasise yaaddoon Miidiyaan walabaa kan sammuu sabboontotaatiin burqee qabeenya ummataatiin hundeeffame OMN banamuun wal simachuu isaati. Midiyaaleen gurguddoon addunyaa sochii kana faana bu’uun bifa addaa tiin ture. Kniis sabboonummaan oromoo kan dur caalaa guddachuufii mootummaan wayyaanee oromoo dhabamsiisuu irratti kan qiyaafate tahuu gabaasaa tura.

Kuniis mootummoota addunyaa kan wayyaaneen dimocracy biratti faarfatu hundaaf dhugaa basee jira. Keessumattuu gabaasni Amnist International baase lammiilee keenya kan bakka dhoksaatti hidhanii fii ajjeefaman hunda arguuf carraa dhabuus kan dur caalaa gabaasa hin tuffatamne basuun qaamota murteessoo taha hubachiisee jira.Kuniis seenaa QBO keessatti utaalcha jabaa akka tahee fii qabsoon keenyaas kan jijjiirama kanaan wal hin faalleysine akka nuuf tahu hawaasa keenyaa fii dhaabbiilee siyaasaa maraaf dhaamsa lammummaa dabarsina.

OPDOn gama isaatiin duraanuu kaartaa Oromiyaa kan Finfinnee, dirre dhawaa, Hrar, Jijjigaa if keessaa hin qabne qabatee qaanii keessa ture.Ammaan booda garuu haguma duraan ture san maqaa maastae planitiin dabarsee kennuuf mallatteessee jira. Hujiin OPDO kana boodaa araddaalee baadiyyaa fageenyarratti argaman irraa gibira sassaabuun humna Aga’azii tigray kan ilmaan oromoo fixuuf ijaarame qallabuu qofa irratti hafuuf deemaa jira.         Eegaa mootummaa naannoo Oromiyaati kan ofiin je’u OPDOn salphina itti deemaa jiru kanarraa if baraaruuf haala kana didee finciluu akka qabu ULFOn nihubachiisa. qaba jechuun

Sochii barattootaa kan ilaalu,sochiin barattootaa Oromiyaa ifdanda’ee gara<<Sochii barattoota Oromiyaa kan sadarkaa addunyaa>>tti if  jijjiiruu qaba. Hoggansa mataa isaa kan sochii barattootaa bifa wareegamni ittixiqqaatuun qindeeysuu fii sochii kana irraa dubbatu kan beekkomtii sadarkaa addunyaatti qabu ijaaramuu qaba. Akka kana qofaan irrkattummaa dhaabbiilee siyaasaa irraa bilisoomuu danda’a.

Kuniis olola wayyaanee kan sochii barattootaa dhaabbiilee siyaasaatti hidhuuf tattaafatamu fashaleessuuf gargaara. Dhaabbiileeniis bifa sochiin bu’a qabeessa itti yaaduun alatti sochii barattootaa kana gara ifiitti harkisuun bu’aa sochii kanaa haga tokko gufachiisuu danda’a. Bu’aa isaarra miidhaan caaluu mala.

Ummanni Oromiyaa kan daadarkaa gabrummaa tiin gaggabee lammata dhalachuu sabboonummaatiin bayfate kun, Baroota dabran kana keessatti baragaarraa gara dammaqaatti cee’uuf amma kan daandii qabate fakkaata. Kanaan dura biyya dhabee gabroomuu fii inni diina jalaa miliqees jaarmaya hawaasaa bilisa tahe dhabuun gabrummaa lamataa gabroomaa ture.

Hawaasni keenya gama isaatiin qabsoo jalqabe itti fufuun madditti <<Jaarya hawaasa Oromoo kan sadarkaa addunyaa>> dhaabuu irratti hojjachuu qaba.

Angoon ol’aanaan kan jaarmaya hawaasaa akka tahurratti qabsaa’uu qaba. Harkifama ykn dhiibama qaama hundaa jalaa bahuu qaba. Jaarmaa Hawaasa bilisa, kan bilisummaa biyya isaatiif hojjatu tahuu qaba. Jaarmaya hawaasaa bilisa tahe arguuf dursa kennuu qabna. Kuni ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun lammii bilisa oromiyaa walaba taaterratti arguuf kan nu gaaruudha.

OMN media ummata Oromiyaati, qaama qabsoo walabummaa Oromiyaati. Kanaaf ummanni keenya bu’aa miidiyaa hubatee Midiyaa qabeenya isaatiin dhaabe bu’aa bahii jabaa booda argame kana rakkoolee xixiqoof jecha akka hin gaaga’amne cimnee akka tiysinu dhaamsa keenya dabarsina. Eeyyan injifannoo argame jabeeffachuun kan hafeef karaa saaqa.Tan argamte jabeeyfachaa Tan hafte galchuurratti haa qabsoonu.

Eegaa barri 2015 Kun Bara milkii, kan bilisummaa, bara kan dur caalaa hafuurri jaallummaa jidduu keenyatti dagaagu akka nuuf tahu hawwiin keenya guddaadha.

Tokkummaan Humna!!!

Oromiyaan Niwalaboomti!!!

KHR ULFO

January 1/1/2015

Odeeffannoo dabalataaf

E-mail, info.ulfo2012@gmail.com

Tel, 00967736253796

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …