Oduu Haaraya

BAAY’INNI UMMATAA NAMA YAADDESSAA

Baay’inni ummataa nama yaaddessaa

Akkamitti baana rakkoo kana keessaa!!

Namni maa akka lukkuu ilma hanqaaqaa

Guddisuu dadhabee karaa irra maa naqaa?

Maalif kadhaan jiraachuu carraaqa!!

Nama kadhaas eessa eessa maa dhaqaa?

Zamanni kun maal maal qaaqa?

Dureessis hanqaaqee

Asii achi naqee!!

Maali akka Chaaynaa

Baay’inni kee 1.4biliyoonaa

Namni kan dirree guute kanaa

Maa rakkoo jiruu funaana!!

Indiyaa maalif akkas wl hortuu

Nama ardii guutuu

1.3 biliyoonaa ummanni kee

Qooqni si qabe lubbuu kee!! 

Namaaf lukkuun garuu ardii fi samii

Akkamitti nuuf galuu dide dhimmi!!

Qabeenni jiraatee jiraachuu baate

Ilmi namaa maa akkana fakkaate?

Ofumaa fedhee filatee

Dureessii hoo hanqaaquu karoorfatee?

Kan na haasofsiise raajii namootaa

Rakkoon kun hedduu hedduu ulfaataa!!

Garuu garuu yoo dogongoree

Dhiifamni akka jiru baree!!

Nu uumamaa keetii gabrootaa

Nu offolchi yaa gooftaa!!

Amaan Tolaa Hamdaa

Isinitti hime waan badaa

Uumama hundaa nyaatee fixe adaa

Waa hunda caalaa addunyaa balleessee

Ennu wan gadhee kana jabeesse?????!!!!!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …