Oduu Haaraya

Ayyaanota Oromoon kabajatuu kaamfaa beektta?

Duraa otuu barruu keenyya kan har’aa kana hin dubbisin waa isiin yaadachifnna! Akkuma beekamuu ummanni keenyya wagga waggan ayyaana irrechaa kabaja garuu ummanni keenyya irra hedduu isaani ayyanota Oromoo kan hin beekamnne hedduu tu jiraa kanaaf nutiis Admintoota peeji Oromia wa’ee ayyaanota Oromoo kan hin beekamnne isiiniif diheesina isiniis ammo akka SHARE cuqasttanii waliif dabarsitan isiin gaafanna! Beekumssii Lammii keenyyaaf haa ta’uu!!

Ayyaanota waggaa Oromoon kabajatu
—————————————–

Oromoon ayyaanoota waggaa yeroo addaddaafi haala addaatiin kabajatuni qaba. Ayyaanoonni waggaa kunneenis godinaalee Oromiyaa addaddaa keessatti haala gargaraan haa kabajama malee hundeesaanii kan walirraa fagaatu miti. Nutis ayyaanoota waggaa Oromoon kabajatu keessaa kan weebsaayiitii www.waqeeffannaa/org.gadaa jedhurraa arganne gabaabsinee isinii dhiheessina.

Ayyaana:

Ayyaanni hiika hedduu of keessaa qaba. Faroo, coraa, milkii, guyyaafi sirna waa ulfeessuu/kabajuu kkf. Akka ilaalcha Waaqeffannaatti ayyaana jechuun mil’uu Waaqaan kan namni tokko hariiroo uumaafi uumama gidduu jiru hubatu, kan Waaqaan kennamu, kan eenyuuyyuu nama irraa mulquu hindandeenyedha.

Ayyaanni; Ayyaana Waaqaa, Ayyaana namaafi Ayyaana uumamaatu jira. Waaqeffannaa keessatti waanti hundi ayyaana mataasaa qaba. Ayyaana mataa isaan bula. Ayyaana kana ijaan arguun hindanda’amu; Ayyaana ayyaanaan beekan malee ijaan hinargan. Nama Cubbuu hojjateefi du’e qofaatu ayyaanni irraa godaana. Gaaddidduu dhabeessa ta’a.

Ayyaanni Safuu eeguutiin tikfama. Hundeen utubaa Waaqeffannaa kan akka fedhiifi seera Waaqaatti dhala namaafi uumama qajeelchu Safuudha. Safuun seera uumaa kan jalqaba ture; gara fuulduraattis jiraatuudha. Safuun seera hariiroo dhala namaa gidduu jiru, hariiroo dhala namaafi uumama gidduu jiruufi hariiroo waa hundaa kan fedhiifi seera Waaqaa eeguudha. Kanaaf, Safuun seera yayyabaa walitti dhufeenya uumaafi uumama qajeelchudha.

Safuu eeguun dirqama jireenyaati. Safuun hintumamu, ni eegama akkasumas ni kabajama. Safuun waan baayyee of keessaa qaba. Safuu cabsuu jechuun cubbuu hojjechuudha. Cubbuu hojjachuun immoo, nagaa namootaa ykn hawaasaa booressuudha. Safuun mirgaafi dirqama ummanni ittiin waliin jiraatu. Safuun seera Waaqaafi Lafaati.

Ayyaanni gosa addaddaatu jira. Isaanis:

Booranticha

Boorantichi Ayyaana warri abbootii (ayyaana dhiira warra mana bahee) waggaa keessatti yeroo tokko akka amantiitti maatiin ykn balballi tokko qe’e angafaatti walgahee kabajudha. Guyyaa kabajaa ayyaanaa kana mijuufi dhangaan qophaa’u gosa adda addaatu jira. Yeroofi akkaataan itti kabajamu bakkaa bakkatti xiqqoo addummaa qabatus jifuufi duudhaan guutamuu qabu tokkuma.

Ateetee

Ateeten ayyaana haadhaati. Ayyaana dubartiifi hormaataati. Oromoon kan dhugeeffatu, Ateeteen ayyaana sanyiifi hormaataa kan dubartiin facaafattu. Dubartiin ayyaana kana kan facaafattu ayyaanni haadhashee, isheefis tolee akka dhala ishee qajeeluuf uumamaan Waaqa kadhatti. Ateeteen Saddeetatti kabajamti. “Saddeetan Ateetee jedhama”. Kana jechuun waggaa lamatti al tokko kabajamti. Birraa keessa ykn yeroo midhaan (jarmiin) alaa walitti qabamee galu, ykn Arfaasaa yeroo roobni roobee margi dagaagee loon quubse, ykn yeroo sanyiin faca’uu jalqabu ta’a. Ateeteen Loon mataashee qabdi; Loon Ateetee jedhamu. Ateeten ayyaana hormaataa haa taatu malee, irra jireessishee bal’inaan aadaa calaqisiisa.

Wadaajo / Wadaaja

Wadaaja jechuun firummaa, aantummaa, wal mararfachuu, walii yaaduu, walii birmachuu jechuudha. Kanas warra ykn maatii tokkotu bulfata. Guyyaa kana ayyaantuu warra dhahaafi faaruu ayyaana kanaa beekan affeeruun Waaqasaanii kadhachaa, faarfachaa, galateeffachaa bulu. Ayyaanni kun bakka tokko tokkotti “Ayyaana jaalaa” jedhama. Ji’a ji’aan ta’uu danda’a, waggaatti ala lama ykn tokkos ta’uu ni danda’a.

Irreecha Malkaafi Tulluu

Irreechi sirna aadaa Oromoo gamtaadhaan tulluufi malkaarratti ba’anii Waaqa kadhatanii, faarfataniifi galateeffataniidha. Karaa biraatiin Irreechi marga ykn coqorsa sirna ayyaaneffannaa tokkoof ykn araaraaf yoo deemamu harkatti qabatamus ni ibsa. Akkasumas hiikoo gara warra waa beeku bira deemanii namaaf himamu tokkoof kaffaluu (galchuu) ta’uu danda’a. Akkasumas Irreessa jechuun aangessuu jechuus ni ta’a. Ayyaanni Irreechaa waggaatti yeroo lama Birraa fi Arfaasaa kabajama.

Taaboree/ Ukee

Ayyaanni kun ayyaana ijoollee dhiiraa kan umriinsaanii waggaa 16 gadi ta’an waggaatti altokko kabajanidha. Guyyaa ayyaana kanaa mijuufi cunqoo qophaa’eef erga sooratanii eebbifatanii booda dirreetti waliin bahuun Qaccee dhukaasu ykn wallaansoo taphatu. Yeroofi akkaataan ayyaanni kun bakka adda addaatti kabajamu gargar ta’uu nimala.
Ingiccaa/Qunnii durbaa

Ayyaani kun ayyaana ijoollee durbaati. Waggaatti yeroo tokko walitti dhufanii kan ayyaaneffatanidha. Guyyaa jala bultii ayyaana kanaa durbi ollaa waliin miidhagdee gara lagaa ykn dirreetti bahuun gosa margaa Qunnii jedhamu buqqifatu. Yeroo dhaqaafi galaa sirboota ykn wallee wallisan ni qaban. Galgalasaa Qunnii buqqifatanii manatti galan sana battee dhahu. Inni dhahame kun Ingiccaa jedhama. Ganama isaa Ingiccaa kana akkuma duraa gurmuun waliin ollaarra deemuun Ingiccaa utubaa ykn gorroo manaatti hidhu. Yeroo kana dhangaa adda addaa affeeramuun dhadhaas muudamanii eebba fudhatu. Xumurarra Galma Ayyaanaa ykn waltajjii tokkotti walgahanii gamtaan sirna ayyaana kanaa sirbaafi wallee gara garaan kabajanii oolu.

Gannii/Qillee

Ayyaanni kun ayyaana looniin beekama. Bakka tokko tokkotti ammoo akkuma ayyaana biraatti fudhatama. Gara Maccaatti akkitti beekamuufi Tuulama keessatti akkasumas naannoo gara kibbaafi bahaatti adda adda ta’uu danda’a. Guyyaa ayyaana kanaa mooraa looniitti marqaa marquun itti facaafatanii hormaata isaaniif eebbisu. Akkaataa wanti kun itti raawwatu hedduufi bal’aadha. Guyyaa kana Qilleefi Gugsii fardaa taphachuunis ni beekama.

Kana malees ayyaanoti guyyaa lafaa (ayyaana dachii), guyyaa sanyii (jaarii) fi kkf hedduun kan maqaa hin dhahiin godinoota Oromiyaa garagaraa keessatti yeroo adda addaatti kan kabajaman ni jiru. Ayyaanoti kunniin haala addaddaafi yeroo gara garaatti kabajamu. Asirratti wanti hubatamuufi qalbeeffatamuu qabu akka Waaqeffannaafi aadaatti Oromoon uumama maraaf ayyaana akka aadaafi amantiitti waan kabaju akka qabuu i waan amantiin tokko of keessaa qabu mara akka qabu hubachuudha.
Qabxii biraan dagatamuu hinqabneefi xiyyeeffannaa fedhu ayyaanoonni ibsamaniifi kanneen biroo bakkeewwan gargaraatti kabajaman amman tana sababoota addaddaatiin qabbanaa’aafi irraanfatamaa dhufaa jiru. Kunimmoo aadaan miidhagaa Oromooakka dagatamuufi dhalootatti hindabarre waan taasisuuf maatiin, maanguddoonni hayyoonnii, midiyaaleefi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa xiyyeeffannaadhaan irratti hojjechuu qabu jenna.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Freemuse calls on Ethiopian authorities to drop charges against artists

Ethiopian authorities charged seven artists – musicians and dancers – with terrorism in late June …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *