Oduu Haaraya

Ashaangullitiin Summi Nyachifamuun dhugadha jedhu

Dhugga Baasi

Ani Miseensa OPDO ti wagoota 20 darban hunda  gutuu akka hiree ta’ee dhaabba kana kessati qabsa’aa ture; ji’aa darbee Enyuut summi nyachisee ??http://www.oromoparliamentarians.org/Galmee%20Oduu/Oromia%20Perezdant%20Alemayo%20Atomsa%20Poising.htm  erga maxanfameeeTPLF OPDO morma qabee icitiin esssan bayee jeechuun  OPDO wal nyachuu egalee. Waan miseensa OPDO dhibee garuu waan birrati, gaafiin ka’uu qabuu enyuutuu Prezdaant Oromoya Summi nyachisee ta’uu qaba malee icitiin isaan bayee kan jeedhu gaaf ta’uu hin danda’uu kan jeedhu ture. Oromoon hundi hubadha! Gaafa baratoon Oromoo University Adama Summi nyatani akka caliifnuu godhamne icitiin qabuu yaalan, ama gaafa Prezdaanti Oromiyaa summi nyatuu ilee hojeeta mootummaa fi Miseensoota OPDO irra akka dhokatuu tasisan. Erga Gummin Paarlama Oromoo dhimma kana ifaa basee booda; enyuutuu icitii kan basee jeechun qoorannoti gadii ta’uu mali fakkata? qoorannoo godhamuu qabuu ture gartuun Alemayoo Baleesuuf hojeeta turan kessa wara kamtuu summi nyachisee? jeedhani qorachuu hin wayuu ture? kana deebi isaa TPLF/OPDO fi ummataa Oromoofin dhisaa.

Dhugga habarbanuu Obboo Alemayoo Atomsa enyuu Summi Nyachisee?; summi atami nyatee ji’aa 4 gutuu fayuu Dadhabee? ; Maliif USA, UK German (Europa) ergamuu dhisee biyya Chainati ergamee? Lubu dhala nama keessatu Prezdaanti biyya tokko icitiin qabamuu duuba maltuu jira?

Alemayoo Atomsa Malamaltumma kan hin jalanee, dhuggaf kan dhabatuu ta’uun isaa degersa in Dabalee fi ummata Oromoo irra qabuu irra hubachuun ni danda’ama. Ethiopian Malamaltumaa to’aachuu banan rakko Somaliya mudatee ishee mudachuu mala yaada jeedhu iyuu PM Meles Dura kan dubatee Alemayoo dha jeedhu namoon. Alemayoon diinoon isaa garuu Malamaltoota fi gartuu ilaman Habasha OPDO keessatiu dagagdee ta’uu beekamadha. Alemayyoon Malmaltoota 120 irrati yerro jalqabaf tarkkanfi fudhachuun isaa waarii garaa jiran ilee sooda keessa galchee jira. Akka GPO irra dubifneeti waarii sumii nyachisun shakman akkasi dhyatee ture “waar siyyassa TPLF oganan akka Meles Zenawi, Abootii qabeenya Oromoiya dhunfachuu feedhan, akka Ali Alemudin, Daldaltuu waan hundaa fi seeran ala Azeb Mesfin fi Nafxanyoota OPDO keessa caaraa argatani lafa fi nama Oromiyya keessa jiru utuu hin hafiin gurgurata jira wara akka Alemu Simee faati (grtuu malamaltumaan beekaman) waara lafa gurguran ” Haali Mootummaa nanoo Oromiya kessati Odeefama jiru garuu haala hama of keessa qaba. Kunsii egeree Oromoo fi Oromiyaa baleessuf Alemayoo dhabamsisuu kan jeedhu ture kara hundanuu.

Waari Alamyoo dhabamsisan wara kam? sadarka ani ka’uu garuu akkasiti:-

1. Garee Malamaltoota gartuu ijolee Habasha Alemu Simee, Warqinee Gabayo, Damalash G/ Mikaeal; Muktar Kadire; Zalalem Jamane; kkf yamuu ta’ee ergami isaan wa lama of keessa qaba; tokko Almayoon Angoo irra ba’uun Oromoon qulqulun angooti dhufani uni achii ariatuu kan jeedhuun bakka ama jiran irrati hojeechuu akka itii hin fufnee waan sodatanf; 2faa Alemayoo umarii isaa gutuun Oromyaa jirachisuuf, samicha irra bararuuf malamaltuma dhabamsisuu qaban jeechuu isaa dhaga’ani jiru, kun jeechuun Oromoo lafa isaa irra buqa’ee lafi isaa samamee keessa gartuun  kun ga’ee waan qabaniff;

2. Gartuu daldaltoota Oromiya gurgura jiran Azeb Masfiin, Alemu Simee, Junedin Sado, Jaama Abaso, Dawannoo Kadire,Aman Kadire kkf yaaka malamaltumaa fi samicha isaan Oromiyaa kesssati gegesan iciti isaan kan beeku yerro ama Alemayoo Atomsa qoofa ta’uu isaa waan beekanfi isaa dhabamsisuu keessa hirman gudda qabu jeedhama;

3.  Abooti Qabenya wara akka Shik Ali Almudiin, Samueal Tafesse, EFRT group, Mega Kubaniya (Azeb Masfin) Djibouti Preezdaant and famile daldala isaan Alemu Simee  kkf yamuu ta’uu gartuun kun wara Oromiya-Oromoo fi Nationalistoota Oromoo balessa jira yamuu ta’uu siirn barmusa Oromiyaa wayee enyumaa Oromoo ibsuu akka haqamee ijoolee Oromoo seena Tigra -Ethiopia akka baratuu wara goodhatuu keessati argama.

4. Gartuu Ogana TPLF yamuu ta’uu jarii kun qorqoroo waan ta’aanf waan isaan gargaruu ilee siirti hubachuu dhabani jiru malee Alemayoo Atomsa Preezdanti Oromiya ta’uun TPLF naggan Tigrayti galchuuf lamii Tigray ilee bala irra hunbisuu caara guda isaanf ture. Ummani Oromoo fi Miseensoon OPDO Alemayo Atmosa irra jalala male jaba waan hin qabneef jeequmsa ykn waraqisaa Ethiopia keessati dhalachuu malfi Almayon Lubu Melese faa olchuun ni danda’aa ture. Garuu jari caaraa kan siirti hin beekne kan isaan dursa keenafi yoo jeequmsii ka’ee waan uni isaa ajeejnuu fudhachuu diide ummataa Oromoo birra goruu danda’aa kan jeedhuu samuuti qabatani jiru; haqi jiru garu Alemayo Atomsa TPLF caalaa MADRAK ykn Ginbot 7 akka jubuu yoomi ilee tana Habasha Moofan akka deebiyuu kan hin feene ta’uu TPLF galuuf hin dandeenya sababin isaa warii TPLFtii duubbii dedebisaan hundi ijoole Habasha akka Warqine Gabayoo faa waan ta’aanf isaan amoo garumma Alemayo Atomsa Meleseti hin himan isaan Olola hama isaa irrati adeemsisun dhabamsisuu waan feedhanf.

Yaadachisa: TPLF/OPDO Iciti Summi Nyachifamu Obbo Alemayo Atomsa gummi Paarlama Oromooti kan dhamee ana. Miseensa keessan akka isiin yaadan wara Alemayooti siiqan miti; Hadha mana isaasi miti; namoota isiin yaadan hundas miti; gaaf tokko TV Ethiopiati bayeen na argituu isaa dura garuu yakkota TPLF ijoolee Oromo balessu irrati hojeeta turee keessa yaali ajeecha Dr. Getachew jigi Demekssa irrati yerro 20 ol yaalamen isiin dhiyeessa iti ansee ergasii booda waraqa Enyumaa koo suura koo waliin TV Ethiopia irrati basuun yaala;

Media Oromoo hundi garuu gocha TPLF akka saxilitan fi lammiin Oromoo hundi akka beekuu miseensoon OPDO milyona 3 ol ta’aan akka dhaga’aan SBO fi TV Eritreati akka nu dabarasitan kabajan isiin gafadha.

Dhugga Baasi

Finfinnee irra

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …