Oduu Haaraya

Arsii Asallaa Jirtuu? Ilmaan Sikkoof Mandoo jirtuu?


Ilmaan Nadhii Gammadaa Jirtuu?
Ilmaan Leenjisoo diigaa jirtuu?
Ilmaam Waaqoo Guutuu Jirtuu?
Jiraachuu keessan kiphxata boruu argina. Guyyaa boruu B/M/N Oromiyaa haaraan Shimallis Abdiisaa fi Addisu Aragga qixxeessaa gara Asallaa dhufaa jira.
Dachee Minilik Abbootiif Haawwolii teenna itti fixe, Seenaan aanolee kijiba namtichi jedhe dachii san irra ijjachuuf hamilee hin qabu.
Gowwaa arrabsanii mataa qaqqaban jedhan. Jechi Addisuun jedhe kan dhuunfaa isaati jechuun hin danda’amu, akka yaada paartii guutuu hin taane wabiin keenya maali?Addisuun hoggana paartiiti. Kanaaf yoo Jecha Addisuun jedhe dogongora jedhan OPDO ‘n gadi baatee ummata Oromoo Dhiifama gaafatuu qabdi. Addisuu Araggaa Seenaa waan xiqqeesseef Aangoo gadi dhiisee Seeraaf dhihaachuu qaba.
Amma dhimmi ijoon Shimallisis ta’ee Addisuun Waltajjii waliin gaggeessan irratti Addisuun dubbii tana jedhe. Haga ammaa obbo Shimallis homaa hin dubbanne. Kanaaf yaada lamaan jaraa ta’uutu mala.
Biyya Germany keessatti hogganaan Church tokko Seenaan Hitler Sobatu keessa jira jedhee waan dubbateef qofa , hojii irraa ari’amee Hidhamee, dhuma irratti jiraachuu dadhabee biyya kanaa baqatee jira, yeroo dhibbaa ol Dhiifama gaafatus namuu hin dhageenyeen dhimmichi dhimma seenaa xiqqeessuu waan ta’eef.
1) Amma dhaamsi jiru Addisu Arega Kitessa aangoo irraa ari’amee seeraaf dhihaachuu qaba.
2) Obbo Shimallis Abdiisaa Dhaaba OPDO bakka bu’ee Ummata Oromoo Dhiifama gaafatuu qaba.
3) Obbo Shimallis Yeroo gara Arsii Asallaa deemu Siidaa Aanolee daawwachuu qaba.
Ummanni keenna maal gochuu qaba?
1) Addisuun yoo tuffii hagana gahu qabaatee achi kadhufu taate mormiin cimaan kan hawaasa guutuu hirmaachise haa qophaawuu.
2) Shimallis yoo kophaa isaa dhufe gaaffilee keessan hunda Seeraan dhiheessaafii, Yoo Ummata Oromoo kabaje Aanolee daawwatee achi duratti Ummata Oromoo irra deebi’ee Dhiifama haa gaafatu.
3) Hamilee Gadaa Gabra’ab eeguudhaaf Dhiifamaa fi badhaasni haa qophaahuufii.
Kan hafe keessa hin deemnu isinummaan itti guutaa.
Abdi Teyib Wako

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …