Oduu Haaraya

“Araa dhabni taanaa maraa dhabamee, Tanaaf ar’a taane gabroota namaa”

Walaloo gabaaba asii gadii kanaa hayyuu,beeka,aalimaa keenya guddaa Sheekh Abubakar Usaman Odaa(‪#‎Shek_Bakrii_Saphaloo‬) tu gaafa lubbuun jiru barreese.
Mee dubbisaa ittiin yaadadhaa.
Hayyuu keenyaaf rahmata kadhadhaa.

Araa bahanii Luba foon hiranii
Yoggaa san gaggaarii nama filamaa,

Baheysuma laalee namu filataa
Isaan santu Raabaa Doorii ja’amaa

Abaan gada’aa ka urjii bokku’uu
Akeekaadhu yaa aboo falaan si namaa

Bokkuu asxaa beekaa gooftaa fugugii
Sibiilli hin tahuu mukarraa qoramaa,

Araa dhabni taanaa maraa dhabamee
Tanaaf ar’a taane gabroota namaa

Bareentumti goota san eentu didaa
Aduun ifa eentu didee mormaa,

Ammoo arr’a bokkuu jira’aan ja’anii
Garii adareedha dhaqee maramaa

Bareentuma gaafas kha miidhen bahuu
Khunooti arr;a ammoo oggolee fi’amaa

Badaa antaree daya’ee san fidee
Dhawetuma gooytaan facaase cumaa

Lafee duute dhaaduu gati irra tarii
Abuun gamnan gootu gowwaa cufamaa

Abee deeyma nyaatee nadhii dhudha’uun
Afaan si mi’eeysitu yaa ilmma namaa

Yoo waatarte yaa boo mee siin hubadhaa
Aduu biliqii darddaraa ganamaa.x2
—————————————–
Kan Walaleesse :-Sheekh Bakrii Saphaloo(Abubakar Usmaan Odaa)
‪#‎Cimimmuu‬ Kitaaba kuusa Walaloo
‪#‎Saphaloo_Kadiiir‬‘iin

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …

One comment

  1. Oto kan akkasa amma jiraate ODP n nutti him taphattu