Oduu Haaraya

AQIIDAA SHEEK DR. MUHAMMAD RASHAAD ABDULLEE

Review Overview

User Rating: Be the first one !

********AQIIDATUL OROMIYYAAH KUTAA 3FFAA*********

Urjii Ahmad

Aqiidaa Ulamaa’ii Oromoo tan Ahbaashiitiin wal bira qabuun “Aqiidatu Oromiyyaah” Kutaa 2 qopheeysee jira. Kutaa 3ffa keessatti Barruun amma dura “Sheekh Muhammad Rashaad Ahbaashii Albaase” jechuun barreeysen foyyeessee qabadhee dhufe.
Dubbisaa hubadhaa, Wal hubachiisaa! Ahbaashiin Amantii Islaamaa keessaa qooda hin qabdu!

>>>>>Dr. Sheekh Muhammad Rashaad Abdullee seenaa Isaa gabaabinaan.

Bara 1934 Abbaa Isaa Kabiir Abdullee Kabiir Maammayyaa fii Haadha Isaa Faaximaa Shurraa Irraa dhalatan. Bakki Dhaloota Isaa Ammoo Goodina Harargee Lixaa Liga Arbaa bakka jedhamutti.
Joollummaaan Abbaa Isaa Kabiir Abdullee irratti Quraana irraa eegalee barnoota jalqabaa baratee jira. “Kabiir” Jechuun maqaa sadarkaa kan nama Ilmii Islaamaa barsiisuuf kennamu.
Abbaan Isaa Ilma Isaa Sheek Muhammad Rashaad ilmiif kennee deemii baradhu je’ee Eebbiseen. Sheek Muhammad Rashaad haaluma saniin barnootaaf biyya keessatti barataa erga ture. Hajjii fi Umraaf gama Su’udii deeme.
Achiin Filisxeemii Fii Shaam ykn Suriyaatti barachuu jalqabe. Barnoonni Inni Shaam/Suriyaatti barataa ture Barnoota Islaamaa gosa hunda ture garuu dipiloomaa fii digrii wanni je’amu achi hin jiru. Akkuma Ulamaaii durii baratanii Ijaazaa ykn barsiisuuf hayyama fudhatan.
Booda sheekni Azhar Osuma Almii baratee jiruu seene. Bara 1962 Usuulu diiniin tokkoffaa bahuun Preezidaantii Misraa kan yeroo sanii Jamaal Abdu Naasir irraa badhaasa fudhate.
San booda Azhariin Somaaliyaa keessatti akka barsiisu Isa ramade.
Achi booda Qorannoo Afaan Oromoo fii Somaalee irratti godheen Qubee Afaan oromoo tan amma itti fayyadamaa jirru tana waan qopheeyseef Doktorummaa Isaa argatee jira.
Bara 1965 – 1984 Raadiyoo Moqaadishoo jiruun Afaan Oromootiin Seenee fii barnoota Islaamaa dabarsuun ummata Oromiyaa keessa jiru bakka Raadiyoon sun dhagayamutti barsiisaa ture.
Kitaaboota hedduu Afaan Oromootiin hiikuun saba Isaa guutuu fayyaduu dandahee jira.
• Tafsiira Afaan Oromoo Sagalee fii barruun.
• Aqiidaa Xahawiyyaah Sagalee fii Barruun.
• Arba’iin Nawawii barruun
• Sadarkaa Rasuulaa s.a.w
• Abuu Shujaa fi kitaaboota 20 ol qopheeysee jira.
Ulamaa’oonni keenya hedduudha. Hunda Isaanii Rabbiin Jannataan galata Isaaniif haa deebi’u.
~~~~~~~~~ AQIIDAA DR. MUHAMMAD RASHAAD~~~~~~~~~
Amma gama Aqiidaa Isaa hoggaa seenne, Kitaabni Aqiidaa Xahawiyyaa Afaan Oromootiin Inni hiikee fii Tafsiirri gahaadha. Ani Kitaaba lamaan san hundi keessan akka dubbiftan Isin afeera.
**Hiikaa Towhiidaa Sheek Dr. Muhammadrashaad Abdullee akka Armaan gadii kanattii hiika.
1. “Laa ilaaha illallaahu jechuun: Rabbii tokkicha malee, kan ibaadaa akka salaataa, soomanaa, isaaf waa qalu’uu,isa kadhatuuu haqa godhatu hin jiru; kan sifa akka sifa isaa qabu hin jiru; kan humna wahiin argamsiisu qabu, kan sifa waa hundaan beekuu qabu hin jiru, tanaaf jecha kan waa uumu isa malee hin jiru. == Rabbiin tokkichaa yaadun, nama biraatif, sifa, akka sifa isaa kennuu dhabuu ammallee nama biraatu, waa uumaa, nama razaqaa, ilmoo namaa kennaa, nama ajjeesaa yaaduu dhabuu. Ammallee nama isan tayeniitu ibaadaa haqa godhataa, yaaduu dhabuu.
Namni Rabbiin tokkichaa yaadaa, waan biraa ibaadu, iimaana hin qabu.”
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula:1
(kunii qooda Towhiidaa sadeen Afaan Oromootiin Ibsuudha, Kan Ibaadaa akka kadhachuu haqa godhatu hin jiru Rabbi malee (Towhiidul Uluuhiyyaa je’ama), Kan siifa akka sifa Isaa qabu hin jiru (Towhiidul Asmaa wasifaat je’ama), kan waa uumu Isa malee hin jiru (towhiidu Rubuubiyyaa je’ama) akkatti Ibsa sheek Muhammad Rashaad Aqiidaa warra sunnaa.)
***** SIFA RABBII KEESSATTI DR. MUHAMMAD RASHAAD MAAL AMANA?
2. “Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii”
Tafsiira Quraanaa Suuraa Xaahaa: 5
“ Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli. Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen……“Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru.”
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36
(wanni asii olitti dubbiftan kuni hundi kitaaba sheek Muhammad Rashaad fuula dubbatame kana gubbaa yoo hin jiraanne, Ahbaashiin laaltee nuuf haa himtu. Sheek Muhammad Rashaad kitaaba Isaa keessatti kana barreessee jira, Anaa miti kan barreessi je’an. Inni waan muslimoonni amanan barreesse, Anis muslima waanin taheef hikkaa Isaa argee amanee jira. Kuni Aqiidaa Muslimootaati Rasuula s.a.w irraa eegalee warri karaa sunnaa deeman hundi Rabbiin Arshiirratti akka Isaan malutti ol tahuu Isaa ni amanan. Kanas Rabbumaatu Quraana Keessatti nuuf hime).
3. “Qur’aanni Rabbiin Nabi Muhammadirratti buuse dubbi Rabbiiti, Rabbumaatu dubbate. Jibriil Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad Jibriilirraa dhagayee, ummanni Nabi muhammadirraa dhagaye.”
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula :20-21
(Sheek Muhammad Rashaad Quraana Jibriil Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad dhageesisee jechaa jira. Akka Ahbaashiitti jechi Rabbii hin dhagayamuu hin jenne, Jibriil keessatti jecha Isaa kan Azalii uume hin jenne. Ni dhagayee jechaa jira. Rabbiin keenya ni dubbata, Abbaa fedhe dubbisa. Yeroo fedhe dubbata. Waan fedhe dubbata. Namni inni dubbise jecha Isaa ni dhagaya.)
4. “Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii miti.”
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34

(Rabbiin Ija qaba, ni arga. Garuu Ijji Isaa tan uumamaa hin fakkaattu. Ija Isaan maltu qaba. Wanni hundi Ija isiin maltu qabdi. Ijji ra’ee Ija namaa hin fakkaattu. Iji Rabbiitis Ija waan uumamee takkallee hin fakkaattu. Kanaaf warri sunnaa waan Rabbiin nin qaba ja’e hin qabduu hin ja’aniin.).
5. “Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka keenyaatii miti.
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34
(Rabbiin harka Isaan malu qaba, kanas Isaatu dubbate malee nuti kijiba Isarra kaayuu hin dandeenyu. Sheek Muhammad Rashaad Aqiidaa warra sunnaa addeesse. Rabbiin sifa Isaan malte qaba. Dubbiin akka Ahbaashiin jettuu miti.)
6. “Asaabaa Nabi Muhammad, nama Isaanirraa taye, tokkolleedharraa hin cinnu. Hundi Isaanii jaalalloota keenya. Nama Asaabaa nabi Muhammad jibbu hunda, ni jibbina.”
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula : 117-118
(Tunis aqiidaa warra sunnaati Sahaabaa hunda ni jaalanna, waan Isaan jidduutti argames Rabbiif dhiifna. Tokkollee maqaa hamaadhaan hin kaafnu. Aqiidaan warra sunnaatu tana. Tan falsafaa ammo abbaa fedhan keessaa arrabsuu fi xiqqeessuudha. Rabbi nu haa tiysu jallina falsafaa irraa.)
7. (Sheek Muhammad Rashaad Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka murtii godhuuf dhufu hoggaa dubbatu akkana je’ee)
“Gaafa Rabbiin kee amrii isaatin dhufe dhufiinsa isaan malu,”
Al-Fajr: 21-22
(Aqiidaan warra sunnaa Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka Isaan malutti dhufa jechuu amanan. Halkan gama boodaa akka Isaan malutti gama samii adunyaatti gad bu’a jechuu amanan. Kanas Quraanaa fii Hadiisa irraa baratan malee ifiif uumaniitii miti. Garuu warri falsafaa jala deemu kaafira nuun je’an. Rabbiin jallina falsafaarraa nu haa tiysu.)
*******AQIIDAAN AHBAASHII YOO MAAL JETTI?********
1. Laa ilaaha illallaahu jechuun Rabbii malee kan waa uumu hin jiru jechuu.
(Kana Ragaa fiduun barbaachisaa miti Isaanuu hin khaadan. Akka sheek Muhammad Rashaad itti hike ol deebi’aa laalaa. Ibaadaa haqa kan godhatu, sifa akka sifa Isaa kan qabu hin jiru jechuu wanni irraa dhiisaniif, Shirkiif akka Isaaniif mijjaawu, Akka qabrii yaammachuuf Isaaniif tolu, Rabbiin sifa hin qabu jechuuf hiikkaa akkatti jallisan. Na’uzubillaah. Kan yaammachuu haqa godhatu Rabbi malee hin jiru jechuuf nu jibban.)
2. Rabbiin ol hin jiru, gad hin jiru, mirgaa fii bitaas hin jiru, duraa fi duubas hin jiru, adunyaa keessa hin jiru, adunyaa alas hin jiru.
(Kanas Ragaa fiduun barbaachisaa miti Isaanuu hin khaadan.)
3. Quraanni jecha Rabbiin dubbatee miti. Rabbiin azalitti (osoo waa hin uumin) jecha Isaa kana Jibriil keessatti uume. Jibriil waan Isa keessatti uumame dubbate malee Rabbiin ifiif hin dubbatu. Rabbiin jecha dhagayamu, kan qubee qabu dubbata jechuun kufriidha.
(Falsafaa tana numa laalaa, bar wanni Isaan je’an namaafuu hin galu. Mee jecha sheek Muhammad Rashaad kan sunnaa sanii fii kan falsafaa kana wal biratti laalaa.)
4. Fi 5. Rabbiin Ija hin qabu, ni qaba jechuun Rabbitti qaama godhuudha, kanaaf kufriidha. Rabbiin harka hin qabu, ni qaba jechuun kufriidha.
(Ulfina jecha falsafaa kana numa laalaa, Ani Rabbirran beekaa nama je’u maal jettaniin?)
5. (Sahaabaa akka Mu’awiyaa, A’ishaa, Rabbi irraa haa jaalatu zaalima jechuun itti muranii jiran.)
6. Rabbiin ni dhufa jechuun Uumatti Isaa fakkeessuudha, kunis kufriidha.
Yaa Obboleyyan tana Amantii je’anii itti nu yaaman. Falsafaa Isiniif wayya moo karaa Sunnaa kan Kitaaba sheek Muhammad Rashaad barreesse keessa jiru?
Sheek Muhammad Rashaad Ahbaashii Albaase moo hin Albaafne jettan erga barruu kana dubbiftan?
Kanaaf Sheekni Ahbaashiidha name je’uu fedhu Kitaaba Sheekaa Adunyaarraa balleeysuu qaba. Yoo Akkas hin taane Haala kamiin Ahbaashii fii Sheekni tokko tahan?!
Ammoo ani wannin Amanu Sheek Dr. Muhammad Rashaad Abdullee akkuma Ulamaa’ii biraatti dogonora irraa qulqulluu miti. Abuu Haniifaan, Shaafi’iin, Imaamu Ahmad hundi dogongora irraa qulqulluu miti. Ilmi namaa hundi ni dogongora Rabbiin dogongora Isaa Isaaf haa araaramu.
Garuu waan Inni dalage tan akka Gaaraatti dhaabbattu dhiifnee dogongora Isaa xixxiqqaa jala dalaguun beekkumsaa miti. Wanni Rabbiin namaaf hin araaramne Shirkii qofa yoo Osoo hin towbatin du’an.
Sheek, Doktar Muhammad Rashaad Rabbi Rahmata haa godhuuf.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ibsa ejjanoo Baale: Nafxanyaa fi Doorzeerraa hin binnu, itti hin gurgurru

Ibsa Ijjannoo Baalee Ibsi kun Nafxanyaa fi Doorzee (Walaayitaa Walaamoo) ilaallata 1.Dinagdee:Nafxanyaa fi Doorzeerraa hin …

2 comments

  1. Maaashaa Allaaah Barnoota baayyee gaarii ta’en irraa argadhe jazaa kallaahu kayiran

  2. Haaluma kanaan itti fufaa hadaraa du’aayiin isinirra barbaada du’aayiidhaan na dagatinaa baayyee Namatti toltu jabaadhaa yaa sanyii bilaal injjifannoon kan ummata islaamaati insha Allaah

Yaada kanaaf deebisaa kenni