Oduu Haaraya

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa.

Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan qaban, kan beekaatiis tahee osoo hin beekne hojjataniifi wal isaan fakkeessu hedduutu jira. Mootummoonni abbaa irree yeroo mara gaafa kufuuf dhihaatan amala akka waan gonkuma hin injifatamneetti if ilaalan qabaatu. Gabaasa sobaa kan kaadirootaafi kaabinoota isaatiin itti dhihaatuun dogoggoroota adda addaa irra deddeebiin hojjatee ummata dallansiisa.

Keessattuu hanguma jala bultiin kufaatii isaa dhihaachaa deemtuun naasuun farshaanee dogoggorootaafi rakkoolee garagaraa kan duraanii daran hojjachuun garba badii keessa daakuu hojii godhata. Akkuma waraabeessi gaafa du’aaf sakaraatu dhagaallee taatu waanuma dhiheenya isaa jiru ciniinee du’u san mootummoonni abbaa irrees gaafa kufuuf gahan badii isaanii irraa barachuu caalaa badiiwwan daran caalu hojjachuuf maraachuun amala isaanii guddaadha.

Mootummaan abbaa irree wayta kufaatiif qilee irra gahu sochiin isaa marti gocha qabatamaan lafarratti mul’atuufi laalchaan mirkanaa’u osoo hin taane jecha mimmiidhagaa sobaan guutame qofa arraata tottolfatee afuufuu irratti xiyyeeffata. Waan ummanni ijaan arku dhiisee akka nama abjuu hiikuuti hanga namni isa dhageeffatu jajuufi ajaa’ibutti waan faallaa xibaara. Dabballoonni isaatiis akka nama baarageetti hojii lafa irra hin jirre afaaniin dhaadheessuufi wacuu akka baayy’isan ajaja.Aanga’oonni sirnichaa waltajjiilee, miidiyaaleefi bakkoota garagaraatti carraa haasa’uu gaafa argatan akka nama maraateetti haasawa tartiiba hin qabne, kan ka’uumsaafi galuumsa isaa hin beeyne xibaaruu baayy’isan.

Dhaadannoofi iftuultummaa keessi duwwaa qofaan yeroo fixuu malee akeekaafi kaayyoo, hojmaataafi qajeelfamoota ummataaf fayyadu tokkollee hin ibsan. Garee muraasa jaamte, tan garaan bitamtuufi amala gaararraa qabdu walitti qabanii daabboon sossobaa akka isaan jala fiigan godhuun akka waan hawaasni guutuun isaan waliin jiruu fakkeessuuf yaalan. Gaafa garii ammoo kan waajjirootaafi biirooleen marti hojii dhaabdee jirtu akka waan hojmaanni manneen hojii mootummaa xiyyeeffannaan hojjatamaa jiruu fakkeessu. Bakka cubbuun babal’atteetti akka waan haqaafi walqixxummaa mirkaneessaa jiranii if fakkeessan.

Yeroo biraa ammoo piroojektoota gurguddaa hojjachuuf akka waan dhimmamanii, akka waan tajaajiloota hawaasaafi bu’uraalee misoomaa murteessoo tahan hojjachuuf yaadaniitti oliifi gad fiiganii dhagaa bu’uraa harka sobaatiin lafatti awwaalanii namoota muraasaan irraa shubbisan. Gubbaarra kana haa godhan malee ammoo dhimmoota kana mara keessatti qaama isaaniif oduufi odeeffannoo dabarsu unkuratanii deeman.Dhimmoota misoomaa, guddinaa, haqummaa, nageenyaa, bulchiinsa gaariifi misoomaa mara afaan gubbaarra dhadhaa dibatanii calaqissanii arraata sobaatiin dhaadheessan mara keessoo dhimmichaa dhooysaan dabballeefi jabbilee isaanii bifa keessa galchanii sakatta’u. Garuu xiyyeeffannaan hojiifi hojjaa isaani marti kan maallaqa itti dhangalaasanii hojjatan dhaabbilee basaasaa, qaamoota tikaa, humna poolisii, raayyaa Ittisaa (waraanaa), manneen hidhaa, gareewwan ukkaamsituufi gaagaatuu ajjeechaa lubbuu raawwattu qofa irratti daanga’a.

Jaroota kanneeniitu lubbuu na eewaluufi umrii irrummaa kiyyaa dheereessuu danda’a ja’ee waan yaaduuf isaan kana cimsuu, baayyifachuufi bobbaasuu irratti maraammartoo dhawata. Wayta kana baajata silaa piroojektiilee sobaan dhagaa bu’uraa kaaye san waan hojjatuun dhabee yaadni isaa walitti bu’ee, hojjattoonni isaa faaydaa dhunfaa qofa irratti wal afaan deebi’ee wal dhawa. Kun ammoo saffisa kufaatii isaa waan saffisuuf hanga afaaniin if dhaadheessu san hanqatee dirree irratti gatantaree kufee bororee qilee seena.Gama kaaniin Waajjiraafi biirooleen hojii mootummaa tan silaa tajaajila ummataa laattu marti gara dhaabbiilee basaasaafi tikaa tan lubbuu abbaa irree eewaluuf yaaltutti waan jijjiiramtuuf tajaajilamtoota (hawaasa), hojjattootaafi ogeessoota mana hojii kanneen sochii warraaqsa hawaasaa sirrii tahuu deeggaran adamsuufi ukkaamsuu qofaaf tajaajila kennuu jalqaban.

Bu’aan baajanni mootummaa, qabeenyi uumamaafi oomishoonni biyyatti kan adda addaa kennuu qabu marti warroota abbaan irree bobbaaseen daangaafi dhoorkaa malee akka fedhanitti saamuun garaacha isaanii ittiin guutachuuf, bu’aa isaanii itti eegsifachuuf baayy’ee waan dhangala’uuf qisaasamni diinagdee isaan mudata. Haalli kun marti gabaasa sobaatiin qindaawee qaama ol aanuuf waan dhihaatuuf akka waan kufaatii irraa isaan eewaluu danda’u itti fakkaatee gammachuu yeroo gabaabduutiin qoma dhawatanii seeqaanii kofluun injifannoo dharaa lallabuun dura caalaa guddatee hafarfama.

Wayta kana akka nama sakaraata du’aa (shakar mooytii) irra jiruutti kan qaamni jalaa ol qabbanaawaa jiru dhaammannaa dharaa, wixxifataa maayyiifi seeqinsi sobaa kan dhumaa isaan irratti mul’ata.Yeroo sadarkaa kufaatii irra gahe sirni mootummaa abbaa irree kamuu osoo keessoon if bir’achaa jiruu afaaniin ammoo akka leencaa bookkisuu barbaada. Amalli kun akkuma beeyladaan gaafa halaalchan sagalee maayyii tan bookkisaa baaftuuti. Kaayyoon isaa ammoo cimina isaa kan keessaan haphate san sagaleen jiraachifachuu kajeellaafi malee keessoon isaa onuu inninuu ni beeka. Gaafa kana dhimmi gaafii mirgaafi walqixxummaa, falmiin bilisummaafi warraaqsi haqaaf godhamu marti keessoo isaa jeeqee, laphee isaa laaffisee, qaama isaa hollachiisaa waan jiruuf qaamoota sagalee dhugaatiin bookkisan kana goda mana hidhaa ja’amutti ugguruu hammeessa.

Osoo qaamni isaa akka hiyyeessa roobni cabbii itti bu’eetti hollatuu arrabni isaa sibiila irra jabaatee akka nama ifitti amantummaa qabuutti bookkisuu kajeela. Ummataafi qabsoon jaarmayaaleen sirna dimokraasiitti amananiifi falmitoonni mirga namoomaa gaggeessan marti dadhabduu, humna dhableefi tan humaa bu’a hin fidne fakkaassee ibsuu kajeela. Irree isaa keessattuu tan gama waraanaatiin jirtu humnaa ol dhaadheessee, hantuuta guddissee arba fakkeessee humna warraaqsa ummata bal’aa tan gaara geessu immoo hanga bookeetti xiqqeessee, yarachiisee calaqqisuu kajeela. Haalli inni itti yaadu kun immoo qabsoon mirgaafi dhugaa tan hawaasa bal’aan gaggeeffamaa jirtu tan injifannoo hin qabneefi gonkuma fiinxa hin baane godhee akka tilmaamu isa godha.

Yoo barbaachisaa tahe ammoo humna waraanaatiin macalaasee dhunfachuufi dhaamsuuf yaala. Mootummaan abbaa irree tokko gaafa kufuuf guunguufu akka waan bardoon harkaa qaban kufaatii hamtuu irraa eewaltuutti yaadee humna isaatti amanee, irree isaatti fayyadamuuf yaaduun kun dogoggora guddaa akka taheefi kufaatiif daran isa saffiftu seenaa qabsoo biyyoota adda addaa kan abbaa irree irratti godhamaa turan irraa ni hubatama. Mootummaan ‘Bilxiginnaatiis’ haalli itti jiru kanuma. Bilxiginnaan’ kuftee qilee keessaa iyyaa jirti malee lafarra tasuma hin jirtu wanti jannuufiis kanuma. Amaloota kana mara namni seenaa abboottii irree kanneen biroo gaafa isaan kufan hin beeknelleen haalota kana ‘Bilxiginnaa’ irratti yoo agartan jala bultii kufaatii isii dhiichisaa jiraachuu qofa hubachuun qabsoo warraaqsaa daran cimsinee itti fufuuf murannoo qabaachuu barbaachisaan dhaamsa kooti

.Saphaloo Kadiir | Onk. 2020Oromiyaa.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Sagantaa virtual yaa’ii hagayya 15 bara 2020 gadgeeyfamu

Sagantaa virtual yaa’ii hagayya 15 bara 2020 gadgeeyfamu Gara: Jaarmolee, Hawaasota, Waldoota Amantaa, Waldaalee Dubartootaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *