Oduu Haaraya

AKKAATAA ITTI FAYYADAMA “TWITTER” !!!

Ummu Ammaaraa
=================
Tiwiitarii fayyadamuu bardaadduu? Tole yoo kan barbaaddan ta’e barreefama armaan gadii kana sirritti obsaan dubbisaa! (Galata obboleessa keenya AbuDawud Usmaanif)
Tiwiitariin social networkii adduyaa irratti fayyadamtoota baay’ee qaban keesaa isa tokko dha. Biyya keenya kessatti illee namoota miliyoona oolitu fayyadama. Yeroo dhihoo kana keessatti biyyattii Keenya keessatti namoonni tiwitarii fayyadaman haalaan dabalaa dhufaniiru. Nutis tiwiitarii fayyadamuun keenya qabsoon keenya addunyaa irratti dhageettii akka sirritti argatu gochuu fii wantoota hedduu biroo irratti faayidaa baay’ee kan qabu waan ta’eef itti fayyadamni isaa akka armaan gaditti dhiyaatee jira.
================
1. Duraan dursee tiwitarii fayyadamu dhaaf accountii isaa banachuun dirqama. Kana gochuuf immoo Websitii kana “www.twitter.com” banuu qabna. Itti aansuu dhaanis mallattoo sign up jedhu cuqaasuun gabatee nu dhiyaate irratti Maqaa Guutuu, Imeelii, Passwordii fi maqaa addaa itiin fayadamtan guutuu dha. Erga guuttanii fixxanii booda “Agree to the Twitter Terms of Service” kan jedhu cuqaasaa. Dhuma irrattis mallattoo “Sign up for Twitter” Jedhu cuqaasuun haala salphaadhaan accountii tiwiitarii banuun ni danda’ama jechuu dha.
Yeroo tokko tokko nu mirkaneesuuf lakkoofsa bilbilaa akka galchinu nu gaafatuu danda’a. yeroo kana lakkoofsa bilbilaa erga galchinee booda ergaa (message) lakkofsa itti mirkaneesinu bilbila keenya irratti nuuf erge sanduuqa san irratti akka guunnu nu gaafata. yeroo kana ergaa san banuudhaan lakkofsa mirkaneessaa nuuf ergame san sanduuqa qophaa’e san keessa galchuudhaan haala salphaan banuu ni dandeenya jechuu dha.
================
2. Accountiin tiwitarii keenya odeefannoo adda addaa akka nuuf keennu gochuuf maaltu nurraa eegamaa?
Fayyadamtoota tiwitarii kan biroo wajjiin wal qunnamuuf facebookii irratti profilii keenya akkuma guunnu san as irrattis guutnee haala salphaan namoota barbaannu argatuu dandeenya jechaa dha.
===============
3. Namoota biroo, Dhaabattootaa fii miidiyaalee gara garaa karaa salphaan argachuuf maal godhuu qabnaa?
Yeroo accountii twitarii fayyadamuu jalqabnu mallattoo “Suggestions” jedhu cuqaasuun namoota barbaannu “follow” (hordoffii) gochuu ni dandeenya. Namoota barbaannu barbaadnee argachuuf mallattoo “search” jedhu cuqaasuun namoota,dhabbatootaa ykn midiyaalee barbaadnu barreesuudhaan erga argannee booda mallattoo “follow” jedhu cuqaasnee namoota saniif hiriyoomuu ni dandeenya.
================
4. Tiwitarii irratti wantoota barbaanu akkamitti maxxansuu dandeenya?
Tiwitarii irratti kan maxxansuu dandeenyu jechoota 140 qofa dha. Kanaafuu yaada ykn ergaa keenya gabaabsinee sanduuqa fuldura irratti mul’atu keessatti bareesuudhaan mallatoo “Tweet” jedhu cuqaasuudhaan ergaa barbaadne maxansuu dandeenya jechuudha. Facebookii irratti yommuu maxxansinu akkuma namoota irratti tag goonu as irrati immoo mallattoo “@” jedhu kana maqaa namoota tag godhuu barbaanu san fuldurarratti bareessuudhaan namoota san tag gochuu ni dandeenya jechaa dha. Tiwitarii irratti suuraa dalagaman maxxansuu kan dandeenyu yommuu ta’u kana gochuufis sanduuqa qophaa’e jala karaa bitaatiin mallatoo “ADD PHOTO” jedhu cuqaasuudhaan suuraa barbaanne galchinee tag fi barreefama suuraa san wajjiin galchuu yoo barbaanne sanduuqa qophaa’e keessatti barreesinee Mallattoo “TWEET” jedhu cuqaasudhaan maxxansuu dandeenya jechaa dha. Ergaa haala salphaadhaan walitti qabuu yoo barbaanne barreefama barreesinu fulduratti mallattoo hashtag (#) kana galchuudhaan tweet gochuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf ‪#‎OromoProtest‬ .
=================
5. Ibsa (hiikkaa) jechoota tiwitarii irratti argamanii….
“Follow” jechuun akkuma facebook irratti namoota barbaannu “Add friend” goonu sana tiwitarii irratti “follow” goona jechuu dha.
“Following” jechuun immoo namoota nuti follow godhaa jirru san iddoo tokkotti kan itti argannuu dha.
“Followers” jechuun immoo namoota follow nu godhaa jiran kan itti argannuu dha.
“Replies”፡- kuni kan argamu barreefamoota namoonni maxxansan jalatti kan argamu yommuu ta’u mallattoo xiyya gara bitaatti gara galee dha. Fayidaan isaas facebookii irratti komentii kennuu dhaaf akkuma yaada kenninutti tiwitarii irrattis isa cuqaasuun saanduuqa yaadaa dhuunfurratti yaada Keenya kenyuu dandeenya jechaa dha.
“TWEET”፡- kun akkuma gubbaa irratti ibsuuf yaaletti tiwitarii irratti maxxansuuf nu gargaara.
“Retweets”፡- kun ammo facebook irratti akkuma share goonu tiwiitarii irratti share gochuuf nu gargaara mallattoon isaattis xiyya lama gara oliifi gara gadii kan jiranii dha. Isa cuqaasuun share gochuu dandeenya jechuu dha.
“Favorites”፡- kuni ammo facebook irratti like akkuma goonu tiwitarii irratti ammo mallattoo Favorite jedhu cuqaasuun like gochuu dandeenya jechuu dha.
“More”:- kuni ammo filanoo adda addaa kan of keessatti qabatee dha. Fakkeenyaaf barreefamoota maxxanfaman ergaa keessaatiin fi imeeliin waliif erguuf fi namoota hin barbaanne immoo block gochuuf nu gargaara.
“Messages”፡- namoota follow goonee isaan hordofnu wajjiin ergaa keessaa waliif erguuf gargaara.
================
6. Accountii facebookii fi Accountii twitarii akkamiin wal qunamsiisnee fayyadamuu dandeenya?
Kana gochuuf haala salphaadhaan yeroo wantoota facebookii irratti maxxansine tiwiitarii irratti maxxasuuf nu gargaara.
A. waan facebookii irratti maxxansinu tiwitarii irratti akka maxanfamu gochuu. Kana gochuufis karaa kana fayyadamaa:Dura accountii facebookii banna egasii haala kana hordofaa Setting – followers – link my profile to twitter egasii accountii tiwiitarii keenyaa irratti galchinee walqabsiisuu dandeenya jechuu dha. Ibsa wantoota armaan olitti ibsaman argachuuf liinkii kana fayyadamaahttp://www.facebook.com/twitter
B. twitarii irratti waan maxxansinu facebooka irratti akka maxanfamu gochuu. Kana gochuuf accountii twitarii erga bannee booda setting – Apps – Facebook Connect erga sanii accoutii facebooka keenya galchinee wanta tiwitarii irratti waan maxxansinu facebook irratti arganna jechuu dha.Yoo barbachisaa ta’e lachuu wal qunamsiisuun fayyadamu dandeenya jechuu dha. Fayidaan acountii facebookaa tiwitarii waliin qunamsiisun qabu akkuma gubbatti isinitti himetti tiwiitariin jechoota 140 oli maxxansuun waan hin dandeenyeef yommuu wal qunamsiisnee maxxansinu linkii irratti godhuu dhaan wanna maxansine sana akka mul’atu godha.
=================
Wantoonni kanaa olitti barreefaman kunniin jalqabdoota tiwiitariitif beekkumsa kenna jennee abdanna!
Yaadadha barreeffamni xiqqoon nuti Twitter irratti barreessinu miidiyaa addunyaa irratti kan Facebook irratti harka dhibba barreessinu caalaa dhageettii fii dhiibbaa qabdi. Nutis waa’ee qabsoo keenyaa twitter gubbatti barreessuun miidiyaa addunyaa dhageettii akka argatu gochuu dandeenya.
Ibsi gubbatti ibsame kun Duula twitter halkan har’aa sa’aa 1 hanga sa’aa 5 tti gochuuf nu qarqaara. Hashtagiin nuti halkan har’aa fayyadamnu ‪#‎OromoProtests‬kan jedhuu dha. Hin irraanfatinaa, Tokkummaan humna!
=================
Dubbistanii erga geessitanii booda hiriyyoota keessaniif share godhuu hin dagatinaa! Galatoomaa! (Ramu Na)

Check Also

kuusa afaan oromoo

Jechoota Koompitaraa Afaan Oromootti kan hiikame..

Abduljabbaar MohammedFölj 11 november 2017 Jechoota Koompitaraa Afaan Oromootti kan hiikame– warrii koompitar qabdan ykn …