Oduu Haaraya

AKKA HUNQAA OSOO GUBATUU KOFLUUN OROMOO GOOLABAMUU QABA.

 

Biyya Oromummaan yakka tahetti ayyaana sabaaf sablammootaa kan heerri mootummaa kijibaan dhaadheessanii fi federaalizimiin keessatti miidhamaa jirru baasee kabaju san irratti dhunfaaniis tahee Oromoo bakka bu’anii hirmaachuun yakka guddaa dha. Oromoon heera mootummaa biyya bulchaa jiruu saniin hanga arraa miidhamuu malee takkaa fayyadamee hin beeku. San kan nuuf mirkaneessu ragaa qabatamaan ummata keenya badii malee qe’ee itti qabeenya horatan naannoo soomaalee tan heera mootummaa wayyaaneetiin akkuma Oromiyaatti bultu keessaa buqqaafamanii harka duwwaa dirree irratti facaafamuu isaanii kan hin agarre hin jiru. Oromoon hanga ammaa waraana hanga funyaaniitti hidhate kan wayyaaneen ergiteen ajjeeffamaa, daangaa isaa saamamaa jira. Kana jechuun Oromoon sirna federaalizimii irraa bu’aan argate hanga arraa ajjeechaa lubbuu, saaminsa qabeenyaa, badii malee hidhamuu fi biyyaa ari’atamuu dha. Gama biraatiin osoo dhiigni ilmaan Oromoo ammallee daangaa fi qabeenya isaa irratti warra federaalaan deeggarameen du’aa jiruu ayyaana kijibaa irratti Oromoos tahee Oromoo bakka bu’ee qaamni hirmaatu kamuu dhiiga obboleeyyan keenyaa irratti dhiichisuun yakka hunda caaluu dha. Kanaaf, mootummaa naannoo Oromiyaas tahee namni Oromoo tahe kamuu ayyaana maqaa sabaaf sablammootaatiin Sadaasa 29, 2010 naannoo Affaaritti kabajamu irratti argamanii dhiichisuun salphina guddaa dha.

Ayyaana heerri mootummaa murteessee kabajamu irratti hirmaachuuf dura mirgi heerri san laate nuuf kabajamuu qaba. Sirna federaalizimii sanitti amanuuf dursa sirnichi nu fayyaduu qaba. Gama tokkoon kan nu ajjeessaa jiru heeraa fi sirna federaalizimii kijibaan xalayaa irra kaayame sani waan taheef isa san mormuu qabna malee heeruma nu ajjeessu saniin deebinee dhiichisuun ilaalcha wal rukutu taha. Kan nu ajjeessuus, kan cidha sobaatti afeeree nu dhiichisiisuus sirnuma sani waan taheef gonkuma fudhatama hin qabaatu. Sirnicha mormaa ayyaana sirni san qopheessu irratti argamuun ablee qara lamaa nama gooti waan taheef akkasuma ammallee sirnichi sirrii fi bu’a qabeessa tahuu isaa mirkaneessuu jechuu dha. Ummanni Oromoo kan mormaa jiruu fi ture sirna kijibaa kan bu’aa hanga firii xaafii Oromoo fi Oromiyaaf hin buusin san diiguuf akka tahe dagachuu hin qabnu. Osoo dhiigni keenya dhangala’uu dandeenyee dhiiga obboleeyyan keenyaa irratti dhiichisaaf mogolee dheereessuun yakka gubbaan yakka afeerrachuu taha. Yoo tarii sababa mirga keenya bahachuuf dura dirqama keenya bahuu qabna kan ja’amu tahe Oromoon mirga isaa qabsoon malee eenyu irraallee deebii bilisaan eeggachaa hin jiru. Mirga isaa fi biyya isaas Oromoon kan argatu wareegama hadhaawaan kafaluun malee gaafii wayyaanee gaafachuun miti. Sababni yoo MNO ayyaana kana irraa hafe Affaar waliin walitti nu mufachiisa ja’amuun dhiyaataa jiruus gatii hin qabu. Affaar waliin hariiroo kan cimsachuu danda’an ayyaanicha hirmaachuun osoo hin taane dhimma kanaan alatti waltajjii marii qopheeffachuun faa tahuu danda’a. Sirna federaalizimii fi heera mootummaan miidhamuu Oromoo Affaar miti Burkinafasoo fi Giiniibisaa’oonuu ni beekan.

Keessattuu ammoo Opdon (mootummaan Naannoo Oromiyaa) yeroo hedduu akka sirni federaalizimii kun Oromoo fi Oromiyaa miidhe ifaan ifatti dubbachaa turanii amma ammoo kabaja ayyaana sabaaf sablammootaa kabajna jachuun gara Naannoo Affaar yoo kan imalan tahe ykn ayyaanicharratti hirmaatan tahe duraanuu ummata sossobanii wayyaanee jalatti hidhuuf malee mirga Oromoo kabachiisuuf akka Oromoon miidhame dubbachaa kan hin jirre tahuu if irratti mirkaneessan jechuu dha. Ayyaana sabaaf sablammoota kijibaa irratti hirmaachuu osoo hin taane wanti guddaa fi ijoon mirga Oromoo kabachiisuu danda’uu dha. Kana mirkaneessuuf Opdon ifaan ifatti ayyaana maqaa sabaaf sablammootaan kabajamu kana irratti hirmaachuu diduu qabdi. Amma booda Oromoon osoo gubatuu akka hunqaa kokkofluun hin danda’amu. Waan isaaf hin taane ifatti mormuu qaba. Osoo ummanni isaan bulchan federaalaan ajjeeffamaa jiruu Opdon ummata Oromoo bakka buutee ayyaanicha hirmaachuun badii dhiifama hin qabne tahuu hubatamuu qaba. Keessattuu ammoo dhaadannoon ayyaanichaa wal danda’uu fi nageenya (‘መቻቻልና ሰላም’) ja’u Oromoo fi Oromiyaaf hin hojjatu. Oromoon takkaa nagaya hin arganne. Arrallee daangaa fi walakkaa biyyaattiis lubbuun Oromoo rasaasaan wareegamaa jira. Wal danda’uu kan ja’u ammoo Oromoon sabaaf sablammoota hunda danda’anii jiraachisaa jiraatanillee garuu naannooleen biraa ammoo Oromoo danda’aa hin jiran. Kan mirkaneessu ummata Oromoo 600,000 ol naannoo Soomaalee irraa buqqaafamuun rakkachaa jiranii ol ragaan numa hin jirre. Kana kan ja’u anaa miti dubbiitu ja’a. Tiyya tanuma, fixadhe an!

Qabsoon keenya ijoon federaalizimii sobaa diiguu dha!”
…………..

Saphaloo Kadiir
Mudde, 2017

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …