Oduu Haaraya

IBSA YAADANNOO  GUYYAA WARAANA BILISUMMAA OROMOO

Haga Ummanni Oromoo  Haqa Isaa Deeffatutti falmiin Bilisummaa Itti sufa

(fufa).

 

Ummanni Oromoo ummatoota  gaanfa Afrikaa keessatti bilisummaan  jiraataa turee keessaa ummata tokkoo. Ummanni kuni   ummata sirna woliqixxummaa fi bilisummaa ilmaan namaa fi uumaaa  (sirna Gadaa) bu’urse.  Ummanni oromoo sirna gadaa sirna waan hundaa of  keessaa (hawasummaa, waraana,  Dinagdee, siyaasaa fi qunnaamiti ) qabu ijaaruun ummata  boonee  mirga isaa eegsifatee gaanfa Afrikaa irratti   jiraataa ture. Ummanni  Oromoo   dhuma Jaarraa 19tti  fi jalqaba jaarraa 20tti   biyyaa fii bilisummaa isaa  sarbame. Biyya isaa saamame. Qeyee isaa irratti tuffatamee, saamamee,ajjeefamee akka gabroomu godhame.

 

Ummanni oromoo  ummata akka laayyootti gabrummaa jalatti kufee miti. Ummata gootummaan diina  afoo  dhaabbatee  Bilisummaa  isaatiif   lolaa turee dha. Kuni waan oromoon ofi himatu qofa osoo hin taaane ka ragaan alagaa mirkaneesse dha. Ummanni oromoo bakka adda addaatti diina afoo gootumaan dhaabbatee lolaa akka turee seenaan  oromoon  diddaa garbummaa irratti godhe ni mirkaneessa.  Lola diddaa garbummaa kan gootonni ilmaan Wolloo, Macaa , Tullama, Arsii fi  Humbanna kaasuun ni danda’ama.

 

Ummanni oromoo erga garbummaa jalatti kufee guyyaan inni garbummaa fudhaatee bulee hin turre. Sochiin ilmaan oromoo bakka adda addaatti: Wollootti, Tulaamatti, Muccatti , Baaleetti fii humbannatti godhaan yaadaatuun ni gaya.  Sochii mirgaa fi bilisummaa sabaa fi biyyaa goonfachuuf  abbootii fi haadholeen keenya taasisaniin akka sabaatti of beeknee akka biyyaatti Oromiyaa qabaachuu keenya addunyaatti mudhisnee jirra.  Qabsoon ilmaan oromoo qaqqaaliin wereegama lubbuu, qabeenyaa, yeroo fi beekkumsa isaanii itti kaffalaniin yeroo ammaa gaaffiin mirgaa fi bilisummaa oromoo sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenye irra gahee jira.  Lafee fi dhiigni  gootota keenya dhaloota eenyummaa isaa beekee mirgaa fi bilisummaa biyya isaaf falmatu geessisee jira

.Kanaaf, guyyaa WBO yeroo yaadannu injifannoolee nuu hafan  goonfachuuf xurree gootonni keenya akeekanii taraaran irra buunee galii qabsoo oromoo fiixaan baasuuf guyyaa waadaa itti seenuu dha. Ilmaan oromoo Adda Bilisumaa Oromoo jalaatti ijaaraman  falmii bilisumaa oromoo erga eegalani waggaa afurtama ka lakkaayyate yoo ta’uu , ummanni oromo ardhalee  bittaa sirna bicuu TPLF jalatti kufee  jira. Haa ta’uu malee diddaan sirna garbummaa ka yeroo kamiituu caalee   itti sufee jira.

Addi Bilisummaa Oromoo , yeroo  guyyaa  ayyaana waraana Bilisumaa Oromoo  yaadatu gammaachuu fi gaddatuu wol fanaa itti dhagayama. Gammachuun itti dhagayamu,  oromoon gootota ilmaan isaa sodaa  tokkoo malee lubbuu isaanii sabaa isaaniif dabarsanii kennan qabaatuu isaatii . Osoo oromoon  gootota akkanaa   qabaatuu baatee,   silaa hagam qaaniin ilmaan oromootti dhagayaama ture. Galanni gootota falmii  irratti  wereegamaaniiif haa ta’u,  ilmaan oromoo  bayaa  dhiyaatti, kaabaa  kibbaatti fi jiddugaleesaatti bilisummaa sabaa isaaniitiif jecha  sodaa tokkoo malee diina afoo dhaabbataa jiran.  Wereegamni isaanii akka oromoon  mataa olqabatee diina  afoo dhabbatee falmatu godhee jira.

Gara biraatiin   bilisummaa gootonni ilmaan oromoo   lubbuu  isaanii itti dabarsan haga ardha  ummanni oromoo   injifannoo isa maayyii osoo  hingooffanne jiraatuu isaati. Kuni oromoo hundaaf gadda.   Haa ta’uu garuu wereegama  fedhellee gaafatu , bilisummaan oromoo waan enyullee hambisuu dandahuu miti  ( It’s a Manifest Destiny).

Diinni  yeroo ammaa biyya keenna saamaa , ummata keenna hidhaa , ajjeesaa,  biyyaa baasaa jiru  akka bilisummaa oromoo hanbisuu hin dandeenne  beekee osoo yeroon  itti hin dhiine oromiyaa fi oromoo  gadi dhisee  akka deemu  akkeekachiifna. Qabsoon Ilmaan oromoo bilisummaaf  godhaa  jiran qabsoo  haqaa waan ta’eef  sa’aa tokkoofillee  osoo   hin dhaabbanne haga oromiyaan bilisoomtutti  ka itti fufu ta’a.

Ardha yeroo  guyyaa  waraana bilisumaa oromoo  yaadaannee oolluu   wereegama isaan bilisummaa ormootiif baasan galatoomfataa,  Addi Bilisummaa Oromoo  Imaan oromoo bakka jiru  hundatti  tokkumma’aan  kaanee wereegamaa nurraa  barbaadamu kafallee gumaa gootota keennnaa  oromiyaa diinna  jala baasuun haa mirkaneessinuu. Dhuma irratti yeroo kamuu caala qabsoo ilmaan oromoo gaggeessaa jiraniin, diinni  keenya kan amma aangorra jirus ta’ee, kan kaleessa sirnuma wal fakkaataa gaggeessaa turan burkuta’aa fi shororkaan mooraa isaanii dhuunfate dha. Oromiyaan dhaloota haarawa kan garbummaa fi bittaa alagaaf hin jilbiiffanne geessifate jirti. Keessumaa diinni keenya kan nurra bubbulee fi nurra turuu abjootuuf  tokkummaa dhabiinsa mooraa qabsoo oromoo ti. Kanaaf jecha dhaabbilee siyaasaa ta’ee ,caasaan hawaasa oromoo oromiyaa keessaa fi biyya ambaa maadheffatanii jiran, akka oromooti hiree tokko qabaachuu keenya hubannee tokkummaa fi danboobina mooraa qabsoo oromoo keessatti fiduuf adda duree ta’ee kan hojatu ta’uu isaa carraa kanatti gargaaramuun ummata oromoo fi qabsa’ota oromoof waadaa seena.

Oromiyaan dhiiga ilmaan isiitin bilisoomitii !!!

Kabajaan Guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo bara baraan   ni jiraataa!!

Adda Bilisummaa Oromoo

 

Amajjii 1, 2015.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …