Oduu Haaraya
ahmaddiin jabal

Ahmadiin Jabal Falmataa Haqaa Mirga Dhala Namaati! 

Hawi Anole – Sad. 15/2017
– – – – – – – – – – – – – – – – –
Akkuma Hundi keessan beektan bara 2011tti Uummanni Musliima Itiyoophiyaa wal dhibdee mootummaa waliin keessa seenef furmaata barbaaduuf jecha koree fala barbaadduu nama kudha torba of keessaa qabu hundeessanii turan. Koree Fala barbaadduu kana keessaa tokko Ahmaddiin Jabal ture. Ahmaddiin Jabal, hamma mootummaadhaan hidhametti koree kana keessatti Barreessaa korichaa ta’uudhaan filatamee tajaajilaa ture. Koreen kun yeroo garagaraatti irra deddebidhaan Aangawoota mootummaa waliin taa’anii marii babal’aa gaggeessaa turan. Aangawoonni mootummaatis koree tanaafi adeemsa korichaa dinqisiifachuudhaan gaafii koreen kuni Uummata bakka bu’anii dhiyeessan akka furan waadaa galan.

Mariin Koreefi Mootummaa jidduutti gaggeeffame garuu fiixa hin baane. Mootummaan ilaalchafi ejjannoo dura qabu digrii 360 jijjiirudhaan koree kanarratti olola bane, yakka isaan hin hojjatiniin yakkee hunda isaanii mana hidhaatti guure. Akka karoora mootummaatti isaan hidhuun isaa Uummatichi akka hiriira hin baanef ni fayyada jedhee yaadee ture. Hirirri Uummanni gaggeessaa ture garuu daran dabalaafi cimaa adeemuu malee laffachuu dide. Mootummaan amala gogiinsaa ( rigid approach) qabuun beekkammus morkiidhaan lubbuu namoota hedduu rasaasaan hamma galaafatuutti gaye.

Bifa nama ajaa’ibsiisuun miseensota koree fala barbaadduu kanneen erga yeroo dheeraadhaaf mana murtiitti deddeebisee booda bara 2015tti hidhaa waggaa 18 – 20 itti murteesse. Guyyaan sun seenaa Uummata Muslima Itiyoophiyaa keessatti guyyaa seena qabeetti yoomuu hin irraanfatamne tahuudhaan akka galmooftu godhuudhaan ala qabsoo Uummatichaa dhaabsisuu hin dandeenye. Qabsoon walirraa cituu didee, qabsoo tokkorraan qabsoon biraa itti dhalannaan, miirri uummataa laaffachuurra hammaachaa dhufnaan bara dheengaddaa miseensota koree fala barbaadduu sanneen keessa dura taa’aa korichaa Obboo Abubakar Ahmad dabalatee namoota muraasa dhiifama gaafataniiru kijiba jedhuun gadi lakkisan.

Ahmaddiin Jabal goota haqaa, sabaafi biyya isaa sirriitti jaalatu, barumsaanis Yunivarsitii Finfinnee irraa Digrii Maastarsii kan qabu, nama kitaabota dhibbootaan lakkaawwaman dubbise, kan kitaabotas barreessedha. Ahmaddiin guyyaa tokkos uummata isaa gara nagayaa, tokkummaa, wal hubannaafi ijaarsa biyyaatti waamuu malee waa’ee jibbaafi qoqqoodamiinsaa faarsee nama beeku miti. Ogeessa ragaa qabatamaa irratti hundaa’ee dubbatu, nama egereefis abdatamuufi abbaa ijoollee sadihiiti. Seeraf heera biyyattii irratti namoonni hunduu walqixa keewwanni jedhu moggaatti dhiifamee bifa addaatiin hidhaatti akka hafee dararamu godhamuu irras dabree, har’a yeroo inni dhukkuba kaleetiin rakkachaa jirutti tajaajila yaalaa akka hin arganne isa godhuun isaanii jibbaafi diinummaa akkasumas tuffii isaan ilmoo namaatiif qaban kan agarsiisudha. Akka ilmoo namaatti yeroo hayyoonni akka Ahmaddiin Jabal akka yakkamaatti harki isaanii sibiilaan walitti guduunfamee, mirgi isaanii sarbamee, namoomni isaanii salphifamee argu ijji koo imimmaan dhiigaa dhangalaasti. Haqni eenyumaatu yeroo dabu garaa nama guba, nama gaddisiisa, namas dallansiisa. Waan hundaafuu, kan hidhame hundi akka hidhametti hin hafu, kan rakkate hundi akka rakkatetti hin hafu, kan yakkame hundis akka yakkametti hin hafu. Abdii Rabbiitiin cubbuun ilmaan keenyaafii ilmoo namaa kamirrattuu raawwatamu kuni hundi dabree guyyaa tokko kanneen akkanatti ilmoo namaatti taphatan seera fuulduratti dhiyaatanii waan harka isaanii akka argatan arguun keenya hin oolu!

Kanuma
Keenyas Oluma
#HawiAnole

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …