Oduu Haaraya

Afraan Qalloo

AFRAN QALLOO Sabboontoota Oborraa,Baabbilee-Dagaa fi Alaa Ramaddiin isaanii Afran Qalloo jalaa Mee xiqqon dubbadhaa hundi keessan laalaa. Aartii Oromoodhaaf tan bu’ura taate Waggaa shantam dura gaafas tan hundooyte Artistoota jabaa akkaan nuuf oomishte Shabboo fi Birra; Qophes dabalatee Abubakariif Shantam si keessaan dhalatee Arra isaanumaan Oromoon dhaaddate. Gootummaa isaanii garsiisuun ifatti Miidhaa sabaatiif laalatuun sirritti Diinatti duulan sodaadhaan maletti Meeqaantam dammeeysuun hiriirsan qabsotti Dhugaan Afran Qalloo madda hayyootaati. Duree qabsoo ilmaan Oromootaa Hundee fi burqaa gootootaa Madda beeytootaa fi sabboontootaa Kanaaf Oromoonni isiniin dhaaddata. Murna beekaa guddaa kan Bakrii Saphaloo Wirtuu dammaqinaa ilmaan Afran Qalloo Seenaadhaan qulqulluu hin qaban hammeenya Itti wareegaman qabsoo saba keenyaa Isaaniin boonnee nuuf tahan fakkeenya. Kanneen diinaan lolan didanii cunqursaa Kan diinatti bane jalqaba dhukaasa Elamoo Qilxuu kan boonse sabasaa Jaarraa Abbaa Gadaas maddi isaan keessaa Seenaatu dubbatee waa hin taatu dhooysaa Dhugaan Afran Qalloo qabsoof gadaameessa. Warreen du’aan galan addunyaa tanarraa Kanneen addaan saaquun nutti agarsiisan karaa Waan isaan gad dhaaban amma itti jirraa Kan du’an raahmata, kan jirtan nuuf waaraa. Kan gaarii dalage gaariidhaan faarfama Kan hamtuu hoojjates hamtuu isaat himama Kaayyoon Afran Qalloo jalqaba ganama Tokkummaan dammeeysuun Oromoo hundumaa Hiddaan buqqaasanii sirna gabrummaa Harkatti galfachuudha qabsoon bilisummaa Kanumaafin faarse,faarsuutu dirqama. Isaan faarsuun kiyya gosa qooduu mitii Dhuguman dubbadhee kan arge ifatti Oromoon Afran Qalloo madda hayyootaati!! ……………………………………………………. Najiib Zannuun marsimoonaa@hotmail.com

Check Also

alaabaa

Oromia Liberation Struggle: A Step Forward or Backward? Which way is it?

August 18, 2023 Kurfeessaa Sararoo    The Oromo people have been struggling against the Abyssinian for …