Oduu Haaraya

Afaan Oromoo

Afaan Oromoo

Afaan Oromoo
Afaanni Oromoo afaan Oromiyaa , Somaliyaa, Kenyaa, fi Biyyoota Gaanfa Afrikaa biroo keessatti baroota kumaatamaaf ballinaan dubbatama . Afaan Oromoo Oromiyaa keessatti uummata Oromoo miliyoona 40 ol ta’aniin dubbatama. Walumaa gala Afrikaa keessatti baayyina namoota dubbataniin Arabbifaa, fi Afaan Hawusaatti aanuun sadarkaa 3ffaa irratti argama.

Erga Oromiyaan diinaan qabatamee  Afaanni Oromoo gita bittaa habashaa jalatti akka hindubbatamnee fi hin barreeffamne dhiibbaa hamaatu irra ture. Aadaa fi Afaan Oromoo haqamuun afaanii fi aadaa habashaa Oromiyaa keessatti akka dagaagan godhaman.

Hata’u malee qabsoo uummata Oromoon Afaanni Oromoo mirga biyya isaarratti mulqame deebsee argachuun daandii guddinaa qabatee jira.

Afaanni ittiin walii galuuf, ergaa waliif dabarsuuf, aadaa dagaagsuu fi dhaloota fuulduraaf dabarsuuf  akkasumas barnootaa fi  teekinoolojii uummataan gahuuf iddoo guddaa qaba. Oromoonni marti afaan Oromoo barachuu qaban.

Seerluga Afaan Oromoo:

Afaan Oromoo dubbachuu, bareessuu, dubbisuu fi dhagahuuf  afaan Oromoo beekuun barbaachisaa dha. Afaanni Oromoo akkauma afaan kamiiyyuu seerluga mataa isaa qaba.

Fuula kanatti Afaan Oromoo barreessuu fi dubbisuu waliin ilaalla.

Qubee Afaan Oromoo

Qubeen Afaan Oromoo akkaataa sagaleen itti uumamu irratti hundaa’uun bakka  lamatti qoodama.

  1. Dubbachiiftuu: Sagaleen hafuuruma sombaa dhufuun qoonqoo keessatti uumama. Sochiin harrabaa fi hidhii hagas hin barbaachisu.
  2. Dubbifamaa: Isaan kun haafuura fi,sochii  qoonqoo, harraba, ilkaanii ykn hidhiin uumama. Yeroo hedduu dubbachiiftuu of biraatti barbaadu.

Qubee Xiqaa: a, e, i, o ,u

Qubee Guddaa: A, E, I,O,U

  • Qubee Dubbifamaa:
    No. Qubee Xiqqaa Qubee Guddaa
    1.          b           B
    2.          c           C
    3.          d           D
    4.          f           F
    5.          g           G
    6.          h           H
    7.          j           J
    8.          k           K
    9.          l           L
    10.          m           M
    11.          n           N
    12.          p           P
    13.          q           Q
    14.          r           R
    15.          s           S
    16.          t           T
    17.          v           V
    18.          w           W
    19.          x           X
    20.          y           Y
    21.          z           Z

    Qubee Dachaa

  • dh  ( Dh)
  • ch (Ch)
  • ny (Ny)
  • ph (Ph)
  • sh (Sh)
  • ts (Ts)

Qubee + Qubee=sagalee

Fkn: B +u =Bu

N+a=Na

B+o =Bo

k+k+a+a=kkaa

Sagalee + Sagalee= Jecha

Fkn: Buna, mana,bokkaa, biyya, laga, qe’ee

Afaanni Oromoo akka dubbatamutti barreeffama.

Sagaleen yeroo dubbatamu gabaabaa  qubee dubbachiiftuu tokko ykn qubee dubbifamaa fi dubbachiiftuu tokko qofaan bareeffama. ( Qubeen dachaa akka qubee tokkootti ilaalama). Sagaleen yeroo dubbatamu dheeraan qubee  dubbachiiftuu lama of biraa qaba.

Fkn: a. Sagalee gabaabaa Leexaa:  gama lachuunuu gabaabaa dha:   Bu+na==>Buna

Ma +na=====>mana

La+fa======>Lafa

La+ga======>Laga

Ba+r+cu+ma===>barcuma

b. Sagalee Dheeraa Leexaa:Gama lachuunuu dheeraa

Aa+daa======>Aadaa

Quu+faa======>Quufaa

Dhee+raa=====>Dheeraa

Qubee Jabaa fi Laafaa

Qubee jabaan dubbifamaa gosa tokko lama walitti aansuun barreeffama. Qubeen dachaa garuu jabaas ta’e laafaa akkuma tokkotti bareeffama.

Fkn: Laafaa:   Karaa,  gadaa,baruu, gama, jamaa, horii, jaalala, qabsoo, sirba, hirbuu,  deemsa, siyaasa,  jala, hiree, ciree, aadaa

Jabaa: Karra,gadda, barruu, carraa,barreessuu,caccabsaa, harra, gidduu, gaadidduu, jibba, yakka, geejjiba,irra, maallaqa,

tokkummaa, adda, dorrobaa

Qubeeleen qancarfaman yeroo baayyee qubee jabaan barreeffamu: fkn: jabaa==>jajjabaa, cimaa===> ciccimaa,

Irra buta

Jecha irra buta of keessaa qabu yeroo barreessinu qubee dubbifamaa lama wali hin fakkaanne sagalee lama kan qaban garuu qubeen dubbachiiftuu gidduu hin jirreen barreeffama. Fkn: irbuu, salphaa,korma, jirma,jirbii, sirna, barnoota,halkan fi  kkf.

Hudhaa

Qubeen dubbachiiftuu yeroo sagalee mataa isaanii bakka bu’uun yeroo  lamaa lamaa fi isaa ol walitti aanan hudhaa ( tilde (‘))   dhaan adda ba’u. Fkn: bakka bu’uu , adda ba’uu,ka’uu, gurmaa’uu, re’ee, qe’ee,manca’e,ka’uu, milkaa’i, gurmaa’oo fi kkf.

~~~~~~~itti fufa~~~~~~

Nagaa wal gegeeddaruu

  1. Akkam bultan, bultumi (bulchumi) nagaa?======> Good morning.
  2. Akkam ooltan?=================>Good afternoon.
  3. Galchumi nagaa?===============>Good evening.
  4. Akkam jirtu?==================>How are you?
  5. Babaroo, baraa gabboo, baraa bosonaa?=> How is it going? How are you?
  6. Daa’imtuun maan (maal)? =========>What’s up? What’s new? What’s going on?
  7. Ashamaa.====================>How are you? ( usually used for  greeting two or more persons at a time , for respect,or polite greeting).
  8. Akkam?=====================>How are you? How do you do? ( used for peers or juniors).
  9. Harka fuune.==================>Hello. Hi.
  10. Sa’aa nami nagaa; ijoolleen nagaa; maatiin nagaa===>Are all alright? ( This greeting mentions cattle ( property), children and family).
  11. Loon walgula galee?===============> Is every one alright and back home this night? (Specially checking for family members  and cattle.)
  12. Daa’imni urgaa? =================> Is/Are your child/children  alright?

Kallattii gaafachuu( Asking for directions)

….eessa? ============================> Where is …?
Fkn: Najjoon eessa? Duukam eessa? Bisidiimoon eessa?  E.g: Where is Nedjo? Where is Dukam? Where is Bisidimo?
…kara kam dhaqa?===========> How can I/ we go to…?
Konkolaataa eessatti qabadha (yaabbadha) ? ======>Where do I take bus, taxi, cab,?
Buufati konkolaataa eessa?===================> Where is the bus station?
Lafti gabaa eessa?========================

=> Where is the market place?Hoteella ….kara kami dhaqa? ==================> How can go to …Hotel?Karaa …dhaqu natti agarsiisuu dandeessaa?==============> Would you show me how to go to …?

Kallattii himuu ( Telling directions)
Fuul dura deemi.=================> Go straight.
Kara mirgaa jalladhu (qabadhu,maqi)===>Turn right.
Kara bitaa maqi (jalladhu, qabadhu)=====> Turn left.
Gama sana.======================> It’s over there. It’s across from here.
Achi.===========================> It’s over there.
Daandii qalloo kana irra bu’i.==========> Take this alley.
Gara Kaabaati.====================> It’s to the North.
Gara Kibbaati.=====================> It’s to the South.
Gara Bahaati.=====================>It’s to the East.
Gara Dhihaati.=====================> It’s to the West.

Deemuma deemi.===================> Keep going.

Hima (Sentence):

Himni jecha (word), ykn gaalee( phrase) ykn ciroo ( clause) tokkoo fi isaa olirraa ijaarama.

Fkn:

Ana. =>It’s me. Kun gaaffii eenyu jedhuuf deebii gabaabaa dha.

Anaa fi ishee.=>She and me. Inni kunis akkuma asii olitti ibsame gaaffii eenyu jedhuuf deebii gabaabaa dha.

Oromiyaan biyya kooti. =>Oromia is my country.

Maal nyaatta? => What do you eat?

Na jaallattaa? => Do you like/love me?

Maal taate? => What happened?

Maddi galii kee maal? What is the source of your income.

Kaleessa nama sanan arge.=> I saw that person yesterday.

Nama sana argeen ture. =>I have seen that person.

Harri guyyaa gabaati. => Today is market day.

Innii fi isheen farda tokko waliin koran. He and she rode a horse together.

Himinni maal irraa ijaarama? What is a sentence constructed from?

Himni gulummoo (subject) +ibsa-xumurtuu(adverb) + xumurtuu (verb)+ ibsa- maqaa (adjective) + gocha-fudhataa (object) of keessaa qaba.

Fkn: Innii fi isheen (gulummoo) farda (gocha-fudhataa) waliin (ibsa xumurtuu) koran(  xumurtuu).

Inni farda dotii yaabbata. He rides a gray horse.

Inni (gulummoo) farda (gocha-fudhataa) dotii(gray) yaabbata (xumurtuu).

Damma adii nyaachuu baayyeen jaalladha. I like eating white honey.

Ani (gulummoo-subject) damma ( gocha-fudhataa-object) adii (ibsa maqaa ) nyaachuu (gaalee xumurtuu- gerund) baayyeen (ibsa xumurtuu- adverb) jaalladha (xumurtuu- verb).

Xumurtuu fi Yeroo

Xumurtuun Afaan Oromoo keessatti akkuma afaan biroo keessatti yeroo waantotni ta’an irratti hundaa’uun ni jijjirama.

Ta’e Ture (Past Perfect) Ta’ee Darbe(Past Tense) Ta’aa Ture (Past Tense Continuous) Ta’eera (Present Perfect Tense) Ta’a (Present Tense) Ta’aa Jira (Present Continuous Tense) Ni Ta’a (Future Tense)
Nyaatee ture/nyaatteeturte* Nyaate/nyaatte Nyaataa ture/turte Nyaateera/nyaatteetti Nyaata/nyaatti nyaataa jira/jirti Ni nyaata/tti,in nyaata
Lolee ture/lolteeturte Lole/lolte Lolaa ture/turte Loleera/lolteetti Lola/lolti lolaa jira/jirti Ni lola/lolti, in lola/lolti
Baratee ture/baratteeturte Barate/baratte Barataa ture/turte Barateera/baratteetti Barata/baratti barataa jira/jirti Ni barata/baratti, ni barata/baratti
Dhaqee ture/dhaqxeeturte Dhaqe/dhaqxe Dhaqaa ture/turte Dhaqeera/dhqxeetti Dhaqa/dhaqxi dhaqaa jira/jirti Ni dhaqa/dhaqxi, in dhaqa/dhaqxi
Dubbisee ture/dubbifteeturte Dubbise/dubbifte Dubbisaa ture/turte Dubbiseera/dubbifteetti Dubbisa/dubbifti Dubbisaa jira/jirti Ni dubbisa/dubbiftiIn dubbisa/dubbifti

*Nyaatee ture=dhiiraaf; Nyaattee turte =durbaaf/dhalaaf.

HUB: haaluma wal fakkaataan xumurtuun chaartii kana keessatti dura barraa’e dhiiraa wajjin yeroo gargaaramnu, kan itti aanu dhalaa wajjin itti gargaaramna.

Amala Xumurtuu gocha cehaa( Transitive) :

Yeroo waanta ta’e tokko abbaa waan sana godhe irratti xiyyeeffannu: Abalu akkana godhe jenna. Fkn. Tolaan ciree nyaate.( Active Voice).

Yeroo waan ta’e sanarratti xiyyeeffannu: Cireen ni nyaatame. ( Breakfast is eaten. Passive Voice).

Caaltuun buna dhugde. (Eenyutu buna dhuge? Deebiin: Caaltuu). Active Voice: Isa kanatu ergaa baayyee dabarsa.

Bunni ni dhugame. (Maaltu dhugame? Buna. Eenyutu dhuge? Hin beeknu). Passive Voice: Inni kun abbaa waan sana dalage ni dhoksa.

Hirphaa fi Kadir Afaan Oromoo sirban.(Active)

Afaan Oromoo ni sirbame.

Amala Xumurtu Gocha hin Ceene (Intransitive):

Xumurtooti as jalatti ramadaman gocha hin ceene himuuf fayyadu.

Fkn. Bokkaan ni roobe. Bokkaan ni caame.

Bakkakkaan ni bu’e.

Lafti ni bari’e. Ni dhihe. Aduun ni baate. Aduun ni lixxe.

Bifneshee ni gurraacha’e.

Ni du’e. Ni boqote.

Ni dhalate.

Caalaan ni duule.

Baaqqee fi Baayyee

Baaqqee:Xumurtuun yeroo gulummaa tokkoo wajjin galuun gocha himu gulummaa sanarratti hundaa’uun baaqqee agarsiisuuf qubeen xumura ni jijjirama. Fkn: nyaate/ nyaatte; deeme/deemte; dhuge/dhugde; barreesse/ barreessite; qayyabate/qarrabatte

Baayyee: Xumurtuu yeroo gulummaa lakkoobsa hedduu mullisuu wajjin galuu fi kabajaaf fayyadu qubeen xumuraa maxxantoota kanaan xumura -an,tu,fi kkf.

Fkn: nyaatan, deeman,dhugan,barreessan,qayyabatan.

Hub:

  1. Xumurtuun yeroo maqaa baayyee waan tokko mullisu waliin yeroo galu baaqqee ta’a.   Fkn: Uummanni Oromoo hamilee isaa haaresse. WBOn diina injifate.
  2. Yeroo kabajaaf gargaaramnu xumurtuu lakkoobsa baayyee ibsuutti fayyadamna. Fkn: Aadde Asiliinfaa haasawa dhageessisan. Jaal Baaroo Tumsaa qabsoo keessaniin abbaa biyyummaa keessan mirkaneessaa jedhanii nuu dhaaman.

Gilgaala

Ajaja: Mee egaa hima asii gadii keessaa gulummoo, gocha-fudhataa,xumurtuu, ibsa maqaa , ibsa xumurtuu adda baasii barreessi.

  1. Irreecha waliin kabajanne.
  2. Uummanni Oromoo bilisummaaf qabsaawa.
  3. Laliseen qabxii gaarii argatte.
  4. Cuukkoon nyaata Oromooti.
  5. Hancootee nyaattee beektaa?
  6. Ukkaamsaa yoo nyaatte si boossisuu mala.
  7. Barattootni Oromoo dhoksaan gurmaa’an.
  8. Yeroon konkolaataa seene mucaa  barreedaa tokkon  arge.
  9. Tapha akkammii jaallatta?
  10. Oromiyaa fi Oromoo ni jaallattaa?

Egaa gilgaala kana hojjedhaati deebii isaa akka yaadaatti maxxansaa.

Gaaffii yoo qabaattan ykn yaada yoo qabaattan bakka “comment” jedhuun yoo barreessitan ergaan keessan nu ga’a.

Maddaa: daandii430

 

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …